Skip to main content

Islaamaa fi iimaana

 



Leenji kutaa 6ffaa  Waa'ee iimaanaa


Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog


ISLAAMA FI IIMAANA


Kutaa darbee keessatti hiika iimaanaa ilaalle turre. Caalatti ifa gochuuf har’as fakkeenya waliin ni ilaala. Fakkeenya waliin ilaalun salphatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa akka hubatan nama gargaara. 


Fakkeenya kanatti seenun dura mee garaagarummaa fi wal-fakkeenya Islaama fi iimaana jiddu jiru haa ilaallu.


●Akka Lugaatti: Islaama jechuun Rabbiif harka kennu fi ibaadadhaan Isaaf gadi jechuudha. İimaana jechuun immoo dhugoomsu fi mirkaneessudha.



●Akka shari’aatti immoo Islaama fi iimaanaa haala lamaan ilaalu dandeenya.



Haala 1ffaa:Jechi “Islaama fi iimaana” jedhu bakka garagaraatti dhufuu– Islaamni fi iimaanni hima ykn keeyyata keessatti kophaa kophaa yoo dhufan hiikni isaanii wal fakkaata. Kana jechuun Islaamni hima ykn keeyyata tokko keessatti dubbatamee iimaanni waliin yoo hin dubbatamin ykn iimaanni dubbatamee Islaamni waliin yoo hin dubbatamin, yoosan hiikni Islaamaa fi iimaana tokko ta’a.


 Lamaan isaanitu hundee fi damee amantii guutuu, dubbii fi hojiwwan keessaa fi alaa of keessatti qabatu. Rabbiin Qur’aana keessatti ni jedha:


وَمَن يَبۡتَغِ غَيۡرَ ٱلۡإِسۡلَٰمِ دِينًا فَلَن يُقۡبَلَ مِنۡهُ وَهُوَ فِى ٱلۡءَاخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ


“Namni Islaaman alatti amantii biraa barbaade isarraa hin qeebalamu (hin fudhatamu). Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.” Suuraa Aali-imraan 3:85


وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱلۡإِيمَٰنِ فَقَدۡ حَبِطَ عَمَلُهُۥ وَهُوَ فِى ٱلۡءَاخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ




“Namni iimaanatti kafare, hojiin isaa jalaa badee jira. Inni Aakhiraatti warroota hoonga’an irraa ta’a.” Suuratu al-Maa’ida 5:5


Dabalataan Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“Iimaanni dameewwan torbaatamaa ol yookiin jahaatamaa ol qaba; isaan hundarra kan caalu jecha “Laa ilaah illallah” dha. 


Gadi aantun immoo wanta nama rakkisu karaa irraa kaasudha. Qaanin (hayaan) damee iimaanaa irraayyi.” Sahih Muslim 35 b



Kanaafu, asitti iimaanni amanti guutuu of keessatti hammataa jechuudha. Bakka waan fudhatuufi malee hadiisa biraas dhiyeessun ni danda’ama.


Arabiffa keessatti jechoonni bakka garagaraatti yommuu dhufan hiika wal fakkaataa qaban ni jiru. Fakkeenyaf, jechoonni faqiir fi miskiin jedhan bakka garagaraatti yommuu dhufan hiikni isaanii tokko ta’a. Hima tokko keessatti yoo dhufan immoo hiikni isaanii garagara ta’a. Akkasumas, at-taqwaa fi al-birr, al-ism fi al-udwaan. Haaluma kanaan Islaamni fi iimaanni bakka garagaraatti yoo dhufan hiikni isaanii tokko ta’a. Kanaafi, kutaa darbe keessatti hojii fi dubbiin iimaana irraayyi jenne.



Haala 2ffaa: Islaamni fi iimaanni bakka tokkotti dhufuu– Islaamni fi iimaanni yoo wal-qabsiifaman hiikni isaanii garagara ta’a. Kana jechuun hima yookiin keeyyata tokko keessatti jechi Islaama fi iimaana jedhu yoo dubbataman hiikni isaanii kan armaan gadi ta’a:


Islaamni hojii alaa fi dubbii kanneen akka shahaadateyn, salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kanneen biroo of keessatti qabata.


Imaanni immoo hojii keessaa kanneen akka Rabbii olta’etti amanuu, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi qadaa wal qadariti amanuu, obsuu, tawakkula, sodaa, Rahmata Rabbii kajeelu fi kkf of keessatti qabata.


Hiika armaan olii kana hadiisa Jibriliin ifa gochuu dandeenya.


Hogganaa mu’mintoota kan ta’e Umar ibn al-Khaxxaab (Rabbiin isarraa haa jaallatu) akkana jedha: “Gaafa tokko osoo Ergamaa Rabbii (SAW) bira teenyu, namtichi uffata adii qulqulluu uffate, rifeensi isaa garmalee gurraacha ta’e nu fuunduratti mul’ate. 


