Skip to main content

IIMAANAA FI BARBAACHISUMMAA ISAA


 Leenji kutaa 7ffaa  Waa'ee iimaanaa


Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog


IIMAANAA FI BARBAACHISUMMAA ISAA


Kutaalee darban keessatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa ilaalle turre. Iimaana jechuun qalbiidhaan dhugaan amanuu fi wanta qalbiin amanan san dubbii fi hojiin dhugoomsudha. Fakkeenyaf namni “Rabbii olta’etti amanee jira” jedhu, Rabbii fi wantoota Rabbiin beeksisetti amanuu, wanta Rabbiin itti ajajee dubbachuu fi hojjachuu, akkasumas wanta irraa dhoowwe dhiisun isarraa eeggama.Yoo kana hojjate namni kuni iimaanaa qabaa jechuudha. 


Bal’innaan waa’ee iimaanaa hubachuuf kutaalee darban irraa dubbisuun gaarii ta’a. In sha Allah, har’a kan ilaallu barbaachisummaa iimaanati fi akkamitti qalbii keessatti hidda akka qabsiisaniidha.



Gaafiwwan Ilmi namaa kamiyyuu deebii barbaadu


Jireenya keessatti gaafiwwan namni hunduu deebii quubsaa barbaadu maal akka ta’an beektu? Gaafiwwan kunniin: “Eenyutu na uume? Maaliif addunya tana keessa jiraadhaa? Eessa deemaa jiraa? (du’aan booda maal ta’aa?)” kan jedhaniidha.



Namoonni gariin gaafiwwan kanniin irraa garagaluun akkanumatti dhama’anii jiraatu. Muraasni isaanii immoo qorannoo fi qo’annoo adda addaa adeemsisuun deebii sirrii argachuu hin dandeenye. Jireenya isaanii guutu dhama’anii jiraatu. Gariin isaanii immoo madda sirrii qo’achuun deebii gahaa argatanii jireenya gammachuu jiraatu.



Jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbii dhugaa dhandhamuuf gaafiwwan kanaaf deebii sirrii argachuun dirqama ta’a. Gaafiwwan kanniniif deebii gahaa kan kennu iimaana akka ta’e shakkii wayitu hin qabu. Namni “Eenyutu na uume?” jedhe yommuu of gaafatu, ofiin of uumu akka hin dandeenye ykn namoonni isa uumuu akka hin dandeenye ni hubata. Kanaafu, Kaaliqni (Uuman) isa uume jiraachu akka qabu ni amana. Kuni gaafi jalqabaatiif deebii gahaa isaaf ta’a. Gaafin itti aanu gaafi jalqabaa irraa kan adda bahuu miti. “Maaliif addunyaa tana keessa jiraadhaa?” Kaaliqni samii, dachii fi wantoota isaan jiddu jiran taphaaf hin uumne. Kaayyoon jiraachu qaba. Ilma namaa akkanumatti kaayyoo malee hin uumu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ilma namaa erga uumee fi wanta isa barbaachisu erga dhiyeesse fi qopheessefi booda, wanta tokko akka hojjatu ni ajaja ykn wanta tokkorraa ni dhoowwa. Kanaafu, kaayyoon guddaan ilmi namaa jireenya tana keessatti uumameef wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun Rabbiif bitamuu fi gadi jechuu isaa dhugoomsudha. Gaafiwwan jalqabaa lamaan armaan olitiif haala kanaan Rabbiin deebii kenna:


يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱعۡبُدُوا۟ رَبَّكُمُ ٱلَّذِى خَلَقَكُمۡ وَٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ


“Yaa namoota! Akka [Rabbiin] sodaattaniif jecha Gooftaa keessan kan isinii fi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa.” Suuratu Al-Baqara 2:21


Ammas dabalataan ni jedha:


وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ



“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56


Ibaada (gabbarrii) jechuun Rabbiin jaallatanii fi olguddisanii (kabaja guddaan) Isaaf of gadi qabuu fi buluudha.


