Skip to main content

Israa’i fii Mi’raaj

KUTAA 3ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.

●KUTAA 3ƒƒαα "A".


■Israa'aa fi mi'iraaja.
Israa’i fii Mi’raaj.

Haala hamaa akkasii kheeysatti Israa’a fii Al-Mi’raaj Rasuula
sallallaahu aleeyhi wasallam kabajuuf, da’waa amata dheeraa
boodaan dhufte.
Rabbiin ol tahe qissaa Israa’i Suurat Al-Israa’i keeysatti ibse, Waa’ee
Al-Mi’raaj ammoo Suuraa An-Najm keeysatti dubbate.
***
Imalli Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Israa’i fii Mi’raaj
kheeysatti godhe sun irra guddaa Mu’jiizaa Rabbiin Ergamaa
Isaatiif kennerraahi.
• Israa’a jechuun deemsa halkan Makka irraa gama Masjida Al-
Aqsaa godhame.
• Mi’raaj jechuun deemsa Al-Aqsaa irraa gama samii torbanii
godhame.
***
Argamiinsi deemsa Israa’i fii Mi’raaji suni halkan tokkotti
raawwatte.
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Ishaa’ii Makkaah bahee Fajriidura Makkatti deebi’e.
Dhugumatti Mu’jizaa ilmi namaa yaaduu hin dandeenye irraahi
taate.
***
Jibriil Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam itti dhufee Makkaa
Mana Isaatii gama Ka’abaa Isa geeyse.
Ka’abaa biratti Jibriil Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam Qooma
Isaa dhoosee Qalbii Isaa bishaan Zamzamiin dhiqe, Iimaanaa fii
Hikmaa itti guutee cufe.
***
Eegas Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Jibriil wajjiin “Buraaq”
Yaabbate.
Libsuu Ijaa Booda Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Jibriil waliin
Masjiida Al-Aqsaatti if arge.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam hoggaa Jibriil wajjiin Masjida
Al-Aqsaa ol seene waan ajaa’baa arge.
Rabbiin Ambiyootaa fii Rusuloota (Ergamtoota) hunda Isaaf
jiraachise, achitti arge.
***
Lakkoofsi Ambiyaa kuma 123.
Rusuloonni 315.
Lakkooofsi Ambiyootaa fii Rasulootaa Hadiisa Abii Zarrii odeeyse
kan Ibnu Hibbaan Sahiiha Isaa keeysatti baase kheeysatti dhufe.
***
Hoggaa Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Jibriil waliin Masjida
Al-Aqsaa ol seene Salaataaf ni iqaamame. Jibriil Rasuula Sallallaahu
aleeyhi wasallam duratti dabarse, akka imaamoota ilmaan namaatiif
(Ambiyootaaf) inni Imaama tahuuf jecha.
Sadarkaan sanitti qixxaattu ni jirtii?!! Imaamoota dhala namaa
hundaaf Imaama tahe Sallallaahu Aleeyhi wasallam.
***
Hoggaa Ambiyootaaf Imaama tahee salaata irraa rawwaate,
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Mi’raaj godhutti dabarfame.
Jibriil wajjiin hanga Libsuu ijaatti Samii Duniyaa gahan.Isaaniif banamee seenan, Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Isii
kheeysatti waan ajaa’ibaa arge.
***
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam samii duniyaa kheeysatti
Abbaa ilmaan Namaa Aadam Aleeyhi salaam arge.
Ammas akkaataa warri qabeenya yataamaa (Ilmaan Abbaan irraa
du’e) miidhaa nyaatan itti azzabaman (Adabaman) arge.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Samii duniyaa kheeysatti waan
argerraa:
Haala warra nama hamatuu itti azzabamu
Haala warra zinaa dalage itti azzabamu
Haala warra Ribaa (dhala) nyaatu itti azzabamu arge.
Dalagaa akkasii hamtuu hundarraa Rabbi nu haa tiiysu.
***
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam egas gama samii lammaffaa
Jibriil waliin ol bahe.
Isii keeysatti Ilmaan haboo Yahyaa ilma Zakariyaa fii Iisaa ilma
Maryam Nageenyi Isaan irratti haa jiraatuu arge.
***
Eegas Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam gama samii 3ffaa Jibriil
waliin ol bahe.
Isii keeysatti Yuusuf Aleeyhi salaam arge.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam waa’ee Yuusuf irraa akkana
je’e: “Inni bareedina irraa cinaa/walakkaa kenname.” Akkas
jechuun bareedinuma waan ja’amu walakkaa Isaatu qaba.
***
Eegas Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam gama samii 4ffaa Jibriil
waliin ol bahe.
Isii keeysatti Idriis Aleeyhi salaam arge.
***
Eegas Rasuulli sallallahu aleeyhi wasallam gama samii 5ffaa Jibriil
waliin ol bahe.
Isii keeysatti Haarun Aleeyhi salaam arge.Eegas gama samii 6ffaa Jibriil waliin ol bahe sallallaahu aleeyhi
wasallam.
Isii keeysatti Muusaa Aleeyhi salaam arge.
***
Eegas gama samii 7ffaa Jibriil waliin ol bahe sallallaahu aleeyhi
wasallam.
Isii kheeysatti Abbaa Ambiyootaa Ibraahim aleeyhi salaam arge.
***
Nabi Ibraahim Rasuulaan Sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’een:
“Ummata keetirratti salaamtaa naaf qari’i, ammas wanni Isaaniif
himtu: Jannata biyyeen Isii bareedduu, bishaan Isii mi’aawaa,
habaqaalli (Chiginyiin) isii: SUBHANALLAAH,
ALHAMDULILLAAH, LAA ILAAHA ILLA ALLAAH,

ALLAAHU AKBAR.”

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...