Skip to main content

Seena mooticha ka'abaa jigsuuf kakatee, Rabbiin simbira Ababiil itti kaase dhageessee?

 


Rabbiin ashkara habasha'aa kan {arba} fe'atee ka'aba jiysuuf makkatti duule waan taasise dhageessee?

Si Rabbiin kee mala isaanii hamaa san harkatti hin balleessinee? bakka gayuu hin hanqifnee ? malli badaan isaan deemaniin ka'abaa jiysuudhaa.


Ashkara habasha'aa san shinbirroo tuuta tuutan itti ergee hoggaa isaan makkatti dhiyaatan. Tuuta shinbirro'oo tan dhagaa { si jiülin} Isaan darbattu itti ergmee {sıjl} bordoda ibidda jahannamin gubame yookaa bilcheeffame, dhagaa firii shumbura'arra xixiqqa' aa ,kan firii missirarra gurguda, kan maqaan nama itti darbamu hundaa irratti katabamee jiru, shinbirroon sun bahara keessaa duula dhufte, isii dhagaa sadii sadii, miila lamaanifii afaanittin deemtu, dhagaa yoo mataa ashkararra bu'e, sibiila inni matarraa qabu keessaan mataa seenee, jalaan bayu, kan {arba} isaan deemaniin hunda, keessan fufulla'u.


Akkasitti Rabbiin duula habasha'aa, kan ka'abaa jiysuu deemu hunda fixe, kan nama oduu isaanii himu malee, nam tokkolleen irraan hafin, dhagaan sun ashkaraa san cacabsee. Akka baala midhaani takkaa qashaa horiin nyaatee, miilan irra deeme caccaphsee isaan godhe. 


Barri habashaan makkatti duulte, akka taariikha faranji itti dhibba shanifii torbaatami lama, amanni sun amata nabi Muhammad dhalate islaama dura, amata afurtama jechu abbaan duula sanii abrahaa; je' ama, kan gaafas yaman bulchu', mootii habasha' arraa bakka dhaabbatee, sababaan inni{ka' baa} diigu'uu ka'eef, inni araba mara, kan {ka baa} guddisu kan sanii je'e, amata mara makka dhaqu garraan, mandara guddaa biyya yaman, kan {sankgaa) je'amu keessatti mataskaana akka biraa kan {qulleys} je' amu jaare, akka arabni bakka ka'baadhaa isii buufatu jecha' aaf duuba namni arbaa tokko, takkaa jami qureyshi'ii kan warra makkaa aaree, yaman dhaqee mataskaana habasha'aa san, dhokatee gube takkaa waan mooticha habasha'aa dallansise itti dlalage, hoggaa san {abrahaan} {ka'aba} jiysuu khakhatee duula qopheysee {kakgbaa} jiysu'uu baye.

Aarba kudha lamaan waji, wanni arba san oofaniif, shanshalata morma {arba} sanitti hidhanii, arba, lamaan shanshal anni gama lamaanin itti hidha'a, {kakgbaa; moggaa isî lamaan baasani, itti arî uudhaa jecha, akka humna {araba} lamaanitiin ka' baan jiydu, haa tayuu {abarahaan} waan ka' eef hin arganne, maalif Rabbiin waa hunda uume, kan ka'abaa guddisaa je' e, ka baadharraa isaan deebisuu qaata muree, tanaaf jecha ashkarri abr-ahaadhaa, hoggaa ganda makkatti dhiyaatu {arbi} isaan oofan gara makkaa deemuu dide, kan yoo gara biraa gara galchan ceyu, odoo isaan kana keessa jiranuu Rabbiin duula sami' ii xayyaaraa itti kaasee dhagaa ibiddaa itti harcaaftee achittia akka hambaa qashaa horiin nyaatee hambisee, yookaa hagee isaan godhe.

#Al_risala_tube

Comments

  1. Lollli Nabiyyiin SAW irratti hin hirmaatin kam fa'a?

    ReplyDelete
  2. Maashaa allah Maashaa allah

    ReplyDelete

Post a Comment

Jazaakumullaahu keeyran

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...