Skip to main content

Kusuufa


ـــــــــــــبسمالله ﻟﻠﻪ ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ
ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﻋﻠﻰ ﺁﻟﻪ
ﻭﺻﺤﺒﻪ 

Maalummaa kusuufaa

¤ Kusuufa jechuun akka hiika qooqaatti/Lugaatti gara gurraachaatti jijjiiramuu jechuudha.
Akka hiika shari'aatti (isxilaahaatti) immoo ifti aduu yookiin jiini/baatiin Guutun guututti tahus hammi tahe irraa haguugamus   ifni  jaraa haala hin baramneen haguugamuu jechuudha. Kusuufas khusuufas ni jedhama

Sababani Aduun ykn Jiini kusuufuf waa lama (2)

▶️ Koownii kan jennuun ulamaan hisaabaa ka irra gahe guyyaa akkanaa ji'aa fi aduu jidduu dachiin deebiteeti ifnanni dhokata kan jedhan yookaa  Sababni uumaa immoo kusuufa ji'aatiif lafti jidduu aduutii fi ji’aa galuu yoo ta’u kusuufa aduutiif immoo jiini jidduu aduutii fi lafaa galuudha.
▶shar'iyyaan ammoo Kan namni sababa isaa hin beeyne
wahyiidhaan malee ,
Rabbiin kan Kusuufa argamsiisuf namaan sodaachisuudhafi.

Zabana Nabiyyii (Sallallaahu aleeyhi wassalm) yeroo aduun haguugamtu Nabiyyiin (Sallallaahu aleeyhi wassalm) uffata isaanii harkisaa gara masgiidaa dafanii deemuudhaan namootaa wajjin salaatan; haguugamiinsi aduu aayatoota (maallattoowwan) Rabbii keessaa tokko ta'uu isaa, Rabbi gabroottan isaa akka ittiin sodaachisuu fi namootattis qixaaxni akka bu’uuf sababa ta'uu akka danda'u namootatti himan.
Waan isa dhabamsiisuu danda'uttis ajajan:- wanti kun (kusuufni) yeroo argamu salaatatti, duu'aa'iitti istighfaaratti, sadaqaatti, itqiitti (garba bilisoomsuuttii) fi hojiilee gaarii kan biraattis ajajan –
hamma wanti namatti argame kun dhabamutti. Kusuufiin argamuun akka namoonni gara Rabbiitti deebi'anii fi of irratti eeggatan dammaqsuu fi sodaachisuu qaba.
Zabana jaahiliyyaa keessatti kusuufiin kan argamuuf yoo namni guddaan (kabajamaan) dhalate yookiin du'e jedhamee amanama ture.
Ergamaan Rabbii (Sallallaahu aleeyhi wassalm) amantii san kufaa taasisan. Sababaa Rabbi kana godhuufis ibsan.
Hadiitha Bukhaarii fi Muslim gabaasaniin Abuu-Mas'uud Al-Ansaariin (R.A) akkana jedha:-
“guyyaa ilmi Nabiyyii (Sallallaahu aleeyhi wassalm) Ibraahiim du'e aduun haguugamnaan namoonni waan Ibraahiim du'eef aduun haguugamte jedhan;
Ergamaan Rabbii (Sallallaahu aleeyhi wassalm) aduunii fi jiini aayatoota Rabbii irraayyi; du'a nama tokkoofis ta'ee jireenya isaatiif jecha hin haguugaman;
Yeroo waan kana argitan gara zikrii Rabbiitii fi gara salaataatti dafaa’ jedhan”.
Murtiin salaata kusuufaa maali?

Salaanni kusuufaa sunnaa jabeeffamtuu (mu'akkadaa)dha.
Gariin ulamootaa waan Nabiyyiin (Sallallaahu aleeyhi wassalm) itti ajajaniif jecha waajiba jedhaniirus.kusiifni yoo argamte Haga saaqamtutti salaatuu ykn akka rabbiin namarraa saaquf salaatun rabbi kadhatuun barbaachisaa tahuu Salaata kusuufaa keessatti Qaraati ol fuudhanii qara'an jechuu baranna, Guyyas tahu kusuufa aduutif.
Waqtiin salaata kusuufaa
Waytiin salaata kusuufaa eega kusuufni argamee eegalee hanga kusuufni deemutti. 
Hadiisa Aa'ishaan (RA) dabarsite keessatti Nabiyyiin (Sallallaahu aleeyhi wassalm) “yeroo waan kana argitan salaataa” jedhaniiru – (Muttafaqun Alayhi).
Hadiisa Al-Mughiiraa bin Shu'ubaa (Ra) keessatti Nabiyyiin (Sallallaahu aleeyhi wassalm) “wantoota kana lamaan (kusuufa aduutii fi ji'aa) yeroo argitan hanga deemanitti Rabbiin kadhadhaa salaataayis” jedhaniiru (Muttafaqun Âlayhi).
Salaanni kusuufaa eega kusuufni sun deemee booda qadaa hin baafamtu; yeroon isii darbeera. Odoo hin beekin kusuufni sun yoo deeme hin salaatamtu.