Namni tokko akkana jechuun gaafi gaafachu danda’a, “Rabbiin gabbarri keenya irraa bu’aa ni argataa?” Deebiin kanaa gaafi armaan olii sadaffaa keessa jira. Innis, “Eessa deemaa jiraa? (du’aan booda maal ta’aa?)” Rabbin subhaanahu wa ta’aalaa gabbarri (ibaadaa) keenya irraa bu’aa ykn faayda hin argatu. Inni wanta hundarraa Of gahaa fi Dureessa (Ghaniyy) waan ta’eef. Kanaafu, faaydan ibaada namuma hojjate saniif deebi’a. Kanaan akka termii (jecha wali-galtee) Islaamatti “Jazaa” jennaan. 


Addunyaa tana keessatti wanta hojjataniif mindaa guutuu argachuun ni ulfaata. Kanaafu, Guyyaan mindaa guutu itti argatan jiraachu qaba. Kuni immoo kan adeemsifamu du’aan booda. Rabbiin Guddaan olta’e ni jedha:


كُلُّ نَفۡسٍ ذَآئِقَةُ ٱلۡمَوۡتِۗ وَإِنَّمَا تُوَفَّوۡنَ أُجُورَكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۖ فَمَن زُحۡزِحَ عَنِ ٱلنَّارِ وَأُدۡخِلَ ٱلۡجَنَّةَ فَقَدۡ فَازَۗ وَمَا ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَآ إِلَّا مَتَٰعُ ٱلۡغُرُورِ


“Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi duniyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Ali-Imraan 3:185)



Kanaafu, deebii gaafi “Eessa deemaa jira? (Du’aan booda maal ta’a?)” jedhu akkana ta’a: namni du’ee kan badu osoo hin ta’in lamu deebifame wanta hojjataa tureef ni gaafatama. Ergasii wanta hojjataa ture irratti hundaa’e, ni badhaafama ykn ni adabama. Wanta gaarii yoo hojjate Jannataan badhaafama, wanta badaa yoo hojjate immoo Jahannamiin adabama.


Kanaafu, imaanni gaafiwwan sadan kanaaf deebii quubsa fi gahaa ta’e kenna. Kuni barbaachisumma fi faayda iimaana isa guddaa ta’eedha.


Hojiiwwan Gaggaarin Maal irra dhaabbatuu?


Namni gahuumsa isaa gahee badhaafamuu ykn adabamuuf hundeen ykn bu’uurri hojii isaa beekkamu qaba. Akkuma mukni hidda yoo hin qabaatin muka jedhamu hin dandeenye, hojiin gaarinis hundee (bu’uura) irratti ijaarramu yoo hin qabaatin hojii gaarii jedhamu hin danda’u. Namoonni baay’een “Kiristaanonni ykn yahuudonni ykn namoonni Islaaman ala amanti biroo hordofan hojii gaarii baay’ee hojjatu. Akkamitti hojiin gaariin kuni jalaa badaa?” jechuun gaafatu. Deebiin kanaa salphaadha. Akkuma manni bu’uura yoo hin qabaatin ykn bu’uurri isaa yoo murame diigamu, hojiin gaarin bu’uura hin qabnes akkasuma diigama ykn bada. Bu’uurri hojii gaarii harkaana iimaanaati. Harkaana iimaana yommuu jennu  Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha. Kunniin qalbii keessa yoo hin jiraatin hojiin ni bada.



Gaafa tokko Umar ibn al-Khaxxaab gadaamaa molokseen keessa jiraatu biraan darbe. Akkana jechuun lallabe, “Yaa moloksee!” Ergasii Molokseen gadi bahe. Umar isa ilaale booye. Ni jedhame, “Yaa hogganaa warra amananii! maaltu si boochisaa?” Umaris ni jedhe, “Jecha Rabbii akkana jedhuun yaadadhe, 


وُجُوهٌ يَوۡمَئِذٍ خَٰشِعَةٌ

عَامِلَةٌ نَّاصِبَةٌ

تَصۡلَىٰ نَارًا حَامِيَةً 


“Fuulli gariin Guyyaan san (Guyyaa Qiyaamaa) salphattuudha. Hojjattu, ifaajjudha. Ibidda gubduu ni seenu.” (Suuratu al-Ghaashiyah 88:2-4) Kanatu na boochise” jedhe Umar.



Molokseen kuni ni hojjata, ni ifaaja. Garuu ifaaje isaatirraa firiin gaariin inni argatu hin jiru. Hojiin isaa iimaana sirrii irratti waan hin hundoofnef.


