Ramadaana ilaalchisee qabxiwwan barbaachisaa ta'an
★★★★★★★★★★★★★★★★★★
1.Dirqama dhiqannaa qaamaa godhuun duratti(janabaa dhiqachuun duratti) soomaaf niyyatanii fajriin booda qaama dhiqachuun nama soomuf hin eyyamama.
2.Shamarran Ramadaana keessa "fajriin dura" dhiiga beekkamaa ji'a(xurii laguu)fi dhiga dahaarra yoo qulqulloofte fajriin booda yoo qaama dhiqattellee sooma soomun dirqama irratti ta'a.
3.namni soomaa ilkaan buqqifachuu, madaa yalachuu(waldhaanachuu), ijaaf gurratti qoricha naqamuu fayyadamuun ni eyyamamaaf. Mi'aan(dhandhammiin) qorichaa afaa kessa yoo itti dhagahamelle kana godhachuu isaaf eyyamamaa.
4.namni soomaa ganamas ta'e galgala ilkaan rigachuun akkuma yeroo biraa eyyamamaafi jaalatamaa ta'e ammas eyyamamaa fi jaallatamaa dha.
5.namni soomaa ho'aa fi dheebuu bishaani waan isaa laaffisuu danda'u dhiqannaa qaamaa fi waan akka kondishinaraa fayyadamuun ni eyyamamaaf.
6.dhiibbaa dhiigaanis ta'ee sababa biraatin hanqina qilleensaa(afuura) isa mudatee ifirraa ittisuuf gama afaaniitin qilleensa afuufuun ni eyyamamaaf.
7.namni soomaa hidhii fi afaan isaa yoo gogee jiisuu fi afaan bira dabree akka hin seennee eggachuun bishaaniin lulluqachuun hin eyyamamaaf.
8.suhuura(obboroo) fajritti butuu fi fuxuura arifachiisun "sunnaa" yoo ta'u yeroo sooma furu asheeta tamiraatin yookaa tamiruuma argameen sooma hiikuun sunnaa dha. yoo hin argatiin bishaanin haa furu(hiiku) bishaanis yoo dhabee nyaata halaala ta'een furuu dha. Yoo waan ittin faxaruu dhabeelle hiikuuf qalbii dhaan niyyata.
9.Namnii soomaa ajajoota Rabbiifi ergamaa isaa dalaguun hojiwwan fedhiidhaan dalagan(sunnaa) baay'isuufi waan dhowwamanirraa fagaachuu qaba.
10.Namni sooma qabu hojiwwan amantaa jabaatee adabaan hojjachuu fi waan haraama ta'an mararraa fagachuun salaatoota waajibaa shanan yeroo isaani eggatee jam'aan sagaduun isarraa eggama. Dhara dubbachuu, nama hamachuun, gowwoomsuu fi horii ribaatin(dhalaa) buluun akkasumas haasaa fi hojiiwwaa dhowwomaa dhiisuu qaba. Nabiyyiin (s a w) kanuma ilaalchisuun akkan jedhanii jiran:–
«namni tokko dhara dubbachuu, sobaan dalaguu akkasumas dalagaa warra wallaaltotaa nama hin dhiifne nyaataaf dhugaati dhiisuu (soomuu) isaatirra haajaa hinqabu.»
Madda:–hojiwwan sheekh saaliih al-usaymiin(Rahimahullaah) hundee kan godhatee
★★★★★★★★★★★★★★★★
★From ahemedin jebel.

Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran