Skip to main content

Ibsa ijjannoo Majlisa Oromiyaa

 


Manni Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa marii guyyaa 28/3/2014 geggeesseen ibsa ijjannoo  armaan gadii baafatee jira.



1. Nuti ummanni Muslimaa Ergamaa Rabbii (saw) lubbuu keenya, qabeenyaafi maatii keenya hunda caalaa jaalanna. Kanaafuu arraba namticha abaaramaa haati isaa abaarte wallaalaa kan kabaja Ergamaa Rabbii (saw) tuquuf yaalee jidduu kana miidiyaa hawaasaa irra deemaa jiru cimsinee ni balaaleffanna. Qaama seeraatti dhihaatee tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamus ni gaafanna. Koreen ulamaafi hayyoota irraa ta'e dhimma kana hordofan akka ijaaramu waamicha godhaa nutis irratti ni hojjanna. Wanti ummanni keenya beekuu qabu Nabiyyicha (saw) Rabbumatu ofii isaatii kabaje; arrabniifi gochi namoota wallaalaa akka kanaa sadarkaa isaanii homaa hin tuqu. Gaafa isaan ergaman irraa kaasee ummanni jajallaan akkasii Nabiyyii keenyaan (saw) kijibaa, falfalaa, qaalluufi kkf jedhaa turan. Garuu sadarkaan isaanii dabalaatuma bule. Warra isaan jibbetu seenaan isaanii xiqqaate. Kanaafuu ummanni keenya bifa tasgabbiifi obsa qabuun ulamoota keenya dhaggeeffataa akka deemtan waamicha isiniif dabarsina. Yakka namichi kun raawwateen hordoftoota amantii biroos akka hin tuqne asumaan waamicha isiniif goona.


2. Ummanni keenya yeroo kam caalaayyuu yeroo ammaa nageenya isaa eeguu qaba. Hordoftoota amantii biroofi sabaa sablammoota hundaan wal hubatanii nageenyaan waliin jiraachuun buuura amantii keenyaati. Nageenya biyyaafi ummataa eegsisuunis buuuruma amantichaati. Kanaafuu ummanni keenya qaama dhimma nageenyaa eegsisuu wajjin wal ta'uudhaan nageenya naannoofi biyyattii akka eegsiftan waamicha keenya ni dabarsina.


3. Tokkummaan Muslimaa yeroo hundaa barbaachisaa tauun beekamaadha. Garuu yeroo diinni shira adda addaatiin tokkummaa keenya diiguuf sochou kana keessatti immoo tokkummaan keenya daran cimuu qaba. Kanaafuu Quraanaafi hadiisa irratti hundoofnee tokkummaa keenya cimsuudhaan shira diina keessoofi alaa akka fashaleessinu ummatichaaf waamicha dabarsina.


4. Akkuma beekamu rakkoon bifa adda addaa yeroo dhiheenyaa kana biyya keenya irratti wal jijijjiiraa tureera. Yeroo tokko dhukkuba ulfaataa, marsaa biraa waraanaafi hoongeen ummata baayee beelaaf saaxilee jira. Furmaanni kana hundaatuu harka Rabbii guddaa jira. Kanaafuu imaamonni keenya salaata keessatti qunuuta godhuu dabalatee salaataan alas duaaii akka baayiftan waamicha isiniif dabarsina. Hawaasni balaanis Rabbiin kadhachuutti jabaadhaa.


5. Akkuma armaan olitti tuqne ummanni biyya keenyaa sababa uumamaafi namtolcheetiin rakkoo baayeef saaxilamee jira. Ummanni baayeen maatiifi qeee isaa irraa buqqaee rakkataa jira. Fkn: Wallagga, Wolloofi Affaar tuquun nidandaama. Ummanni Booranaafi Baalee immoo baayeen isaanii hoongeen miidhamee waan ofii nyaatuufi beellada nyaachifatu dhabee jira. Ummata kana hanga dandeenyeen gargaaruun dirqama Muslima maraati. Kanaafuu osoo ummata kana amantiifi sabaan hin qoodin akka gargaartan maqaa Rabbiin waamicha ummata Muslimaa maraaf dabarsina.

Sadaasa 28/ 2014

Hoteela Ummaa

Finfinnee




Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...