Skip to main content
Ramadaana ilaalchisee qabxiwwan barbaachisaa ta'an
★★★★★★★★★★★★★★★★★★

1.Dirqama dhiqannaa qaamaa godhuun duratti(janabaa dhiqachuun duratti) soomaaf niyyatanii fajriin booda qaama dhiqachuun nama soomuf hin eyyamama.

2.Shamarran Ramadaana keessa "fajriin dura" dhiiga beekkamaa ji'a(xurii laguu)fi dhiga dahaarra yoo qulqulloofte fajriin booda yoo qaama dhiqattellee sooma soomun dirqama irratti ta'a.

3.namni soomaa ilkaan buqqifachuu, madaa yalachuu(waldhaanachuu), ijaaf gurratti qoricha naqamuu fayyadamuun ni eyyamamaaf. Mi'aan(dhandhammiin) qorichaa afaa kessa yoo itti dhagahamelle kana godhachuu isaaf eyyamamaa.

4.namni soomaa ganamas ta'e galgala ilkaan rigachuun akkuma yeroo biraa eyyamamaafi jaalatamaa ta'e ammas eyyamamaa fi jaallatamaa dha.

5.namni soomaa ho'aa fi dheebuu bishaani waan isaa laaffisuu danda'u dhiqannaa qaamaa fi waan akka kondishinaraa fayyadamuun ni eyyamamaaf.

6.dhiibbaa dhiigaanis ta'ee sababa biraatin hanqina qilleensaa(afuura) isa mudatee ifirraa ittisuuf gama afaaniitin qilleensa afuufuun ni eyyamamaaf.

7.namni soomaa hidhii fi afaan isaa yoo gogee jiisuu fi afaan bira dabree akka hin seennee eggachuun bishaaniin lulluqachuun hin eyyamamaaf.

8.suhuura(obboroo) fajritti butuu fi fuxuura arifachiisun "sunnaa" yoo ta'u yeroo sooma furu asheeta tamiraatin yookaa tamiruuma argameen sooma hiikuun sunnaa dha. yoo hin argatiin bishaanin haa furu(hiiku) bishaanis yoo dhabee nyaata halaala ta'een furuu dha. Yoo waan ittin faxaruu dhabeelle hiikuuf qalbii dhaan niyyata.

9.Namnii soomaa ajajoota Rabbiifi ergamaa isaa dalaguun hojiwwan fedhiidhaan dalagan(sunnaa) baay'isuufi waan dhowwamanirraa fagaachuu qaba.

10.Namni sooma qabu hojiwwan amantaa jabaatee adabaan hojjachuu fi waan haraama ta'an mararraa fagachuun salaatoota waajibaa shanan yeroo isaani eggatee jam'aan sagaduun isarraa eggama. Dhara dubbachuu,  nama hamachuun, gowwoomsuu fi horii ribaatin(dhalaa) buluun akkasumas haasaa fi hojiiwwaa dhowwomaa dhiisuu qaba. Nabiyyiin (s a w)  kanuma ilaalchisuun akkan jedhanii jiran:–
«namni tokko dhara dubbachuu, sobaan dalaguu akkasumas  dalagaa warra wallaaltotaa nama hin dhiifne nyaataaf dhugaati dhiisuu (soomuu) isaatirra haajaa hinqabu.»

 Madda:–hojiwwan sheekh saaliih al-usaymiin(Rahimahullaah) hundee kan godhatee
★★★★★★★★★★★★★★★★
★From ahemedin jebel.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...