Rabbiin subhaanahu wa ta’aala nama hojii isaa iimaana irratti hundeesse fi nama hojii isaa iimaana irratti hin hundeessine haala kanaan fakkeenyan ifa godha:



أَفَمَنۡ أَسَّسَ بُنۡيَٰنَهُۥ عَلَىٰ تَقۡوَىٰ مِنَ ٱللَّهِ وَرِضۡوَٰنٍ خَيۡرٌ أَم مَّنۡ أَسَّسَ بُنۡيَٰنَهُۥ عَلَىٰ شَفَا جُرُفٍ هَارٍ فَٱنۡهَارَ بِهِۦ فِى نَارِ جَهَنَّمَۗ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِى ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ



“Sila nama bu’uura ijaarsa isaa sodaa Rabbii irraa ta’ee fi Jaalala [Isaa] irratti bu’uuressetu caala moo, nama bu’uura ijaarsa isaa afaan qilee kan cituu dhiyaate irratti bu’uuressee ergasii ibidda Jahannam keessatti isaan kufetu caalaa?” Suuratu at-Tawbaa 9:109



Akkuma yeroo darbe jenne sodaan Rabbii fi jaalala Isaa barbaadun iimaana irraayyi. Kanaafu, namni iimaana irratti hojii ofii ijaare dhugumatti bu’uura cimaa irratti ijaare. Namni hojiin isaa iimaana irratti hin hundoofne immoo akka nama mana isaa afaan qilee cituuf dhiyaate irratti ijaareti.


Rabbiin subhaanahu wa ta’aala warroota hojii isaanii iimaana irratti hundeessan badhaasa guddaa kennaaf. Qur’aana keessatti,


إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَانَتۡ لَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلۡفِرۡدَوۡسِ نُزُلًا

خَٰلِدِينَ فِيهَا لَا يَبۡغُونَ عَنۡهَا حِوَلًا


“Dhugumatti, isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws iddoo simannaa (qubannaa) isaaniif taatee jirti. Ishee keessa yeroo hunda jiraatu. Ishee irraa jijjiramuu hin barbaadan.” Suuratu al-Kahf 18:107-108


Warra hojiin isaanii iimanaa irratti hin hundoofne immoo hojiin isaanii akka jalaa badu ni beeksisa:


“Jedhi “Sila warra hojiidhaan hundarra hoonga’oo ta’an (kasaaran) isiniif himnuu?”

Isaan warra odoo dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu addunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha.

Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaaniitii fi wal-qunnamtii Isaatti kafaranii dalagaan isaanii jalaa baddeedha. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa madaalaa isaaniif hin dhaabnu.” Suuratu al-Kahf 18:103-105


قُلۡ هَلۡ نُنَبِّئُكُم بِٱلۡأَخۡسَرِينَ أَعۡمَٰلًا

ٱلَّذِينَ ضَلَّ سَعۡيُهُمۡ فِى ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَهُمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّهُمۡ يُحۡسِنُونَ صُنۡعًا


Hojii iimaana irratti hundeessu jechuun Rabbittii fi harkaana iimanaa hafanitti amanuun hojii gaggaarii iklaasan hojjachuudha.

Hojiin gaariin iimaana irratti hin hundoofne yommuu jennu immoo Rabbii fi harkaana iimaanaa birootti kafaruu (kaadu ykn amanuu diduudha).


Karaalee iimaanaa qalbii keessatti hidda qabsiisan


Wanta tokko dhugaa ta’uu isaa beekuf karaa adda addaatti fayyadamna. Isaan keessaa odeefannoo nama dhugaa dubbatu irraa arganne, ijaan arguu, sammuun itti yaadu fi kkf. Fakkeenyaf, wanti tokko bakka fagoo nu hin arginetti yoo uumame, namni dhugaan gonkumaa soba hin dubbanne, “Wanti akkana uumame” jedhee yoo nutti hime, oduu isaa kana ni dhugoomsina. Akkasumas, yoo qaaman bira dhaqnee argine daran dhugaa ta’uu ni hubanna. Ammas, mallattoo oduu sanii arguun sammuun itti yaanne dhugaa ta’uu ni barra.


Wantoota dachii fi samii keessa jiran hunda ijaan arguu hin dandeenyu. Kanaafu, maloota armaan olii keessaa tokkoon ykn sani oliin fayyadamuun jiraachu wanta ijaan hin arginetti ni amanna. Yeroo baay’ee iimaanni wanta ija keenyan hin mul’anne amanuun kan wal qabateedha.


