Skip to main content

Seena mooticha ka'abaa jigsuuf kakatee, Rabbiin simbira Ababiil itti kaase dhageessee?

 


Rabbiin ashkara habasha'aa kan {arba} fe'atee ka'aba jiysuuf makkatti duule waan taasise dhageessee?

Si Rabbiin kee mala isaanii hamaa san harkatti hin balleessinee? bakka gayuu hin hanqifnee ? malli badaan isaan deemaniin ka'abaa jiysuudhaa.


Ashkara habasha'aa san shinbirroo tuuta tuutan itti ergee hoggaa isaan makkatti dhiyaatan. Tuuta shinbirro'oo tan dhagaa { si jiülin} Isaan darbattu itti ergmee {sıjl} bordoda ibidda jahannamin gubame yookaa bilcheeffame, dhagaa firii shumbura'arra xixiqqa' aa ,kan firii missirarra gurguda, kan maqaan nama itti darbamu hundaa irratti katabamee jiru, shinbirroon sun bahara keessaa duula dhufte, isii dhagaa sadii sadii, miila lamaanifii afaanittin deemtu, dhagaa yoo mataa ashkararra bu'e, sibiila inni matarraa qabu keessaan mataa seenee, jalaan bayu, kan {arba} isaan deemaniin hunda, keessan fufulla'u.


Akkasitti Rabbiin duula habasha'aa, kan ka'abaa jiysuu deemu hunda fixe, kan nama oduu isaanii himu malee, nam tokkolleen irraan hafin, dhagaan sun ashkaraa san cacabsee. Akka baala midhaani takkaa qashaa horiin nyaatee, miilan irra deeme caccaphsee isaan godhe. 


Barri habashaan makkatti duulte, akka taariikha faranji itti dhibba shanifii torbaatami lama, amanni sun amata nabi Muhammad dhalate islaama dura, amata afurtama jechu abbaan duula sanii abrahaa; je' ama, kan gaafas yaman bulchu', mootii habasha' arraa bakka dhaabbatee, sababaan inni{ka' baa} diigu'uu ka'eef, inni araba mara, kan {ka baa} guddisu kan sanii je'e, amata mara makka dhaqu garraan, mandara guddaa biyya yaman, kan {sankgaa) je'amu keessatti mataskaana akka biraa kan {qulleys} je' amu jaare, akka arabni bakka ka'baadhaa isii buufatu jecha' aaf duuba namni arbaa tokko, takkaa jami qureyshi'ii kan warra makkaa aaree, yaman dhaqee mataskaana habasha'aa san, dhokatee gube takkaa waan mooticha habasha'aa dallansise itti dlalage, hoggaa san {abrahaan} {ka'aba} jiysuu khakhatee duula qopheysee {kakgbaa} jiysu'uu baye.

Aarba kudha lamaan waji, wanni arba san oofaniif, shanshalata morma {arba} sanitti hidhanii, arba, lamaan shanshal anni gama lamaanin itti hidha'a, {kakgbaa; moggaa isî lamaan baasani, itti arî uudhaa jecha, akka humna {araba} lamaanitiin ka' baan jiydu, haa tayuu {abarahaan} waan ka' eef hin arganne, maalif Rabbiin waa hunda uume, kan ka'abaa guddisaa je' e, ka baadharraa isaan deebisuu qaata muree, tanaaf jecha ashkarri abr-ahaadhaa, hoggaa ganda makkatti dhiyaatu {arbi} isaan oofan gara makkaa deemuu dide, kan yoo gara biraa gara galchan ceyu, odoo isaan kana keessa jiranuu Rabbiin duula sami' ii xayyaaraa itti kaasee dhagaa ibiddaa itti harcaaftee achittia akka hambaa qashaa horiin nyaatee hambisee, yookaa hagee isaan godhe.

#Al_risala_tube

Comments

  1. Lollli Nabiyyiin SAW irratti hin hirmaatin kam fa'a?

    ReplyDelete
  2. Maashaa allah Maashaa allah

    ReplyDelete

Post a Comment

Jazaakumullaahu keeyran

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...