Skip to main content
Seenaa rasuulaa kutaa 12ffaa

★Umratu Al-Qadaa’i
★Ghazwatu Zaatu-Riqaa’i
★Duula Mu’taa


Ghazwatu Zaatu-Riqaa’iGhazwatu Zaatu-Riqaa’i
Duula Kheeybar boodaan duula “Ghazwatu Zaatu Riqaa’i” ja’amtuutu godhame. Wanni akkasitti moggaafamteef sababaa Sahaaboonni miila Isaanii irratti cirqii mammarataniifi, kopheen hin qaban ture. Ghazwatu Zaati Riqaa’i Afaan Oromootin duula gaafa carqii akka jechuuti. Isii keeysatti carqiin bakka kophee akka Isaaniif buutu miilatti mammaratan.
***
Sababaan duulli Zaatu-Riqaa’ii argamteef: Gosa Ghaxfaanirraa tuutti waraanaa Madiinaa irratti lola banuuf akka walitti qabamaa jirtu oduun Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam bira geeyse. Saniif jecha Sahaaboota 400 waliin Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Madiinaa bahe.
***
Gosti Ghaxfaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa gama Isaanii bahuu dhageenyaan dheeysanii bakka hundaa dhabaman.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam bakka isaan walitti qabaman dhaqee nama tokkollee achii dhabe.
***Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam duula Zuutu Riqaa’ii keeysatti salaata Al-Khowfi (salaata yeroo sodaa) salaaate. Eegas Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam gama Madiinaa deebi’e.
Umratu Al-Qadaa’i Zul Qa’adaa, amata Hijrii 7ffaa keeysa Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam Umraaf Madiinaa irraa bahe. Sulhii Hudeeybiyaa irratti Qaphxiin takka tan irratti waliif galan amata dhufu Umraa godhuudha ture.
***
Umraan sun “Umratu Al-Qadaa’i” jechuun moggaafamte. Wanni akkas ja’aniiniif, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Qureeyshii wajjiin Hudeeybiyaatti amata as deemu akka Umraa godhu waliif galan.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota Sulhii Hudeeybiyyaa irratti argaman wajjiin Madiinarraa bahe. Isaan nama 1400. Warra Sulhii Hudeeybiyyaa irratti argamerraa kan du’e qofaatu hafe. ***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Gaala 60 wareegaaf fudhatee bahe. Ganiinsa Qureeyshii waan sodaateef Meeshaa waraanaatis fi’atee bahe. Zul-Huleeyfaa bakka warri Madiinaa Umraa fii Hajjii irraa hidhatanitti gore.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota wajjiin Zul- Huleeyfaa irraa Umraa hidhatanii “Talbiyaa” (Labeeyka Allaahuma Labeeyka) jechaa gama Makkaah qajeelan.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Makkaa amata torbaaf eega irraa baqate booda yeroo duraatiif seene. Masjida Al-Haraam hulaa “Baabu Banii Sheeybaa” ja’amtuun seene. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Umraa san godhuun hedduu gammade.
***Rasuulli sallallaahu Aleeyhi wasallam Ruknii (Al-Yamaanii) misraaxa Isaatiin tuqee, Huccuu Isaa bobaa jalaan baafatee naannoo 7 Ka’baan naannawe. Hoggaa naannawa isaa xumure
“Maqaamu Ibraahim” duubatti raka’aa lama salaate.
***
Eegasii Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota waliin  Safaa fii Marwaa jidduu fiige. San booda Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam wareega Isaa qale.
***
San booda Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Rifeensa Isaa kabajamaa haaddate. Ma’mar binu Abdullaah Al-Adawii-tu Rifeensa irraa haade. Sahaaboonnis akkuma san dalagan.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkuma Sulhii Hudeeybiyyaa irratti waliif galame Makkaa keeysa guyyaa sadii ture. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gaafa san Ka’abaa keeysa hin seenne, taabootaa fii dhagaalee adda addaa kan Mushrikoonni gabbarantu kheeysa ture.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota Isaa waliin Makkaa kheeysa eega guyya sadii taa’an booda bahan. Hoggaa bakka “Sarifa” ja’amtu gahan ni qubatan.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Haadha Mu’mintootaa Meeymunaa bint Al-Haaris bakka Sarifa ja’amtu sanitti fuudhe. Isiin nama xumura Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam fuudhe.
Meeymunaan Rabbi irraa haa jaalatuu, Amata Hijrii 51 kheeysatti duute.
***
Jalqaba Amata Hijraa 8ffaa kheeysa Zeeynab intalti Nabiyyii
salallaahu aleeyhi wasallam duute. Isiin irra guddoo dubartoota
Rasuulaati Sallallaahu aleeyhi wasallam. Qabrii “Baqii’i”tti
awwaalamte.
***
Khaalid bin Al-Waliid, Amr bin Al-Aas fii Usmaan bin XalhaaBaatii Safar amata Hijiraa 8ffaa kheeysa Islaamawanii Madiinaa
dhufan.
