Skip to main content

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

 



Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa...

Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fbAmmaar sh/Amiin Ibroo fb

Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu.


Ulaagaaleen guuttachuu qabdan:

1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25)

2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba)

3-intaraaansii kutaa 12

4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu)

5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa)

6-suuraa gabaabaa tokko (4×6)

Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniitti dabarfattu. itti aansuun liinkiii armaan gadii seenuun boca guutamuu qabu mara erga guuttaniin booda dhuma iratti karaa liinkichaatiin dookmentii iskaanii godhame san weebsaaytii jaraa irratti fe'uun ergituuf.



hidhaa/liinkii asii gadii kana cuqaasuun Afaan Arabiffaa ykn Afaan Ingiliffaa filachuun iyyannoo keessan galfachuu dandeessu👇🏽


https://admission.iu.edu.sa/LanguagePage.aspx

Hubachiisa Afurin qaba: 

1. Universitiin madiinaa Website irratti malee harkaan Xalayaa namarraa hin fuudhu. Kanaafuu Websitummarratti guutaatii deebii isaaniitis Achumarratti eeggadhaa ...

2. Iyyannoo kan galfachuu dandeessan har'a irraa Eegalee Guyyaa 40 keessatti

3. Wonti waan hireeti yoo Rabbi isniif hiree carraan kan isin dhaqqabu tehe karaa iimeela keessaniitiin ykn karaa weebsaytii jaraatiin kan isin beeksisan ta'a. kanaaf iyyannoo galfachuun carraan isin qaqqabe jechuu waan hin taaneef namuu waan harkaa qabutti jabaachuu qaba.

4. Odeeffannoo hangan amma isniif barreesse kanaan ala kanin qabu hin jiru. Kanaafuu kana raawwadhaatii Du'aaii godhadhaa ... 

Carrichi kan ba'u woggaatti si'a tokko qofa .

nama tokkoof haga ba'utti yeroo woggaa tokkoo hanga woggaa sadiitti turuu danda'a.

Yeroo iyyannoo keenya xumurru Lakkoofsa paaswoordii nuuf kennamu sana jabeeffachuu qabna. iyyannoon keenya maal irra akka gahe lakkofsichaan kan hordofnu ta'a yoo carraan nu qaqqabes proosesii jiru lakkoofsicha gargaaramuun xumuranna.

Carraa yeroo tokkoo yoo dhabnes umuriin kenya 25 kan hin dabarre yoo ta'e irra deebi'uun yaaluun ni danda'ama.

Umuriin kan ilaalamu paaspoortiifi woraqaa dhalootaa irratti kan galmaa'e dha.

Woliif daddabarsuun ijoolleen keenya akka carraa kanatti fayyadaman sababaa ta'aan isiniin jedha.


Galatoomaa.

Comments

  1. This comment has been removed by the author.

    ReplyDelete
  2. As Wr WB warra Al-risala tube amma osoo guunnee carraa kana dhaqqabnaa laata?

    ReplyDelete

Post a Comment

Jazaakumullaahu keeyran

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...