Skip to main content
KUTAA 5ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.


●KUTAA 5ƒƒαα 

-Jalqaba Jihaadaa.


Hoggaa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa kheeysatti
Raga’e, Wahyiin Jihaada karaa gootu Isarratti buute.
Rabbiin ol tahe akkana je’e:
أُذِنَ لِلَذِينَ يُقَاتَلُونَ بِأَنَهُمْ ظُلِمُواۚ وَإِنَ الََ عَلَىٰ نَصْرِهِمْ لَقَدِيرٌ
“Warra Isaaniin lolameef (Jihaadni/ifirraa loluun) hayyamameefi
jira, sababaa Isaan miidhamaniif jecha. Allaah Isaaniif tumsuurratti
dandahaadha.”
Al-Hajj: 39
***
Siiraa Rasuulaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam keeysatti “Al-
Ghazwaa” hoggaa ja’an duula Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam
ifiif keeysatti argame itti baanan. Duula san kheeysatti lolli argamus,
argamuu baatus waan inni kheeysatti argameen Al-Ghazwaa
ja’aniin.
***
Ghazwaa (Duulli) Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam godhe 21,
tan duraa Duula “Waddaan” ja’amti, tan xumuraa Duula “Tabuuk”
ja’amti.
***
Duulli Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam keeysa hin jirre
“Sariyyaah” ja’amti. Garee waraanaa ykn ergamtuu waraanaa ykn Murna waraanaati.
***
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Sariyyaan (Ergamtuun
Waraanaa) tan dura erge, bara Hijrii 1ffaa Ramadaana Kheeysa
ergamte. Hogganaan Hamzaa bin Abdu Al-Muxxalib ture.
Sababaan Ergamtuun waraanaa sun ergamteef
Daldaltuu/Shammadduu Kuffaara Qureeyshii karaatti qabuu fii
booji’uuf ture.
***
Eegas Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Shawwaal Amata
Hijraa 1ffaa kheeysatti ilma Adeera Isaa Ubeeydaa bin Al-Haaris
bin Abdu Al-Muxxxalib Murna waraanaa irratti hogganaa godhee
erge. Sababaan Isaan ergamaniif daldaltuu Qureeyshii karaatti
qabanii qabeenyaa fii warra isiin deemu tohachuuf. Gareen
Waraanaa sun daldaltuu Qureeyshiitiin walqunnamtee xiyya walitti
darbatanii turan.
***
Egas Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Sa’ad bin Abii Waqqaas
Ergamtuu waraanaa irratti hoggonaa godhe erge. Sababaan
ergamtuu saniitis Shammadduu Qureeyshii karaatti qabuufi.
Daldalatuun Qureeyshii dheeysitee harkaa baate.
***
Namni Muslimoota irraa Madiinaatti dura du’e Kulsuum bin Al-
Hidm ja’ama Rabbi irraa haa jaalatuu, Maanguddoo Umriin
guddaati ture.
***Ji’a Safar Hijraa booda baatii 12ffaa mataa irratti Rasuulli
Sallallaahu Aleeyhi wasallam Duula Isaa tan duraa godhe. Isiin
“Ghazwatu Abwaa ykn Waddaan” Duula Waddaan jechuun
yaamamti. Sababaan duula sanii Daldaltuu Qureeyshii karaatti
qabuufi.
***
Eegas Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Ji’a Rabi’u Al-Awal
hijiraa booda baatii 13ffaa irratti Duula Lammaffaa godhuuf bahe.
Duulli sun Duula “Ghazwatu Bawaax” jechuun beekkamti.
Sababaan duula Saniitis Daldaltuu Qureeyshi karaatti dhawuufi.
***
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam duula sadaffaa “Ghazwatu
Al-Usheeyraa” ja’amtu godhe. Ji’a Jamaada Al-Aakhiiraa Hijraa
booda baatii 16ffaa mataarratti argamte.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Duula Al-Usheeyraa boodaan
halkan muraasa Madiinaa Bulee ammas duula biraatiif bahe. Duulli
sun “Ghazwatu Safwaan” jechuun moggaafamte. Akkasumas
Duula Badrii tan Duraa “Ghazwatu Badri Al-Uulaa” jechuunis ni
moggaafamti.
***
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Ergamtuu waraanaa irratti
Abdullaahi bin Jah’shi Rabbi irraa haa jaalatuu, hogganaa godhee
erge. Bakka Nakhlaa ja’amtutti Isa erge. Sababaan Isiitis, Daldaltuu
Qureeyshii karaatti akka dhaqqabaniifi. Abdullaahi daldaltu san nidhaqqabeAmr bin Al-Hadramii namni ja’amu gaafa san ajjeefame. Inni nama
dura Mushrikootarraa Muslimni ajjeese. Mushrikootarraa Usmaan
bin Abdullaahi fii Al-Hakam bin Keeysaan ni booji’aman.
Muslimoonni Qabeenya daldaltuu sanii hunda booji’anii Madiinitti
galaniin.
***
Ergamtuu waraanaa Abdullaahi bin Jah’shi hogganu san keeysatti
Kaafirarraa yeroo duraatiif Muslimootaan namni ajjeefame,
Booji’ame, Qabeenyii Isaanitis yeroo duraatiif Muslimootaan
booji’ame.
***
Ji’a Rajab walakkaa, Amata Hijrii 2ffaa kheeysatti Wahyiin Qiblaa
Masjid Al-Aqsaa irraa gama Ka’abaa kabajamtuutti jijjirtu Rasuula
Sallallaahu Aleeyhi wasallam irratti buute.
***
Amata Hijiraa lammaffaa, baatii Sha’baan kheeysa Wahyiin
Soomana Ramadaanaa dirqama gootu Rasuula Sallallaahu aleeyhi
wasallam irratti buute.
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam waliigalatti Ramadaana 9
soomane.
***
Ji’a Sha’baan, Amata Hijirii 2ffaa keeysa Zakaatu Al-Fixriin
dirqama godhamte. Zakaa Qabeenyaa dura Zakaatu Al-Fixriitu
dirqama tahe.

***

Inshaa'allaah seenaan jabduun Duula Badrii Guddoo itti aanti.
Islamic history

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...