Skip to main content

KUTAA 9ƒƒαα SEENAA RAS※Duula Khandaq irraa hanga Sulhii Hudeeybiyyaa※


KUTAA 9ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.

●KUTAA 9ƒƒαα 
※Duula Khandaq irraa hanga Sulhii Hudeeybiyyaa※


Duula Khandaq irraa hanga Sulhii Hudeeybiyyaa
Ji’a Shawwaal bara Hijrii 5ffaa keeysa duulli Khandaq “Ghazwatu
Al-Khandaq” argamte. Maqaan biraa kan ittiin beekkamtu duula
Ahzaab “Ghazwatu Al-Ahzaab”. Sababaan duula Ahzaab
Yahuudaa fii Gosoonni Araba walii galanii Madiinaa irratti lola
banuuf ka’an.
***
Waraana kuma 10 gosoota Arabaa adda addaa irraa walitti qabatanii
Madiinaa irratti lola banuuf dhufan. Waraana gosoota Arabaa san
kan kakaasaa ture Yahudoota. Hogganaaan Duula Ahzaab Abuu
Sufiyaan bin Sakh’r bin Harbiiti.
***
Salmaan Al-Faarisiin Rabbi irraa haa jaalatuu akka naannoo
Madiinaatti Boolla qotan yaada kenne.
 Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam yaada Salmaan fudhatee naannoo Madiinaa Boolla qotuu
eegalan.
Salmaan Al-Faarisiin Rasuula Sallallaahu Aleeyhi wasaallam wajjiin
yeroo duraatiif Duula Khandaq irratti hirmaate.
***
Lakkoofsi Waraana Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam kuma 3
ture.
 Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam boolla akka qotan
Sahaaboota kudhan hogganaa tokko tokko irratti godhe, Namni
kudhan lafa hanga dhundhuma Afurtamaa akka qotan isaaniifkenne.
***
Osoo waraanni Ahzaab kan lakkoofsi isaa kuma kudhanii Madiinaa
hin gahin Boolli qotamtee raawwatte. Hoggaa Waraanni Ahzaabaa
Madiinaa gahe boolla Isaanii fii Madiinaa jidduu addaan dhorgitu
argan.
***
Duula Khandaq irratti Rasuulaaf sallallaahu Aleeyhi wasallam
Mu’jizaan gurguddoon ni argamte.
Sanirraa:
• Nyaata waa xiqqoo Heddumeeyse.
• Dhagaa Guddaa boolla Osoo qotan Sahaaboonni itti wal
dabranii caphsuu dadhaban, Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi
Wasallam dhawinsa sadii dhawee adda facaase.
• Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Ruum fii Faaris
Muslimoonni akka injiftuuf taa’an itti himuun Sahaaboota
gammachiise.
***
Yahuudaan Banii Qureeyzaa gaafa duula Khandaq Wa’ada Rasuula
sallallaahu aleeyhi wasallam wajjiin qaban ni diigan. Sababaa Saniif
balaan Muslimootarratti akka malee jajjabaatte, Qalbiin
Muslimootaa kokkee geeyse.
Madiinaan waraana kuma kudhaniin marfamtee jirti, gama biraatiin
Yahuudaan Banii Qureeyzaa Madiinaa keeysaa walii galtee
Rasuulaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam diiganii lolaaf deeman.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbiin balaa fii rakkoo Isaan
marsite san hunda akka irraa kaasu kadhate. Rabbiin du’aa’ii Isaa
qeebalee Waraana Ahzaab kan Madiinaa marse Bubbee itti gad
lakkise, Bubbeen itti jajjabaatte, Malaaykoonnis gad bu’anii
Kaafiroota Sodaa Qalbii Isaaniitti darban.
***
Waraanni Ahzaab kum kudhaniin Islaamummaa yeroo dhumaatiif
buqqisuuf karoorfatee dhufe hongawee deebi’e. Madiinaan Nabii
Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Nagaya dhabde, Rabbiin Ahzaababubbeen facaasee nagaya deebiseef.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Eega Duula Khandaq irraa