Kanaafu Karaalee Iimaana qalbii keessatti hidda qabsiisan bakka gurguddaa afuritti qoodu dandeenya. Isaanis:



1.Sami’iyyi (dhageetti)- akkuma irrannatti jenne wanta ijaan hin argine karaan ittiin amannu keessaa tokko odefannoo dhugaa nama dhugaa irraa dhageefachuudha. Ergamtoonni Rabbii odeefannoo dhugaa waa’ee geybii (wanta ijaan hin mul’annee) ilaalchise Rabbiin irraa gara ilma namaa geessanii jiru. Kanaafu, namni wanta isaan jedhanitti amanee fi hordofe, nageenyi fi milkaa’inni isaaf ta’a. Qur’aanni ergaa dhumaa Rabbiin irraa gara ilma namaatti bu’eedha. Waa’ee geeybi ilaalchise odefannoo dhugaa gonkumaa sobni itti hin seenne of keessaa qaba.


لَّا يَأۡتِيهِ ٱلۡبَٰطِلُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَلَا مِنۡ خَلۡفِهِۦۖ تَنزِيلٌ مِّنۡ حَكِيمٍ حَمِيدٍ


“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42


Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu. Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.



2.Hissiyy (miirawaa ykn wanta ijaan argan)– mallattoo dachii fi samii keessa jiran ilaalun iimaanni qalbii keessatti hidda akka qabatu gargaara. Fakkeenyaf, dachii, samii fi wantoota isaan jiddu jiran yommuu ilaalan Khaaliqni akka jiruu fi Tokkicha fakkaataa hin qabne akka ta’e ni hubatan. Qur’aana keessatti:



#أَفَلَمۡ يَنظُرُوٓا۟ إِلَى ٱلسَّمَآءِ فَوۡقَهُمۡ كَيۡفَ بَنَيۡنَٰهَا وَزَيَّنَّٰهَا وَمَا لَهَا مِن فُرُوجٍ

#وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِىَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجٍۭ بَهِيجٍ

#تَبۡصِرَةً وَذِكۡرَىٰ لِكُلِّ عَبۡدٍ مُّنِيبٍ 



“Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu, tan uraa homaatu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarre fi miidhagsinee hin ilaalle? Dachii diriirsinee gaarren dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqne; akaaku biqiltoota babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine. Gabricha tawbatuuf hubannaa fi gorsa akka ta’uuf [kana goone].” Suura Qaaf:6-8



3.Aqliyy (sammuun)– kuni wanta dhagayanii fi ijaan argan sammuun itti yaadun dhugaa shakkii hin qabne (yaqiina) irra gahuudha. Yommuu Qur’aana fi wantoota Rabbiin uume irratti xinxallinu iimaanni keenya qalbii keessatti hidda qabata.



4.Fixriyy (uumaman)– kuni immoo uumaman wanta nu keessa jiruudha. Namni hanga fedhe yoo kafareyyuu uumamni isaa gara Rabbitti ni akeeka. Namni garmalee yeroo rakkatu, “Yaa Rabbi! Yaa Gooftaa kiyya!” jechuun iyya. Fakkeenyaf, Fira’awni ummata isaatin, “Ani gooftaa ol’aanaa keessani” jechaani ture. Garuu yommuu bishaanin nyaatamu akkana jedhe, “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota irraayi” (Suuratu Yuunus 10:90)


وَجَٰوَزۡنَا بِبَنِىٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱلۡبَحۡرَ فَأَتۡبَعَهُمۡ فِرۡعَوۡنُ وَجُنُودُهُۥ بَغۡيًا وَعَدۡوًاۖ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَدۡرَكَهُ ٱلۡغَرَقُ قَالَ ءَامَنتُ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱلَّذِىٓ ءَامَنَتۡ بِهِۦ بَنُوٓا۟ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَأَنَا۠ مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ



Yommuu rakkoon keessa isaa dhooftu haqaan gabbaraman Rabbiin malee akka hin jirre ni amane.




Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna.


Kutaa dabran argachuuf.  Kutaa 1ffaa    kutaa 2ffaa kutaa 3ffaa, kutaa 4ffaa, kutaa 5ffaa, kutaa 6ffaa

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...