Skip to main content

Amaloota gabroota arrahmaan kutaa 6


Al-risala-tubeAl-risala-tube Telegram from sammubani.cm

Kutaa darbe keessatti amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa badiiwwan gurguddaa irraa fagaatan ilaalle jirra. Aayan armaan gadi immoo badii gurguddaa fi xixiqaa hundarraa fi wanta faaydi hin qabne irraa akka fagaatan ibsuun wanta darbe nuuf guduunfiti.

25:72

“Isaan kanneen Az-Zuur ragaa hin baanee fi yommuu Al-Laghw biraan darban kabajaan darbaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:72

Aayah tana sirritti hubachuuf hiika jechoota, “shahida, az-zuur fi al-laghw” jedhan sirritti beeku qabna.
Akka lugaa Arabifaatti hiika “shahida” keessaa tokko “argamu” dha. Fkn, akkana ni jedhama:“Shahida al-majlisa” Kana jechuun “Inni iddoo wal-gahiitti argame (He attended meeting place)”
Ammas hiikni biraa, “Shahida” jedhu oduu irraa wanti inni dhiyeessu dhugaa akka ta’e beeksisuudha. Hiika kana gara Afaan Oromootti yommuu deebisnu, “Ragaa bahuu” jennaan. Kanaafu, hiikota shahida jedhu keessaa, “Argame” fi “Ragaa bahe” kan jedhaniidha.

Az-Zuur” jechuun baaxila (soba), kijiba, ragaa sobaati. Tarii hundeen “az-zuur” “Al-Izwiraar” kan jedhu irraayyi ta’a. “Al-Izwiraar jechuun wanta tokko irraa dabuu fi maquudha. Kijibni, baaxilli fi ragaan sobaa hundi karaa haqaa irraa kanneen dabaniidha. 

Hiika jalqabaa “shahida” (argame) jedhu irratti hundaa’e jechii Rabbii olta’aa “Wallaziina laa yash-haduuna-zzuur” jedhu, hiikni isaa akkana ta’a: Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, iddoo baaxilli, kijibni fi badiin itti raawwatamu kan warri shirkii fi jallinnaa itti wal gahanitti hin argaman. Gabroonni Ar-Rahmaan osoo achitti waliin hirmaatu baataniyyuu, achitti argamuu fi ilaalu irraa ni fagaatu. Sababni isaas, achitti argamuun qofti ma’asiyaa (badii) dha.

Hiika lamaffaa “Shahida (ragaa bahe)” jedhu irratti hundaa’e hiikni aayah: amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, ragaa isaanii keessatti wanta beekan malee hin beeksisan. “Kuni dhugaa beeknu” jedhanii odeessun, sobaan ragaa hin bahan.[1] Hiikni lamaan armaan olii wanti wal faallessu isaan keessa waan hin jirreef kan wal jabeessaniidha.

Armaan olitti jecha baaxila jedhu kaasne turre. Baaxila jechuun faallaa haqaa kan ta’ee fi wanta dhaabbata hin qabneedha. Fkn, shirkiin baaxila. “Hojii baaxilaa” ni jedhama. Kana jechuun, “Hojii kasaaraa faaydan keessa hin jirre.”[2]

Hiikota armaan oli irraa kaane, Gabroonni Ar-Rahmaan iddoo wal-gahii dubbii dhoowwamaa ykn hojii dhoowwamaa of keessaa qabu hundarraa ni fagaatu. Iddoo namoonni wal gahanii ykn wal-qunnamanii sobaan itti wal morman, wal-hamatan, jette jettee odeessan, wal-arrabsan, maqaa xureessan, itti qoosan, itti sirban, farsoo dhugan, filmii ilaalanii fi kkf itti hojjatanitti hin argaman.[3] Wantoota baaxilaa fi kijibaa kanniin irratti kan hin argamne erga ta’anii, sobaan ragaa hin bahanii jechuudha.

Ragaan sobaa jireenya namaa keessatti kijiba irraa gocha garmalee fokkuu ta’ee fi miidhaa guddaa fiduu ta’ee osoo jiruu, akkamitti gabroonni Ar-Rahmaan ragaa sobaa bahuu? Hundemaa, ragaa bahuu keessatti nama haqaatiif deeggaraa ta’uu, haqummaa gadi dhaabu fi yakkamtoota nama miidhan irratti murteessuf gargaaraa ta’uudha. Ragaan itti-gaafatamummaa isaa irraa jijjiramuun sobaaf deeggaraa fi abbaan murtii haqaan ala sobaan murteessun murtii kan jallisuu yoo ta’e, yeroo tokko keessatti yakka gurguddaa lama of keessatti hammata:

