Skip to main content

Posts

Walaloo obboleessa keenya irra

 ~ ifa baasaa haqaa Yaa irra caalaa khalqii Yaa ifa baasaa haqaa Yaa gara laafaa namaa Ergamaa khaaliqaa Lubbuukees nuuf laattee Jiruu kankee guutuu Utuu akka kiyyaatii Lubbuunkeelleen duutuu Nagaaf rahmanni rabbii Sirra naaf haabuutuu(saw) zulmiidhaaf baaxila Biyya keessaa kaaftee Waanjoo kufrummaa jalaa Nu muslimoota baaftee Nuuf hin qusanne lubbuukee Nuuf gidiraa meeqa seentee Haqa keenya falmuudhaaf Namootaanis jibbamtee Teessoos si dhorkanii Biyyaas ari'amtee miillikeellee dhiigee Dhagaan situmanii Nuuf taate kana cufaa Ergamaa rahmaanii Duuti naman dhiifne Dhuftee sigeessitee Nu'ii fi si'illee Walirraa fageessitee Yoo sin agines ijaan Seenaa kankee dhageenyee Kunoo Al-risala-tuben . Duula huneeyni Irraa geenye kunoo Galata Rabbii Kutaa 14ffaa  Seenaa Rasuulaa rabbii . Qopheessa fi qindeessaa Mattii Al-risala-tube Duniyaa fi akirraatti Nuf milkeessii  Yaa Rabbii . By Awwal Ahimad Jazaakallaah

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...

Duula huneeynii

  KUTAA 14 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 14 ƒƒαα  Duula huneeynii  Duula Huneeyni irraa hanga Hijrii 9ffaa Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Makkaah injifannoon seene guyyaa 19 Isii kheeysa taa’e. Guyyaa saftii Ji’a Shawwaal, bara Hijirii 8ffaa kheeysa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gama Huneeyn bahe. Huneeyn laga Xaa’ifitti dhihooti. *** Sababaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gama Huneeyn Baheef, Osoo Makka Jiru Gosti Hawaazin warri Xaa’if tuuta guddoo Rasuulaan sallallaahu aleeyhi wasallam loluuf walitti qabaaakka jiran dhagaye. Saniif gama Isaanii bahe itti dhaqe. *** Warra Hawaaziniif loltuu kuma 20tu walitti qabameef, Dubartootaa fii ilmaan Isaanii akkasumas qabeenya Isaanii Gaalaa fii Re’ee hunda qabatanii lolaaf bahan. Hogganaan Isaanii Maalik bin Owf ja’ama. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Makkaa irratti amiira akka tahuuf Attaab bin Useyd bakka buuse. Attaab bin Useyd Islaamummaa kheeysatti Amiira Makkaah kan jalqabaati. ***...

Mootummaa Federaalaa ta’e, Kan Naannoo Oromiyaa ofii Isaaniif jecha tarkaanfii fudhatuun of haa quluqulleessan!!!

 ★★★★★★ Yeroo biyyattiin rakkoo siyaasaa hamaa keessa seente kanaatti, rakkoo kana daranuu hammeessuuf haleellaa fi ajjeechaan masjidoota, Imaamoota masjidaa fi ummata nagayaa irratti humnoota nageenyaa da'oo godhatuun raawwatamaa jiru kan salphaatti bira darbamu miti. Harargee Lixaatti Imaama Masjida Taqwaa magaalaa Baddeessaa kan tahan Sheikh Abdallah guyyaa kaleessaa ajjeefamaniiru.  Torban kana keessa qofa, kan kaleessaa  alatti iddoowwaan armaangadiitti tareeyfamaniitti Imaammoota fi masjidoota irratti haleellan raawwatamuu ni yaadatama. 1 ffaa:  Magaalaa Hasaasaa Waraanni Mootummaa Mana Sheek Umar irratti yakka ajjeechaa raawwatanii Haadha manaa isaanii dabalatee Sheek Umariin haala sukkaneessaa ta’een du’uu isaanii ibsanii jiru. Dabalataan Daa’imni ji’a sadihii harma dhabuudhaan guyyaa tokko booda du’uu isii ibsameera. 2ffaa Masjiida Qamar Kan Magaalaa Shashamanneetti Waraanni Mootummaa dallaa Masjiidaa Cabsee Rasaasa karaa foddaa Masjida Qamar jedhamurratti d...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...
Seenaa rasuulaa kutaa 12ffaa ★Umratu Al-Qadaa’i ★Ghazwatu Zaatu-Riqaa’i ★Duula Mu’taa Ghazwatu Zaatu-Riqaa’iGhazwatu Zaatu-Riqaa’i Duula Kheeybar boodaan duula “Ghazwatu Zaatu Riqaa’i” ja’amtuutu godhame. Wanni akkasitti moggaafamteef sababaa Sahaaboonni miila Isaanii irratti cirqii mammarataniifi, kopheen hin qaban ture. Ghazwatu Zaati Riqaa’i Afaan Oromootin duula gaafa carqii akka jechuuti. Isii keeysatti carqiin bakka kophee akka Isaaniif buutu miilatti mammaratan. *** Sababaan duulli Zaatu-Riqaa’ii argamteef: Gosa Ghaxfaanirraa tuutti waraanaa Madiinaa irratti lola banuuf akka walitti qabamaa jirtu oduun Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam bira geeyse. Saniif jecha Sahaaboota 400 waliin Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Madiinaa bahe. *** Gosti Ghaxfaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa gama Isaanii bahuu dhageenyaan dheeysanii bakka hundaa dhabaman. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam bakka isaan walitti qabaman dhaqee nama tokkollee achii dhabe. ***Rasuulli ...

Kusuufa

ـــــــــــــبسمالله ﻟﻠﻪ ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﻋﻠﻰ ﺁﻟﻪ ﻭﺻﺤﺒﻪ  Docmentidhan buufachuuf. Maalummaa kusuufaa ¤ Kusuufa jechuun akka hiika qooqaatti/Lugaatti gara gurraachaatti jijjiiramuu jechuudha. Akka hiika shari'aatti (isxilaahaatti) immoo ifti aduu yookiin jiini/baatiin Guutun guututti tahus hammi tahe irraa haguugamus   ifni  jaraa haala hin baramneen haguugamuu jechuudha. Kusuufas khusuufas ni jedhama Sababani Aduun ykn Jiini kusuufuf waa lama (2) ▶️ Koownii kan jennuun ulamaan hisaabaa ka irra gahe guyyaa akkanaa ji'aa fi aduu jidduu dachiin deebiteeti ifnanni dhokata kan jedhan yookaa  Sababni uumaa immoo kusuufa ji'aatiif lafti jidduu aduutii fi ji’aa galuu yoo ta’u kusuufa aduutiif immoo jiini jidduu aduutii fi lafaa galuudha. ▶shar'iyyaan ammoo Kan namni sababa isaa hin beeyne wahyiidhaan malee , Rabbiin kan Kusuufa argamsiisuf namaan sodaachisuudhafi. Zabana Nabiyyii (Sallallaahu aleeyhi wassalm) yeroo aduun haguugamtu Nabiyyiin (Sallallaahu ale...