Skip to main content

Kutaa 3ffaa

 

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 3ffaa


Kutaa darbee keessatti amaloota Gabroota Ar-Rahmaan sadii ilaalle turre. Isaanis: (1)-yommuu dachii keessa deeman tasgabbii fi haala madaallamaan deemu. (2)-Yommuu wallaaltonni fi gowwoonni dubbii badaan isaan dubbisan, dubbii gaarii isaanitti deebisuun nagaha ta’u. (3)-Halkan irraa hanga danda’an salaataa bulu. Halkan isaanii tapha, badii fi wanta faaydi hin qabne irratti kan dabarsan osoo hin ta’in Gooftaa isaanii gabbaraa bulu. Badii fi hanqinna isaanitiif obboroo araarama kadhachuu baay’isu. Kuni hundi jireenya isaanii keessatti tasgabbii fi gammachuu dhangalaasa. Mee har’as itti fufuun amaloota isaanii haa ilaallu:



وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱصۡرِفۡ عَنَّا عَذَابَ جَهَنَّمَۖ إِنَّ عَذَابَهَا كَانَ غَرَامًا


إِنَّهَا سَآءَتۡ مُسۡتَقَرًّا وَمُقَامًا



“Ammas isaan,“Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi. Dhugumatti adabbiin ishii namatti maxxanaa ta’eera. Dhugumatti ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun fokkatte!” kanneen jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:65-66


Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa halkanii guyyaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisuu kadhatu.


“Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi.” Kana jechuun Yaa Gooftaa keenya! Adabbii Jahannam nurraa garagalchi, nurraa fageessi. Kuni kan agarsiisu dogongora hojjatan amanuun Gooftaan isaanii adabbii Aakhirah akka isaan irraa deebisu kadhatu. Akkasumas, Gooftaan isaanii ma’asiyatti (badiitti) kufuu irraa akka isaan eegu kadhatu. Yoo badii fi cubbuu Jahannamitti nama geessu irraa isaan eege, adabbii Jahannam isaan irraa ni deebisaa jechuudha.


Jahannam- maqaa dhuunfaa ganda adabbii Rabbiin kaafirotaa fi warroota badii hojjataniif qopheessedha. Jecha biraatin maqaa ibiddaati. Jahannam kan jedhameef garmalee gadi fagoo fi dukkana waan ta’eefi.



“Gharaamaa”-jechuun adabbii cimaa yeroo hundaa namatti maxxanuu fi namarraa addaan hin baanedha. Kaafirota irratti adabbiin Jahannam yeroo hundaa cimaa fi maxxanaadha. Isaan irraa addaan hin bahu, gadi isaan hin lakkisu.


“Mustaqarr”- iddoo qubannaa yeroo hunda achi turaniidha. Jahannam iddoo qubannaa yeroo hundaa kaafironni achi keessa turaniidha. Achi keessaa bahuun isaaniif hin jiru. Zalaalamii achii keessa jiraatu.

Muqaama– makaanu iqaamati- iddoo turtii, iddoo jireenyaa. Iddoo jireenya yeroo hundaaf turuun dirqamaa miti. Namni iddoo tokko yeroo gabaabaaf turee ergasii deemu danda’a. Akkuma biyya keenya keessaa baanee biyya biraa jiraachuuf deemnu iqaamaa fudhanne yeroo murtaa’af turra. Ergasii, gara biyyaatti deebina ykn mala biraa barbaadanna.




Garaagarummaan mustaqarr fi muqaama jidduu jiru, mustaqarr iddoo qubannaa yeroo hunda keessa turaniidha. Muqaama immoo iddoo turtii ykn iddoo jireenyaa yeroo hunda achi turun dirqama hin taanedha.


Ibsa kana booda, Jahannam keessatti “Mustaqarr” kaafirotaa fi munaafiqotaaf ta’a. Kaafironni fi munaafiqonni Jahannam keessa zalaalami waan jiraataniif, Jahannam isaaniif iddoo qubannaa yeroo hundaa keessa turan taati. Muqaama immoo warra amananii badii baay’ee hojjachuun nafsee ofii irratti daangaa darbaniif ta’a. Warroonni kunniin yeroo murtaa’ef Jahannam keessa erga turanii booda waan bahaniif, Jahannam iddoo turtii isaaniif taati. Akkuma beekkamu, warri amananii fi Rabbiin tokkichoomsanii garuu badiin isaanii baay’atee Jahannam yoo seenan, yeroo hunda achi keessa hin turan. Hanga badii isaanii Jahannam keessatti erga adabamanii booda, achi keessaa bahanii Jannata ni seenu.




Jahannam iddoo qubannaa yeroo hunda keessa turan ta’uun, ammas iddoo yeroo gabaabaf keessa turaniis ta’uun kan fokkateedha. Sababni isaas, adabbiin Jahannam cimaadha.


Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, yeroo hundaa hanqinnii fi dogongorri isaanii isaanitti dhagahama. Kanaaf, Rabbiin rahmata Isaatiin isaaniif araaramu, isaaniif irra darbuu fi adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisu ni kadhatu.


