Skip to main content

Istiqaamaa

Maalummaa istiqaamaa



 Leenji kutaa 1ffaa


Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog



ISTIQAAMA


“Istiqaama jechuun namni tokko haala Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ajajetti shari’aa Rabbii irratti gadi dhaabbachuu f ihordofuudha 


Kuni immoo iklaasan (Rabbiif qulqulleessun) kan durfame ta’uu qaba.” Ibn Rajab waa’ee Istiqaama ilaalchisee akkana jedha: Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi sirrii amantii Islaamaa osoo bitaa mirga hin gorin hordofuudha. Gochoota Rabbiif ajajamuu keessaa fi alaa kan of keessatti hammateedha. Haaluma wal-fakkaatun gochoota dhowwaman hunda dhiisu ykn irraa fagaachu kan of keessatti

qabateedha.”


Gabaabumatti Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi haqaa Islaamaa irratti gadi dhaabbachuu fi itti fufuudha. Gadi dhaabbannaan kuni immoo kan ta’uu yoo wantoota itti ajajaman hojjatanii fi wantoota irraa dhowwaman dhiisanii fi irraa fagaatan qofaadha. Karaa biraatin namni tokko Islaama irratti gadi dhaabbate (Istiqaama qaba) yommuu jennu amanti Islaamatti homaa dabalu hin qabu, homaa irraa

hir’isuus hin qabu. Akkuma jirutti hordofuudha. Kanaafi, bid’aan (wanti haarofti amantii keessatti uumame) istiqaaman wal faalleessa.


Sufyaan bin Abdullah (Rabbiin isarraa haa jaallatu) akkana jedha, ‘Ani ni jedhe, Yaa Ergamaa Rabbii jecha Islaama keessatti siin ala eenyullee hin gaafanne natti himi. Ergamaa Rabbii (SAW) ni jedhe: "“ ﻗُﻞْ : ﺁﻣَﻨْﺖ ﺑِﺎَﻟﻠَّﻪِ ﺛُﻢَّ ﺍﺳْﺘَﻘِﻢْ ”(Jedhi, ‘ Rabbitti amane’ sana booda gadi dhaabbadhu . ) ( Riyaadu Saalihin ) ‘Rabbitti amane’ yommuu jedhu arraba qofaan, ‘Rabbitti amane’ jechuu miti. Kana irra, qalbiin dhugaan Rabbitti amanuu ergasii arrabaan dubbachuudha. Amantii

shakkiin wayitu keessa hin jirre qalbii keessatti hidda qabsiisudha. 


Rabbitti amane yommuu jedhu Rabbiin jiraachu, Gooftummaa Isaatti, Tokkichummaa Isaatti, maqaa fi amaloota Isaatti, murtiwwaan Isaatti, odefannoo Inni beeksisee fi wanta hunda Isarraa dhufetti amanu of keessatti qabata. Yoo kanniinitti amante, ergasii amantii Rabbii (Islaama) irratti gadi dhaabbadhu. 


Islaama irraa bitaa fi mirga hin gorin, homaa irraa hin hir’isin, homaa itti hin dabalin. Shahadaa (Ragaa bahiinsa) an Laa ilaaha illAllaah wa anna Muhammadan rasulullah irratti iklaasan gadi dhaabbadhu. Ragaa bahiinsa kanniin irraa wantoota lama garmalee barbaachisaa ta’antu jira.


#Shahaadan: Laa ilaah illAllaah (Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiru)


#iklaasa (hojii Rabbiif qulqulleessu) of keessatti tan hammateedha.


Shahaadan: Muhammadan Rasulullah (Muhammad

Ergamaa Rabbiiti) kan jedhu immoo hojii hojjatu Ergamaa Rabbii hordofuu akka qabu itti agarsiisa. Kanaafu namni Laa ilaaha ill Allaah Muhammadan rasulullah jedhu hojii hojjatu keessatti ilkaasa qabaachu fi Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu qabaa jechuudha. 


