Skip to main content

Posts

IIMAANAA FI BARBAACHISUMMAA ISAA

  Leenji kutaa 7ffaa  Waa'ee iimaanaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog IIMAANAA FI BARBAACHISUMMAA ISAA Kutaalee darban keessatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa ilaalle turre. Iimaana jechuun qalbiidhaan dhugaan amanuu fi wanta qalbiin amanan san dubbii fi hojiin dhugoomsudha. Fakkeenyaf namni “Rabbii olta’etti amanee jira” jedhu, Rabbii fi wantoota Rabbiin beeksisetti amanuu, wanta Rabbiin itti ajajee dubbachuu fi hojjachuu, akkasumas wanta irraa dhoowwe dhiisun isarraa eeggama.Yoo kana hojjate namni kuni iimaanaa qabaa jechuudha.  Bal’innaan waa’ee iimaanaa hubachuuf kutaalee darban irraa dubbisuun gaarii ta’a. In sha Allah, har’a kan ilaallu barbaachisummaa iimaanati fi akkamitti qalbii keessatti hidda akka qabsiisaniidha. Gaafiwwan Ilmi namaa kamiyyuu deebii barbaadu Jireenya keessatti gaafiwwan namni hunduu deebii quubsaa barbaadu maal akka ta’an beektu? Gaafiwwan kunniin: “Eenyutu na uume? Maaliif addunya tana keessa jiraadh...

Islaamaa fi iimaana

  Leenji kutaa 6ffaa  Waa'ee iimaanaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog ISLAAMA FI IIMAANA Kutaa darbee keessatti hiika iimaanaa ilaalle turre. Caalatti ifa gochuuf har’as fakkeenya waliin ni ilaala. Fakkeenya waliin ilaalun salphatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa akka hubatan nama gargaara.  Fakkeenya kanatti seenun dura mee garaagarummaa fi wal-fakkeenya Islaama fi iimaana jiddu jiru haa ilaallu. ●Akka Lugaatti: Islaama jechuun Rabbiif harka kennu fi ibaadadhaan Isaaf gadi jechuudha. İimaana jechuun immoo dhugoomsu fi mirkaneessudha. ●Akka shari’aatti immoo Islaama fi iimaanaa haala lamaan ilaalu dandeenya. Haala 1ffaa:Jechi “Islaama fi iimaana” jedhu bakka garagaraatti dhufuu– Islaamni fi iimaanni hima ykn keeyyata keessatti kophaa kophaa yoo dhufan hiikni isaanii wal fakkaata. Kana jechuun Islaamni hima ykn keeyyata tokko keessatti dubbatamee iimaanni waliin yoo hin dubbatamin ykn iimaanni dubbatamee Islaamni waliin yoo hin du...

Goolabbbi dubbii salafoota waa'ee imaanaa irratti

  Leenji kutaa 5ffaa  Waa'ee iimaanaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Kutaa darbe irraa itti fufuun Hiika Iimaanaa irratti waan salafoonni jedhan kutaa xumuura ilaalla (B)- Ammas iimaanni dubbii Arrabaa fi hojii qaamolees of keessatti qabata. Dubbiin arrabaa shahaadateyni dubbachuu fi wantoota isaaniin wal qabatan mirkaneessudha. (Shahaadateynin: “Ash’hadu an laa ilaah illallah wa ash’hadu anna Muhammadan abduhu wa rasuuluhu.” (Rabbin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha, ammas Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha) jechuudha.) Hojiin qaamolee immoo wanta qaaman malee hin hojjatamneedha. Fakkeenyaaf, salaata, hajjii, qabsoo (jihaada), waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwudha. Dubbiin arrabaa dhimma hafuu hin qabneedha.  Zaahiraan (gubbaadhaa) iimaanni gadi dhaabbatuu keessatti hundeedha. Beektonni salafaa dhimma kana jabeessanii jiru. kunoo Abu Sawr barbaachisummaa arrabaan mirka...