Skip to main content

Dhimma lammilee keenyaa biyya sa'uudi jiranii

 


Lamileen Itiyooppiyaa Biyya Saawdi Arabiyaat mana hidhaa addaa keessa hidhamani argaman "Sagalee nuuf ta'a" jechun nagaafataa turan. Anis dubbin lammilee mana hidhaatti daramaa jiran furmaanni jaraa maalii? " jechun gaafachaa turee odeefannoon argadhee kana fakkaata. 


Hogganaan mootumaa Itiyoopiyaa dubbi kanaaf dhihoo ta'an tooko akka naaf ibsanitti waraqaa jireenya warri hinqabnee  mana hidhaa saawdi Arabiyaatti lamilee Ityooppiyaa kuma 45 ta'an hidhamani jiru.Lamilee kanneen biyatti galchuf yaaliin godhamaa ture. Hat'u malee baayyina jaraa fi hojjatonni embaasi Itiyoopiyaa hedduun jaraa afaan Arabaa warra hin beekbee ta'uu akkasumas haalli xayyaarri ittin lammiilee keebya fuudha turee harkifataa ta'u irraa kan ka'ee yaaliin lammilee baasu harkifateera. 


Hata'u malee giddu kana mummichi ministeraa  lamileen mana hidhaa jiran gara biyyaati torbi lamaa hanga torbee sadiiti akka galan jechun ajaja dabarsaniin hidhamtoo juma 45 mara gara biyyaati galchuf qophaahamaa jira. Kanaaf jecha Imbaasiin ityioopoyaa Saawdi jiru haga guyyaa kaleesaatti waraqaa itti biyya galan(lisi paasee) kan nama kuma 40 qopheese xumureera. 


 Duulli lammilee biyyaati galchu torbi dhufu irraa kaasee guyyaati xayyaarri marsaa saddeet deddebi'uun torbi lama haga sadiitti xumuruuf qophaahamaa akka jiru naaf ibsanii jiru. Dabalataanis warra seera qabeessa dabalatee lamilee Ityoopiyaa hidhamu irratti komi qabnu mootumaa saawdiitiif dhiheesieeraa jedhaniru.


#maddi keenya toora fb Ustaaz Ahmediin jebel

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...