Skip to main content

Dhimma lammilee keenyaa biyya sa'uudi jiranii

 


Lamileen Itiyooppiyaa Biyya Saawdi Arabiyaat mana hidhaa addaa keessa hidhamani argaman "Sagalee nuuf ta'a" jechun nagaafataa turan. Anis dubbin lammilee mana hidhaatti daramaa jiran furmaanni jaraa maalii? " jechun gaafachaa turee odeefannoon argadhee kana fakkaata. 


Hogganaan mootumaa Itiyoopiyaa dubbi kanaaf dhihoo ta'an tooko akka naaf ibsanitti waraqaa jireenya warri hinqabnee  mana hidhaa saawdi Arabiyaatti lamilee Ityooppiyaa kuma 45 ta'an hidhamani jiru.Lamilee kanneen biyatti galchuf yaaliin godhamaa ture. Hat'u malee baayyina jaraa fi hojjatonni embaasi Itiyoopiyaa hedduun jaraa afaan Arabaa warra hin beekbee ta'uu akkasumas haalli xayyaarri ittin lammiilee keebya fuudha turee harkifataa ta'u irraa kan ka'ee yaaliin lammilee baasu harkifateera. 


Hata'u malee giddu kana mummichi ministeraa  lamileen mana hidhaa jiran gara biyyaati torbi lamaa hanga torbee sadiiti akka galan jechun ajaja dabarsaniin hidhamtoo juma 45 mara gara biyyaati galchuf qophaahamaa jira. Kanaaf jecha Imbaasiin ityioopoyaa Saawdi jiru haga guyyaa kaleesaatti waraqaa itti biyya galan(lisi paasee) kan nama kuma 40 qopheese xumureera. 


 Duulli lammilee biyyaati galchu torbi dhufu irraa kaasee guyyaati xayyaarri marsaa saddeet deddebi'uun torbi lama haga sadiitti xumuruuf qophaahamaa akka jiru naaf ibsanii jiru. Dabalataanis warra seera qabeessa dabalatee lamilee Ityoopiyaa hidhamu irratti komi qabnu mootumaa saawdiitiif dhiheesieeraa jedhaniru.


#maddi keenya toora fb Ustaaz Ahmediin jebel

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...