Skip to main content

Posts

Showing posts from June, 2021

Islaamaa fi iimaana

  Leenji kutaa 6ffaa  Waa'ee iimaanaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog ISLAAMA FI IIMAANA Kutaa darbee keessatti hiika iimaanaa ilaalle turre. Caalatti ifa gochuuf har’as fakkeenya waliin ni ilaala. Fakkeenya waliin ilaalun salphatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa akka hubatan nama gargaara.  Fakkeenya kanatti seenun dura mee garaagarummaa fi wal-fakkeenya Islaama fi iimaana jiddu jiru haa ilaallu. ●Akka Lugaatti: Islaama jechuun Rabbiif harka kennu fi ibaadadhaan Isaaf gadi jechuudha. İimaana jechuun immoo dhugoomsu fi mirkaneessudha. ●Akka shari’aatti immoo Islaama fi iimaanaa haala lamaan ilaalu dandeenya. Haala 1ffaa:Jechi “Islaama fi iimaana” jedhu bakka garagaraatti dhufuu– Islaamni fi iimaanni hima ykn keeyyata keessatti kophaa kophaa yoo dhufan hiikni isaanii wal fakkaata. Kana jechuun Islaamni hima ykn keeyyata tokko keessatti dubbatamee iimaanni waliin yoo hin dubbatamin ykn iimaanni dubbatamee Islaamni waliin yoo hin du...

Goolabbbi dubbii salafoota waa'ee imaanaa irratti

  Leenji kutaa 5ffaa  Waa'ee iimaanaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Kutaa darbe irraa itti fufuun Hiika Iimaanaa irratti waan salafoonni jedhan kutaa xumuura ilaalla (B)- Ammas iimaanni dubbii Arrabaa fi hojii qaamolees of keessatti qabata. Dubbiin arrabaa shahaadateyni dubbachuu fi wantoota isaaniin wal qabatan mirkaneessudha. (Shahaadateynin: “Ash’hadu an laa ilaah illallah wa ash’hadu anna Muhammadan abduhu wa rasuuluhu.” (Rabbin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha, ammas Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha) jechuudha.) Hojiin qaamolee immoo wanta qaaman malee hin hojjatamneedha. Fakkeenyaaf, salaata, hajjii, qabsoo (jihaada), waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwudha. Dubbiin arrabaa dhimma hafuu hin qabneedha.  Zaahiraan (gubbaadhaa) iimaanni gadi dhaabbatuu keessatti hundeedha. Beektonni salafaa dhimma kana jabeessanii jiru. kunoo Abu Sawr barbaachisummaa arrabaan mirka...

Dhimma lammilee keenyaa biyya sa'uudi jiranii

  Lamileen Itiyooppiyaa Biyya Saawdi Arabiyaat mana hidhaa addaa keessa hidhamani argaman "Sagalee nuuf ta'a" jechun nagaafataa turan. Anis dubbin lammilee mana hidhaatti daramaa jiran furmaanni jaraa maalii? " jechun gaafachaa turee odeefannoon argadhee kana fakkaata.  Hogganaan mootumaa Itiyoopiyaa dubbi kanaaf dhihoo ta'an tooko akka naaf ibsanitti waraqaa jireenya warri hinqabnee  mana hidhaa saawdi Arabiyaatti lamilee Ityooppiyaa kuma 45 ta'an hidhamani jiru.Lamilee kanneen biyatti galchuf yaaliin godhamaa ture. Hat'u malee baayyina jaraa fi hojjatonni embaasi Itiyoopiyaa hedduun jaraa afaan Arabaa warra hin beekbee ta'uu akkasumas haalli xayyaarri ittin lammiilee keebya fuudha turee harkifataa ta'u irraa kan ka'ee yaaliin lammilee baasu harkifateera.  Hata'u malee giddu kana mummichi ministeraa  lamileen mana hidhaa jiran gara biyyaati torbi lamaa hanga torbee sadiiti akka galan jechun ajaja dabarsaniin hidhamtoo juma 45 mara gara bi...

Leenji kutaa 4ffaa Waa'ee iimaanaa

  Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Hiika Iimaanaa irratti dubbii salafootaa Kutaa darbe irraa itti fufuun hiika iimaanaa bal’innaan haa ilaallu. 2-Dubbii Salafoota irraa  Dhimma kana ilaalchisee hiika iimaana caalatti ifa gochuu fi dogongora faallessitoota ibsuuf dubbii salafu salaahi (dhaloota gaggaarii darban) garii isaanii ni dhiyeessina. Haala armaan gadi kanaan ifa gabaaba kanaa dhiyeessina: (A)-Hiikni iimaanaa: dubbii fi hojii qalbii of keessatti qabata. Dubbiin qalbii- amanuu fi dhugoomsudha. Wanta beeksiisan keessatti Ergamtoota dhugoomsun dirqama. “Dhugoomsun qalbii yoo deeme (badee), kutaaleen hafan nama hin fayyadan. Kanaafu, qalbiidhaan dhugoomsun sharxii (ulaagaa)dha.” (Kitaabu Salaat-Ibn Al-Qayyim-fuula 54) (Hojiin hojjatan kamiyyuu nama fayyaduu fi Rabbiin biratti fudhatama argachuuf arkaana iimaana jahan dhugoomsun ykn itti amanuun sharxii (ulaagaa) hafuu hin qabneedha. Sharxiin kuni yoo hin jiraatin, hojiin gaariin ...

Leenji kutaa 3ffaa Waa'ee iimaanaa

  Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Hiika Iimaanaa bal'inaan. Baay’een keenya waa’ee iimaanaa ni haasofna. Iimaanaa dabalachuuf ni carraaqna. Garuu ma’anaa (hiika) isaa ni beeknaa? Dhugumatti, iimaanaa jechuun maal jechuudhaa? Iimaanni qalbii qofa irratti daangeefamu danda’aa? Namni hiika iimaanaa madda sirrii irraa yoo beeke fi hojii irra oolche, jireenya gammachuu fi mi’aawa jiraata.  Sababni isaas, namni mi’aa iimaanaa argate, jireenya tasgabboofte jiraataa. Mi’aa iimaanaa dhandhamuuf hiika isaa beeku fi hojii irra oolchuf tattaafachuu qabnaa miti ree? Har’a yoo Rabbi fedhe, madda sirrii fi hayyoota Islaamaa beekkamoo wabii godhachuun hiika iimaanaa beekuf ni tattaafanna. Kanaafu imaanaa jechuun maal jechuudhaa? Dhugummaan (haqiiqan) wanta tokko karaa sadiin beekkama. Takkaa karaa afaanitiin fakkeenyaf “aduu”, takkaa immoo karaa shari’aatiin fakkeenyaf “iimaana, Islaama”, takkaa immoo karaa aadaatin fakkeenyaf “qabuu”. Hiikni shar...