Skip to main content

Ibsa ijjannoo Majlisa Oromiyaa

 


Manni Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa marii guyyaa 28/3/2014 geggeesseen ibsa ijjannoo  armaan gadii baafatee jira.



1. Nuti ummanni Muslimaa Ergamaa Rabbii (saw) lubbuu keenya, qabeenyaafi maatii keenya hunda caalaa jaalanna. Kanaafuu arraba namticha abaaramaa haati isaa abaarte wallaalaa kan kabaja Ergamaa Rabbii (saw) tuquuf yaalee jidduu kana miidiyaa hawaasaa irra deemaa jiru cimsinee ni balaaleffanna. Qaama seeraatti dhihaatee tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamus ni gaafanna. Koreen ulamaafi hayyoota irraa ta'e dhimma kana hordofan akka ijaaramu waamicha godhaa nutis irratti ni hojjanna. Wanti ummanni keenya beekuu qabu Nabiyyicha (saw) Rabbumatu ofii isaatii kabaje; arrabniifi gochi namoota wallaalaa akka kanaa sadarkaa isaanii homaa hin tuqu. Gaafa isaan ergaman irraa kaasee ummanni jajallaan akkasii Nabiyyii keenyaan (saw) kijibaa, falfalaa, qaalluufi kkf jedhaa turan. Garuu sadarkaan isaanii dabalaatuma bule. Warra isaan jibbetu seenaan isaanii xiqqaate. Kanaafuu ummanni keenya bifa tasgabbiifi obsa qabuun ulamoota keenya dhaggeeffataa akka deemtan waamicha isiniif dabarsina. Yakka namichi kun raawwateen hordoftoota amantii biroos akka hin tuqne asumaan waamicha isiniif goona.


2. Ummanni keenya yeroo kam caalaayyuu yeroo ammaa nageenya isaa eeguu qaba. Hordoftoota amantii biroofi sabaa sablammoota hundaan wal hubatanii nageenyaan waliin jiraachuun buuura amantii keenyaati. Nageenya biyyaafi ummataa eegsisuunis buuuruma amantichaati. Kanaafuu ummanni keenya qaama dhimma nageenyaa eegsisuu wajjin wal ta'uudhaan nageenya naannoofi biyyattii akka eegsiftan waamicha keenya ni dabarsina.


3. Tokkummaan Muslimaa yeroo hundaa barbaachisaa tauun beekamaadha. Garuu yeroo diinni shira adda addaatiin tokkummaa keenya diiguuf sochou kana keessatti immoo tokkummaan keenya daran cimuu qaba. Kanaafuu Quraanaafi hadiisa irratti hundoofnee tokkummaa keenya cimsuudhaan shira diina keessoofi alaa akka fashaleessinu ummatichaaf waamicha dabarsina.


4. Akkuma beekamu rakkoon bifa adda addaa yeroo dhiheenyaa kana biyya keenya irratti wal jijijjiiraa tureera. Yeroo tokko dhukkuba ulfaataa, marsaa biraa waraanaafi hoongeen ummata baayee beelaaf saaxilee jira. Furmaanni kana hundaatuu harka Rabbii guddaa jira. Kanaafuu imaamonni keenya salaata keessatti qunuuta godhuu dabalatee salaataan alas duaaii akka baayiftan waamicha isiniif dabarsina. Hawaasni balaanis Rabbiin kadhachuutti jabaadhaa.


5. Akkuma armaan olitti tuqne ummanni biyya keenyaa sababa uumamaafi namtolcheetiin rakkoo baayeef saaxilamee jira. Ummanni baayeen maatiifi qeee isaa irraa buqqaee rakkataa jira. Fkn: Wallagga, Wolloofi Affaar tuquun nidandaama. Ummanni Booranaafi Baalee immoo baayeen isaanii hoongeen miidhamee waan ofii nyaatuufi beellada nyaachifatu dhabee jira. Ummata kana hanga dandeenyeen gargaaruun dirqama Muslima maraati. Kanaafuu osoo ummata kana amantiifi sabaan hin qoodin akka gargaartan maqaa Rabbiin waamicha ummata Muslimaa maraaf dabarsina.

Sadaasa 28/ 2014

Hoteela Ummaa

Finfinnee




Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...