Skip to main content
KUTAA 2ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.

●KUTAA 2ƒƒαα "B".


■Nabiyyummaa irraa hanga Hijiraa.


Qureeyshiin achitti hin dhaabbanne, ammas tooftaa biraa kan

Yaamicha Rasuulaa Sallallaahu aleeyhi wasallam fashalsaniin itti

yaadanii baafatan. Sunis Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallm

hanjamaa itti godhuu fii isa xiqqeeysuudha.

Namoota Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hanjamaa itti

godhuun xiqqeeysaa turan kheeysaa, matootiin:

Al-Aswad bin Abd Yaghuus
Al-Aswad bin Al-Muxxalib
fii warra birooti.
***
Haala saniin Qureeyshiin nama amane hunda rakkisuu itti fufte.
Balaan Sahaaboota irra geeysu hedduu jabaatte. Rasuulli Sallallaahu
Aleeyhi wasallam gama Habashaa Hijiraa akka godhan isaaniif
hayyame.
***
Baatii Rajab, Amata 5ffaa Nabiyyummaa boodaan, Sahaaboonni
kabajamoon Dhiira 11 fii dubartoonni 4 gama lafa Habashaatti
yeroo duraatiif Hijiraa bahan Namni Hijraaf dura Makkaa kheeysaa gama lafa Habashaa bahe
Usmaan bin Affaanii fii Jaartii Isaa Ruqiyyaa intala Rasuulaati
Sallallaahu aleeyhi wasallam.
Amiirri (Dura bu’aan) Isaanii Usmaan bin Maz’uun ture. 
***
Ammoo Hadiisarraa waa’ee Hijraa gama Habashaa ilaalchisee:
“Usmaan fii Ruqiyyaan eega Luuxii fii Ibraahim Nama dura Hijiraa
bahe.” kan ja’u, Haakim Mustadrak kheeysatti gabaase.
Hadiisni Da’iifa.
***
Baatii Ramadaanaa Nabiyyummaa booda amata 5ffaa kheeysa
Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam gama Ka’abaatti gad bahe.
Qureeyshiin damiinoota Isii wajjiin wal geeysee Masjida Harama
jirti. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam sagalee ol fuudhee
Suuraa An-Najm qara’uu jalqabe, hoggaa bakka Sajdaa (sujuuda
Qur’aanaa) gahe ni sujuude, guddina aayaatoota dhagahaniitiin
buutamanii Mushrikootaa fii Muslimoonni bakka san jiran hundi
Isa wajjiin sujuuda bu’an.
***
Mushrikoonni Makkaa Sujuuda bu’uun Warra Habashaatti Hijiraafbahan bira gahe. Oduun jijjiramtee warri Makkaa Islaamawan
jechuun Isaan dhaqabde. Warri lafa Habashaatti Hijiraa bahe baatii
Shawwaal Nabiyyummaa booda amata 5ffaa kheeysa gama
Makkaah deebi’an.
***
Yeroo balaan Muslimootarra gahaa turte akka malee jajjabaatte san
kheeysatti, Hamzaa bin Abdu Al-Muxxalib Rabbi irraa haa jaalatuu
Islaamummaa qeebale.
Isa boodaan Umar bin Al-Khaxxaab Rabbi irraa haa jaalatuu ni
Islaamawe. Islaamawuu Isaan lamaaniitiin Islaamni daran jabaatte.
***
Akkaataan Umar itti Islaamawe sanadaan hin sabanne.
Qissaan beekkamtuun “obboleeytii Isaa kabalee, San booda
Qur’aana qara’ee….” jettuu san Ibnu Is’haaq sanada malee baase.
***
Qureeyshiin ammas tooftaa haarawa baafachuun Nabiyyii
Sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhufte. Malli haarawni baafatan:
Qabeenya guddaa, Dubarti ati feete fii Mootii si goona jechuun
sossobuuf yaalan, akka inni saniif jecha yaamicha gama Islaamaa
godhurraa dhaabbatuuf.
***
Qureeyshiin Utbaah bin Rabii’aa Rasuula Sallallaahu Aleeyhi
wasallam bira dhaqee, yaada Isaanii Isarra akka fiduu fii Isa
sossobuuf itti ergan Utbaa bin Rabii’aa Rasuula sallallaahu Aleeyhi wasallam bira dhufee: “Waan
dhufte kanaan Yoo Qabeenya feete, walitti siif qabnee irra qabaataa keenya si
goona, yoo aangoo feetes damiina keenyaa fii hogganaa keenya si goona,
Mootummaa feetus mootii keenya si goona, yoo waan sitti dhufu kana firraa oofuu
dadhabdes qabeenya keenyaan si wal’aanna.” Jedheen. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi
wasallam Suuraa Fussilat irratti qara’e.Utbaa bin Rabii’aa Qureeyshitti deebi’ee: “Dubbii Isaa dhageefadheettin dhufe,
Wallaahi waan akkasii dhagayee hin beekhu, waanin itti deebisus nin wallaale,
Dhugumatti suni Walaloo miti, Sihriillee miti, Falfalas miti, Yaa Jammaata
Qureeyshii! Takkattii tana qofa na dhagayaa, Isaa fii waan inni itti nama yaamu
jidduu bahaa, irraa fagaadhaa, Wallaahi dubbiin Isarraa dhagaye saniif oduu
guddootu tahuuf jiraata….” Jedheen.
Garuu Qureeyshiin: “Dubbii Isaatiin Sihrii sitti godhe.” Ja’anii dubbii Utbaa bin
Rabii’aa harkatti dhahan..
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam dubbii isaanii guutumaan
guututti jalaa dide San booda Qureeyshiin daran mataa jabaachuun Rasuula
Sallallaahu Aleeyhi wasallam Mu’jizaah akka dalagu, Malaaykaa
akka isaan agarsiisu fii laggeen akka Isaanii maddisiisuu gaafatan.
***
Qureeyshiin Nama Islaamawe hunda rakkisuun daangaa dabruu isii
itti fufte. Keeysattuu miskiinoota irratti balaan akka malee
jajjabaatte.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaaboota isaa Hijiraa yeroo
lammaffaatiif gama Lafa Habashaa akka bahan hayyameef.
***
Lakkoofsi Sahaaboota yeroo lammaffaa gama Habashaa Hijiraa
bahanii Dhiira 84 fii dhalaa 18.
Amiirri Isaanii (dura bu’aan) Ja’far bin Abii Xaalib Rabbi irraa haa
jaalatu.
***
Hijiraan lammaffaa Hijiraa duraa caala jajjabduu turte. Qureeyshiin
Muslimoota Hijiraa bahan yoo argan adaba gara jabeenyaan
guuttame waan adabaniif, Sahaaboonni Makkaa irraa nagayaan
bahuufillee carraa hin qaban ture.
***
Yeroo lammaffaa Osoo gama Habashaa Hijiraa deeman karaa
irratti Khaalid bin Hizaam Jawween idditee karaatti du’e, Rabbi
irraa haa jaalatu.


Qureeyshiin faca’insa Islaamaatii fii baballachuu Isaa hoggaa agarte,
seera haarawa akkaan miidhaa fii daangaa dabraa tahe tumatte. Kutaa 2ffaa "C" keessatti ilaalla inshaa'allaah.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...