Skip to main content

Posts

Showing posts from May, 2021

Seensa waa'ee iimaanaa

  Leenji kutaa 1ffaa  Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Seensa Imaana "yaada qalbii fi hojii qaamaa" Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi dhugaan amanuudha.  Akka shari’aatti immoo imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii fi qaamaa kan of keessatti hammateedha. Dubbii qalbii yommuu jennu wanta Rabbiin beeksise dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha.  Fakkeenyaf, Jireenya fi tokkichummaa Rabbitti amanuu, Qiyaamatti amanuu fi kkf. Hojii qalbii yommuu jennu immoo kanneen akka jaallachuu, iklaasa qabaachu (niyyaan Rabbiif ta’uu), obsuu, Rabbiin irratti hirkachuu, galata galchuu, sodaachu fi kkf.  Dubbii arrabaa jechuun immoo wanta qalbiin amanan labsuu, dubbachuu, itti waamu fi eegudha. Fakkeenyaf, ash’hadu an laa ilaah ila Allah wa ash’hadu anna Muhammadan rasuulullah jedhanii ragaa bahuu fi namoota itti waamu, zikrii gochuu fi kkf. Hojii qaamaa  yommuu jennu immoo kanneen akka salaataa, ...

Gufuwwan Istiqaama

  Leenji kutaa 2ffaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Gufuwwan Istiqaama Istiqaaman dhaabbannaa lama qaba. Dhaabbannaan tokkoffaan As-sadaad (karaa qajeela irratti qajeela ta’uu, gadi dhaabbachuu).  Dhaabbannaan lamaffaan immoo al-muqaaraba (karaa qajeelatti dhiyaachu). Namtichi dhaabbannaa lamaan kanniin irraa gorraan ykn jallanaan, ni hoonga’a. Dhaabbanna kanniin lamaan ibsuuf fakkeenya kana fudhachuu dandeenya.  Akkuma fakkii armaan olii irratti mul’atu, namni yommuu tuqaa barbaade waraanuf xiyya itti alaameefatu (darbatu) takkaa tuqaa boora barbaade san waraanu qaba (as-sadaad) takkaa immoo tuqaa sanatti dhiyaachu qaba (al-muqaaraba). Kana jechuun takkaa hojii hojjatu, dubbii dubbatu keessatti sirrii ta’uu (Tuqaa alaamaa rukutu).  Takkaa immoo hojii hojjatu fi dubbii dubbatu keessatti sirrii (correct) ta’uuf tattaafachu ( tuqatti dhiyaachu ). Kanniin lamaan keessaa yoo baye daangaa darbee ykn kaayyoo ofitirraa gore jed...

Istiqaamaa

Maalummaa istiqaamaa  Leenji kutaa 1ffaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog ISTIQAAMA “Istiqaama jechuun namni tokko haala Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ajajetti shari’aa Rabbii irratti gadi dhaabbachuu f ihordofuudha  Kuni immoo iklaasan (Rabbiif qulqulleessun) kan durfame ta’uu qaba.” Ibn Rajab waa’ee Istiqaama ilaalchisee akkana jedha: Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi sirrii amantii Islaamaa osoo bitaa mirga hin gorin hordofuudha. Gochoota Rabbiif ajajamuu keessaa fi alaa kan of keessatti hammateedha. Haaluma wal-fakkaatun gochoota dhowwaman hunda dhiisu ykn irraa fagaachu kan of keessatti qabateedha.” Gabaabumatti Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi haqaa Islaamaa irratti gadi dhaabbachuu fi itti fufuudha. Gadi dhaabbannaan kuni immoo kan ta’uu yoo wantoota itti ajajaman hojjatanii fi wantoota irraa dhowwaman dhiisanii fi irraa fagaatan qofaadha. Karaa biraatin namni tokko Islaama irratti gadi dhaabbate (Istiqaama qaba) yommu...

Zakaa fixrii.

             ZAKAA FIXRII

Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa Leenji kutaa 4ffaa

  Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa  Leenji kutaa 4ffaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog SHAKKII QUR’AANAA QULQULLEESSUF-KUTAA 2FFAA 2. Qur’aana waa’ee gaaraa ilaalchisee maal jedhaa? Rabbiin ni jedha: أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ مِهَٰدًا وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادًا “Sila Nuti dachii firaasha hin goonee? Gaarreenis shikaali [hin goonee]? ”  Suuratu An-Naba 78:6-7 Aaya jalqabaa irratti “dachii firaasha hin goonee?” yommuu jedhu “diriirtu fi mijooftu hin goonee?” jechuu Isaati. Saayinsiin ammayyaa gaarreen lafa jalatti hidda gadi fagoo akka qaban mirkaneesse jira. Hiddi kuni dachaa baay’ee dheerinna gaaraa lafaa oliitin wal-qixxaatun lafa keessatti gadi lixu danda’a. Kanaafu, odeefannoo kana irratti hundaa’un jechi gaarreen ibsuuf garmalee mijaa’a ta’e jecha “shikaali” jedhuudha. Sababni isaas, shikaalin baay’een yoo sirnaan lafa qabate, lafa jalatti kan dhokateedha. (Hiddi shikaali gadi fagoodha. Gubbaa irraa wanti mul’atu ...