***
Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam Islaamawu Isaaniitin haalaan
gammade. Isaan agarraan Sahaabootaan akkana je’e:
“Makkaan irra caalaa ilmaan Isii isinitti darbite.”
***
Duula Mu’taa  Baatii Jamaada Al-Uulaa, Amata Hijiraa 8ffaa kheeysa duulli
“Ghazwatu Mu’taa” guddoon argamte. Duulli sun Muslimootaa fii
warra “Ghasaasin” jidduuti godhamte. Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam osoo itti hin hirmaatin Duula “Ghazwa” jechuun
moggaafatamte.
***
Rabbiin waan duula sanirratti tahe hunda Nabiyyii Isaa salallaahu
aleeyhi wasallam Osoo Madiinaa taa’u agarsiise.
Sababaan duulli Mu’taa argamteef; Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam Xalayaan Al-Haaris binu Umeeyrii gama Shaam erginaan
karaatti ajjeefame.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam xalayaadhaan gama mootii
“Busraa” biyya Shaam-tti Al-Haaris binu Umeeyri erge. Garuu
Namichi Shuraahbiil bin Amri ja’amu kan warra Ghassaan (Araba
Kiristaanaa irraahi) Ergamaa xalayaa Rasuulaa Sallallaahu aleeyhi
Wasallam geeysuuf deemu karaatti ajjeese.
***
Aadatti Ergamtoota xalayaan Ergaman ajjeesuun dalagaa hamtuu
irraahi lallama, nama ergame tuqun zamana sanitti waan
beekkamuu miti.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota akka lolaaf
qophaawan ajaje. Waraana kuma 3 tahuutu Rasuulaaf Sallallaahu
Aleeyhi Wasallam walitti qabame. Waraanni Sun irra guddaa
waraana Islaamaaf walitti qabameeti.Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam waraana Sanirratti Zeeyd bin
Haarisaa Rabbi irraa haa jaalatuu hogganaa godhe, Yoo inni
ajjeefame Ja’far bin Abii Xaalib Rabbi irraa haa jaalaatuu, yoo Ja’far
Ajjeefame Abdullaahi bin Rawaahaa Rabbi irraa haa jaalatuu,
hogganaa godhe.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam alaabaa Adii Zeeyd bin
Haarisaatti kennee gaggeeyse.
***
Duula Mu’taa irratti Khaalid bin Al-Waliid Rabbi irraa haa jaalatuu
eega Islaamawe yeroo duraatiif hirmaate.
***
Waraanni Muslimootaa kan lakkoofsaan kuma 3 gahu bakka
Ma’aan ja’amtu hoggaa gahe, waraanni “Ghassaan” gargaarsa
Ruumiitiin kuma 200 tahuu oduun Isaan geeyse.
***
Muslimoonni waraana akkasii guddaa san qunnamna yaada ja’u
qabaachuu hin turre. Akkasumaa wajjiin lakkoofsi guddaan
dhagayan Isaan hin sodaachifne
***
Zeeyd bin Haarisaa Rabbi irraa haa jaalatuu, waraana Isaa addaan
qoode,
Gama mirgaa irratti Quxbaa bin Qataadaa hogganaa godhe.
Gama Bitaa irratti Abaayata bin Maalik Al-Ansaarii godhe.
***
Waraanni Muslimaa gama Mu’taa sochii jalqabe. Achitti waraanni
lamaan wal qunname. Yaadi! waraana lakkooysi Isaa 3000 qofaatu
Waraana lakkooysi Isaa kuma 200 gahu qunname.
***
Akkasitti lolli hadhaawaan jalqabe…
Lola Sanirratti Jeynummaan Sahaaboota adawwii isaanillee
dinqisiise ture.
***
Zeeyd bin Haarisaa Alaabaa qabatee Jeeynummaadhaan waraanaKaafiraatin loluutti seene. Muslimoonni Isa wajjiin
jeynummaadhaan loluu itti fufan hanga Ajjeefamutti Rabbi irraa
haa jaalatuu.
***
Hoggaa Zeeyd Ajjeefame Ja’far bin Abii Xaalib Alaabaa fuudhate.
Jeynummaadhaan lolee lolchiisuu itti fufe hanga Ajjeefamutti
Rabbi irraa haa jaalatuu.
***
Hoggaa Ja’far ajjeefame Abdullaahi bin Rawaahaa alaabaa fudhatee
duratti dabre, hanga ajjeefamutti lolee, lolchise.
***
Rabbiin lola Mu’taa deemaa jiru san hunda Rasuula sallallaahu
aleeyhi wasallam osoo Madiinaa jiru Isa agarsiise. Hoggaa
hoggantoonni Sadeen ajjeefaman Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi
Wasallam Ijji Isaa Imimmaan dhangalaasaa: “(Wareegamtoonni
lola Mu’taa) Nu bira jiraachuun kan Isaan gammachisuu hin taane”
Je’e.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam wanni akkas je’eef, Isaan
qananii Shahidummaa booda argatan sanirraa deebi’uu akka hin
feene ibsuufi.
