Skip to main content

Goolabbbi dubbii salafoota waa'ee imaanaa irratti


 Leenji kutaa 5ffaa  Waa'ee iimaanaa


Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog


Kutaa darbe irraa itti fufuun Hiika Iimaanaa irratti waan salafoonni jedhan kutaa xumuura ilaalla


(B)- Ammas iimaanni dubbii Arrabaa fi hojii qaamolees of keessatti qabata. Dubbiin arrabaa shahaadateyni dubbachuu fi wantoota isaaniin wal qabatan mirkaneessudha. (Shahaadateynin: “Ash’hadu an laa ilaah illallah wa ash’hadu anna Muhammadan abduhu wa rasuuluhu.” (Rabbin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha, ammas Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha) jechuudha.)


Hojiin qaamolee immoo wanta qaaman malee hin hojjatamneedha. Fakkeenyaaf, salaata, hajjii, qabsoo (jihaada), waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwudha.


Dubbiin arrabaa dhimma hafuu hin qabneedha. 

Zaahiraan (gubbaadhaa) iimaanni gadi dhaabbatuu keessatti hundeedha. Beektonni salafaa dhimma kana jabeessanii jiru. kunoo Abu Sawr barbaachisummaa arrabaan mirkanessuu akkana jechuun mirkaneessa: namni tokko osoo akkana jedhe, “Rabbiin azza wa jalla tokkicha akka ta’e ragaa nan baha, wanti Ergamtoonni ittiin dhufan haqa, shari’aa hundaa nan mirkaneessa.” Ergasii yoo akkana jedhe, “Kana keessaa qalbiin tiyya homattu hin amanne, ani hin dhugoomsu”, namni kuni Muslima akka hin taanee warra beekumsaa jidduutti wal dhabbiin hin jiru. 


Osoo, “Al-Masiih Rabbiidha.” Jedhee fi dhimma Islaamaa mormee akkana jedhee, “Kana keessaa qalbiin tiyya homattu hin amantu.”, kana ifatti baasuu isaatiif inni kaafira, mu’minaa miti. Dhugoomsun isa bira yoo hin jiraatin [arrabaan] mirkaneessu qofaan mu’mina hin ta’u. Ammas, mirkaneessun isa bira yoo hin jiraatin dhugoomsu qofaan mu’mina hin ta’u. Hanga qalbii isaatiin dhugoomsu fi arraba isaatiin mirkaneessutti malee mu’mina (nama dhugaan amane) hin ta’u.” (Sharih Usuul I’itiqaadi ahli sunnati- Lalaalakaa’i- 4/849) (Qalbii isaatiin yoo dhugoomse, arrabaan dubbatee fi qaaman hojii hojjate, inni mu’mina ta’a.)




Ibn Taymiyaan ni jedha: dandeetti waliin namni arraba isaatiin hin dhugoomsine, lugaa namootaa keessatti mu’mina hin jedhamu. Akkuma sahaabota fi warroonni gaarummaa keessatti isaan hordofan irraa salafni ummata kanaa irratti wali galan.” (Majmuu’al Fataawaa-7/337)




Ammas ni jedha: “Namni qalbii isaatiin dhugoomsee garuu arraba isaatiin yoo hin dubbatin, addunyaattis ta’e Aakhiratti murtiwwan iimaana keessatti homtu isatti hin rarra’u.” (Majmuu’al Fataawaa-7/140)


“Keessaanii fi haqiiqadhaan dubbiin arrabaa iimaana ta’uu, dubbii amantii fi dhugoomsu qalbiitiin walqabateedha. Ta’uu baannan, akka wali-galtee Muslimootatti dubbiin amanti irraa qullaa ta’ee iimaanaa miti. (ilaali Majmuu’al Fataawaa-7/550)


Ammas, Iimaanni hojii qaamolee of keessatti qabata. Akkuma wanta beeksisan keessatti Ergamtoota dhugoomsuun umamtoota irratti dirqama ta’e, wanta ajajan keessattis isaaniif ajajamuun namarra jira. Guutumatti ajajamuu dhiisu waliin Ergamtootatti amanuun (iimaanni) galma hin gahu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:



“Ergamaa tokkollee hin erginee hayyama Rabbiitiin akka ajajni isaa fudhatamuuf malee.” Suuratu An-Nisaa 4:64




(Ergamtoota keessaa ergamaa tokkollee hin erginee ajajaa fi murtii Rabbiitiin namoonni isaaf akka ajajamaniif yoo ta’ee malee. Kana keessa namoonni Ergamaaf akka ajajamaniif kakaasutu jira. Wanta Ergamaan ajaje hojjachuu fi wanta inni dhoowwe dhiisudha.)