Mallattoon imalaa isarraa hin mul’atu, nu keessaa eenyullee isa hin beeku. Dhumarratti, Ergamaa Rabbii (SAW) waliin jilbifate taa’e. Ganaa isaa sarbaa irra gochuun akkana jedhe, “Yaa Muhammad! Waa’ee Islaamaa natti himi.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Islaamni Rabbiin malee haqaan kan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata sirnaan salaatu, zakaa kennuu, Ramadaana soomu, wanta ittiin hajjituun yoo qabaatte hajjii hajjuudha.” Gaafataan ni jedhe, “Dhugaa dubbatte.” Umar ni jedhe, “Isa ni ajaa’ibsifanne! Ni gaafata ergasii dhugaa ta’uu isaa mirkaneessaf.” Gaafataan ni jedhe, “Waa’ee iimaana natti himi.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “[Imaana jechuun] Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha.” 


Gaafataan ni jedhe, “Dhugaa dubbatte.” Itti aanse, “Waa’ee ihsaanaa natti himi.” jedhe. Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan: “[Ihsaana jechuun] Akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha. Osoo ati Isa arguu baatteyyuu dhugumatti Inni si arga.” 


Gaafataan ni jedhe, “Waa’ee Guyyaa Qiyaamaa natti himi.” Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan, “Gaafatamaan gaafataa caalaa waa’ee Qiyaamaa kan beeku miti.”  Gaafataan ni jedhe, “Mallatoolee ishii (Qiyaamaa) natti himi kaa.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Yommuu gabrittiin bulchaa ishii deessu, al-hufaata (miila duwwaa kophee hin qabne), al-uraata (qullaa), hiyeeyyi fi tiikse re’ootaa kanneen ta’an gamoo dhedheeroo ijaaruf [yommuu] wal dorgoman argituudha.” Umar ni jedhe, “Ergasi gaafataan ni deeme.


 Ani yeroo dheeraaf ni ture.” Ergamaan Rabbis (SAW) akkana nan jedhan, “Yaa Umar! Gaafataan eenyu akka ta’e beektaa?” Anis ni jedhe, “Rabbii fi Ergamaan Isaa hundarra beeku.” Ni jedhe, “Inni Jibriili. Amantii keessan isin barsiisuuf kan dhufeedha.” Sahih Muslim 8 a



Hadiisa kana keessatti Islaamni fi iimaanni dubbatamanii jiru. Kanaafu, hiikni isaanii akkuma hadiisa keessatti dubbatame garagara ta’a. Kana ifa gochuuf mee fakkeenyan haa ilaallu.


Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti iimaana muka yeroo hundaa firii kennuun wal fakkeessa.


أَلَمۡ تَرَ كَيۡفَ ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلًا كَلِمَةً طَيِّبَةً كَشَجَرَةٍ طَيِّبَةٍ أَصۡلُهَا ثَابِتٌ وَفَرۡعُهَا فِى ٱلسَّمَآءِ


Rabbiin akkamitti jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishii gadi dhaabbataa ta’ee fi dameen ishii samii keessatti [ol dheeraa] ta’etti fakkeenya akka godhe hin argine?


تُؤۡتِىٓ أُكُلَهَا كُلَّ حِينٍۭ بِإِذۡنِ رَبِّهَاۗ وَيَضۡرِبُ ٱللَّهُ ٱلۡأَمۡثَالَ لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ


Yeroo hundaa hayyamaa Gooftaa ishiitiin firii ishii ni kenniti. Akka gorfamaniif jecha Rabbiin namootaf fakkeenya dhiyeessa.” Suuratu Ibraahim 14:24-25



Amma mee Islaama fi iimaana muka gaarii kanaan wal bira haa qabnu.


1.Hiddi mukaa lafa keessatti gadi lixe harkaana iimaanaa qalbii keessa jiruun wal fakkaata. Akkuma hidda mukaa yoo dachii qonne malee ijaan hin argine iimaanni qalbii namoota biroo keessa jiruus nutti hin mul’atu. Harkaana (hundeewwan) iimaanaa jechuun Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha.



2.Muka irraa fuula dachii irratti wanti mul’atu hojii Musliimni hojjatuun wal fakkaata. Hojiin kuni iimaana qalbii keessatti lixe irraa kan burquudha.




3.Jirmi hidda mukaatin wal-qabate shahaadateyn labsuun wal fakkaata. Sababni isaas, akkuma dameewwan mukaa jirma irratti hirkatan, hojiin Muslimni hojjatu hundii shahaadateyn irratti kan hirkateedha. Shahaadateyn jechuun “Laa ilaah illallah Muhammadan rasuulullah.”Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Isaa ta’uu” ragaa bahuudha.




4.Dameewwan gurguddoon muka irra jiran harkaana (hundeewwan) Islaamaa hafanii fi dirqamoota birootin wal fakkaatu. Kanneen akka salaataa, zakaa, sooma fi hajjii.




5.Dameewwan xixxiqoon dameewwan gurguddoo irratti bahanii fi baalli damee irra jiru; murtiwwan biroo, beekumsa, akhlaaqa fi naamusa Islaamatiin wal fakkaatu.




6.Bishaan hidda irraa ka’e hanga baalaa gahu niyyaa Musliimni hojii isaa keessatti qabuun wal fakkaata. Akkuma bishaan qaamolee mukaa guutuu keessa naanna’u, niyyaan Muslimas hojii isaa keessa naanna’a. Niyyaan isaa gaarii yoo taate, iimaanni isaa ni cima.