Sifaata yookaa akkaataa salaata kusuufaa
Akkaataan itti salaatan akka irra sirrii tahetti gabaabsinee akka armaan gadii kanatti isiniif dhiheeysina.
-Salaatni kusuufaa Raka'aa lama (2) raka'aa lamaanu keeysatti qur'aanni sagaleen ol fuudhamee qara'ama.
-Raka'aa duraa keessatti faatihaa fi suuraa dheeraa akka suuratul baqaraa qixxaatu ykn tilmaama isaatiin qara'ama
-ittii aansee ruku'iin akkaan dheeraatu godhama.
-ittii aansee ruku'ii irraa mataa ol qabatee eega diriiree dhaabbatee booda, akkuma salaata biraa sami'allaahu liman hamida "rabbanaa walakal hamdu " jedha.
-ittii aansee akka salaata biraa sujuuda gadi bu'uu dhiisee haaluma dhaabbatuun suuraa faatihaafii suuraa isa raka'aa duraa keessatti qara'amee gaditti tilmaamamu qixa suuraa Al-imraani qixxaatu qara'ama.
-ittii aansee rukuu'a isa duraatii gaditti rukuu'a dheeraa godhee, akkuma salaata biraa zikrii godha.
-itti aansee mataa isaa ol qabee "sami'allaahu liman hamida rabbanaa walakal hamdu, hamdan kasiiran xayyiban mubaarakan fiih, -jedha- yoo danda'e ammoo itti aansa, Mil'assamaawaati womil'al ardi, womil'a maa shi'ita min shey'in ba'adu" jedha.Haaluma akkuma sunnah keessa argameen rabbii isaa faarsa.
-itti aansee sujuuda dheeraa lama godhee, Taa'umsa (juluusii) sujuudiillee lamaan jidduu jiran ni dheeressa.
Haaluma sunnaadhaan argameenis du'aa'ii godha.
Eegasi olka'e akkuma raka'aa duraa keeysatti hojjate san raka'a lammadaa san keeysatti hojjata.
Ergasii taa'ee attahiyyaata jedheeti salaamata baafatuun xumuura.


Guyyaa kusuufni argamu himuu.
Kusuufni guyyaa akkanaa sa'aa akkanaa irraa ilaa sa'aa kanaatitti ni argama jedhanii dubbachuun kun ilmal geeybi yookaa ilmii fagoo dubbachuudha? 
Waa'ee kanaa irratti gaaffii fatwaa laakkofsa 13507 website imam bin bazi irra deemtanii yoo ilaaltan sirriitti hubattu. Sannirraa gabaabsinee yoo isiniif keennu. 
"ilmii waa'ee kusuufaa dubbachuun yookaa himuun ilmii geeybii yookaa ilmii fagoo hin jedhamu. Sababni isaas kun wanta beektonni falkaa yooka waan qoratoonni waa'ee isaa qoratan guyyaa akkanaa sa'aa akkanaatitti waan aduufii jiinii yookaa dachiin jidduu walii galtuuf. jechuudhaan lafa kaawu. Kun waan hisaabaati. Akka isaan jedhan sana ta'uus ta'uu dhabuus mala. Kanaaf ni kijibdu yookaa dhugaa dubbattan hin jedhaman. Wasnuma mudatu eegan. yoo akka isaan hisaaban sana wal gaxxamee kusuufni argame. Wanta nabiin  (Sallallaahu aleeyhi wassalm) nu ajajan dalaguudha.
Gaafiif deebii website isaanii gubbaattii gaafatame kan afaan arabii akka armaan gadii kana.


