KUTAA 3ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.
●KUTAA 3ƒƒαα "B".
■Israa'aa fi mi'iraaja.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Ibraahim waliin
qunname booda, Jibriil waliin Jannata seene. Isii keeysatti waan
hedduu arge.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Jannata keeysatti waan
argerraa:
1- Qallaa (Fooqii) Umar bin Al-Khaxxaab
2- Khaadimtittii Zeeyd bin Haarisaa arge
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam waan arge san Umar fii
Zeeydiif himeefii jira.
3- Laga Kowsar
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Ibidda Jahannam kan gariin
isii garii caccaphsee wal nyaattu arge.
Rabbi Ibidda Jahannamirraa nu haa baraaru.
***
Eegas Jibriil Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam gama xarafa samii
7ffaa Isa fide. Jibriil achitti jalaa hafe.
Jibriil Rasuulaan Sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’een: “Yaa
Muhammad! ol dabri, Wallaahi yoon tarkaanfii takka asiin olittitarkaanfadhe nin gubadha.”
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam ol dabree bakka Namaa fii
Malaaykaan takkallen hin gahin gahe.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam bakka Malaaykoonni murtii
Rabbii itti galmeeysan birallee gahe, sochii Qalama isaanii dhagaye.
Akkasitti Rabbiin Nabiyyii keenya sallallaahu Aleeyhi wasallam
kabaje.
***
Bakka sanitti Rabbiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam dubbise.
Salaata Shanan irratti dirqama godhe.
***
Kennaa Rabbiin gaafa san ummata Muhammadiif sallallaahu
aleeyhi wasallam kenne irraa:
• Salaata Shanan
• Muslima hundaaf cubbuu guddoo ni araaramaaf, Akkas
jechuun Ibidda keeysa abad hin turan waan towhiidarratti
shirkii osoo hin dalagin du’aniin.
• Aayaata lamaan xumura Suuraah Baqaraah.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Rabbiin Isa dubbise
booda gama Jibriil deebi’e. Eegas gama Masjida Al-Aqsaa gad bu’e,
san booda “Buraaq” yaabbatee gama Makkaah deebi’e.
***
Deemsi suni fii wanni odeeyfame hundi halkan takka keeysatti
gaggeeyfame. Israa’a fii Mi’raaj hagam takka Mu’jizaa guddoo akka
taate beekhuuf yeroo gabaabaa isiin kheeysatti gaggeeyfamte
laaluun siif gaha!.
Saniif Rabbiin Quraana keeysatti isii dubbate.
***
Eega Israa’i fii Mi’raaj raawwatte guyyaa itti aanu Jibriil Rasuula
Sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhufee Yeroolee salaata shananii
ibseef.
***
Akkaataan Salaanni Shanan Israa’i fii Mi’raaj keeysatti dirqama ittitaate raka’aa lama lama ture, salaata maghribaa malee, isiin
gaafasillee rak’aa 3 turte.
***
Qiblaanis gama Beeyta Al-Maqdis ture. Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam Ka’abaa if dura aansee jihaa Beeyta Al-Maqdis gargalee
salaatuu ture.
***
Qureeyshiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam irraa Mu’jizaa
qaama miiraa shananiin beekan akka isaan agarsiisu gaafatan.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yoon Ji’a bakka lamatti
isiiniif adda qoode ni amantanii?” jechuun gaafate. “ee” ja’aniin.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbii waan hundarratti
dandahaa tahe akka Ji’a bakka lamatti addaan isaaf qooduu
khadhate, Rabbiin ol tahe Ji’a bakka lamatti osoo Isaan argan
addaan baaseef.
***
Qureeyshiin hoggaa Mu’jizaa guddoo san agart: “Wallaahi ati
Falfalaadha.” ja’aniin.
Qureeyshiin Mu’jizaa Guddoo argan san ni kijibsiisan. Mu’jizaa
agarru ni amanna jechuun Isaanii kijiba taate.
***
Rabbiin ol tahe Qur’aana buusee akkana je’e:
اقْتَرَبَتِ السَاعَةُ وَانشَقَ الْقَمَرُ (1 (وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ
مُسْتَمِرٌ
“Qiyaamaan dhihaatte, Ji’inis Adda dhohe (baqaqe).
Isaan yoo Aayata/mallattoo argan gargalanii Sihrii dabraadha
(deemaadha) ja’an.”
Suuraah Al-Qamar: 1-2
***
Hoggaa Mu’jizaa arganii amanuu didan Rasuulli Sallallaahu aleeyhi
wasallam Qureeyshii itti dhiisee, Gosoota Arabaa kan Hajjiif
dhufan gama Islaamaa yaamuutti gargale. Akka gosti biroo amantee
Isaaf tumsituuf.Abuu Lahab fii Abuu Jahl walirraa bakka bu’uun Rasuula
Sallallaahu aleeyhi wasallam jala deemanii kijibsiisan, yeroo inni
gosoota Arabaatti da’waa godhu, Islaamummaatti Isaan yaamu.
Abuu Lahab fii Abuu Jahl: “Kijibaadha, nuutu Isa beeka, hin
dhagayinaa” jechuun isa jala tara taraan deeman.
***
Gosoonni Arabaa tan Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam yaamaa
ture gariin Isarraa qulqullaawan, gariin si gargaarraa yoo ati duute
nuutu dhimmi Nabiyyummaa dhaalaa? ja’anii gaafatan, gariin irraa
callisan.
***
Ergamee Amata 11ffaa keeysa Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam
Hajjii irratti nama jaha kan gosa Khazraj (Gosa warra Madiinaa
irraa tahan) qunname.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Isaanitti dhaqee Islaamatti
Isaan yaame.