Yakka 1ffaa– Ragaan itti gaafatamummaa uumamaa isaa bahuu dhiisu. Kana jechuun dhugaadhaan ragaa bahuun osoo namarra jiru sobaan ragaa bahuudha. Gama kanaan, ragaa dhoksuu irra haalli kuni irra badaadha.
Yakka 2ffaa-Ragaa sobaa kana fudhachuun mirgi fi haqni sarbamuu, namoonni qulqulluun miidhamu, gabroota Rabbii irratti daangaa darbuu fi isaan miidhuuf itti gargaaramuudha. Fakkeenyaaf, abbaan murtii haqaan murteessun osoo isarra jiruu, fedhii lubbuu hordofuun ykn addunyaa irraa faaydaa xiqqoo barbaadun ykn firummaaf dhimmamuun haqa malee murteessa, zaalima ni gargaara, irree nama daangaa darbee ni jabeesa.

Osoo yakka kanniin lamaan of keessaa akka qabu hubatamu baateyyuu ragaan sobaa kijiba uumameedha. Warroota hin amannee malee eenyullee kijiba akka hin uumne Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibse jira:

16:105

“Kijiba kan uumu keeyyattoota Rabbitti kanneen hin amannee qofaadha. Warri suni isaanumatu kijibdoota.” Suuratu An-Nahl 16:105

Kana jechuun kan kijiba uumuu fi sobuu namoota ragaalee fi beeksisa Rabbiitti hin amanneedha. Sababni isaas, dhugaa dubbachuu isaanitiif mindaa hin kajeelan, kijiba dubbachuu isaanitiif adabbii hin sodaatan. Isaan warra kijiba uumaniidha.[4] Aayan tuni akkuma agarsiistu, kijiba namoota hin amanne irratti gabaabse. Kijiba kan uumu warroota hin amanne qofa. Gosoota kijibaa keessaa hundarra fokkuu kan ta’e, Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuu fi ragaa sobaa bahuudha.

Ragaa sobaa irraa akeekachisuu ilaalchisee Abu Bakrah irraa Al-Bukhaari fi Muslim akkana jechuun gabaasanii jiru: Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Badiwwan gurguddaa keessaa hundarra badaa kan ta’e isinitti himuu?” Nutis ni jenne, “Eeyyen Yaa Ergamaa Rabbii!” Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan: “Rabbitti waa qindeessu (shirkii), haadha abbaaf ajajamuu diduu fi tola oolu dhiisu, ragaa sobaa yookiin dubbii sobaati.” Ergamaan Rabbii (SAW) hirkatanii turan. Ergasii ol jedhe taa’un “Ragaa sobaa” irra deddeebi’u hin dhiisne hanga osoo cal’isee maal qaba jennuutti.” Sahiih Muslim 87Sahiih Al-Bukhaari 6919

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Xurii taabotaa irraa fagaadhaa, dubbii sobaa irraayis fagaadhaa.” Suuratu Al-Hajj 22:30
Taabota fi uumamtoota biroo gabbaruun (waaqefachuun) xurii hundarra badaa qalbii namaa xureessudha. Dubbiin sobaas dubbii hundarra fokkuu ta’eedha. Kanaafu, kana hundarraa fagaadhaa.

Gabaabumatti, gabroonni Ar-Rahmaan hojii fi dubbii sobaa keessatti hin hirmaatan, akkasumas, ragaa sobaa hin bahan. Isaan warra “yommuu Al-Laghw biraan darban kabajaan darbaniidha.”

Akka lugaatti, “Al-Laghw” jechuun addunyaatti ykn Aakhiratti faaydan isarraa waan hin argamneef wanta haaqamuu fi dhiifamuu qabu hunda.[5] Gabaabumatti, al-laghw jechuun dubbii ykn hojii qullaa faaydaa fi kheeyrin keessa hin jirreedha. Kan akka dubbii namoota gowwaa, waa’ee wal-qunnamti foonii dhiiraa fi dubartii jidduutti adeemsifamu ilaalchisee jecha ifaatin dubbachuu, mushrikoonni wanta gabbaran ol guddisanii dubbachuu, sirba dhageefachu fi kkf laghw irraayyi.[6]

Gabroonni Ar-Rahmaan dubbii qullaa faaydaa hin qabnetti yoo tasa dhufan ykn itti dhiyaatan, kabajaan bira darbu. “Kabajaan darbuu” jechuun nafsee ofii dubbii qullaa faayda hin qabne irraa fageessu, itti lixu irraa nafsee ofii ni kabaju. Osoo itti lixuun cubbuu ta’uu baateyyuu, wanta faaydi hin qabne dubbachuun ykn hojjachuun gowwummaa akka ta’e fi, namummaa fi dhiirummaaf hanqinna akka ta’etti ilaalu. Kanaafu, nafsee ofii kanarraa ol fageessu.[7]