7.Firiin mukni yeroo hundaa hayyama Rabbitiin kennitu, kaayyoo ykn milkaa’inna Muslimni bira gahuun wal fakkaata. Kaayyoo kanatti amantii, gochaa fi niyyaa isaa qajeelcha. Kaayyoon ykn milkaa’inni kuni Jaalala Rabbii argachuu, Jannata seenu, addunyaa keessatti jireenya tasgabbii jiraachudha. Kuni firii iimaanati.




8.Mukni hidda hin qabne muka jedhamu hin danda’u. Haaluma kanaan hojiin namni hojjatu iimaana irratti yoo hin hundaa’in Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Akkasumas, mukni bishaan keessa hin naannofne firii kennu hin danda’u. Haaluma kanaan hojiin namni hojjatu keessatti niyyaan isaa Rabbiif yoo hin ta’in, hojiin isaa firii kennu hin danda’u.



9.Mukni yeroo garii bubbee hamaaf saaxilamu danda’a. Garuu mukni hiddi isaa lafa keessatti gadi lixe, bubbeen cimaan jabeenya dabalaaf malee bakkaa hin buqqisu. Haaluma kanaan mukni iimaanaa qalbii keessatti lafa qabate rakkoo fi qormaata adda addaatif yommuu saaxilamu, jabeenyi ni dabalamaaf. Mukni sirritti lafa hin qabanne immoo bubbeen salphatti buqqistee iddoo fagootti darbiti. Haaluma kanaan imaanni sirritti qalbii keessatti gadi hin lixne, rakkoo fi qormaanni salphatti kuffisa.



10.Hiddi mukaa albuuda fi nyaata lafa keessaa gara qaamolee mukaatti dabarsa. Ergasii hiddi fi mukni kuni ni guddatu. Akkasumas, damee fi baalli nyaata, aduu fi qalleensa irraa fuudhun gara qaamolee mukaa birootti dabarsu. Haala kanaan mukni ni jabaata, ni guddata.


Haaluma wal fakkaatun, mukni iimaanaa hiddi isaa qalbii keessatti lafa qabate adeemsa fi hojii isaatiif nyaata dabarsa, ni cimsa. Kana jechuun harkaanni iimaana jahan qalbii keessa jiru yoo sirritti qalbii keessatti lafa qabate, namni hojii gaarii hojjatutti ni fiiga.


Akkasumas, hojiin gaariin mul’atu muka iimaanaa guutu jabeessa. Namni akkuma hojii gaggaarii iklaasan hojjatu fi beekumsa barbaadun iimaanni qalbii keessa jiru ni cima.



Guduunfaa


Tuqaalee kurnaan armaan olii irraa tuqaalee garmalee ijoo ta’an afur guduunfun ni danda’ama.


1.Arkaanni (hundeewwan) iimaanaa jahan hidda hojii namni hojjatuuti. Hundeewwan kunniin qalbii keessa yoo hin jiraatin, hojiin Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Kanaafi, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) hojii gaarii kaafirotaa fi munaafiqotaa akka daaraa jalaa bittineessa. Hojiin isaanii Rabbitti amanuu fi harkaana iimaanaa biroo irratti waan hin hundeefaminiif.


2. Hojii fi iimaanni gonkumaa addaan bahuu hin danda’an. Akkuma hiddi jirmaa fi damee hin qabne firii hin kenninee, iimaanni qalbii keessa jiru hojiin yoo wal hin qabatin firii kennu hin danda’u. Kanaafi, Qur’aana keessatti Rabbiin iimaana fi hojii gaarii wal-qabsiisa.


3.Akkasumas, mukni firii kennuuf bishaan, qilleensa fi aduu isa barbaachisa, iimaannis firii kennuuf iklaasa (hojii Rabbiif jedhanii hojjachuu) fi sunnaah hordofuu barbaachisa. Hojiin iklaasa hin qabnee fi sunnaah hin hordofne fudhatama hin argatu.

4. Akkuma mukni kunuunsa yoo argate hiddi isaa lafa keessatti gadi lixuu fi dameen isaa samii keessatti ol dheeratu, akkasuma iimaanni kunuunsa yoo argate hundeen isaa qalbii keessatti gadi lixa. Dameen isaas kana jechuun hojiin namni hojjatu ni dabala. Iimaana kunuunsuf hojii badaa irraa dheessu, hojii gaggaarii hojjachuu, tafakkura gochuu (wantoota Rabbiin uume irratti xinxalluu) fi beekumsa barbaadudha.


Barruu armaan olii irra deddeebi’anii dubbisun daran yaad-rimee keessa jiru akka hubatan nama taasisa.

Wamaa tawfiiqii illaa billaah- milkaa’inni kiyya Rabbiin yoo gargaarsifadhe malee kan ta’u miti.




Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna.


Kutaa dabran argachuuf.  Kutaa 1ffaa    kutaa 2ffaa kutaa 3ffaa, kutaa 4ffaa, kutaa 5ffaa

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...