Skip to main content

Posts

Showing posts from March, 2020

Israa’i fii Mi’raaj

KUTAA 3ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 3ƒƒαα "A". ■Israa'aa fi mi'iraaja. Israa’i fii Mi’raaj. Haala hamaa akkasii kheeysatti Israa’a fii Al-Mi’raaj Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam kabajuuf, da’waa amata dheeraa boodaan dhufte. Rabbiin ol tahe qissaa Israa’i Suurat Al-Israa’i keeysatti ibse, Waa’ee Al-Mi’raaj ammoo Suuraa An-Najm keeysatti dubbate. *** Imalli Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Israa’i fii Mi’raaj kheeysatti godhe sun irra guddaa Mu’jiizaa Rabbiin Ergamaa Isaatiif kennerraahi. • Israa’a jechuun deemsa halkan Makka irraa gama Masjida Al- Aqsaa godhame. • Mi’raaj jechuun deemsa Al-Aqsaa irraa gama samii torbanii godhame. *** Argamiinsi deemsa Israa’i fii Mi’raaji suni halkan tokkotti raawwatte. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Ishaa’ii Makkaah bahee Fajriidura Makkatti deebi’e. Dhugumatti Mu’jizaa ilmi namaa yaaduu hin dandeenye irraahi taate. *** Jibriil Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam itti dhufee Makkaa ...
■KUTAA 2ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 2ƒƒαα "C" ■Nabiyyummaa irraa hanga Hijiraa. Qureeyshiin faca’insa Islaamaatii fii baballachuu Isaa hoggaa agarte, seera haarawa akkaan miidhaa fii daangaa dabraa tahe tumatte. Innis: Banii Haashim fii Banii Al-Muxxalib (Fiiroota Rasuulaa Sallallaahu aleyhi wasallam kan firummaaf jecha Isa gargaaran) ifirraa muranii qoqqobbi irra kaayuuf waraqaa katabanii irratti waliigaltan. *** Isaan Muruu fii Qoqqobii irra kaayuu jechuun: Isaanitti hin gurguran, irraa hin bitan, Isaan wajjiin hin taa’an, Isaaniin walitti hin laaqqatan (hin makaman), Dubartii Irraa hin fudhan, itti hin kennan, hanga Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam dabarsanii kennaniiti. *** Banii Abdu Al-Muxxalib fii Banii Haashim gaara lama jidduutti walitti qabamanii kophaa jiraachuuf dirqaman, bakki sun “Shi’bu Abuu Xaalib” jechuun moggaafamte. Amata 3 haala saniin namarraa muramanii rakkinaan dabarsan. *** Firoota Rasuulaa Sallallaahu aleeyhi wasal...
■ KUTAA  2ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 2ƒƒαα "B". ■Nabiyyummaa irraa hanga Hijiraa. Qureeyshiin achitti hin dhaabbanne, ammas tooftaa biraa kan Yaamicha Rasuulaa Sallallaahu aleeyhi wasallam fashalsaniin itti yaadanii baafatan. Sunis Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallm hanjamaa itti godhuu fii isa xiqqeeysuudha. Namoota Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hanjamaa itti godhuun xiqqeeysaa turan kheeysaa, matootiin: Al-Aswad bin Abd Yaghuus Al-Aswad bin Al-Muxxalib fii warra birooti. *** Haala saniin Qureeyshiin nama amane hunda rakkisuu itti fufte. Balaan Sahaaboota irra geeysu hedduu jabaatte. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam gama Habashaa Hijiraa akka godhan isaaniif hayyame. *** Baatii Rajab, Amata 5ffaa Nabiyyummaa boodaan, Sahaaboonni kabajamoon Dhiira 11 fii dubartoonni 4 gama lafa Habashaatti yeroo duraatiif Hijiraa bahan Namni Hijraaf dura Makkaa kheeysaa gama lafa Habashaa bahe Usmaan bin Affaanii fii ...
■KUTAA 2ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 2ƒƒαα "A". ■Nabiyyummaa irraa hanga Hijiraa. Umriin Isaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Amata 40 hoggaa guute,  Wahyiin duraa irratti buute.  Suuraan Iqraa’i Osoo Inni gaara Hiraa  jiru Qur’aanarraa yeroo duratiif irratti buute Eega Suuraan Iqraa’i (Al-Alaq) irratti buute booda, Wahyiin  guyyoota muraasaaf addaan citte. San booda Suuraa Al-Muddasir-tu irratti bu’e.  Ega wahyiin citte  Suuraan dura buute Al-MuddasirDa’waan ykn Yaamichi Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam  godhaa ture haala yeroo inni kheeysa dabreen hoggaa laalle, bakka  lamatti qoodamti:  1- Da’waa Makkiyyaah Yaamicha gaafa Makkaah jiruuti, Yaamichi  gaafa Makkaah jiru godhe, amata 13 fudhatte.  2- Da’waa Madaniyyaah Yaamicha eega Madiinaatti Hijiraa  godheeti, Amata 10 fudhatte.  • Da’waan ykn Yaamichi Makkaah bakka lamatti qoodamti:  1- Da’waa iccitii (dhooysaati): Amata sadiihiif d...