Seenaa rasuula kutaa 8ffaa Duula Banii An-Nadiir irraa hanga Khandaq Bara Hijirii 4ffaa, Baatii Rabi’uul Awwal keeysa Duulli Banii AAn- Nadiir “Ghazawatu banii An-Nadiir” Argamte. Suni Duula Yahuudaa wajjiin godhamte tan lammaffaati. Sababaan Isii, Yahuudaatu Rasuula sallallaahu Aleeyhi wasallam Ajjeesuuf mala dhahe. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam itti dhaqee ganda Isaanii keeysatti Isaan marse. Rabbiin Sodaa qalbii Isaanitti darbee harka kennan. Madiinaa gad lakkisanii akka bahan Rasuula sallallaahualeeyhi wasallam wajjiin waliigaltee godhan. Waan Gaalli Isaanii fi’achuu dandahu fi’atanii Madiinaa bahan. *** Suuraan Al-Hashr guututti Duula Banii An-Nadiir keeysatti buute. Waa’ee duula Banii An-Nadiir Suuraan Al-Hashr addaan baaftee himti. Ammoo Duula Banii An-Nadiir siiraa kheeysatti haalaan yoo baratan Malee Suuraan Al-Hashr namaaf adda hin baatu. *** Ji’a Sha’baan, bara Hijiraa 4ffaa Duulli Badrii tan biraa “Ghazwatu Badri Al-Aakhiraa” tan ja’amuun beekkamtu argamte. Duul...
بسم الله ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﷺ ............. ......................... Al-risala-tube ............................... Gaarommina Qalbii. . . 🎙 Gorsaalee fi ergaawwan miidiyaalee islaamaa argattu. Inshaa'allaah