raawwate gama Mana Isaatti gale. Jibriil dhufee Yahuudaa banii
Qureeyzaa tan walii galtee nagayaa diiydeen akka lolu isa ajaje.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam mana Isaatii Uffata lolaa
uffatee gadi bahe. Sahaaboota Isaatis akkana jechuun ajaje: “Namni
Rabbii fii guyyaa Qiyaamaatti amanu Salaata Asrii ganda banii
Qureeyzaatti malee akka hin salaanne.”
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam ganda banii Qureeyzaa dhaqee
Isaan marse. Sababaa marfamaniif jiruun itti jabaatte, Rabbiin
sodaa qalbii isaanitti darbee harka kennan.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam loltuu Isaanii 400 akka
hidhaman ajaje. Murtii Isaanii Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam
Sa’ad bin Mu’az akka murteeysu itti kenne.
***
Sa’ad bin Mu’az duula Khandaq irratti xiyyi Mushrikootarraa
darbamte Isa waraantee turte. Sa’ad bin Muaz harree irra kaayanii
Isa fidan.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Murtii warra banii
Qureeyzaa sitti kennee harka kee jirti” je’een.
***
Sa’ad bin Mu’az Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jechuun murtii
kenne:
“Isaan keeysatti murtiin ani godhu: Loltuun Isaanii ajjeefamuu,
Dhalaan Isaanii booji’amuu, Qabeenyi isaanii addaan hiramuu.”
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Murtii Sa’ad eega dhageeyfate
booda : “Dhugumatti Murtii Rabbii Samii torbanii ol jiruuti Isaan
irratti murteeysite.” Ja’een.
Akkasitti Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Murtii Sa’ad bin
Muaz hojirra akka oltu ajaje.Sa’ad bin Mu’az duula Khandaq irra osoo jiru Yahuudaan banii
Qureeyzaa walii galtee Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam wajjiin
qaban diiganii lola labsan jechuun dhagayamte. Rasuulli Sallallaahu
Aleeyhi Wasallam Sa’ad bin Mu’az Yahuudootatti ergee itti dhaqe.
Yahuudaan Banii Qureeyzaa: “Walii galtee teeysan diiyne” ja’aniin.
***
Sa’ad bin Mu’az duula Ahzaabaa irratti xiyyi Isa tuyxee akka malee
dhiigni irraa jigaa ture. Hoggaa san Sa’ad bin Muaz: “Yaa Rabbi
hanga banii Qureeyzaa irraa na gammachiiftutti nan ajjeesin” je’ee
kadhate.
***
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam murtii Sa’ad bin Mu’aaz
Yahuudaa banii Qureeyzaa irratti murteeyse hojirra olchuun
Rabbiin eega Isa gammachiise, Sa’ad bin Mu’az Madaan Isaa akka
malee dhiiguu itti fufte, sababaa san du’e.
***
Sa’ad bin Mu’az Rabbi irraa haa jaalatu hoggaa du’e, Rasuulli
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana je’e:
“Arshiin Rahmaan Du’a Sa’ad bin Mu’aziif ni sochoote”
***
Awwaalchaaf Sa’ad bin Mu’aziif kafananii gama Qabrii baa’atanii
hoggaa Isaan deeman, Malaaykaan Sahaaboota wajjiin Isa baa’atte.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana je’e:
“Gaafa Sa’ad bin Mu’az du’e, Malaaykoota kuma tobaatamaatu
gama dachii gadi bu’e, San dura gad bu’anii hin beekan.”
Bazaartu sanada Jabaadhaan odeeyse.
***
Gaafa Sa’ad bin Mu’aaz du’e Sahaaboonni hedduu gaddan. Kan
akka Abuu Bakri As-Siddiiq fii Umar bin Al-Khaxxaab gaafa san ni
booyan.
***
Haati Mu’mintootaa A’ishaan akkana jetti:
