Skip to main content


MAQOOTA RABBII GUDDAA 99.
أسماء الله الحسنى وصفاته
Afaan Oromootti kan hiikee qopheesse:
By Mohamed Nour Badri
Kan pdfdhan qindeesse: 【Al-risala-tube】

وَلِلَّهِ الأَسْمَاء الْحُسْنَى فَادْعُوهُ بِهَا وَذَرُواْ   الَّذِينَ يُلْحِدُونَ فِي أَسْمَائِهِ سَيُجْزَوْنَ مَا كَانُواْ يَعْمَلُونَ

A'araaf aayaa 180 irratti.∴Rabbiif maqaalee gaggaariitu jiruu,

maqaalee saniin isa kadhadhaa.

※Maqaaleen rabbii qalbii namaa keessatti,hiikkaa isaa warra
beekufii warra hin beekne biratti, maqoota hedduu kabajaa qabu
waan ta'eef, namoonni hedduun katabbii adda addaatiin
barreessanii mana ofititti maxxansan isa kana akka hiikkaa isaa
beeku, akka isaan rabbi kadhatu akka rabbiin gabbaruuf hiikkaa
baay'ee gabaabduu taate hiikkaa dheertullee osoo hin ta'in, tan
xinnoos ta'u namni irraa hubachuu danda'u hiikkaa goona.
※ Maqaalee rabbii keennaa kabajamoo ta'an kana akkana jedhani
gadi bu'anii ibsuudhaaf beekkumsa guddoo barbaada, nutilleen
hanguma beekkumsuma teenya gabaabdu tana irraa waa xinnoo
isinii ibsuuf carraaqqii goonee maddoota tokko tokko irraa barruu
gabaabdu tana keessatti isiniif qindeessine, irraa fayyadamaan
dhaamsa keenya. 【Al-risala-tube】
Namni keewwattoota Qur’anaatiifi sunnaa(Hadiisota)
qulqulluuta’an hordofe hunda isaanii walitti qabachuu
danda’aIsaanis
AfaanOromotin【qopheessaa】Namni keewwattoota Qur’anaatii fi sunnaa  (Hadiisota )qulqulluu ta’an hordofe hunda isaanii walitti qabachuu danda’a Isaanis
Afaan Oromo Tiin          
 Allaah   الله  
Gooftaa ibaadaa hundaa haqa godhatu 
1.  Arrahmaan 
Duniyaarratti hundaafuu kan Rahmaata godhu maqaan kun isa malee waan biraa ittin moggaasuun hin ta’u 
2Arrahiim 
Akkuma Duniyaarratti karaa haqaatti isaan qajeelche Aakirattis mu’umintoota qofaaf Rahmaata kan Godhu 
3Alafuwwu 


Irra dabraa gabricha tokko akka adabamuu qabu utuu beekuu  kan dhiisee fi irra dabru jechuudha 
4.  Algafuuru 
Araaramaa kan badii Namaarratti utuu nama hin saaxilin Namaa dhiisu jechuudha 
5.  Algaffaaru 
Kan utuu gabrichi Akkaan balleessuu Innimmoo Akkaan araaramuuf jechuudha 
6.  Arrauufu 
Abbaa Rahmata Guddaa :kan uumama isaa hundaaf Rahmata oolu 
7.  Alhaliimu 
Akkaan Obsaa :kan nama adabutti hin Ariifanne jedhama 
8.  Attawaabu 
Dhiifama Godhaa kan gabroottan isaa akka Dhiifama isa kadhatan taasisu 
9.  Assittiiru 
Haguugaa  kan gabricha isaa hin saaxillee fi kan gabrichi Isaa akka of hin saaxille barbaadu
1o.  Alganiyyu 
Dureessa kan uumama isaatti tasuma hin dhimmamne 
11.  Alkariimu 
Arjaa kan kenni isaa heedduu abbaa fedheef waan fedhee kadhaanis ta’e kadhaan maletti kan kennu
12.  Al’akramu

