Skip to main content

Zakaa fixrii.

 



           ZAKAA FIXRII

※ Maalummaa fixrii fi fatwaalee isaan wal qabatanis kan of keessatti hammatteedha.

※Maddoota kitaabaa fi website islaam Waabii
godhachuudhaan Kan Al-risala-tuben qindaahee dhiyaate.

※Maddota isaaniis kan waliin ibsinu ta'a
ြ◌ၜAl-risala-tube
ြ◌ၜGaarommina qalbii.
※Toora telegramaan nu qunnamaa.

https://www.t.me/risalaTube YKN 
@risalaTube     ©hijrii1441/2020





بسم الله والصلاة والسلام على رسول الله صلى الله عليه وسلم وبعد    السلام عليكم ورحمة اللة وبركاته
                                   ※Maddi keenya jalqabaa.

※Madda kana irraa Afaan oromoo qofaan fudhanne.

》Maqaan:soomana-ramadaana.
-Heera-sadarkaafii-Naamusaisaa.

| 》Qopheessaan:Sh/Jamaal Sh/Muhammad.
| 》 www.islamhouse.com Fuula37-39irraa.

※Akka gadiitti dhihaata.      
  
់SEERA ZAKAA FIXRII◌

Zakaa fixrii jechuun sadaqaa yeroo soomana ramadaanaaxumuran dhuma isaarratti keennamtu jechuudha. Faaydaan isiitis
dogoggoraafii badii irraa soomana namaaf qulqulleysiti.


◌ZAKAAN FIXRIIDHAA MUSLIMA HUNDARRATTI DIRQAMA◌

Isiin midhaan suguda tokkoot (k.g 2: 40) yoo kiiloo lamaaf cinaa godhan haalaan gaariidha.) nama tokkorraa baasuu barbaachisa.

Hadiisatti Abdallaa ibnu umar 【R.A】akki jedhe  :“Nabiin 【S.A.W】tokko tokkoo muslimtootaa irratti zakkaa fixii tan ramadaanaa dirqama godhe,hunduma muslimaarratti bilisa tahuu gabra tahuu,dhiira tahuu dubartii tahuu, guddaa tahuu xiqqaa tahuu, suguda (kooboo) takk timirarraa yookaan garburraa nama tokkorraa kafalama jedhe.”

Jecha bukhaarii keessatti :“nabiin 【S.A.W】zakaa fixrii dirqama godhe …jedhee hadiisa oofee achi keessatti.. osoo namni gara salaata iidaa hinbaane duratti akka kennamtu ajaje.” jedhe.

◌HIKMAAN (FAAYDAAN) ISIIN DIRQAMA GODHAMTEEF◌
① nama soomane dogoggoraa fii badii irraa qulqulleessiti, ir’ina isaati guutti, bakka jallate diriirsiti.

② gargaarsa namoota hiyyeeyyiiti taati, guyyaa iidaa kabajamaa kana keessatti kadhaadhaaf hula namaarra deemurraa isaan duroomsiti. akkuma ummanni kuun gammachuun iida godhanitti hiyyeessinis quufee beela bahee ummataan wajji gammachuu iidaa akka hirmaatu gargaarti.


◌YEROO ZAKAA FIXRII◌

Yeroon isiin baafamtu akkuma hadiisa abdallaa ibnu umar kan dabre keessatti ibsametti “nabiin 【S.A.W】osoo ummanni salaata iidaatti hinbaane akka kennamtu ajaje.” Jedhe. Tanaaf irra caalaan yeroo isii kana. Garuu ammas guyyaa iidaa duratti guyyaa tokko yookaa lama dursanii yoo kenna numa taha. Kanas abdallaa ibnu umar sahaabonni guyyaa lama yookaa tokko iida dursanii fixrii kennan jedhe. Akkasuma zakaa fixrii salaata iidaa boodatti dabarsuun hintahu.Kanarrattis ibnu abbaas akki jedhe Nabii 【S.A.W】zakkaa fixrii kafaluu dirqama godhe akka nama soomane qulqulleessituuf, akka hiyyeessaaf gargaarsa taatuuf, namni salaata iidaa dura kafale kennaa qeebalamtuudha, ammo namni salaata booda kenne sadaquma sadaqaa irraa taate isaaf taati. (sadarkaa zakaa fixrii sanirraa gadi buuti).



 Maddi keenya Lammaffaan

※ Fataawaa nuurahudaa irraa gaafii gaafatameef deebisaa ulamaa'iin kennan.
fatwaaleen tartiiba  lakkofsa website irra jiruun kaa'ame.

322: Zakaatal fixrii waggaa hedduuf osoo hin basin, booda irratti yoo baasan akkam?

Gaafii: Zakaatuli fixrii waggaa dheertuu hin baafnee eegasii maatiin kiyya natti himanii narraa baasanii maal ta’aa hukmiin kiyya?

Deebisaa: Eegaa baafame Rabbi sirraa haa taqabbalu, zakaatal fixriin soomana namaa qabdi jedhanii eega baate dubbiin hin jiru.
✅Sheikh Alii Jimmaa

306: Zakaatal Fixrii namni biraa namarraa baasuun taatii

Gaafii: Nama tokko  ka zakaatal fixrii ufirraa baasee hin jirre ka abbaan isiillee irraa baasee kafiilli isiillee irraa baase akkamii?

Deebisaa: Keyriidha dacha dachaa ta’uun humaa hin qabu. Garuu zakaatal fixrii namuma tokkotu namarraa baasa. yookaa kafiila haa ta’uu yookaa abbaa kankee ta’uu jechudha.
✅Sheikh Alii Jimmaa

256: Namni Zakaatul Fixrii hin baasin soomanni isaa akkami?