Hojiin isaa fudhatama argachuuf kanniin lamaan guutu qaba: iklaasa fi Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu. Kanaafi, istiqaaman (gadi dhaabbanaan) hanga du’aa kanniin lamaan irratti gadi dhaabbachuudha.


Abu Bakr Siddiiq (Rabbiin isarraa haa jaallatu) waa’ee istiqaama yommuu gaafatamu akkana jedhe.”Rabbitti homaa qindeessu dhiisudha.” Umar ibn al-Khaxxaab akkana jedhe,”Istiqaama jechuun wanta itti ajajamte hojjachuu irratti gadi dhaabbachuu fi wanta dhowwamte irraa fagaachu itti fufuudha.


Akka jallinna jeedalaa hin jallatin.” Al-Hasan ni jedhe, “ajaja Rabbii irratti gadi dhaabbadhaa, Isaaf ajajamaa, Rabbiin faallessu irraa fagaadhaa.”

Mindaa warra Istiqaama qabaniif kennamu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) warroota istiqaama (gadi dhaabbannaa) qaban haala kanaan mindaa isaanii ibse:


إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُوا۟ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسۡتَقَٰمُوا۟ تَتَنَزَّلُ عَلَيۡهِمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ أَلَّا تَخَافُوا۟ وَلَا تَحۡزَنُوا۟ وَأَبۡشِرُوا۟ بِٱلۡجَنَّةِ ٱلَّتِى كُنتُمۡ تُوعَدُونَ


نَحۡنُ أَوۡلِيَآؤُكُمۡ فِى ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَفِى ٱلۡءَاخِرَةِۖ وَلَكُمۡ فِيهَا مَا تَشۡتَهِىٓ أَنفُسُكُمۡ وَلَكُمۡ فِيهَا مَا تَدَّعُونَ


نُزُلًا مِّنۡ غَفُورٍ رَّحِيمٍ 


“Dhugumatti, isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun “Hin sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. 


Nuti jiruu duniyaa keessatti hiriyyoota fi gargaartoota keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (Jannata) keessa waan lubbuun teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira.


Affeerraa Rabbii Araaramaa, Rahmata godhaa ta’ee irraayyi.” (isaaniin jedhu) ” 


Suuratu Fussilat 41:30-32


إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُوا۟ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسۡتَقَٰمُوا۟ فَلَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ


أُو۟لَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ خَٰلِدِينَ فِيهَا جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ يَعۡمَلُونَ


“Isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii ergasii san irratti gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis. Isaan sun warra jannataati; ishee keessa yeroo hundaa jiraatu.


(Kuni) mindaa waan dalagaa turaniif (isaanii kennamuudha). ” (Suuratu Al-Ahqaaf 46:13-14)


Asirraa namni tokko wanti hubatu, nama sirnaan amanee fi san irratti gadi dhaabbateef mindaan kennamu baay’eedha.

Isaan keessaa:

 (1) Gargaarsa malaykoota addunyaa fi Aakhiratti qabaachu; 

(2) yeroo du’aa dhiphinnaa fi daraara san keessaa

baasuf Malaykoonni gammachisan itti dhufuu;

(3) Namtichi gara Jannataa wanta lubbuun isaa feetu keessa jirutti qajeelfama;

(4) Namoonni istiqaama qaban yeroo hundaa Jannata keessa jiraatu; 

(5) Rabbiin isaanitti gammada, qananii Isaas isaanitti roobsa.


Wantoota Istiqaamaf barbaachisan: Imaam ibn Al-Qayyim istiqaama sirrii argachuuf wantoonni jahan kunniin guutamu qaban jedha:



1. Hojii barbaachisu hojjachuu

2. Hojiwwan sanniin hojjachuuf humna baasu

3. Hojiiwwan sanniin yommuu hojjatan wanta

hayyamamaa ta’etti of daangessu ykn madaallamaa ta’uu.