Akkaan Arjaa : kennuu keessatti kan bikka ga’e 
13.  Alwahhaabu 
Irra Badhaasaa /Qananiisaa dugda baasuun maleetti kan keennuu fi  Sababaan maletti kan Arjoomu 
14.  Aljawaadu 
Irra Arjaa kan kenni isaa baay’achuu keessatti hammanna hin jedhamne 
15.  Alwaduudu 
Jaallatamaa kan gabroottan isaa gaggaarii jaallatee namas jaallachiise isaan gammachiisu 
16.  Almuuxii 
Kennaa kan uumama isaa keessaa abbaa fedheef waan fedhee kennu 
17.  Alwaasiu 
Abbaa bal’inaa kan guddinni isaa mootummaan isaatii fi Rahmaatani isaa bal’aa ta’e 
18.  Almuhsinu 
Tola-oolaa kan ofii isaatii fi haalli isaa hundi guutuu fi gaarii ta’e 
19Arraaziqu 
 Kennaa Rizqii  kan uumama hundaaf Rizqii qoodee akka isaaniin maluttii kennuuf 
20.  Arrazzaaqu 
Akkaan Hiraa kan utuu isaan itti balleessanii waan isaan barbaachisu kennuuf 
21.  Allaxiifu 
Hunda Beekaa kan waan dhokataa hunda beekuu fi kan waa isa jalaa hin dhokanne 
22.  Alkhabiiru 
Keessa beekaa  kan beekkumsi isaa waan hunda marsee jiru 
23.  Alfattaahu 
Kan Banu /Injifachiisu :kan dilbii qabeenya isaa abbaa fedhee banee mootummaas ta’ee qabeenya harka abbaa fedhee kaa’u 
24.  Alaliimu 
Irra Beekaa kan keessaa fi duuba waan hundaa waan darbeef waan sichi dhufu kan beeku 
25.  Albarru 
Akkaan Tola-oolaa :qananiin isaa Lakkofsa hin qabnee fi kan wareegni isaa dhugaa ta’e 
26.  Alhakiimu 
Beekaa Murtii  kan waan hundaa bakka isiin malu beeku 
27
Alhakamu

Haqa Murteessaa  kan haqa murteessuu fi akka namni ittiin Murteeffatuuf jechaa kitaaba haqaa kan buuse
28
Ashaakiru