Jecha gabroota Ar-Rahmaan, sa’aat mustaqarran wa muqaama jedhu keessatti, iddoo sodaa isaanii agarsiisa. Gara fuunduraatti haalli isaanii jijjiramee shirkii fi wanta badaa sanii olii hojjachuun Jahannam isaaniif iddoo qubannaa ni taati sodaatu. Ammas, shirkii gaditti badii gurguddaa hojjachuun Jahannam iddoo yeroo gabaabaaf keessa turan ni taati sodaatu. Kanaafu, Gabroonni Ar-Rahmaan adabbii warra yeroo hundaa achi keessa turan ta’i, adabbii warra yeroo gabaabaf achi keessa turan ta’i, adabbii Jahannam gosa hundaayyu akka isaan irraa deebisuu fi garagalchuu Rabbii isaanii kadhatu.


Du’aayin armaan olii kuni addunyaa tana keessatti sababoota Jahannamitti isaan geessu akka Rabbiin isaan irraa deebisu of keessatti qabata. Kanneen akka kufrii, shirkii fi badii adda addaa isaan irraa akka deebisu kadhatu. Kunis kan ta’u, iimaana sirrii fi hojii gaggaariin isaan waffaquu (qunnamsiisudha). Jecha biraatin, iimaana sirrii akka qabaatanii fi hojii gaggaarii akka hojjatan isaan dandeesisuudha. Iimaana sirrii qabaachuun nafsee ofii kufrii irraa eegu. Kanaafu, Rabbiin Jahannam keessa yeroo hundaa turuu isaan irraa deebisa. Hojii gaggaariin immoo nafsee ofii badii fi cubbuu irraa eegu. Kanaafu, Rabbiin osoo yeroo gabaaballee ta’ee Jahannam keessa turuu isaan irraa deebisa.




Ammallee, du’aayin isaanii kuni tawbaaf, araarama kadhachuu fi gara Isaatti deebi’uuf akka isaan waffaqu Rabbiin kadhachuu of keessatti qabata. Akkuma ma’asiyaan isaan irraa mul’atuun, yookiin dogongorri isaan irratti argameen, hanga Rabbiin badii isaanii isaan irraa haaqee fi tola Isaatiin isaaniif irraa darbee ergasii Gooftaa isaanii galmee wanta ibidda Jahannam keessatti akka adabamaniif isaan taasisu keessa hin jirreen itti dhufanitti, tawbaa fi istighfaara akka isaan qunnamsiisu kadhatu.


 Gabaabumatti, gabroonni Ar-Rahmaan, “sababoota adabbi Jahannamitti nama geessan irraa nu eegun, dogongoraa fi badii keenya nuuf araaramuun adabbii Jahannam nurraa deebisi” jechuun Rabbii isaanii kadhatu.


Mee du’aayi bareeddu armaan olii tana namni hunduu akka itti fayyadamuuf jecha jechaan haa ilaallu. Seensa irratti “Wallaziina yaquuluuna” jedhu, hiika “isaan kanneen jedhaniidha” jedhu waan qabuuf du’aayi keessa hin seenu. Du’aayin kana:



“Rabbanasrif annaa azaaba jahannama inna azaabahaa kaana gharaamaa. Innahaa saa’at mustaqarran wamuqaamaa.”


Hiika jechoota: Rabbanaa-Gooftaa keenya, isrif-deebisi, annaa-nurraa, azaaba-adabbii, jahannama-Jahannam, inna-dhugumatti,azaabahaa-adabbiin ishii, kaana-ta’eera, gharaamaa-namatti maxxanaa, innahaa–dhugumatti ishiin, saa’at-fokkatte, mustaqarran-iddoo qubannaa yeroo hundaa keessa turan, muqaamaa- iddoo turtii


Hiika himaa: “Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi. Dhugumatti adabbiin ishii namatti maxxanaa ta’eera. Dhugumatti ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun fokkatte!”




Guduunfaa

¶Gabroonni Ar-Rahmaan osoo hanga fedhan hojii gaggaarii hojjataniyyuu, yeroo hundaa dogongorri fi hanqinni isaanii isaanitti dhagahama. Kanaafi, Rabbiin adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisu halkanii guyyaa kadhatu. “Hojiin kiyya Jahannam jalaa na baasa” jechuun of hin jajan.

¶Adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisu Mawlaa isaanii kadhachuun wantoota armaan gadii of keessatti qabata:

✒Guyyaa Qiyaamaa zalaalamiifis ta’ii yeroo gabaabaf Jahannam keessa akka hin turreef adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisu kadhatu. Jecha biraatin, zalaalamiif ta’ii yeroo gabaabaaf Jahannam keessa akka isaan hin seensifne kadhatu.

 ✒Badii fi cubbuu Jahannamitti nama geessu irraa akka isaan eegu kadhatu. Kunis kan ta’u, iimaana sirrii akka qabaatanii fi hojii gaggaarii akka hojjatan isaan dandeesisuun. Iimaana sirrii qabaachun kufrii irraa of eegu, hojii gaggaarii hojjachuun badii fi cubbuu irraa of eegu.

✒Badii fi dongongora hojjataniif akka isaaniif araaramu kadhatu. Badii fi dogongora adabbii Jahannamitti nama geessu yoo isaaniif hin araaramin, Jahannamiin akka seenan ni beeku. Kanaafi, yeroo hundaa Rabbii olta’aa irraa araarama kadhachuu (istighfaara) baay’isu.




Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...