Skip to main content

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

 



Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa...

Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fbAmmaar sh/Amiin Ibroo fb

Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu.


Ulaagaaleen guuttachuu qabdan:

1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25)

2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba)

3-intaraaansii kutaa 12

4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu)

5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa)

6-suuraa gabaabaa tokko (4×6)

Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniitti dabarfattu. itti aansuun liinkiii armaan gadii seenuun boca guutamuu qabu mara erga guuttaniin booda dhuma iratti karaa liinkichaatiin dookmentii iskaanii godhame san weebsaaytii jaraa irratti fe'uun ergituuf.



hidhaa/liinkii asii gadii kana cuqaasuun Afaan Arabiffaa ykn Afaan Ingiliffaa filachuun iyyannoo keessan galfachuu dandeessu👇🏽


https://admission.iu.edu.sa/LanguagePage.aspx

Hubachiisa Afurin qaba: 

1. Universitiin madiinaa Website irratti malee harkaan Xalayaa namarraa hin fuudhu. Kanaafuu Websitummarratti guutaatii deebii isaaniitis Achumarratti eeggadhaa ...

2. Iyyannoo kan galfachuu dandeessan har'a irraa Eegalee Guyyaa 40 keessatti

3. Wonti waan hireeti yoo Rabbi isniif hiree carraan kan isin dhaqqabu tehe karaa iimeela keessaniitiin ykn karaa weebsaytii jaraatiin kan isin beeksisan ta'a. kanaaf iyyannoo galfachuun carraan isin qaqqabe jechuu waan hin taaneef namuu waan harkaa qabutti jabaachuu qaba.

4. Odeeffannoo hangan amma isniif barreesse kanaan ala kanin qabu hin jiru. Kanaafuu kana raawwadhaatii Du'aaii godhadhaa ... 

Carrichi kan ba'u woggaatti si'a tokko qofa .

nama tokkoof haga ba'utti yeroo woggaa tokkoo hanga woggaa sadiitti turuu danda'a.

Yeroo iyyannoo keenya xumurru Lakkoofsa paaswoordii nuuf kennamu sana jabeeffachuu qabna. iyyannoon keenya maal irra akka gahe lakkofsichaan kan hordofnu ta'a yoo carraan nu qaqqabes proosesii jiru lakkoofsicha gargaaramuun xumuranna.

Carraa yeroo tokkoo yoo dhabnes umuriin kenya 25 kan hin dabarre yoo ta'e irra deebi'uun yaaluun ni danda'ama.

Umuriin kan ilaalamu paaspoortiifi woraqaa dhalootaa irratti kan galmaa'e dha.

Woliif daddabarsuun ijoolleen keenya akka carraa kanatti fayyadaman sababaa ta'aan isiniin jedha.


Galatoomaa.

Comments

  1. This comment has been removed by the author.

    ReplyDelete
  2. As Wr WB warra Al-risala tube amma osoo guunnee carraa kana dhaqqabnaa laata?

    ReplyDelete

Post a Comment

Jazaakumullaahu keeyran

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...