Skip to main content

RAMADAANA MAAL DALAGUUTU MILKITTI NAMA GEEYSA?

RAMADAANA MAAL DALAGUUTU MILKITTI NAMA GEEYSA?
==============================
=============
  • Qophii: Urjii Ahmad
Ramadaanni baatii ibaadaan akkaan keessatti qeebalamtuu fii baatii akkaan Rabbi gabbaruun gama Rabbii dhihaatanirraahi.
  • Ibaadaan Gurguddoon Ramadaana keessa dalagamtu:

1. Shirkii irraa Towbachuu fii Rabbi qofa gabbaruun gama Rabbii dhihaachuu.

2. Salaata shanan Dirqamaa sa'aa isiitti salaatuun qunnamtii Rabbii wajjiin jabeeysuudha. Rabbiin warra waan dirqama irratti godhe dalagu Jaalata.

3. Salaata Sunnaa hunda itti ariifachuun akka aadaa taatee nurratti haftu tattaafachuudha. Sunnaah heddumeeysuun Rabbitti nama dhiheeysa.
*Salaata Sunnaah irraa: Sunnaa Salaataa dirqamaa duraa fii boodaa. Subhii dura raka'aa 2, Zuhrii dura 4, Zuhrii Booda 2, Asrii dura 4, Maghriba booda 2, Ishaa'ii booda 2.
*Salaata halkanii (taraawii) Amata guutuu halkan hunda Salaata Ishaa'ii booda rak'aa 3, 5, 7, 11, fii sanii ol salaatuun ni dandahama. ta dhumaa rak'aa 1 godhanii cufuudha. Namni rak'aa sadii salaatuu fedhe lama kophaa salaatee eega irraa bahe takkaan fixa. Sadeen walitti dhaabee fixus ni dandaha. Ammoo Ramadaana keessa masjidatti Jam'aan taraawii salaatuun Sunnaadha.
*Salaata Duhaa, salaata zuhrii dura sa'aa 5 fii naannoo sanitti salaatamu. Rak'aa lamaan suni qaama hundarraa sadaqaadha jechuutu jira hadiisaan.

4. Quraana qara'uu fii Zikrii guddisuun Ramadaana keessa haalaan barbaachiisaadha.
Ramadaanni walumaa galatti baatii Quraanaati. Quraana qara'uu, hikkaa isaa irraa baruu fii itti dalaguun lubbuu ifii leenjisuun Ramadaana keessa.
Zikrii hedduutu jira ta Rasuularraa s.a.w odeeyfamte. Husnul Muslim irraa zikrii haffazuu fii aadaa godhachuun ramadaana keessa. Zikrii ganamaa fii galgalaa, Zikrii salaata boodaa, zikrii yeroo hirribaa fii hedduu jira.

5. Ramadaanni baatii sadaqaati. Miskina fira keenyaa, ollaa keenyaa, biyya teenyaa fii kan adunyaa baatiin yaadannu Ramadaana keeysa.

6. Amala badaa gadii galoo nama godhuu yeroon dhiisanii irraa garagalan Ramadaana keeysa. namni guyyaa guutuu beelaan, dheebuun, akkasuma fedhii adda addaa if qabee ole, kan halkan san booda taraawii salaatee manatti galee waan isaa laafe Quraanarraa qara'ee baatii guutuu dabarse lubbuu leenjisuu fii jijjiruun akka tahu dhugumatti hubata. Sijaaraa, Shiishaa, Filimii adda addaa, Muziiqaa, Farshoo, Zinaa, Nama hamatuu, Jazbummaa yeroon dhiisan ramadaana.
====
Ramadaana leenjii lubbuu, qaamaa, nafsiyyaatiif qophaawuun haalaa fii amala Rasuulaa s.a.w hojirra olchuuf if qopheeysuutu milkii Ramadaanaatiin nama gaha.
Warra Ramadaana keessa milkaawu jechuun warra Ramadaana keessa ibaadaa godhuu fii Towbachuun Rabbitti dhihaatan jechuu malee warra biraatii miti.
Rabbiin warra Ramadaana keessa milkaawu sanirraa nu haa godhu.
Share godhuun kheeyrii Tana Nama Hundaaf Facaasi.


_Qindeessaan.
ြၜAl-risala-tube
ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...