Skip to main content

RAMADAANA MAAL DALAGUUTU MILKITTI NAMA GEEYSA?

RAMADAANA MAAL DALAGUUTU MILKITTI NAMA GEEYSA?
==============================
=============
  • Qophii: Urjii Ahmad
Ramadaanni baatii ibaadaan akkaan keessatti qeebalamtuu fii baatii akkaan Rabbi gabbaruun gama Rabbii dhihaatanirraahi.
  • Ibaadaan Gurguddoon Ramadaana keessa dalagamtu:

1. Shirkii irraa Towbachuu fii Rabbi qofa gabbaruun gama Rabbii dhihaachuu.

2. Salaata shanan Dirqamaa sa'aa isiitti salaatuun qunnamtii Rabbii wajjiin jabeeysuudha. Rabbiin warra waan dirqama irratti godhe dalagu Jaalata.

3. Salaata Sunnaa hunda itti ariifachuun akka aadaa taatee nurratti haftu tattaafachuudha. Sunnaah heddumeeysuun Rabbitti nama dhiheeysa.
*Salaata Sunnaah irraa: Sunnaa Salaataa dirqamaa duraa fii boodaa. Subhii dura raka'aa 2, Zuhrii dura 4, Zuhrii Booda 2, Asrii dura 4, Maghriba booda 2, Ishaa'ii booda 2.
*Salaata halkanii (taraawii) Amata guutuu halkan hunda Salaata Ishaa'ii booda rak'aa 3, 5, 7, 11, fii sanii ol salaatuun ni dandahama. ta dhumaa rak'aa 1 godhanii cufuudha. Namni rak'aa sadii salaatuu fedhe lama kophaa salaatee eega irraa bahe takkaan fixa. Sadeen walitti dhaabee fixus ni dandaha. Ammoo Ramadaana keessa masjidatti Jam'aan taraawii salaatuun Sunnaadha.
*Salaata Duhaa, salaata zuhrii dura sa'aa 5 fii naannoo sanitti salaatamu. Rak'aa lamaan suni qaama hundarraa sadaqaadha jechuutu jira hadiisaan.

4. Quraana qara'uu fii Zikrii guddisuun Ramadaana keessa haalaan barbaachiisaadha.
Ramadaanni walumaa galatti baatii Quraanaati. Quraana qara'uu, hikkaa isaa irraa baruu fii itti dalaguun lubbuu ifii leenjisuun Ramadaana keessa.
Zikrii hedduutu jira ta Rasuularraa s.a.w odeeyfamte. Husnul Muslim irraa zikrii haffazuu fii aadaa godhachuun ramadaana keessa. Zikrii ganamaa fii galgalaa, Zikrii salaata boodaa, zikrii yeroo hirribaa fii hedduu jira.

5. Ramadaanni baatii sadaqaati. Miskina fira keenyaa, ollaa keenyaa, biyya teenyaa fii kan adunyaa baatiin yaadannu Ramadaana keeysa.

6. Amala badaa gadii galoo nama godhuu yeroon dhiisanii irraa garagalan Ramadaana keeysa. namni guyyaa guutuu beelaan, dheebuun, akkasuma fedhii adda addaa if qabee ole, kan halkan san booda taraawii salaatee manatti galee waan isaa laafe Quraanarraa qara'ee baatii guutuu dabarse lubbuu leenjisuu fii jijjiruun akka tahu dhugumatti hubata. Sijaaraa, Shiishaa, Filimii adda addaa, Muziiqaa, Farshoo, Zinaa, Nama hamatuu, Jazbummaa yeroon dhiisan ramadaana.
====
Ramadaana leenjii lubbuu, qaamaa, nafsiyyaatiif qophaawuun haalaa fii amala Rasuulaa s.a.w hojirra olchuuf if qopheeysuutu milkii Ramadaanaatiin nama gaha.
Warra Ramadaana keessa milkaawu jechuun warra Ramadaana keessa ibaadaa godhuu fii Towbachuun Rabbitti dhihaatan jechuu malee warra biraatii miti.
Rabbiin warra Ramadaana keessa milkaawu sanirraa nu haa godhu.
Share godhuun kheeyrii Tana Nama Hundaaf Facaasi.


_Qindeessaan.
ြၜAl-risala-tube
ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...