Skip to main content
WAAN NAMA SOOMANU IBAADARRATTI 19
GARGAARU.

 ① Sodaa Rabbii Qabaachuu fi hamtuu hundarraa uf eeguu.

 ② Qaraatii qur’aanaa Heddummeessuu, Zikrii fii kadhaa Rabbii 
heddumeysuu,

 ③ Saahibban fofokkataa irraa fagachuu. Namni saahiba fakkata 
jallaa qabu wahuma hamtuu isarraa barata. Mammaksatti 
“raaddi harreen wajji oolte dhuufuu barti’’ jedhan.eegaa nama 
gaarii qajeelaa Rabbi sodaatu saahiba (shariika) godhadhaa.

 ④ Masgiidatti maxxanuu fii salaata jamaa’aa irratti uf tiiysuu.
hanga dandeessetti yeroo hedduu masjiidatti argamuu yaalii 
godhi. Masjiida teessee sunnaa salaattee, zikrii gootee, Rabbi 
kadhattee, qur’aana qaraatee, yoo jette Sawaaba hedduu 
walitti tuulatte, badii dhagayuufii arguu jalaayis nagaya baate 
(tiiyfamte). Tanaaf gara masjiida gara masjiida.

 ⑤Waan fedhii lubbuu namatti kakaasuu fii waan qalbii nama 
goggoysu laaluu irraa fagaachuu.kunis hedduudha fakkeenyaaf:-
filmii fii suuraa baalagummaa fokkataa daw’achuu, kanneen 
televijiina, vidiyoo, intarneeta, yutub, fesbuuk, waatis aab, 
tuweytir, iskaybe, baaltook,fi kkf irraatti badii gadi dhiifamtee 
facaafamtu daaw’achuun haalaan dhoowwaadha. 

 ⑥ Dogogoraa fi badii irraa fagaachuu.
 Nama hamachurraa uf eeguu, farada (lukkee) tahurraa, 
kijibarraa, nama xiqqeysu fii k.k.f. irraa Arraba ufii tiiysuu.yeroon qaalii tahuu isii beekanii itti fayyadamuu.

 ⑦guddina kabajaa baatii tanaa beekanii eeggachuu.

 ⑧ummata gaggaarii dur kan ibaadaa irratti jajjaboo turan 
seenaa isaanii barachuu fii jala deemuu.
 Lubbuu ufii qorachuu.

⑨ Towbaa irra deddeebi’anii haarawoomsuu.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...