Skip to main content

Posts

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

Ibsa ijjannoo Majlisa Oromiyaa

  Manni Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa marii guyyaa 28/3/2014 geggeesseen ibsa ijjannoo  armaan gadii baafatee jira. 1. Nuti ummanni Muslimaa Ergamaa Rabbii (saw) lubbuu keenya, qabeenyaafi maatii keenya hunda caalaa jaalanna. Kanaafuu arraba namticha abaaramaa haati isaa abaarte wallaalaa kan kabaja Ergamaa Rabbii (saw) tuquuf yaalee jidduu kana miidiyaa hawaasaa irra deemaa jiru cimsinee ni balaaleffanna. Qaama seeraatti dhihaatee tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamus ni gaafanna. Koreen ulamaafi hayyoota irraa ta'e dhimma kana hordofan akka ijaaramu waamicha godhaa nutis irratti ni hojjanna. Wanti ummanni keenya beekuu qabu Nabiyyicha (saw) Rabbumatu ofii isaatii kabaje; arrabniifi gochi namoota wallaalaa akka kanaa sadarkaa isaanii homaa hin tuqu. Gaafa isaan ergaman irraa kaasee ummanni jajallaan akkasii Nabiyyii keenyaan (saw) kijibaa, falfalaa, qaalluufi kkf jedhaa turan. Garuu sadarkaan isaanii dabalaatuma bule. Warra isaan jibbetu seenaan ...

Musiibaa guddoo

    Musiibaa guddoo Ummata Nabii Mudatte [s.a.w] "Yeroo aduwwaanii maqaa kee hamtuun kaaftee, waan ati hin qabne sirra keessu yaa habiibi kiyya Muhammed humna dhabee homaa gochuu dadhabus seenaa kee yaadadhe imaammaan harcaasa, yoo laalaan natti dhagahmu kun narraa qabbannawe jedh." بسم الله ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﷺ ﻭﺑﻌﺪ السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Musiibaa guddoo Hoggaa Da’waan wal geeyse, Islaamni Jaziiraa Arabaa dhunfate, hoggaa Ilmaan namaa Amantii Rabbii tuuta tuutaan seenan, Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam ajalli Isaa akka dhihaate hubate. Mallattoolee dhiheenya ajala (du’a) Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam 1- Suuraan An-Nasrii bu’uu.      2- Jibriil wajjiin amata dhumaa hoggu lama Ramadaana kheeysa Qur’aana buusuu.    3- Ibaadaa kheeysatti Nabiyyiin sallallaahu Aleyhi wasallam jajjabaachuu. 4- I’itikaafa Ramadaanaa dachaa godhu. Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam Ji’a Safar gama dhumaa dhukkubni Rabbiin kheeysatti Is...

Dhibee fi Dawaa Sammuu kutaa 2ffaa

Al-risala-tube SAMMUU KEE QARUUF Torbaan darbee wantoota sammuu doomsanii fi hadoochan ilaalle turre. Yaadachisaaf wantoonni sammuu hadoochanii fi doomsan cubbuu keessatti lixu keessummaayyu shirkii, zinaa, maastarbeshiin, hamii fi kkf. Akkasumas araadonni akka fiilmi, alkooli, sigaara, caati fi kkf sammuu hadoochu fi qawwasiisu keessatti bakka ol’aanaa qabatu. Sammuun qabeenya qaalii takkaa hojiin ala taanan deebisuun garmalee ulfaatudha. Sammuu keenya badii irraa eeguf maal gochuu qabnaa? Sammuun keenya yoo doome akkamitti qaruu dandeenyaa? Mee har’a karaalee sammuu keenya itti qarruu muraasa isaanii haa ilaallu. 1.Istighfaara baay’isuu Akkuma torbaan darbee jenne cubbuun sammuu doomsu fi hadoochu keessatti tarree tokkoffaa qabata. Cubbuun summii sammuuti. Karaan tokkichi summii kana ittiin fayyisan tawbaa fi istighfaara. Tawbaa jechuun maal jechuudhaa? Akka lugaa Arabifaatti tawbaa jechuun badii irraa deebi’uu yoo ta’u akka shari’aatti immoo “Ajaja Rabbiitti buluu diduu fi daangaa I...