Skip to main content

Mootummaa Federaalaa ta’e, Kan Naannoo Oromiyaa ofii Isaaniif jecha tarkaanfii fudhatuun of haa quluqulleessan!!!

 ★★★★★★

Yeroo biyyattiin rakkoo siyaasaa hamaa keessa seente kanaatti, rakkoo kana daranuu hammeessuuf haleellaa fi ajjeechaan masjidoota, Imaamoota masjidaa fi ummata nagayaa irratti humnoota nageenyaa da'oo godhatuun raawwatamaa jiru kan salphaatti bira darbamu miti. Harargee Lixaatti Imaama Masjida Taqwaa magaalaa Baddeessaa kan tahan Sheikh Abdallah guyyaa kaleessaa ajjeefamaniiru.


 Torban kana keessa qofa, kan kaleessaa  alatti iddoowwaan armaangadiitti tareeyfamaniitti Imaammoota fi masjidoota irratti haleellan raawwatamuu ni yaadatama.


1 ffaa:  Magaalaa Hasaasaa

Waraanni Mootummaa Mana Sheek Umar irratti yakka ajjeechaa raawwatanii Haadha manaa isaanii dabalatee Sheek Umariin haala sukkaneessaa ta’een du’uu isaanii ibsanii jiru. Dabalataan Daa’imni ji’a sadihii harma dhabuudhaan guyyaa tokko booda du’uu isii ibsameera.


2ffaa Masjiida Qamar Kan Magaalaa Shashamanneetti


Waraanni Mootummaa dallaa Masjiidaa Cabsee Rasaasa karaa foddaa Masjida Qamar jedhamurratti dhukaaseen Ustaaza Ijoollee Gandaa Qur’aana Qaraasisaniifii Masjiida sanatti Ummata Salaachisan kanta’an Ustaz Kiyaar Taajuu Abdallaa miidhamani yeroo ammaa kana Hospitaala Nageelleetitti yalamaa jiran. Akkasuma Barataa isaani kanta’e Barataa Qur’aanaa Usmaan Haashim, umriin isaa Waggaa 18 kanta’e Rasaasaan dhayamee yeroo ammaa kana Hospitaala Malkaa Odaatti yaalamaa jiraachuu isaa ibsanii jiru.


3 ffaa: Magaalaa Kofalee-Masjiida Kofalee

Gaafa guyyaa 11,12,2012 Waqtii Ummanni Magaalaa Kofalee Salaata Magribaa Masjiida Kofaleetti salaataa jirutti Waraanni Mootummaa dhukaasa Masjida irratti baneen Rasaasni Fooddaa Masjidaa cabsee seene haata’u malee Ummanni waqtii sanatti Sujuuda irra waan jiruuf Rasaasni [Xiyyitiin] nama salaaturratti balaa geessuu dhabuu isaa ibsanii jiru,


4ffaa: Magaalaa Adaabbaa Masjiida Furunaa

Guyyaa 11/12/2012 yeroo Ummanni Salaata Ishaa’ii salaatee Masjiidaa bahaa jirutti Qaamni gurmaaye tokko Masjiida irratti Balaa geessuuf kara Masjiida kanaa dhufee Ummanni Muslimaa haala tasgabbii guddaa qabuun balaa guddaa silaa uumamuu danda’u kana hanbisuu danda’uu isaa ibsanii jiru,


Ajjeechaa ummata nagayaa irratti xiyyeeffatuun raawwatamaa jiru kana mootummaa fi Miidiyaalee mootummaa  akka hin arginiitti callisanii dabruun, kun kan akkanumatti bira darbamuu miti. Dhimmichi qoratame yakkamtoota irratti tarkaanfii kan hin fudhatamne yoo ta’e, mootummaanis itti dhimammuun hatattamaan tarkaanfii kan hin fudhannee fi kan hin dhabsiisne yoo ta’e, Shakkiim mootummaa irratti akka dabalu taasisa. Kun osoo hin uumamin mootummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaa tarkaanfii hatattamaaa fudhatuun shakkii kanarraa of haa qulqulleessan.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...