Skip to main content

Posts

Mootummaa Federaalaa ta’e, Kan Naannoo Oromiyaa ofii Isaaniif jecha tarkaanfii fudhatuun of haa quluqulleessan!!!

 ★★★★★★ Yeroo biyyattiin rakkoo siyaasaa hamaa keessa seente kanaatti, rakkoo kana daranuu hammeessuuf haleellaa fi ajjeechaan masjidoota, Imaamoota masjidaa fi ummata nagayaa irratti humnoota nageenyaa da'oo godhatuun raawwatamaa jiru kan salphaatti bira darbamu miti. Harargee Lixaatti Imaama Masjida Taqwaa magaalaa Baddeessaa kan tahan Sheikh Abdallah guyyaa kaleessaa ajjeefamaniiru.  Torban kana keessa qofa, kan kaleessaa  alatti iddoowwaan armaangadiitti tareeyfamaniitti Imaammoota fi masjidoota irratti haleellan raawwatamuu ni yaadatama. 1 ffaa:  Magaalaa Hasaasaa Waraanni Mootummaa Mana Sheek Umar irratti yakka ajjeechaa raawwatanii Haadha manaa isaanii dabalatee Sheek Umariin haala sukkaneessaa ta’een du’uu isaanii ibsanii jiru. Dabalataan Daa’imni ji’a sadihii harma dhabuudhaan guyyaa tokko booda du’uu isii ibsameera. 2ffaa Masjiida Qamar Kan Magaalaa Shashamanneetti Waraanni Mootummaa dallaa Masjiidaa Cabsee Rasaasa karaa foddaa Masjida Qamar jedhamurratti d...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...
Seenaa rasuulaa kutaa 12ffaa ★Umratu Al-Qadaa’i ★Ghazwatu Zaatu-Riqaa’i ★Duula Mu’taa Ghazwatu Zaatu-Riqaa’iGhazwatu Zaatu-Riqaa’i Duula Kheeybar boodaan duula “Ghazwatu Zaatu Riqaa’i” ja’amtuutu godhame. Wanni akkasitti moggaafamteef sababaa Sahaaboonni miila Isaanii irratti cirqii mammarataniifi, kopheen hin qaban ture. Ghazwatu Zaati Riqaa’i Afaan Oromootin duula gaafa carqii akka jechuuti. Isii keeysatti carqiin bakka kophee akka Isaaniif buutu miilatti mammaratan. *** Sababaan duulli Zaatu-Riqaa’ii argamteef: Gosa Ghaxfaanirraa tuutti waraanaa Madiinaa irratti lola banuuf akka walitti qabamaa jirtu oduun Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam bira geeyse. Saniif jecha Sahaaboota 400 waliin Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Madiinaa bahe. *** Gosti Ghaxfaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa gama Isaanii bahuu dhageenyaan dheeysanii bakka hundaa dhabaman. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam bakka isaan walitti qabaman dhaqee nama tokkollee achii dhabe. ***Rasuulli ...

