Skip to main content
KUTAA 4ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.

●KUTAA 4ƒƒαα "A".



Hijraa irraa hanga Duula Badrii.

San booda Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota Isaa
akka Hijiraa gama Madiinaa bahan ajaje.
Obboleeyyan Isaanii warra Ansaaraatti akka dhaqabban Isaan ajaje.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e: “Ani Magaalaa
takkattin ajajame tan magaaloota hunda nyaattu, Yasriibi (ja’aniin)
Isiin Madiinaadha. Isiin Nama ifirraa afuufti akka buufaan Ibiddaa
Sibilarraa wasaka afuufutti.”
***
San booda Sahaaboonni tuuta tuutaa fii kopha kophaan
dhukkachaa Makkaa bahuu jalqaban. Isaanirraa khan miilaandeemu jira, kan waan yaabbatu qabuu jira. Rasuulli Sallallaahu
aleeyhi wasallam ammoo Makkaa ture, hanga hayyamni Rabbirraa
isaaf dhufutti.
***
Al-Baraa’i bin Aazib akki ja’u: “Namni dura Sahaabootarraa
Madiinaatti nutti dhufe, Mus’ab bin Umeeyriti fii Abdullaahi bin
Ummu Maktuum, egas Ammaar, Bilaal, fii Sa’ad bin Abii
Waqqaas.”
***
Hijiraan Sahaaboonni godhan laaftuu hin turre. Qureeyshiin balaa
gara jabeenyaan guttame Isaanirraan gahuuf waan dandeeysu
hunda itti dalagaa turte.
***
Itti Aanee warri Hijiraaf bahe, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad,
Aamir bin Rabii’aa fii Jaartii Isaa Leeylaa bint Abii Hasmaa.
Eegas Abdullaahi bin Jahshi Maatii Isaa hundaan gama Madiinaa
bahe.
***
Umar bin Al-Khaxxaab itti aanee halkan dhukkatee Makkaah bahe,
Isa wajjiin Ayyaash bin Abii Rabii’aa fii Hishaam bin Al-Aas-tu
wajjiin ture.
Ibnu Is’haaq Sanada Sahiihaan Siiraa Isaa keeysatti Hijiraa Umar
haala Kanaan gabaase.
Ammoo Qissaan Umar bin Al-Khaxxaab dirree bahee Makkaah
bahe jettus ni jirti. Namni Haati Isaa akka isa dhabdu fedhe haa na
jala bahuu, jechuun dubbataa Hijraaf bahe qissaan jettu Da’iifa.
***
Beey’aa Al-Aqabaa (Wa’ada lammaffaa) boodaan baatiin lama
hoggaa dabartu, Muslimoonni hundi Makkaa irraa gama Madiinaa
Hijiraa bahanii dhumanii jiran. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi
wasallalm fii Abuu Bakri malee, akkasumas warroota Hijiraa
godhuuf dandeettii dhaban qofaatu hafe. Sahaaboonni hundi
bahanii jiran.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Makkaah keeysaa
Muslimoonni bahuu dandahan hundi Hijiraaf bahuu Isaanii
mirkaneeyfate. Warra Dhukkubsataa, hidhamaa (qabamaa) fii
warra bahuuf dandeetii dhabe qofaatu hafe.
***
Abuu Bakri Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam Hijiraa bahuuf
hayyama gaafatee ture. Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam: “Hin
jarjariin, Rabbiin Saahiba siif godhuutu mala.” ja’een.
***
San booda Rasuulaaf sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbi biraa
Hijiraa akka bahu hayyamni dhufeef, Waahiilli Isaa kan wajjiin
bahanis Abuu Bakr tahe.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Abuu Bakriif akka Hijiraan
hayyamamteef, akkasumas Inni waahila Isaa tahee wajjiin akka
bahu itti hime. Abuu Bakri Gaala lama Isaa fii Rasuulaaf Sallallaahu
aleeyhi wasallam qopheeyse.
