KUTAA 5ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.
●KUTAA 5ƒƒαα
-Jalqaba Jihaadaa.
Hoggaa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa kheeysatti
Raga’e, Wahyiin Jihaada karaa gootu Isarratti buute.
Rabbiin ol tahe akkana je’e:
أُذِنَ لِلَذِينَ يُقَاتَلُونَ بِأَنَهُمْ ظُلِمُواۚ وَإِنَ الََ عَلَىٰ نَصْرِهِمْ لَقَدِيرٌ
“Warra Isaaniin lolameef (Jihaadni/ifirraa loluun) hayyamameefi
jira, sababaa Isaan miidhamaniif jecha. Allaah Isaaniif tumsuurratti
dandahaadha.”
Al-Hajj: 39
***
Siiraa Rasuulaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam keeysatti “Al-
Ghazwaa” hoggaa ja’an duula Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam
ifiif keeysatti argame itti baanan. Duula san kheeysatti lolli argamus,
argamuu baatus waan inni kheeysatti argameen Al-Ghazwaa
ja’aniin.
***
Ghazwaa (Duulli) Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam godhe 21,
tan duraa Duula “Waddaan” ja’amti, tan xumuraa Duula “Tabuuk”
ja’amti.
***
Duulli Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam keeysa hin jirre
“Sariyyaah” ja’amti. Garee waraanaa ykn ergamtuu waraanaa ykn Murna waraanaati.
***
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Sariyyaan (Ergamtuun
Waraanaa) tan dura erge, bara Hijrii 1ffaa Ramadaana Kheeysa
ergamte. Hogganaan Hamzaa bin Abdu Al-Muxxalib ture.
Sababaan Ergamtuun waraanaa sun ergamteef
Daldaltuu/Shammadduu Kuffaara Qureeyshii karaatti qabuu fii
booji’uuf ture.
***
Eegas Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Shawwaal Amata
Hijraa 1ffaa kheeysatti ilma Adeera Isaa Ubeeydaa bin Al-Haaris
bin Abdu Al-Muxxxalib Murna waraanaa irratti hogganaa godhee
erge. Sababaan Isaan ergamaniif daldaltuu Qureeyshii karaatti
qabanii qabeenyaa fii warra isiin deemu tohachuuf. Gareen
Waraanaa sun daldaltuu Qureeyshiitiin walqunnamtee xiyya walitti
darbatanii turan.
***
Egas Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Sa’ad bin Abii Waqqaas
Ergamtuu waraanaa irratti hoggonaa godhe erge. Sababaan
ergamtuu saniitis Shammadduu Qureeyshii karaatti qabuufi.
Daldalatuun Qureeyshii dheeysitee harkaa baate.
***
Namni Muslimoota irraa Madiinaatti dura du’e Kulsuum bin Al-
Hidm ja’ama Rabbi irraa haa jaalatuu, Maanguddoo Umriin
guddaati ture.
***Ji’a Safar Hijraa booda baatii 12ffaa mataa irratti Rasuulli
Sallallaahu Aleeyhi wasallam Duula Isaa tan duraa godhe. Isiin
“Ghazwatu Abwaa ykn Waddaan” Duula Waddaan jechuun
yaamamti. Sababaan duula sanii Daldaltuu Qureeyshii karaatti
qabuufi.
***
Eegas Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Ji’a Rabi’u Al-Awal
hijiraa booda baatii 13ffaa irratti Duula Lammaffaa godhuuf bahe.
Duulli sun Duula “Ghazwatu Bawaax” jechuun beekkamti.
Sababaan duula Saniitis Daldaltuu Qureeyshi karaatti dhawuufi.
***
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam duula sadaffaa “Ghazwatu
Al-Usheeyraa” ja’amtu godhe. Ji’a Jamaada Al-Aakhiiraa Hijraa
booda baatii 16ffaa mataarratti argamte.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Duula Al-Usheeyraa boodaan
halkan muraasa Madiinaa Bulee ammas duula biraatiif bahe. Duulli
sun “Ghazwatu Safwaan” jechuun moggaafamte. Akkasumas
Duula Badrii tan Duraa “Ghazwatu Badri Al-Uulaa” jechuunis ni
moggaafamti.
***
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Ergamtuu waraanaa irratti
Abdullaahi bin Jah’shi Rabbi irraa haa jaalatuu, hogganaa godhee
erge. Bakka Nakhlaa ja’amtutti Isa erge. Sababaan Isiitis, Daldaltuu
Qureeyshii karaatti akka dhaqqabaniifi. Abdullaahi daldaltu san nidhaqqabeAmr bin Al-Hadramii namni ja’amu gaafa san ajjeefame. Inni nama
dura Mushrikootarraa Muslimni ajjeese. Mushrikootarraa Usmaan
bin Abdullaahi fii Al-Hakam bin Keeysaan ni booji’aman.
Muslimoonni Qabeenya daldaltuu sanii hunda booji’anii Madiinitti
galaniin.
***
Ergamtuu waraanaa Abdullaahi bin Jah’shi hogganu san keeysatti
Kaafirarraa yeroo duraatiif Muslimootaan namni ajjeefame,
Booji’ame, Qabeenyii Isaanitis yeroo duraatiif Muslimootaan
booji’ame.
***
Ji’a Rajab walakkaa, Amata Hijrii 2ffaa kheeysatti Wahyiin Qiblaa
Masjid Al-Aqsaa irraa gama Ka’abaa kabajamtuutti jijjirtu Rasuula
Sallallaahu Aleeyhi wasallam irratti buute.
***
Amata Hijiraa lammaffaa, baatii Sha’baan kheeysa Wahyiin
Soomana Ramadaanaa dirqama gootu Rasuula Sallallaahu aleeyhi
wasallam irratti buute.
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam waliigalatti Ramadaana 9
soomane.
***
Ji’a Sha’baan, Amata Hijirii 2ffaa keeysa Zakaatu Al-Fixriin
dirqama godhamte. Zakaa Qabeenyaa dura Zakaatu Al-Fixriitu
dirqama tahe.
***
Inshaa'allaah seenaan jabduun Duula Badrii Guddoo itti aanti.

![]() |
Islamic history |
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran