Rabbiin ashkara habasha'aa kan {arba} fe'atee ka'aba jiysuuf makkatti duule waan taasise dhageessee? Si Rabbiin kee mala isaanii hamaa san harkatti hin balleessinee? bakka gayuu hin hanqifnee ? malli badaan isaan deemaniin ka'abaa jiysuudhaa. Ashkara habasha'aa san shinbirroo tuuta tuutan itti ergee hoggaa isaan makkatti dhiyaatan. Tuuta shinbirro'oo tan dhagaa { si jiülin} Isaan darbattu itti ergmee {sıjl} bordoda ibidda jahannamin gubame yookaa bilcheeffame, dhagaa firii shumbura'arra xixiqqa' aa ,kan firii missirarra gurguda, kan maqaan nama itti darbamu hundaa irratti katabamee jiru, shinbirroon sun bahara keessaa duula dhufte, isii dhagaa sadii sadii, miila lamaanifii afaanittin deemtu, dhagaa yoo mataa ashkararra bu'e, sibiila inni matarraa qabu keessaan mataa seenee, jalaan bayu, kan {arba} isaan deemaniin hunda, keessan fufulla'u. Akkasitti Rabbiin duula habasha'aa, kan ka'abaa jiysuu deemu hunda fixe, kan nama oduu isaanii himu...
Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...