“Gaafa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam du’ee fii waahiloonniIsaa lamaan (Abuu Bakrii fii Umar) du’an waan hin tahin hanga
Sa’ad bin Mu’aaz Sahaaboonni nama du’eef kan gaddan hin
agarre.”
***
Rabbiin duula Khandaq Qur’aana keeysatti dubbatee Abadan tan
irraanfatamnee fii Zalaalam tan yaadatamtu isii godhe. Qur’aana
kabajamaa Suuraah Ahzaab kheeysatti Aayaata 9ffaa irraa calqabee
aayaatoota hedduun waa’ee Khandaq dubbatan.
***
San booda Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gosoota Arabaa
irraa warra duula Khandaq irratti hirmaatan Ergamtuu/Seeylii
waraanaa itti erguun, duula walirraa hin cinne itti godhuun adabaa
ture.
***
Bara hijiraa 6ffaa, baatii Rabi’ul Awwal Rasuulli sallallaahu aleeyhi
wasallam Ukaashaa bin Mihsin Ergamtuu waraanaa irratti
hogganaa godhee gosa Banii Asaditti erge. Gosti Banii Asad
dheeysanii addaan faca’an.
***
Baatii Rabii’i Al-Aakhar, Amata Hijraa 6ffaa Rasuulli sallallaahu
aleeyhi wasallam Muhammad bin Maslamaa Ergamtuu waraanaa
irratti hogganaa godhee Gosa Banii Sa’alabaa warra Ghaxfaanitti
erge. Bakka Zuul-Qassaa ja’amutti Lolli Ergamtuu waraanaa sanii
fii warra Ghaxfaan jiddutti argameErgamtuun waraanaa Muhammad bin Maslamaatiin hogganamtu nama 40
wajjiin gama warra Ghaxfaan bahan. Halkan osoo isaan quba hin qabne warri
Mushrikootaa lakkoofsaan nama 100 tahan Isaan marse. Xiyya itti roobsanii
Muslimoota hunda ajjeesan.
Muhammad bin Maslamaan dhawamee kufe. Mushrikoonni hundi dhuman ja’anii
biraa dabran. Muslimoonni karaa san dabran Muhammad bin Maslamaa arganii
baa’atanii Madiinatti galchan.Sanuma booda Baatii Rabii’i Al-Akhir, Bara Hijrii 6ffaa kheeysaRasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Abuu Ubeeydaa bin Al-
Jarraah Ergamtuu waraana irratti hogganaa godhee gama bakka
Zuul-Qassaa ja’amtutti erge. Abuu Ubeeydaan lola irratti banee
Isaanirraa boojuu argateen gama Madiinaa deebi’e.
***
Amatuma Hijirii 6ffaa keeysa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam
Zeeyd bin Haarisaa Hogganaa godhee waraana xiqqaa wajjiin gama
Gosa banii Suleeym erge. Lola irratti banee boojuudhaan gama
Madiinaa gale.
***
Bara Hijirii 6ffaa, Ji’a Jamaadaa Al-Awwal keeysa Rasuulli
sallallaahu aleyhi wasallam Zeeydi bin Haarisaa waraana xiqqaa
waliin erge. Sababaan waraanni sun ergamteef naggaadee
Qureeyshii karaatti qabuufi.
***
Daldaltuu Qureeyshii dhaqqabanii Qabeenya Isaanii hunda, nama
waliin jiruu wajjiin booji’anii Madiinatti galan. Nama Booji’ame
keeysaa Abuu Al-Aas bin Ar-Rabi’ii Jaarsa Zeeynab Intala Rasuulaa
sallallaahu aleeyhi wasallam. Abuu Al-Aas gaafa san Mushrika ture.
***
Zeeynab intalti Nabiyyii sallallahu aleeyhi wasallam Jaarsa isii Abuu
Al-Aas bin Rabi’ii akka nagaya argatu magantaa seenteef. Inni
Mushrika ture. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Magantaa Isii
qeebalee Abuu Al-Aasi fii Qabeenya Booji’ame hunda gad
lakkiseef.
***
Abuu Al-Aas bin Ar-Rabi’ii Makkaatti deebi’ee Qabeenyaa fii waan
Isarra jiru hunda warra Makkaatti deebise. San booda Islaamawe
gama Madiinaa Hijiraa bahe.
*
Inshaa'allaah kutaan itti aanu itti fufa


Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...