***
Jarri Jahan sun ni Islaamawan. Isaanis:
1.As’ad bin Zuraaraa
2.Owf bin Al-Haaris
3.Raafi’i bin Maalik
4.Quxbaah bin Aamir
5. Uqbaa bin Aamir
6.Jaabir bin Abdullaahi
***
Eegas Jarri jahan suni gama Madiinaa deebi’anii Islaamatti nama
yaamuu jalqaban. Waa’ee Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam
warra Madiinaatiif odeeysuu jalqaban. Waa’een Islaamaa Madiinaa
kheeysa sababaa Isaanii dhagayamte.
***Sallallaahu aleeyhi wasallam dhagayan. Amata itti aanu,
Nabiyummaa booda amata 12ffaati Hajjiif namni 12 warra
Ansaaraa irraa gama Makkah dhufan.
***
Jarri kudha lamaan Suni Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam
qunnamanii Wa’ada isaaf seenan. Wa’adni sun “Beey’atu Al-
Aqabaa Al-Uulaa” Wa’ada Aqabaa tan duraa jechuun beekkamati.
***
Wa’adni Isaan Rasuulaaf Sallallaahu aleeyhi wasallam seenan ykn
Beey’aan duraa suni: Gammachuu fii gadda keeysatti, akkasumas
balloo fii rakkoo keeysattis Isaaf ajajamuurratti waadaa galan.
Ammas gaafa Inni Sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa dhaqe
Isaaf tumsuu fii gargaaruu irratti wa’ada Isaaf seenan.Ammoo Wa’ada duraa saniin Wa’ada dubartii (Beey’atu An-Nisaa)
ja’anii moggaasuun seetee dogongoraa tan warra Siiraa gabaasan
irraa argamte.
Waa’een dubartii beellama san keeysatti inuma hin kaafamne.
***
Hoggaa keeysummoonni 12n gama Madiinaa deebi’uuf qophaawan
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Isaan waliin Mus’ab bin
Umeeyr Rabbi irraa haa jaalatuu erge. Akka Ansaara waa’ee amantii
Islaamaa barsiisuuf jecha.
Da’waa Mus’ab bin Umeeyriitiin Dimiinnan Banii Al-Ash’hal lama
Islaama qeebalan. Isaan lamaan: Sa’ad bin Mu’az fii Useeyd bin
Hudeeyriiti.
***
Mus’ab bin Umeeyrii Rabbi irraa haa jaalatuu As’ad bin Zuraaraa
bira qubate. Isa biraahi gama Islaamaa nama yaamuu itti fufe.
Sababaa Da’waa Mus’ab gandoota Ansaaraa hunda kheeysa
Islaamummaan seente.
***
Ergamuu Nabiyyummaa booda amata 13ffaa, Dhiira 73 fii
dubartiin lama warra Ansaaraa irraa Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi
wasallam qunnamuuf Madiinaa irraa Hajjiif bahan. Seenaa Islaamaa
kheeysatti waliigaltee guddoon Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam
fii Isaan jiddutti argamuuf deemaa jirti.41Ansaarootaa fii Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam jidduutti wali
qunnamtiin dhooysaan gaggeeyfamaa turte, Minaa bakka “Al-
Aqabaa” tti akka wal argan lafa jala waliif dabarsanii murteeyfatan.
***
Halkan beeylamaa san Dhiirti 73 fii dubartiin lama Nabiyyiif
Sallallaahu aleeyhi wasallam Wa’ada guddaa seenan. Waadaan suni
“Beey’atu Al-Aqabaa As-Saaniyaa” waadaa Aqabaa lammaffaa
jechuun beekkama.
***
Qaphxiin gaafa san irratti Wa’ada seenan:
Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam Balloo fii Rakkoo keeysatti
dhagayuu fii ajajamuufi, Akkasumas gaafa Inni sallallaahu aleeyhi
wasallam Madiinaa dhaqe Isaaf tumsuu fii Isa gargaaruudha.
***
Ansaaroonni Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam wanni gaafa san
Isa gaafatan: “yoo Wa’ada keenya kana guunne, Maaltu nuuf jira?”
ja’aniin.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam: “Jannataatu Isiniif jira.”
je’een.
Akkasitti hundi Isaanii Wa’ada seenan.
***
Namni dura Nabiyyiif Sallallaahu aleeyhi wasallam Wa’ada seene,
Al-Bar’aa bin Ma’ruur Rabbi irraa haa jaalatu. Eegas namni wal jala
Waadaa galuu itti fufe.
***
Haala saniin Beey’aan (Wa’adni) guddoon “Beey’aatu Al-Aqabaa
As-Saaniyaa” Waadaan Aqabaa lammaffaan raawwaatte. Sababaa
Wa’ada Saniitiif Hijiraan gama Madiinaa godhamte.42Ka’ab bin Maalik akki ja’u: “Dhugumatti Nabiyyii sallallaahu
aleeyhi wasallam wajjiin halkan Wa’ada seenneef san argameetin
jira, Gaafa Islaamummaa irratti waliif galle san, Ani warra Badritti
argamerraa tahee wa’ada Sanirraa hafu hin filadhu.”
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam hoggaa warri Ansaaraa Wa’ada
Seenanii gama Madiinaa deebi’an, ni gammade. Rabbiin gargaarsaa
fii tumsa warra Isaaf tahu kenneef.
Saniif jecha Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam haalaan gammade.
INSHAA'ALLAAH KUTAA 4FFAA Hijraa irraa hanga Duula Badrii jedhu itti aana

Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran