Skip to main content

Walaloo obboleessa keenya irra

 ~ ifa baasaa haqaa

Yaa irra caalaa khalqii

Yaa ifa baasaa haqaa

Yaa gara laafaa namaa

Ergamaa khaaliqaa

Lubbuukees nuuf laattee

Jiruu kankee guutuu

Utuu akka kiyyaatii

Lubbuunkeelleen duutuu

Nagaaf rahmanni rabbii

Sirra naaf haabuutuu(saw)

zulmiidhaaf baaxila

Biyya keessaa kaaftee

Waanjoo kufrummaa jalaa

Nu muslimoota baaftee

Nuuf hin qusanne lubbuukee

Nuuf gidiraa meeqa seentee

Haqa keenya falmuudhaaf

Namootaanis jibbamtee

Teessoos si dhorkanii

Biyyaas ari'amtee

miillikeellee dhiigee

Dhagaan situmanii

Nuuf taate kana cufaa

Ergamaa rahmaanii

Duuti naman dhiifne

Dhuftee sigeessitee

Nu'ii fi si'illee

Walirraa fageessitee

Yoo sin agines ijaan

Seenaa kankee dhageenyee

Kunoo Al-risala-tuben

.

Duula huneeyni

Irraa geenye kunoo

Galata Rabbii

Kutaa 14ffaa 

Seenaa Rasuulaa rabbii

.

Qopheessa fi qindeessaa

Mattii Al-risala-tube

Duniyaa fi akirraatti

Nuf milkeessii 

Yaa Rabbii

.

By Awwal Ahimad


Jazaakallaah

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...