Gaaffii: Intalti takka yoo islaamte ka maatiin isii cufti islaama hin ta’in eenyutu nikaya isii godha? Gurbaa tokko fuudhuu feetii, abbaani isii ka kiristaanaa sunilleen islamummaa isii irraa hammeenya hin qabuu nikaha godhuu ni danda’aa?

Deebisaa: Eega inni islaama hin ta’in Nikaha godhuu hin danda’u, waliyyii isiillee ta’uu hin danda’u abbaan sun. Kanaafuu nama qaadii bira haa dhaqxuu qaaditu nikaha isiidhaa godhuu danda’a.
✅Sheik Alii Jimmaa

223: Zakaa fixriidhaa geelee tiyyaa kennuu ni danda’aa, takkaahuu irraa baasuu ni danda’aa?

Deebisaa:   Namni tokko zakaa fixrii namarraa kennuun yoo namni tokko dadhabbii qabaate, yoo dhaba qabaate, yoo namni irraa geessu hin jiraanne namni tokko yoo narraa galchi yoo siin jedhe waa takkallee rakkoon hin jiru keeyrii irratti walgargaaruun haala muslimaati.
✅Dr.Liwaa’ulislaam 

195: Nama guyyaa tokko soomaa guyyaa biroo balleessu Zakaatal Fixirii irraa baasuun ni tahaa?

 Gaafii: Hukmiin nama yeroo tokko soomee nama yeroo tokko faxaree sooma baballeessaa deemu zakaatal fixrii irraa baasuun ni ta’a nama sani?

Deebisaa: Zakaatal fixrii irraa baasuun ni ta’a. sooma inni balleesseef isatu gaafatama. Ati garuu zakaatal fixriin isaa yoo sirratti wajjabee jiraateef baasi. Yoo ammoo isarratti wajjabee jiraate innillee ufirraa haa baasuu. Maaliif jennaan sabaaba ma’asiyaan tokko dalagameef ma’asiyaan lammataa dalagamuu hin qabu. Kanaafuu zakaatal fixrii baasuun ni ta’a.
✅Sheikh Alii Jimmaa

139: Fixrii namni namarraa baasuun ni tahaa?

Gaafii: Eega biyya Arabaa dhufee waggaa afurii fixrii Ramadaanaa kafiiluma kiyyatu narraa baasa. Atuu nama narratti waajibaatii sirraahiin baasa naan jedhaa garuu abbaan warraa kiyyallee narraa hin baasuu kafiilli kiyya kun narraa baasuun ni tahaa?

Deebisaa: Namni ati bira hojjattu yoo sirraa baase ni taha rakkoo hin qabu. Garuu namni irratti waajiba taate abbaa warraa keeti. Kafiilli sirraa baasuunis rakkoo hin qabu.
✅Sheikh Alii Jimmaa

18: Zakaatal Fixrii Nama mallaqa qaburraa baasuun danda’amaa?

Gaafii: Obboleessa kiyya ka maatii hedduu qabu tokkotu jira. Inni Humna mallaqaatis ni qaba. Mallaqa kee maatii keetiin gargaari Zakaa Fixrii anatu sirraa baasaa yoo jedheen tahaa? Inni ofirraa baasuun isarratti dirqama moo anis irraa baasuun naaf hayyamama?

Deebisaa: Zakaatalfixriin abbumatu ofirraa baafata yoo gartaanii nyaata guyyaa san nyaatee maatii isaa gaheefii waan zakaatulfixrii baasuu gahu qabaate jechu, isumatu ofirraa kafaluun jaalatama. Yoo ammoo akka amma niyyatte kana feete, xiqqoo waa qajeelchuu barbaachisa. Zakaatal fixirii isumatti baafachuu. Innilleen ka ufii haa baafatuu, ati ammoo kankeetiif aka maatii keetii isatti baafachuun gargaaruu jechu. Fakkeenyaaf inni yoo ka ufii uf jalaa baase, kankee ammoo sadaqaa isaa taatii jechudha rakkoo hin qabu. Haala kanaan yaala godhuun ni danda’ama, ni jaallatamaa jechu. Akka innillee ka ufii ofirraa baasu. Yoo ammoo keessa dubbii atuu gartee beeytee, wanni inni baasu sun ilmaan isaa bira dabrtee maatii isaa kanarraa hin haftuu yoo beeyte, kennuufiin jaalatamadha innummaan ufii isaatii haa baafatuu jechuudha.
✅Sheikh Alii Jimmaa

17: Zakaatal Fixrii mallaqa(Qarshii) baasuun danda’amaa?

Gaafii: Zakaatal fixrii abbaa kiyyarraa baasuudhaaf natu sirraa baasaa Abshir jedhee abbaa kiyyarraa baase. Horiin baase kun maallaqa, qamadiif ruuza hin baafnee. Horii kana yoo baasullee Riyaluma kudhan baase. Akkam seerri kun?

Deebisaa: Ta duraa, Abbaa kee irraa baasuu ni dandeessa wakiila taatee irraa baasuu ni dadeessaa. Ammo akka kilaafni xiqqoon keessa jirutti, waldhabbiin gara ulamaa jechuu kiyya, midhaan baasutu irra caalaadhaa horii baasuun hin ta’uu jedhametu jira. Ka dabreef Rabbi irra nuuf haa dabruu jennaa, ta sii achiitiif akka midhaan malee horii hin baafnee ofirraahis abbaa keetirraahis jechu dha in shaa ALLAAH.
✅Sheikh Alii Jimmaa

※ alhamdulillaah xumuurame. Nagayaa fi rahmannii nabii keenya sallallaahu aleeyhi wa sallam irratti haa jiraatu. Warra karaa isaa hordofe hunda irrattille.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...