  1. Galateeffataa  Nama isa galatoomfatu kan faarsuu fi waan xiqqoo hojjetan kan Namaa qeebalu
29
Ashakuuru
Galateeffamaa kan hojii gabrichi Isaa baayyisee fi mindaa isaa dabaluuf 
30.  Aljamiilu 
Miidhagaa Innis maqaan isaatii fi haalli isaa bareedaa kan ta’e 
31.  Almajiidu 
BUlfaataa Samii keessattis Dachiirratti kan kabajamuuf olta’iinsi kan isaaf malu 
32.  Alwaliyyu 
Jaalallee Hundaa  kan dhimma gabricha isaa Raawwatee fi gargaaru 
33.  Alhamiidu 
Galatoomfatamaa  kan Maqaa isaatiinis ta’e haala isaa akkasumas hojii isaarratti galatoomfatamaa kan ta’e 
34.  Almowlaa 
Jaalallee /Gargaaraa  gooftaa Mootii akkasumas kan gabroottan isaa gargaaru 
35.  Annaasiru 
Tumsaa  kan nama Inni tumseef wanti moo’atu hin jirre 
36.  Assamiiu 
Dhaga’aa  dhaga’aa icciitis ta’ee sagaleen kamiyyuu kan isa jalaa hin baane 
37 .  Albasiiru 
Argaa kan argaan isaa waan hunda wal ga’ee fi waa tokkollee isa jalaa dhokattuu hin dandeenye 
38.  Ashahiidu 
Hordofaa /Ragaa  kan uumama isaa too’atuu fi tokkochummaa isaa akkasumas haqaan Murteessurratti kan Ragaa ofii bahee warra itti amaneef Ragaa bahu 
39.  Arraqiibu 
Hordofaa Hundaa kan haala hunda Gabrootaa kan too’tu 
40Arrafiiqu 
Gara-laafaa suuta jechuu kan jaallatuu fi kan gabroottan isaatti laaffisuu Jaallatu 
41.  Alqariibu 
Dhihoo Hundaa :arshii isaarra jiraachuu wajjiin beekkumsa isaatii fi dandeettii isaatiin uumama isaatti dhihoo kan ta’e 
42.  Almujiibu 
Awwaataa kan nama isa kadhateef kadhaa isaa dhagaheefii waan fedhii isaatii kennuuf 
43.  Almuqiitu 
Uumaa fi Raabsaa yeroo fi soorataa 
44.  Alhasiibu 
Akkaan Herregaa  kan waan gabrootin isaa barbaadan guutee waan isaan Duniyaattii hojjetan Aakiratti isaaniif kennu 
45.  Almuuminu 
Dhugoomsaa  kan ergamtoota isaatii Ragaa bahee dhugoomsuufi kan duniyaattis ta’e Aakiraatti nagaa buusu 
46.  Almannaanu 
Badhaasaa  kan tolli isaa guddaa kan qananiin isaa bal’aa kan kenni isaa baay’ee 
47.  Axxayyibu 
Gaarii  kan hiruu hundarraa qulqulluu ta’eefi kan waan gaarii hundaan guutuu ta’e 
48.  Ashaafii 
Fayyisaa  dhukkuba qalbiis ta’e kan qaamaa kan fayyisu 
49.  Alhafiizu 
Tiiksaa kan Gabroottan isaa eegu 
50.  Alwakiilu 
Irkoo hundaa kan addunyaan kun hundi uumuufi sirreessuu keessattis ta’e  waan hojjetanii fi waan barbaadan keessatti isatti hirkatan 
51.  Alkhallaaqu 
Irra caalaa uumaa waan hundaa  Duras kan uumeefi gara fuulduraatti kan uumu 
52.  Alkhaaliqu 
Uumaa kan utuu wahirraa hin ilaalan jalqabee uume 
53.  Albaariu 
Haaraa Argamsiisaa  kan waan ufii uumee argamsiise kana ifatti baasee 
54.  Almusawwiru 
Suuraa fedhe irratti uumaa 
55.  Arrabbu 
Guddisaa /Horataa waa hundaa 
56.  Alaziimu 
Ulfaataa /Guddaa  /Kan Maqaa isaas ta’e Innis kabajamaa ta’e 
57.  Alqaahiru 👇
58.  Alqahhaaru 👇
Injifataa  kan wanti isa malee jiru hundi isaaf gadi jedhuufi kan waa hundi isa jalatti bulu 
59Almuheeyminu 
Eegaa waan hundaa kan ta’eefi kan too’atu jechuudha 
60.  Alaziizu 
Injifataa kan waan hundaa injifatuu fi kan wanti tokkollee eeyyama isaa malee hin sochoone jechuudha
61.  Aljabbaaru 
Abbaa humna cimaa kan waan fedhee bakkaan gahuu Danda’uufi kan uumamni hundi isaaf gadi jedhuufi kan waa hundi harka isaa kajeelu 
62.  Almutakabbiru 
Boonaa kan hir’inaa fi waan isaa hin malle hundarraa akkasumas gabroottan miidhuu irraa kan ol ta’ee fi warra boonuu gadi qabee kan xiqqeessu jechuudha
63.  Alkabiiru 
Guddaa ofii isaatiifis ta’e Maqaa isaatiinis guddaa kan waa hundaa caaluu fi wanti itti qixxaa’u kan hin jirre 
64.  Alhayyiyu 
Saalfataa  Saalfii isaaf malu kan saalfatu nama isa kadhatee kan harka duwwaa hin deebifne 
65.  Alhayyu 
Jiraataa kan jireenyi isaa guutuu ta’ee fi asirraa jalqabee asitti dhumaa hin qabne 
66.   Alqayyuumu 
Of-Ga’aa kan waan ofii gochuu barbaadu  keessatti waan tokkottii hin haajomne kan waanti samii fi dachii keessa jirummoo isatti haajoman 
