KUTAA 4ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 4ƒƒαα "A". Hijraa irraa hanga Duula Badrii. San booda Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota Isaa akka Hijiraa gama Madiinaa bahan ajaje. Obboleeyyan Isaanii warra Ansaaraatti akka dhaqabban Isaan ajaje. *** Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e: “Ani Magaalaa takkattin ajajame tan magaaloota hunda nyaattu, Yasriibi (ja’aniin) Isiin Madiinaadha. Isiin Nama ifirraa afuufti akka buufaan Ibiddaa Sibilarraa wasaka afuufutti.” *** San booda Sahaaboonni tuuta tuutaa fii kopha kophaan dhukkachaa Makkaa bahuu jalqaban. Isaanirraa khan miilaandeemu jira, kan waan yaabbatu qabuu jira. Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam ammoo Makkaa ture, hanga hayyamni Rabbirraa isaaf dhufutti. *** Al-Baraa’i bin Aazib akki ja’u: “Namni dura Sahaabootarraa Madiinaatti nutti dhufe, Mus’ab bin Umeeyriti fii Abdullaahi bin Ummu Maktuum, egas Ammaar, Bilaal, fii Sa’ad bin Abii Waqqaas.” *** Hi...