Skip to main content
Maleeykaan Guyyaa Hunda Akka Rabbi Siif Kadhattu Ni Feetaa?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Qophii Urjii Ahmad
Dubbisii Share godhi. Kheeyrii share godhuu aadaa haa godhannu.
Dalagaalee Armaan gadii tana hoggaa dalagan Malaaykaan Araaramaa fi Rahmata Rabbirraa namaaf kadhatti.
Dalagaaleen gaggaarii suni tami? yoo jette. Kunoo:

1. Namicha Ilmaan namaa Kheeyrii Barsiisu (Barsiisaa Kheeyrii). Hadiisa Xabraanii fi Tirmiiziin Odeeysan Keeysatti Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan “Allaaha fi Malaaykaan Isaa, hanga mixii boolla keeysa jirtu gahutti ammas hanga Qurxummii Bahara keeysa jirutti Nama kheeyrii Ilmaan namaa barsiisuuf duaa’ii godhan.” Sahiihu Al-Jaamii: 2/133
Barsiisaan Keeyrii ilmaan namaa barsiisu Rabbiin Rahmata Isaaf godha, Malaaykaa, mixii, Qurxummii hundi Rabbi Isaaf kadhatan.


2. Warreen Salataan Masjida jiraachisan.
Hadiisa Sahiiha Muslim keeysatti dhufeen Rasuulli s.a.w “Malaaykaan Nama Salaataaf

Masjida dhufu irratti Rahmata kadhatti. Ni jetti: Yaa Rabbi Rahmata godhuufi, Araaramiif. Waan inni achi keeysatti nama hin rakkisiniin, waan hin dhuufiniin (duaaiin Malaaykaa Isarraa hin dhaabbattu).”

3. Warra Salfii duraa irratti salaatan.
Rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam akkana je’an: “Allaah fi Malaaykaan Isaa Salfii duraa irratti Rahmata buusan.” Sunana Abuu Dawuud, Sahiihu Al-Jaami’i 2/134

4. Warra eega Salaatan booda bakka itti salaatan turan.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’an: “Malaaykaan du’aa’ii gootu tokkoo keeysan waan bakka itti salaate san turan, Yaa Allaah araaramiif, Yaa Allaah Rahmata godhiif je’an. Yoo Dhuufe ykn yoo dhaabbate malee.” Sunana Nasa’i, Sahiihu Al-Jaami’i 6/21

5. Warra banaa tarree (Saffii) salaataa cufan.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Akkana je’e: “Allaahan ol tahe fi Malaaykaan Isaa warra Salfii (Tarree) salaataa maxxanfatanirra
tti Rahmaata buusan, Nama banaa salfii Salaataa cufe Rabbiin saniif jecha sadarkaa isaa ol fuudha.” Sunana ibnu Maajah, Sahiihu Al-Jaamii: 2/135

6. Warra Nyaata Hiraabaa (Nyaata obboroo) Soomana guyyaa dura nyaatu.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Allaaha fi Malaaykaan Isaa warra Hiraaba nyaatu irratti Salawaata buusan (Rahmata).” Sahiih ibn Hibbaan, Sahiihul Jaamii: 2/135

7. Warra Nabiyyii irratti Salawaata buusan.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan “Gabricha Narratti Salwaata buuse Malaaykaan Isarrattillee salawaata buufti. Malaaykaan salwaata Isarratti buusuu irraa hin deemtu hanga inni Salawaata narratti buusaa tureen.” Musnad Imaamu Ahmad, Sahiihul Jaami: 5/174

8. Warra dhukkubsataa gaafatan.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana je’e: “Namni Muslimaa tokko Muslima (dhukkubsate) hogga gaafate Rabbiin Malaaykaa kuma torbaatama Rahmata Isaaf kadhatan erga. Guyyaa keeysaa sa’uma fedhe yoo gaafate hanga galgalaawu Isaaf kadhatan, Halkan keeysa sa’uma fedhe yoo gaafate hanga Ganama seenu isaaf kadhatan.” Sahiihu Al-Jaamii: 5/159
Maddi: Aalamu Al-Malaa’ikati Al-Abraar: 54-56
Rabbiin Warra waan dhagahee fii dubbatetti fayyadamu nu haa taasisu jenna. Amiiin







Al-risala-tube
Al hamdu  lillaah 
fedhii rabbii guddaatiin
xumuurame. 
෴෴෴෴෴෴෴෴෴

ြၜAl-risala-tube
ြၜGaarommina qalbii.   2020

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...