Hojiiwwan qaamolee hojiiwwan qalbii kan hordofanii fi barbaachisaniidha. “Qalbii keessa beekumsi fi fedhiin yoo jiraate, kuni dirqamaan gara qaamatti yaa’a. Qaamni wanta qalbiin barbaaddu irraa duubatti hin hafu. Kanaafi, Ergamaan Rabbiin sallallahu aleyh wassalam hadiisa sahiih keessatti akkana jedhan: “Xiyyefannoo itti kennaa! Dhugaumatti qaama keessa muraa fooni takkatu jira. Yoo ishiin tolte, qaamni guutuun tole. Yoo ishiin badde, qaamni guutuun bade. Xiyyeefoo itti kennaa! Ishiin qalbiidha.” (Sahiih Al-Bukhaari 52)




Iimaana keessa jiruun qalbiin yoo tolte, qaamni dubbii fi hojiin ni tola. Akkuma imaamonni hadiisaa jedhan: “[iimaanni] dubbii fi hojiidha.” Dubbii keessaa fi zaahiraa (gubbaa), hojii keessaa fi gubbaa. Gubbaan keessa kan hordofuu fi isaaf barbaachisuudha. Yeroma keessi tole, gubbaan tola. Yoo keessi bade gubbaanis bade.” (Majmuu’al Fataawaa-7/187)


Kan darbe irratti dabalatee, hojiiwwan gubbaa dhabamuun iimaana keessaa dhabamsiisa. Kanaafi, Rabbiin nama wantoonni iimaanaaf barbaachisan isarraa dhabaman irraa iimaana dhabamsiisa. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:


وَلَوۡ كَانُوا۟ يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلنَّبِىِّ وَمَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِ مَا ٱتَّخَذُوهُمۡ أَوۡلِيَآءَ وَلَٰكِنَّ كَثِيرًا مِّنۡهُمۡ فَٰسِقُونَ


“Osoo Rabbitti, Nabiiyyii fi wanta isatti bu’etti kan amanan ta’anii, silaa awliyaa’a isaan hin godhatanii turan. Garuu baay’een isaanii faasiqoota.” Suuratu Al-Maa’idah 5:81



Yahuudonni mushrikoota gargaaran kunniin osoo Rabbiitti, Nabii Muhammaditti (SAW) amananii fi Qur’aana gara isaatti bu’e mirkaneessanii, silaa kaafiroota hiriyyootaa fi gargaartota hin godhatanii turan. Garuu baay’een isaanii ajaja Rabbii fi Ergamaa Isaa keessaa kan bahaniidha.


Keessaa fi alli kan wal qabataniidha. Keessi yoo qajeelee malee alli qajeelu hin danda’u. Yoo keessi qajeele, alli qajeelun waan hin hafneedha. (Majmuu’al Fataawaa-18/272)


Sababni kanaa, iimaanni keessaa qalbii keessatti hidda yoo qabate, kuni ala irratti dhiibbaa (bu’aa) fida. Tokko kan biraa irraa adda bahuun gonkumaa hin danda’amu.




Dandeetti guutuu waliin hojiif fedhii cimaa qabachuun wanti danda’amu suni akka argamu taasisa. Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuun qalbii keessatti yoo hidda qabate, kuni awliyoota Isaa jaallachuu fi gargaaruu, diinota Isaatti diina ta’uu namarraa barbaada.


Namni tokko Rabbii olta’aatti kan amanuu fi wantoota Inni dirqama godhe kan mirkaneessu ta’ee ergasi kana waliinu ajajamoota kanniin kan dhiisu fi hojjachuu kan didu ta’uun waan hin danda’amneedha.



Ibn Taymiyaan akkana jedha: namtichi tokko Rabbiin isarratti salaata shanan, zakaa, soomaa fi hajjii dirqama akka godhe qalbii keessatti amanti gadi dhaabbataa amanee ergasii jireenya isaa guutuu Rabbiif sujuuda takkallee kan hin sujuunne, Ramadaana hin soomne, Rabbiif jedhee zakaa hin kenninee, gara Mana Isaatti hin hajjinee mu’mina (nama dhugaan amane) ta’uun waan hin danda’amneedha. Qalbii keessa nifaaqa fi zandiiqni jiraachu waliin malee iimaana sirrii waliin kuni hin argamu. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu kan sujuuda didu kaafira qofa akka ta’e ibsa. Akkuma jecha Isaa:




“Guyyaa mogolee irraa saaqamuu fi gara sujuudaa waamamanii isaan sujuudu hin dandeenye [yaadadhu]. Ijji isaanii sodaattu taate xiqqeenyis isaan haguuga. Osoo fayyaa qabanuu gara sujuudaatti waamamaa turan.” Suuratu Al-Qalam 68:42-43 (Majmuu’al Fataawaa-7/187)



Guduunfaa

Iimaanni akkuma qalbiin amanuu fi dhugoomsu of keessatti qabatu, arrabaan dubbachuu fi qaaman hojjachuus of keessatti qabata. Namni qalbii isaatin hundeewwan iimaanatti erga amanee fi dhugoomse booda, iimaanni isaa sirrii fi dhugaa ta’uuf arrabaan dubbachuu fi qaaman hojjachuu qaba.


Keessaa fi alli kan wal qabataniidha. Keessi yoo qajeele allis ni qajeela, keessi yoo bade allis ni bada.





Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna.


Kutaa dabran argachuuf.  Kutaa 1ffaa    kutaa 2ffaa kutaa 3ffaa, kutaa 4ffaa

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...