Kusuufa

ـــــــــــــبسمالله ﻟﻠﻪ ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﻋﻠﻰ ﺁﻟﻪ ﻭﺻﺤﺒﻪ  Docmentidhan buufachuuf. Maalummaa kusuufaa ¤ Kusuufa jechuun akka hiika qooqaatti/Lugaatti gara gurraachaatti jijjiiramuu jechuudha. Akka hiika shari'aatti (isxilaahaatti) immoo ifti aduu yookiin jiini/baatiin Guutun guututti tahus hammi tahe irraa haguugamus   ifni  jaraa haala hin baramneen haguugamuu jechuudha. Kusuufas khusuufas ni jedhama Sababani Aduun ykn Jiini kusuufuf waa lama (2) ▶️ Koownii kan jennuun ulamaan hisaabaa ka irra gahe guyyaa akkanaa ji'aa fi aduu jidduu dachiin deebiteeti ifnanni dhokata kan jedhan yookaa  Sababni uumaa immoo kusuufa ji'aatiif lafti jidduu aduutii fi ji’aa galuu yoo ta’u kusuufa aduutiif immoo jiini jidduu aduutii fi lafaa galuudha. ▶shar'iyyaan ammoo Kan namni sababa isaa hin beeyne wahyiidhaan malee , Rabbiin kan Kusuufa argamsiisuf namaan sodaachisuudhafi. Zabana Nabiyyii (Sallallaahu aleeyhi wassalm) yeroo aduun haguugamtu Nabiyyiin (Sallallaahu ale...
KUTAA 11ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 11ƒƒαα  ●Xalayaa gama Mootootaa ergamte ->Gazwatu Zuu-Qarad->Duula Kheeybar. Xalayaa gama Mootootaa ergamte. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Walii galtee Hudeeybiyaa (sulhii Hudeeybiyaa) booda haalli Da’waa toleefii, nageenyi sabannaan, Da’waa Jaziiraa Arabaatii alattis godhuuf carraa argate. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gama Mootoota Arabaa fii Araba hin tahinii Xalayaa Islaamatti Isaan yaamtu itti erge. *** Anas bin Maalik akki je’e: “Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Gama Kisraa, Qeeysar, Al- Najjaashii fii Mootoota abbootii irree hundatti Xalayaa gama Rabbii Isaan yaamtu itti erge.” *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Amri bin Umeeyyaa Ad- Damrii Xalayaadhaan gama Najjaashii erge. Najjaashiin Islaamawee Nabiyummaa Isaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam qeebale. *** Ammas Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Dihyaa bin Khaliifa Al-Kalbii Rabbi Irraa haa jaalatuu gama Qeeysar mootii Ruum (Awrooppaa zamana s...
KUTAA 10ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 10ƒƒαα  ●Sulhii Hudeeybiyyaa ==================== Sulhii Hudeeybiyyaa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam bara Hijirii 6ffaa, Baatii Zuu Al-Qa’adaa keeysa Umraa godhuu akka fedhu Sahaaboota beeysise. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Sahaaboota Isaa wajjiinMakkaa nagayaan kan seene Manaabaan arge. *** Sahaaboonni Dubbii san dhageenyaan hedduu gammadan. Gama Makkaah Bahuuf Sahaaboonni Qophii eegalan. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam warra Baadiyyaatis akka Isaa waliin bahan yaamicha godheef. *** Warri Baadiyyaa bahuu irraa booda aanan. Irra hedduun Isaanii Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhufanii rakkoo adda addaa himatuu eegalan. Rabbiin Quraana Keeysatti Isaan saaxilee Suuraa Fat’hi Aayaata 11 fii tan Isii boodaa buuse. Rabbiin ol tahe akkana je’e:12 “Warri Baadiyaa kan (sirraa) hafan horii fii maatii keenyaatu nu shaakalee nuuf araarami sin jechuuf taa’aan. Waan qalbii Isaanii kheeysa hin jirre afaaniin dubbatan. Ja’...

KUTAA 9ƒƒαα SEENAA RAS※Duula Khandaq irraa hanga Sulhii Hudeeybiyyaa※

KUTAA 9ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 9ƒƒαα  ※Duula Khandaq irraa hanga Sulhii Hudeeybiyyaa※ Duula Khandaq irraa hanga Sulhii Hudeeybiyyaa Ji’a Shawwaal bara Hijrii 5ffaa keeysa duulli Khandaq “Ghazwatu Al-Khandaq” argamte. Maqaan biraa kan ittiin beekkamtu duula Ahzaab “Ghazwatu Al-Ahzaab”. Sababaan duula Ahzaab Yahuudaa fii Gosoonni Araba walii galanii Madiinaa irratti lola banuuf ka’an. *** Waraana kuma 10 gosoota Arabaa adda addaa irraa walitti qabatanii Madiinaa irratti lola banuuf dhufan. Waraana gosoota Arabaa san kan kakaasaa ture Yahudoota. Hogganaaan Duula Ahzaab Abuu Sufiyaan bin Sakh’r bin Harbiiti. *** Salmaan Al-Faarisiin Rabbi irraa haa jaalatuu akka naannoo Madiinaatti Boolla qotan yaada kenne.  Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam yaada Salmaan fudhatee naannoo Madiinaa Boolla qotuu eegalan. Salmaan Al-Faarisiin Rasuula Sallallaahu Aleeyhi wasaallam wajjiin yeroo duraatiif Duula Khandaq irratti hirmaate. *** Lakkoofsi Waraana Rasuulaa sallallaahu aleeyhi ...