Skip to main content
■KUTAA 2ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.


●KUTAA 2ƒƒαα "A".

■Nabiyyummaa irraa hanga Hijiraa.


Umriin Isaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Amata 40 hoggaa guute, 
Wahyiin duraa irratti buute. 
Suuraan Iqraa’i Osoo Inni gaara Hiraa 
jiru Qur’aanarraa yeroo duratiif irratti buute Eega Suuraan Iqraa’i (Al-Alaq) irratti buute booda, Wahyiin 
guyyoota muraasaaf addaan citte.


San booda Suuraa Al-Muddasir-tu irratti bu’e. 
Ega wahyiin citte 
Suuraan dura buute Al-MuddasirDa’waan ykn Yaamichi Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam 
godhaa ture haala yeroo inni kheeysa dabreen hoggaa laalle, bakka 
lamatti qoodamti: 
1- Da’waa Makkiyyaah Yaamicha gaafa Makkaah jiruuti, Yaamichi 
gaafa Makkaah jiru godhe, amata 13 fudhatte. 
2- Da’waa Madaniyyaah Yaamicha eega Madiinaatti Hijiraa 
godheeti, Amata 10 fudhatte. 
• Da’waan ykn Yaamichi Makkaah bakka lamatti qoodamti: 
1- Da’waa iccitii (dhooysaati): Amata sadiihiif da’waan dhooysaan 
godhamaa turte. 
2- Da’waa mul’attu (Ifa baatuu): Afaaniin ilmaan namaatti dirree 
baasuun da’waa godhamaa turte. Amata 4ffaa Nabiyyummaa irraa 
hanga Hijiraatti da’waa godhamte. 

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam gama Rabbii Dhooysaan nama 
yaamuu jalqabe, Akkasitti maatii Isaatirraa: Khadijaa ilmaan Isaa 
kan dubraa, Aliyyi fii Zeeyd bin Haarisaa Islaamawan. 

Eegas Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam namoota amanu kan 
maatii isaarraa hin tahin dhoysaan yaamuu eegale. Akkasitti AbuuBakr As-Siddiq Islaamawe.
San booda Namni Waa’ee Yaamicha/da’waa Rasuulaa Sallallaahu 
aleeyhi wasallam dhagayuu jalqaban. 

Hiyyeeyyii fii Miskiinoonni Islaama seenuu jalqaban. Da’waan 
dhooysaa amata 3 haala saniin itti fufte. Namoonni dura Islaama 
qeebalan muraasni gaafa san amanan. 

Eegas Rabbiin da’waa dirree baasee yaamutti Rasuula sallallaahu 
aleeyhi wasallam ajajee wahyii irratti buuse. 
Rabbiin ol tahe ni je’een: 
فَاصْدَعْ بِمَا تُؤْمَرُ وَأَعْرِضْ عَنِ الُْشْرِكِيَ 
“Dhoosi (Dirree baasii himi) waan itti ajajamte, Mushrikoota irraa 
gargali.” 
Al-Hijr: 94 

Aayaanni dhoosii himi jettu itti buunaan, Rasuulli sallallaahu aleeyhi 
wasallam Gaara Safaa ol bahee, dirree baasee da’waa Qureeyshitti 
dhoose. 
Ergamaa Rabbii khan Aalama hundaaf ergame tahuu Isaa 
Qureeyshitti sagalee ol fuudhee hime. 

Qureeyshiin yaamicha Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam kan 
dirree baheef tarkaanfin dura fudhatan, Maanguddoo Adeera Isaa 
Abuu Xaalibitti erganii akka Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam da’waa itti nama yaamurraa dhorguuf gaafatan.

Tarkaanfiin Qureeyshii tan gama Adeeraa Isaa Abuu Xaalibiin 
Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam da’waa irraa dhaabsisuuf 
yaalan hin milkooyne. 
San booda Waliid bin Al-Mughiiraah Rasuula Sallallaahu aleeyhi 
wasallam akka dubbisuuf itti ergan. 

Waliid bin Al-Mughiiraah Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam bira 
dhufee isaan wal dubbate. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam 
Qur’aana irratti qara’e, Waliid Qur’aanarraa waan dhagayeen 
qalbiin Isaa hedduu laafte, dhugaa tahuu hubatte. 

Waliid Qureeyshitti deebi’ee Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam 
jala akka deeman ykn akka yaamicha isaatii fii Ilmaan namaa walitti 
dhiisan isaan gaafate. 
Qureeyshiin dubbii Waliid bin Mughiiraa akka malee harkatti 
dhawan. Waliid eegasii Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam 
Falfalaadha (nama falfala ykn siihrii namatti godhu) jechuun 
kijibaan darbate.
Eega dhugaan ifa adda Isaaf baate booda kijibuu Isaatiif, Suuraa 
Al-Muddasir irraa aayaatoonni Waliid bin Al-Mughiiraah Ibidda 
Jahannamiin gammachiiftu buute. 
Rabbiin ol tahe: 
ذَرْنِي وَمَنْ خَلَقْتُ وَحِيدًا 
“Namichan kophaa kiyya uumeen walitti na dhiisi” 
Suuraah Al-Muddasir Aayaata 11 hanga 30 waa’ee Waliid kheeysatti 
buute. 

Abdullaahi bin Ummi Maktuum (Kan ijji Isaa jaamaa) gaafa duraa 
warra Makkaatti amanerraahi. Booda Madiinaatti inni Bilaal 
wajjiin Mu’azina Islaamaa tahe. 

Tooftaalee Qureeyshiin Da’waa Islaamaa dhaamsuuf fayyadamaa 
turterraa: 
1- Quraana irratti dhara adda addaa odeeysuu. 
2- Quraana diduu fii faalleeysuu. 
3- Wal tahii barbaaduu (Nabiyyi sallallaahu aleeyhi wasallam wajjiin 
hoggaa garii waliigaltee godhanii da’waa akka dhaabu gaafatan). 
*


Qureeyshiin tooftaalee san hundaan fayyadamtee Rasuula 
Sallallaahu aleeyhi wasallam da’waa irraa dhaabuu hin dandeenye.
Tooftaa addaatiin yaaluuf Qureeyshiin mala biraa itti yaadde. 
Malli 
sunis: 
Nama Islaamummaa qeebale hunda rakkisuu fii adabuudha. Malli 
Qureeyshiin baafte kun Sahaabootaaf irra guddaa balaa itti tahe. 

Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbiin Adeera Isaa Abuu 
Xaalibiin Isa tiiyse. 
Sahaaboota kheeysaa Irra miidhamaan balaa Qureeyshii, kan adaba 
fakkaataa hin qabneen adabame Khabbaab bin Al-Aratt Rabbi irraa 
haa jaalatu.

Abuu Bakri As-Siddiiq yeroo balaan akkasitti jabaatte san 
kheeysatti dalagaa guddoo dalagaa ture. Abuu Bakr As-Siddiiq 
Gabroottan Adaba Qureeyshiitiin rakkifamaa turan biituudhaan 
bilisoomsaa ture.
Warra Abuu Bakri adaba Qureeyshii jalaa bitee bilisoomse 
kheeysaa: 
Bilaal bin Rabaah 
Aamir bin Fuheeyraah. 
*** 
Qureeyshiin achitti hin dhaabbanne, ammas tooftaa biraa kan 
Yaamicha Rasuulaa Sallallaahu aleeyhi wasallam fashalsaniin itti 
yaadanii baafatan. 

Kan har'aa asuma irratti raawwata kutaa 2ffaa B inshaa'allaah walitti deebina.




Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...