***
Kuffaarri Qureeyshii wal gahii godhanii Rasuula Sallallaahu aleeyhi
wasallam ajjeesuuf murteeysan.
Nama Isa ajjeeseef gaala 100badhaasa akka kennan labsa baasan.
***
Rabbiin Rasuula Isaa Sallallaahu aleeyhi wasallam shira sanirraa Isa
tiiyse. Waan Qureeyshiin mari’attee murteeysite Isa beeysise.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam fii Abuu Bakr As-Siddiiq
Makkaah bahanii gama Gaara (gooda) Soowrii qajeelan.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam fii Abuu Bakri Gaara Soowrii
keeysatti guyyaa sadiif dhukkatani turan. Asmaa bint Abuu Bakri
guyyaa hunda nyaata fiddee Isaanitti dhufti.
***
Qureeyshiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam bakka hunda barbaaduu seente, garuu hin Milkooyne. Gariin Isaanii gama gaara
Soowrii dhufanii afaan goda Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam
fii Abuu Bakri waliin keeysa jiran gubbaa dhaabbatan.
***
Osoo tokko Mushrikootarraa if jala gad laale silaa Goda san
keeysatti Isaan arga. Garuu Rabbiin Ija isaanii qabee tokkolleen if
jala gad hin laalle.
***
Qissaan Sharaaritii/aaroon afaan Goda Gaara Soowrii cuftee fii
Handariin killee achitti dhalte jettu Sanada Da’iifaan Musnad
Imaam Ahmad keeysatti gabaafamte.
Egas Kuffaarri Qureeyshii Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam
barbaadanii dhabanii ifirraa galan. Rabbiin Nabiyyii Sallallaahu
aleeyhi wasallam eegumsa Isaatin tiiysee nagaya baase.
***
Rasuulli sallallaahu Aleeyhi wasallam Waahila Isaa Abuu Bakr As-
Siddiiq waliin Goda Gaara Soowrii keeysaa guyyaa 3 booda bahanii
gama Madiinaa Imaluu jalqaban.
***
Isaan waliin namni ture, Aamir bin Fuheeyraa gabricha Abuu Bakri
bilisoomse. Aamir bin Fuheeyraan karaa irratti Rasuula Sallallaahu
aleeyhi wasallam fii Abuu Bakri khaddamuuf wajjiin bahe. Namni
karaa Isaan agarsiisu ammoo Abdullaahi bin Ureeyqixi. Inni
Mushrika, garuu nama karaa haalaan beekhuu ture.
***
Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam Abuu Bakri As-Siqqiid, Aamir
bin Fuheeyraa fii kan karaa Isaaniin deemu Abdullaahi bin
Ureeyqix wajjiin osoo karaa deemanii waan hedduutu Isaan
qunname.
***
Sanirraa:
1. Qissaa Suraaqaa bin Maalik.
2. Tiiysitee Islaamawe.
3. Qissaa Ummu Ma’abad Al-Khuzaa’iyyaah.
4. Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Zubeeyr fii Xalhaa Isaan
lamaan Shaam irraa gama Makkaa kan deebi’an karaatti qunname.
Hadiisa Da’iifa Hijraa wajjiin wal qabatee dhuferraa:
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Suraaqaa bin Maalikiin: “Yaa
Suraaqaa, Mee maaltu sitti dhagahama gaafa Faaya Kisraa uffatte!”
je’een kan jedhu qissaa da’iifa.
***Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam warra Isa waliin jiruu wajjiin
Rabbiin Isaan tiiysee Qubaa’a gahan. Guyyaa suni Isiniina Rabi’ul
Awwal 12, amata 14ffaa eega Nabiyyii tahe boodaan. Guyyaa
sanirraa barri Hijiraa tokkoffaan lakkaawame.

Kan har'aaf qopheeffanne kana fakkata fedhii rabbiitiin kutaan itti aanu torbee dhihaata.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...