4. Beekumsa bu’uura godhatanii hojjachuu (gocha

hojjatan san beekumsa amantii waliin hojjachuu)

5. Hojii hojjatan san Rabbiif qulqulleessu (ikhlaasa qabaachu)

6. Akkuma ajajamanitti hojii san hojjachuu. Jecha biraatin Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuudha.


Salaafonni yeroo baay’ee wantoota lamaan kanniin ni kaasu. Isaanis #hojii keessatti madaalamaa ta’uu fi sunnah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuudha. 


Sheyxaanni qalbii gabrichaa fuunfachuun ni qora (mokkora).

Sheyxaanni hasaasa badaa gosa lama qaba.


Takkaa dadhabaa akka ta’uu nama san kakaasa takkaa immoo daangaa akka darbu itti kakaasa. Yoo sheyxaanni nama sunnaah sirritti hordofu arge, daangaa akka darbu itti kakaasa. Wanta Ergamaan Rabbii (SAW) hin hojjanne hojjata, garuu hojii gaarii dabalataa hojjataa akka jirutti yaada. Namtichi akkana ofiin jedha, “kuni hojii gaggaarii ibaadati. Kanaafu, dabalataan hojjachuun ykn tarkaanfi cimaa fudhachuun hojii gaarii fi ibaadadha.” Haala kanaan sheyxaanni namoota baay’ee karaa irraa jallisee jira.


Namoota baay’ee bid’atti kan geesse kana. Fakkeenyaf, Moolida yommuu kabajan, sheyxaanni ‘Kuni Jaalala Ergamaa Rabbii argisiisuuf malee wanta biraati miti.’jechuun isaanitti hasaasa. Moolinni Ergamaan Rabbiis (SAW) ta’ee sahaabonni isaa kan hin hojjanne ykn hin kabajne ta’ee osoo jiru.


Ammas sheyxaanni hirribaa fi boqonnaa malee hojii ibaada tokko akka hojjatu nama san taasisuun daangaa akka darbu godha.

Namni kuni boodarra hojii san ni dhiisa ykn of dinqiisifachuun hojii of jalaa balleessa.



Karaan lammataa sheyxaanni namoota itti jallisuu, yoo nama san keessatti dadhabinnaa fi ceem’u arge, faallaa nama armaan olii akka deemu taasisa. Hayyamaa fi dhiifama shari’aa itti agarsiisuun hojii hojjatu qabu akka hin hojjanne isa taasisa. ‘Salaanni amantii keessaa nama hin baasu’ jechuun salaata dhiisu eegala. Sababoota adda addaa itti fiduun hojii baay’ee akka hin hojjanne isa taasisa. Karaan lamaan kunniin istiqaama kan faallessudha. Namni karaa

istiqaama irra deemu madaallamaa ta’uu qaba. Humna isaati ol hojjachuu fi of dadhabsiisuun daangaa darbuu hin qabu

akkasumas, wanta itti ajajame dhiisun hojii gaarii qisaasessu hin qabu. Rabbiin (Azza wa Jalla) ni jedha:


فَٱسۡتَقِمۡ كَمَآ أُمِرۡتَ وَمَن تَابَ مَعَكَ وَلَا تَطۡغَوۡا۟ۚ إِنَّهُۥ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ


“ Akkuma ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan si waliin tawbataniis (gadi haa dhaabbatan). Daangaas hin darbinaa. Dhugumatti Inni (Rabbiin) waan isin dalagdan Argaadha. ” suuratu Huud 11:112


“Namni tokko dukkana gaflaatin ifa istiqaama dhaamsu hin qabu. Ifa dammaqiinsatiin daandii istiqaamaa ibsuu qaba.” jedha imaam ibn al-Qayyim Istiqaamaa qalbii fi arrabaa Furtuun istiqaamaa qalbiin namaa Daandii qajeelaa irratti gadi dhaabbachuu fi hordofuudha. 


