Skip to main content

Mootummaa Federaalaa ta’e, Kan Naannoo Oromiyaa ofii Isaaniif jecha tarkaanfii fudhatuun of haa quluqulleessan!!!

 ★★★★★★

Yeroo biyyattiin rakkoo siyaasaa hamaa keessa seente kanaatti, rakkoo kana daranuu hammeessuuf haleellaa fi ajjeechaan masjidoota, Imaamoota masjidaa fi ummata nagayaa irratti humnoota nageenyaa da'oo godhatuun raawwatamaa jiru kan salphaatti bira darbamu miti. Harargee Lixaatti Imaama Masjida Taqwaa magaalaa Baddeessaa kan tahan Sheikh Abdallah guyyaa kaleessaa ajjeefamaniiru.


 Torban kana keessa qofa, kan kaleessaa  alatti iddoowwaan armaangadiitti tareeyfamaniitti Imaammoota fi masjidoota irratti haleellan raawwatamuu ni yaadatama.


1 ffaa:  Magaalaa Hasaasaa

Waraanni Mootummaa Mana Sheek Umar irratti yakka ajjeechaa raawwatanii Haadha manaa isaanii dabalatee Sheek Umariin haala sukkaneessaa ta’een du’uu isaanii ibsanii jiru. Dabalataan Daa’imni ji’a sadihii harma dhabuudhaan guyyaa tokko booda du’uu isii ibsameera.


2ffaa Masjiida Qamar Kan Magaalaa Shashamanneetti


Waraanni Mootummaa dallaa Masjiidaa Cabsee Rasaasa karaa foddaa Masjida Qamar jedhamurratti dhukaaseen Ustaaza Ijoollee Gandaa Qur’aana Qaraasisaniifii Masjiida sanatti Ummata Salaachisan kanta’an Ustaz Kiyaar Taajuu Abdallaa miidhamani yeroo ammaa kana Hospitaala Nageelleetitti yalamaa jiran. Akkasuma Barataa isaani kanta’e Barataa Qur’aanaa Usmaan Haashim, umriin isaa Waggaa 18 kanta’e Rasaasaan dhayamee yeroo ammaa kana Hospitaala Malkaa Odaatti yaalamaa jiraachuu isaa ibsanii jiru.


3 ffaa: Magaalaa Kofalee-Masjiida Kofalee

Gaafa guyyaa 11,12,2012 Waqtii Ummanni Magaalaa Kofalee Salaata Magribaa Masjiida Kofaleetti salaataa jirutti Waraanni Mootummaa dhukaasa Masjida irratti baneen Rasaasni Fooddaa Masjidaa cabsee seene haata’u malee Ummanni waqtii sanatti Sujuuda irra waan jiruuf Rasaasni [Xiyyitiin] nama salaaturratti balaa geessuu dhabuu isaa ibsanii jiru,


4ffaa: Magaalaa Adaabbaa Masjiida Furunaa

Guyyaa 11/12/2012 yeroo Ummanni Salaata Ishaa’ii salaatee Masjiidaa bahaa jirutti Qaamni gurmaaye tokko Masjiida irratti Balaa geessuuf kara Masjiida kanaa dhufee Ummanni Muslimaa haala tasgabbii guddaa qabuun balaa guddaa silaa uumamuu danda’u kana hanbisuu danda’uu isaa ibsanii jiru,


Ajjeechaa ummata nagayaa irratti xiyyeeffatuun raawwatamaa jiru kana mootummaa fi Miidiyaalee mootummaa  akka hin arginiitti callisanii dabruun, kun kan akkanumatti bira darbamuu miti. Dhimmichi qoratame yakkamtoota irratti tarkaanfii kan hin fudhatamne yoo ta’e, mootummaanis itti dhimammuun hatattamaan tarkaanfii kan hin fudhannee fi kan hin dhabsiisne yoo ta’e, Shakkiim mootummaa irratti akka dabalu taasisa. Kun osoo hin uumamin mootummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaa tarkaanfii hatattamaaa fudhatuun shakkii kanarraa of haa qulqulleessan.

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...