***
Hoggaa Abdullaahi bin Rawaahaa ajjeefame Alaabaan lafatti kufte.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam jara sadeen malee hogganaa
afrafaa hin ramadne. Saabit bin Aqram Alaabaa lafaa fuudhe.
***
Muslimoonni Isa biratti walitti qabaman, Khaalid bin Al-Waliid
dabalatee hundi hoggaa walitti dhufan Alaabaa Khaaliditti kenne.
Khaalid Alaabaa fudhate.
***
Khaalid hoggaa alaabaa fudhatu Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam:
“Seeyfiin Seeyfoota Allaah irraa tahe tokko Alaabaa fuudhe.” Je’e.
***
Khaalid Rabbi irraa haa jaalatuu, waraana Islaamaa tartiiba galchee,waraana adawwii akka galaanaa guddatu dura dhaabbatee loluu
jalqabe.
***
Khaalid Rabbi irraa haa jaalatuu Waraana Muslimootaa hogganaa
adawwii kuma 200 dura dhaabbachuun loluu itti fufe. San booda
waraana Muslimaa dirree lolaa kheeysaa kasaaraa takka malee
baasee Madiinatti deebi’an.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam waraana lola Mu’taa irraa
deebi’een akkana je’an: “Isin warra dheeysee miti, ‘In shaa Allaah’
Isin warra deebi’e.”
*** Ammoo oduun Waraana Mu’taa irraa deebi’een namni: “Yaa warra
dheeyse, Yaa warra dheeyse.” Ja’aniin jettu da’iifa.
Ibnu Is’haaq siiraa Isaa kheeysatti sanada da’iifaan baase.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Ja’far bin Abuu Xaalib lola
Mu’taa irratti eega wareegame booda maatii Isaa ni lallaala.
Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam: “Maatii Ja’far nyaata
dhaabaaf/tolchaaf dhugumatti wanni Isaan shaakalu itti dhufee
jira.” Je’e.
***
Jamaada Al-Aakhir, bara Hijrii 8ffaa kheeysa Rasuulli sallallaahu
aleeyhi wasallam Amri bin Al-Aasiin: “Ani Waraana irratti
(hoggonaa) godheetin si erguu fedha, Rabbiin Boojuu hedduu siif
kenna.” Je’een.
***
Amr bin Al-Aas: “Yaa Ergamaa Allaah! Ani qabeenya barbaada hin
Islaamoyne, Ani kanin Islaama qeebaleef Jihaadaa fii Sii waliin
turuu kajeellaafi.” je’een.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr! Qabeenyii gaariin,
nama gaariif (tahuun) qananiidha/toltuudha!” je’een.
Eegasii Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Amr bin Al-Aas nama
300 wajjiin Ergamtuu Waraanaa irratti hogganaa godhee Isa erge.“Sariyyatu Zaati As-Salaasil” ja’aniin Ergamtuu waraanaa saniin.
***
Amr bin Al-Aas waraana Isaa wajjiin Madiinarraa bahe. Sababaan
Ergamtuun Waraanaa suni ergamteef, Gosa Qudaa’aa-tu Madiinaa
irratti lola banuuf Qophaawaa jira oduu jettuutu Rasuula sallallaahu
Aleeyhi wasallam dhaqqabe. Amr bin Al-Aas isaanitti dhaqe. Isaan
dagachiisee Osoo isaan qophirra jiran dafxaatti Isaan dhawe.
Khasaaraa guddoo isaanirraan gahe.
***
Amr bin Al-Aas Injifatee waraana Isaa waliin Madiinatti deebi’e.
Ergamtuu Waraanaa Zaati As-Salaasil kheeysatti Muslimoota irraa
namni tokkolleen hin madeeyfamne, hin ajjeefamnes. Nagayaan
gama Madiinaa deebi’an, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam
nagayaan galuu Isaanitiif haalaan gammade.
***
Baatii Sha’baan, Amata Hijirii 8ffaa Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam Ergamtuu Waraanaa irratti, Abuu Qaataadaa Al-Haaris
bin Rabi’ii Hogganaa waraanaa godhee erge. Sababaan duula sanii:
Gosa Ghaxfaantu Madiinaa irratti lola banuuf jammaata hedduu
walitti qabataa ture. ***
Abuu Qataadaa fii Warri Isa wajjiin jiru Rabbi Isaanirraa haa
jaalatuu, tuuta Ghaxfaan tan Madiinaa dhahuuf qophirra jirtu lola
itti banan. Tuuta Ghaxfaan irraa gariin ni ajjeefame, gariin ni
booji’ame, hangi hafe ni dheeyse.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...