Qalbiin Tawhiida irratti sirritti gadi dhaabbachuu qabdi. Sodaa Rabbii, jaalala Isaa fi kabaja Isaatiin tan guuttamte ta’uu qabdi. Yoo qalbiin tolte qaamoleen biroo ishii hordofuu.


 Imaam ibn Al-Qayyim namni istiqaama guutuu galmaan kan gahu yoo ulaagaaleen lama guuttamaniidha jedha.


Tokko, namtichi nama ykn wanta hundaa caalchisee Rabbiin jaallachuu qaba. Kuni salphaa akka ta’etti odeessun hin ulfaatu garuu hojii irra oolchun garmalee ulfaata. Yommuu Rabbiin nama san qoru, dhugaan ifa ni baha.


Istiqaaman guutu ta’uuf ulaagan lammataa namtichi wanta shari’aan itti ajaje fi irraa dhowweef kabaja guddaa qabaachu qaba (wantoota itti ajajamee hojjachuu fi wantoota irraa dhowwame hundaa dhiisu qaba.) Kabajni guddaan kuni kan dhufu ajajamoota fi dhowwamoota sanniin Rabbii lafa godheef (murteessef) kabaja guddaa yoo qabaatedha. Namtichi yeroo hundaa seerota shari’aa eenyu akka kaa’e (tume) sammutti qabachuu qaba. Kuni qalbii keessatti hidda yoo qabate, kabaja sirrii seerota saniif kenna.” 


Qalbiin erga gadi dhaabbattee booda wanti garmalee barbaachisaan arraba. Abu Hureeyran akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:


“ ﺇِﻥَّ ﺍﻟْﻌَﺒْﺪَ ﻟَﻴَﺘَﻜَﻠَّﻢُ ﺑِﺎﻟْﻜَﻠِﻤَﺔِ ﻣِﻦْ ﺭِﺿْﻮَﺍﻥِ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻻَ ﻳُﻠْﻘِﻲ ﻟَﻬَﺎ

ﺑَﺎﻻً، ﻳَﺮْﻓَﻊُ ﺍﻟﻠَّﻪُ ﺑِﻬَﺎ ﺩَﺭَﺟَﺎﺕٍ، ﻭَﺇِﻥَّ ﺍﻟْﻌَﺒْﺪَ ﻟَﻴَﺘَﻜَﻠَّﻢُ ﺑِﺎﻟْﻜَﻠِﻤَﺔِ

ﻣِﻦْ ﺳَﺨَﻂِ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻻَ ﻳُﻠْﻘِﻲ ﻟَﻬَﺎ ﺑَﺎﻻً ﻳَﻬْﻮِﻱ ﺑِﻬَﺎ ﻓِﻲ ﺟَﻬَﻨَّﻢَ .“


“Dhugumatti gabrichi tokko jecha Rabbiin gammachiistu ni dubbata xiyyeefannoo osoo itti hin kenniin. Sababa saniin Rabbiin sadarkatti isa olkaasa. Dhugumatti gabrichi tokko jecha Rabbiin dallansiistu ni dubbata osoo xiyyeefannoo itti hin kenniin. Sababa saniin Jahannamitti darbama. ”Sahih Al-Bukhaari


Gabaabumatti namni tokko istiqaama guutu qabaachuf, qalbii fi arraba isaa sirreessuf carraaqu qaba. Qalbii isaa tawhida qulqulluu irratti gadi dhaabuf tattaaffi addaan hin cinne taasisu qaba. Akkasumas, qaaman fi arrabaan wantoota itti ajajame hojjachuu fi wanta dhowwame irraa fagaachu qaba. Fakkeenyaf, salaata salaatu irratti gadi dhaabbachu qaba.

____________________________________ InshaaAllaah, yeroo itti aanu, akkamitti istiqaama cimsuu akka dandeenyu ni ilaalla.




Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...