"https://binbaz.org.sa/fatwas/13507/"

ﺍﻟﺴﺆﺍﻝ :ﺳﺆﺍﻟﻪ ﺍﻵﺧﺮ ﻳﻘﻮﻝ : ﺃﺣﻴﺎﻧًﺎ ﻳﻘﻮﻝ ﺍﻟﻌﻠﻤﺎﺀ : ﺳﻴﺤﺪﺙ ﻛﺴﻮﻑ ﺃﻭ ﺧﺴﻮﻑ ﻳﻮﻡ ﻛﺬﺍ ﺷﻬﺮ ﻛﺬﺍ ﻓﻲ ﺍﻟﻤﻨﻄﻘﺔ ﻛﺬﺍ ﺍﻟﺴﺎﻋﺔ ﻛﺬﺍ، ﻭﻳﺘﺤﻘﻖ ﻣﺎ ﻳﻘﻮﻟﻮﻥ، ﻫﻞ ﻫﺬﺍ ﻣﻦ ﺍﻟﻌﻠﻢ ﺑﺎﻟﻐﻴﺐ ﺃﻡ ﻻ؟ ﻭﻓﻘﻜﻢ ﺍﻟﻠﻪ 
ﺍﻟﺠﻮﺍﺏ :
ﻟﻴﺲ ﺍﻟﺘﺤﺪﺙ ﻋﻦ ﻭﻗﺖ ﺍﻟﺨﺴﻮﻑ ﻭﺍﻟﻜﺴﻮﻑ ﻣﻦ ﻋﻠﻢ ﺍﻟﻐﻴﺐ ﺑﻞ ﻫﺬﺍ ﻳﺪﺭﻙ ﺑﺎﻟﺤﺴﺎﺏ، ﻛﺜﻴﺮ ﻣﻦ ﺃﺻﺤﺎﺏ ﺍﻟﻔﻠﻚ ﻳﻌﺮﻓﻮﻥ ﻫﺬﺍ ﺍﻟﺸﻲﺀ ﺑﻤﺮﺍﻗﺒﺔ ﺳﻴﺮ ﺍﻟﺸﻤﺲ ﻭﺍﻟﻘﻤﺮ ﻓﻲ ﻣﻨﺎﺯﻟﻬﻤﺎ، ﻓﺈﺫﺍ ﺻﺎﺭﺕ ﺍﻟﺸﻤﺲ ﻓﻲ ﻣﻨﺰﻟﺔ ﻣﻌﻴﻨﺔ ﺃﻭ ﺍﻟﻘﻤﺮ ﻗﺪ ﻋﺮﻓﻮﺍ ﺑﺎﻟﺤﺴﺎﺏ ﺃﻧﻬﺎ ﺗﻜﺴﻒ ﺑﺈﺫﻥ ﺍﻟﻠﻪ ﻓﻲ ﺫﻟﻚ ﺍﻟﻮﻗﺖ، ﻓﻬﺬﺍ ﻳﺪﺭﻙ ﺑﺎﻟﺤﺴﺎﺏ ﻭﻟﻴﺲ ﻣﻦ ﻋﻠﻢ ﺍﻟﻐﻴﺐ، ﺑﻞ ﻫﺬﺍ ﺣﺴﺎﺏ ﺩﻗﻴﻖ ﻳﻌﺮﻓﻪ ﺃﺻﺤﺎﺏ ﺍﻟﻔﻠﻚ ﻭﺍﻟﻨﺎﻇﺮﻭﻥ ﻓﻲ ﺳﻴﺮ ﺍﻟﺸﻤﺲ ﻭﺍﻟﻘﻤﺮ ﻓﻴﺪﺭﻛﻮﻥ ﺫﻟﻚ ﻭﻗﺪ ﻳﻐﻠﻄﻮﻥ، ﻗﺪ ﻳﻐﻠﻄﻮﻥ ﻓﻲ ﺑﻌﺾ ﺍﻷﺣﻴﺎﻥ ﻭﻗﺪ ﻳﺼﻴﺒﻮﻥ، ﻗﺎﻝ ﺃﺑﻮ ﺍﻟﻌﺒﺎﺱ ﺍﺑﻦ ﺗﻴﻤﻴﺔ ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ : ﺇﻥ ﺃﺧﺒﺎﺭﻫﻢ ﻣﻦ ﺟﻨﺲ ﺃﺧﺒﺎﺭ ﺑﻨﻲ ﺇﺳﺮﺍﺋﻴﻞ ﻻ ﺗﺼﺪﻕ ﻭﻻ ﺗﻜﺬﺏ، ﻓﻘﺪ ﻳﻘﻮﻟﻮﻥ ﻳﻜﺴﻒ ﻓﻲ ﻛﺬﺍ ﺃﻭ ﺗﻜﺴﻒ ﺍﻟﺸﻤﺲ ﻓﻲ ﻛﺬﺍ ﺛﻢ ﻻ ﻳﻘﻊ، ﻭﻗﺪ ﻳﻘﻊ ﺫﻟﻚ ﻭﻳﻜﻮﻧﻮﺍ ﻗﺪ ﺿﺒﻄﻮﺍ ﺍﻟﺤﺴﺎﺏ .... ﻗﺪ ﻭﻗﻊ ﺫﻟﻚ .
ﻓﺎﻟﺤﺎﺻﻞ ﺃﻥ ﺃﺧﺒﺎﺭﻫﻢ ﻗﺪ ﻳﻌﺘﺮﻳﻬﺎ ﺍﻟﺨﻄﺄ ﻭﺍﻟﻐﻠﻂ ﻓﻼ ﻳﺼﺪﻗﻮﻥ ﻭﻻ ﻳﻜﺬﺑﻮﻥ ﻭﻟﻜﻦ ﻳﻨﻈﺮ ﻓﻴﻤﺎ ﺃﺧﺒﺮﻭﺍ ﻋﻨﻪ، ﻓﺈﻥ ﻭﻗﻊ ﺍﻟﻜﺴﻮﻑ ﺷﺮﻉ ﻟﻠﻨﺎﺱ ﺫﻛﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﺪ ﺍﻟﻜﺴﻮﻑ ﻭﺍﺳﺘﻐﻔﺎﺭﻩ ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﺻﻼﺓ ﺍﻟﻜﺴﻮﻑ، ﻭﺍﻟﺼﺪﻗﺔ ﻭﺇﻋﺘﺎﻕ ﺍﻟﺮﻗﺎﺏ، ﻭﺫﻛﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﺗﻜﺒﻴﺮﻩ ﻷﻥ ﺍﻟﺮﺳﻮﻝ ﷺ ﺃﻣﺮ ﺑﺬﻟﻚ ﻗﺎﻝ : ‏« ﻓﺈﺫﺍ ﺭﺃﻳﺘﻢ ﺫﻟﻚ ﻓﺎﻓﺰﻋﻮﺍ ﺇﻟﻰ ﺫﻛﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﺩﻋﺎﺋﻪ ﻭﺍﺳﺘﻐﻔﺎﺭﻩ ‏» ، ‏« ﺇﺫﺍ ﺭﺃﻳﺘﻢ ﺫﻟﻚ ﻓﺼﻠﻮﺍ ﻭﺍﺩﻋﻮﺍ ‏» ، ﻭﺃﻣﺮ ﺑﺎﻟﺘﻜﺒﻴﺮ ﻭﺃﻣﺮ ﺑﺎﻹﻋﺘﺎﻕ؛ ﺇﻋﺘﺎﻕ ﺍﻟﺮﻗﺎﺏ، ﻭﻫﺬﺍ ﻛﻠﻪ ﺳﻨﺔ ﻭﻣﺸﺮﻭﻉ ﻭﺛﺎﺑﺖ ﻋﻦ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﻋﻠﻴﻪ ﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ، ﺃﻣﺎ ﺃﺧﺒﺎﺭ ﺍﻟﺤﺴﺎﺑﻴﻦ ﻓﺈﻧﻬﺎ ﻟﻴﺴﺖ ﻣﻦ ﻋﻠﻢ ﺍﻟﻐﻴﺐ ﻟﻜﻨﻬﺎ ﺗﺨﻄﺊ ﻭﺗﺼﻴﺐ، ﻗﺪ ﻳﻐﻠﻄﻮﻥ ﻭﻗﺪ ﻳﺼﻴﺒﻮﻥ . ﻧﻌﻢ
Gorsa ogeeyyii fayyaa.
- yeroo kusuufa aduu ijaan ol ilaaluun dhoorgaadha ija miidha.
-golgaa ijaa kan suuqaa fayyadamuun dhoorkaadha.
-

....XUMUURAME..


.Alhamdu lillaahi rabbil aalamiin.
Du'aa'iin nu hin irraanfatinaa
Nagayaa fi rahmanni nabii keenya irratti haa jiraatu aalii fii sahaabaa warra isa hordofe mara ilaa qiyaammi saa'aa.



Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...