Gabroonni Ar-Rahmaan gatii yeroo ni hubatu. Jireenya tana keessatti yeroon isaan irra darbu mataa qabeenya isaanii akka ta’e ni beeku. Yeroo isaanii wanta faaydan keessa hin jirree (al-laghw) keessatti akka gubattuuf yoo hayyaman, hamma al-laghw keessatti baasaniin mataa qabeenya isaanii bittineessanii ykn balleessanii jiru. Kasaaran kana keessatti kasaaran gonkuma akka bakka hin buufamne ni beeku. Isaan gamnootaa fi warra beekumsa qaban waan ta’aniif, kasaaraa bakka hin buufamne kana akka hin kasaarre garmalee tattaafatu. Sababni isaas, umriin daangefamaadha. Namni hojii isa jala darbe hojjachuuf osoo umriin isaa akka tursifamuu hanga fedhe barbaade, gonkumaa hin tursiifamu osoo sa’aati takkallee taateyyu. Du’aan booda hojii gaarii hojjachuuf akka deebifamuu yoo kadhates, kadhaan isaa fudhatama hin argatu. Inuma ni waqqafama.

Kanaafi,ilmi namaa kasaara keessa akka jiru agarsiisuuf Rabbiin azza wa jalla yeroon kakate. Namni bakkuma argetti yeroo isaa bittinneesun akkuma yeroon isa irra darbuun kasaaraa keessatti mucucaata. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota kasaran irraa namoota amanan, hojii gaggaarii hojjatan, haqaa fi obsa waliif dhaaman adda baase. Sababni isaas, warroonni kasaaraa jalaa bahan kunniin warroota umrii isaanii daldala bu’aa guddaa buusu Rabbii olta’aa waliin daldaalu irratti baasaniidha. Dhugumatti, daldalli kuni daldala guddaa guddinna isaa namni yaadu hin dandeenyedha.

Gabroonni Ar-Rahmaan gosoota kana irraayyi. Yeroon isaanii faayda tokko malee gubachuu waan sodaataniif wanta faaydi hin qabne kabajaan bira darbu. Kana keessatti taruun yeroo ofii hin guban, ofiis hin xiqqeessan. Namni kabajamaan wanta tokko biraan yoo darbe xiyyeefannoo isaa, ykn yeroo isaa ykn humna isaa osoo itti kennin, kana waliinu gogaa fi jabaataa osoo hin ta’in, haala salphaa fi laafan bira darba. Itti hin jabaatu, hin gogu, haala laafaa fi salphaa ta’een namoota wanta faaydi hin qabne keessatti lixan gorsa. Umriin garmalee qaalii akka ta’e isaanitti hima. Kanaafu, wanta faaydi hin qabne keessatti yeroo balleessuun sirrii miti.

Gabroonni Ar-Rahmaan amaloota isaanii keessaa tokko uluwwul himmati (Yaanni isaanii garmalee ol’aanaa) ta’uudha. Yaada ykn kaayyoo ol fagoo waan qabaniif wantoota tufatamoo fi xixxiqoo irraa of ol kaasu. Dhimmoota ol’aanoo fi guutuu ta’an barbaadu. Dhimmoota tuffatamootti rarra’uun gadi aantummaa nafsee fi yaanni namaa kufuu akka ta’e ni hubatu. Warri qalbii fi nafsee guddaa qaban kana hin hojjatan. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan warra argituu gara karaa olii ol nama kaasutti fudhattuu fi gubbaa ol’aanu ilaaltu qabaniidha. Isaan argituu tanaan dubbiin ykn hojiin ykn yaanni faaydi qabne dhimmoota tuffatamoo fi gadi aanoo akka ta’an ni argu. Kanaafi, isaan xiqqoo malee yeroo fi humna isaanii irraa wanta faaydi hin qabne irratti hin balleessan.