67.   Alwaarisu 
Dhaalaa kan Erga wanti hundumtuu dhumee inni qofti hafee wanti Inni duniyaa kanarratti namatti kenne harka isaatti deebi’u jedhama 
68.   Addayyaanu 
Kan Jazaa Deebisu  kan uumamni hundi gara isaatii deebifamee mindaa waan isaan dalaganii yoo gaarii ta’e baay’isee yoo  fokkottu ta’emmoo akkasumatti mindaa kennuuf ykn araaramuuf 
69.  Almaliku 
70.  Almaaliku 
71.  Almaliiku 
Mootii kan ajajuu fi dhowwaan harka isaa jiru akkasumas waan uume akka barbaade gochuu kan danda’u duniyaa  ta’e Aakiraanis kan mootummaa isaa jala jiru jechuudha 
72.  Assubbuuhu
Hunda caalaa qulqulluu kan hir’ina hundarraa qulqullaa’e 
73.  Alqudduusu 
Qulqulluu  kara hundaan qulqulluu fi guutuu kan ta’e 
74.  Assalaamu 
Naga ‘qabeessa Innis Nagaadha maqaan isaas Nagaadha hojiin isaas Nagaadha nageenyi duniyaa fi Aakiraatti argamus isummaaraati 
75.  Alhaqqu 
Dhugaa inni haqaan gabbaramaa ta’uu isaa keesatti tokkochummaa isaa keessatti dhugaadha 
76.  Almubiinu 
Ifa Baasaa  inni ifa galaa waa’een isaa beekkamaa ta’ee kan waan Hunda Gabroottan isaatiif ifa galchuudha 
77.  Alqawiyyu 
Jabaa kan dandeettii kana hin jedhamnee fi fedhii guutuu ta’e qabu 
78.   Almatiinu 
Daran cimaa kan dandeettii cimaa qabuu fi waan hojjetu keessatti rakkini isa hin mudanne 
79.  Alqaadiru 
Hunda Danda’aa ——–
   Kan wanti isa dadhabsiisu 
   Hin jirree fi inni kan dandeettii     Namaaf kennu 
80.  Alqadiiru 
Danda’aa –
81.  Almuqtadiru 
Abbaa Dandeettii —-
82.  Alaliyyu 
Hundaa ol kan ta’e
dandeettiidhaanis ta’e humnaanis waanuma hundaanuu kan hundaa ol ta’e jechuudha 
83.    Al ‘aalaa 👇
84.   Almutaaalu 👇
Ol’ta’aa kan olta’iinsa isaa tiin wanti qixxaa’u hin jirre 
85.   Almuqaddimu 
Dursaa kan uumama isaa keessaa akka isaaf malutti kan fedhe dura buusu jechuudha 
86.   Almuakkiru 
Tursiisaa kan waan fedhe dura buusee waan fedhemmoo booda aansu akkasumas kan adaba isaanirraa tursiisu jechuudha 
87.    Almusairu 
Gatti kennaa gattii wantoota adda addaa kan dabalchiisuu fi kan hir’isiisu jechuudha
88.  Alqaabidu 
Qabataa Rizqii kan Rizqii ta’ee lubbuu IL Maan Namaa of biratti qabu jechuudha 
89.   Albaasixu 
Bal’isaa Rizqii kan gabroottan isaa keessaa Abbaa barbaadeef Rizqii bal’isu warri badii hojjetan immoo akka gara isaa deebi’aniif harka isaa kan bal’isuuf 
90.   Al`awwalu 
Isa Duraa/Jalqabaa isa dura kan wanti tokkollee hin jirre aairraa jalqaba jechuun kan hin danda’amneedha
91.   Al`aakiru 
Isa Maayyi/Boodaa kan isa booda wantitokkoyyuu hin hafne wanti jiru hundi dhumee inni qofti kan hafu jechuudha akkasumas jireenyi isaa dhuma qaba kan hin jedhamne.
92.  Azzaahiru 
Mul’ataa karaa hundaan kan waan hundatti marsee jiruuf kan waa Hunda of jalatti bulchu jechuudha 
93.  Albaaxinu 
Dhokataa  kan utuu uumamatti dhihaatee jiruu uumamni isaa addunyaa kanaratti isa arguu hin dandeenye 
94.  Alwitru
Qara inni tokkicha kan wanti itti qixxaa’u hin jirre 
95.    Assayyidu 
Gooftaa Hundaa  inni gooftaa waan hundaati uumamni isaa hundi gabroottan isaati 
96.  Assamadu 
Irkoo Hundaa  kan uumamni hundi itti haajamuu fi kan isa kadhatanii dhimma isaanii itti dhiheeffatan 
97.  Alwaahidu.
98.  Al’ahadu 
Tokkicha  {kan waan 
  Gaariidhaan.      guutamuu
                                     Keessatti Tokkicha }
Tokkichoomee  wanti isatti fakkaatu hin jiru akkuma wanti gabbaramuu haqa godhatu isa malee hin jirre jechuudha 
99.  Alilaahu 
Gabbaramaa kan dhugaadhaan gabbaramu isa malee kan hin jirree fi wanti isa malee jiru kamiyyuu gabbaramuu hin qabu jechuudha
Kuni MAQOOTA RABBI 99 Hiikkaa isaanii wajjiin 
By  Mohamed Nour Badri  

Al-risala-tube
Al hamdu  lillaah 
fedhii rabbii guddaatiin
xumuurame. 
෴෴෴෴෴෴෴෴෴

ြၜAl-risala-tube
ြၜGaarommina qalbii.   2020

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...