Jireenya isaanii keessatti dhimmoota duwwaa faydan keessa hin jirre biraan yoo darban, irraa garagalu. Nafsee ofii dhimmoota faaydi hin qabne keessa turuu irraa ni kabaju. Al-laghw wanta faayda hin qabne waliin ko’oomu waan ta’eef dhimmoota gamnoonni xiyyeefannoo itti hin kennineedha. Gabroonni Ar-Rahmaan gamnoota waan ta’aniif wanta isaan ilaallatuu fi fayyadu argachuuf garmalee itti futu. Dhaamsa Nabiyyii (SAW) hojii irra oolchun wanta isaan hin ilaallanne waliin hin ko’ooman:[8]

‏ إِنَّ مِنْ حُسْنِ إِسْلاَمِ الْمَرْءِ تَرْكَهُ مَا لاَ يَعْنِيهِ ‏”‏
Gaarummaa Islaama nama tokkoo keessaa wanta isa hin galchine dhiisudha.” Jaami’u Tirzimii-2318

 Wanti isa hin galchine wanta isaaf ykn nama biraatiif faayda hin buufnedha. Fakkeenyaf, namoota hamachuu, fi kkf. Asitti wanti hubatamu qabu, “Namoota waan badaa irraa dhoowwun ykn waan gaaritti ajajuun” hadiisa kana keessa hin seenu. Yommuu namni tokko nama biraa waan gaaritti isa ajaju ykn waan badaa irraa isa dhoowwu, namni lammataa hadiisa armaan oliitti fayyadame, “kuni dhimma dhuunfati si hin galchu” jechuuni hin danda’u. Sababni isaas, al-amr bil ma’aruufi wa nahyi anil munkari (waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwun) wanta shari’aan itti ajajee fi dirqama godheedha. Wanti shari’aan itti ajaje hundi wanta nama galchuu fi xiyyeeffanno itti kennuun barbaachisudha.

Guduunfaa
➥“Az-Zuur” jechuun baaxila, kijibaa fi ragaa sobaati. Baaxilli shirkii, muuziqaa, hojii badaa fi fokkuu biroo of keessatti hammata
Al-Laghw jechuun wanta faaydaa fi bu’aa hin qabneedha.
➥Gabroonni Ar-Rahmaan az-zuur irratti hin argaman ragaas hin bahan. Kana jechuun isaan hojii fokkuu fi kijiba keessatti hin hirmaatan, akkasumas, ragaa sobaa hin bahan. Hojii badaa, kijibaa fi ragaa sobaa irraa fagaachun isaanii waa sadii irraa isaan tiiksa: Adabbii, salphinnaa fi yeroo gubuu.
➥Ammas gabroonni Ar-Rahmaan wanta faaydi hin qabne biraan kabajaan darbu. Kana jechuun yommuu tasa wanta faaydi hin qabnetti dhufan nafsee ofii kabajanii bira darbu. Yoo danda’an namoota ni gorsu. Yoo dadhaban immoo irraa garagalanii deemu. Haala kanaan, yeroo isaanii bakka hin taanetti gubuu irraa eegu.


➥Gabroonni Ar-Rahmaan sirba (muuziqaa) hin dhageefatan ykn iddoo sirbaatti hin argaman. Sababni isaas, sirbii takkaa hojii baaxilaa badiitti nama geessu ta’a, takkaa immoo dubbii qullaa faaydan keessa hin jirree ta’a. Gabroonni Ar-Rahmaan baaxilaa fi kijiba irratti waan hin argamneef ammas, wanta faayda hin qabne biraan kabajaan waan darbaniif sirba hin dhageefatan ykn iddoo isaatti hin argaman.
➥Ammas gabroonni Ar-Rahmaan fiilmi fi moovi dubartii fi dhiira makate hin ilaalan. Sababni isaas, fiilmi fi moovin kunniin baaxila hojii fokkuu akka shirkii, sagaagalummaa fi ajjeechaatti nama geessaniidha. Akkasumas, hojii fi dubbii faaydan keessa hin jirreedha. Namni fiilmi fi moovi warra dhiyaa, hindoota, turkoota, araboota fi kan biroo halkanii guyyaa ilaalu faaydan inni argatuu maaliidhaa? Gabroonni Ar-Rahmaan wanta baaxilaa (sobaa) ilaalu irratti yeroo isaanii qaali hin guban.
➥Ammas, gabroonni Ar-Rahmaan nama hamachuu irratti yeroo ofii hin dabarsan. Sababni isaas, nama hamachuun az-zuur waan ta’eef badittii isaan kuffisa.

➥Gabaabumatti gabroonni Ar-Rahmaan umriin isaaniif kenname gabaaba ta’uu waan beekaniif Aakhiratti mindaa guddaan milkaa’uu fi adabbii jalaa bahuuf: hojii badaa, kijibaa fi ragaa sobaa irraa ni fagaatu. Yeroo isaanii wanta faayda hin qabne irratti hin balleessan. Kana irra, takkaa addunyaatti hojii isaan fayyadu, takkaa immoo Aakhiratti hojii isaan fayyadu hojjatu. 

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...