Skip to main content

Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa Leenji kutaa 4ffaa

 


Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa

 Leenji kutaa 4ffaa


Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog



SHAKKII QUR’AANAA QULQULLEESSUF-KUTAA 2FFAA


2. Qur’aana waa’ee gaaraa ilaalchisee maal jedhaa?


Rabbiin ni jedha:


أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ مِهَٰدًا

وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادًا


“Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?

Gaarreenis shikaali [hin goonee]? ” 


Suuratu An-Naba 78:6-7


Aaya jalqabaa irratti “dachii firaasha hin goonee?” yommuu jedhu “diriirtu fi mijooftu hin goonee?” jechuu Isaati.


Saayinsiin ammayyaa gaarreen lafa jalatti hidda gadi fagoo akka qaban mirkaneesse jira. Hiddi kuni dachaa baay’ee dheerinna gaaraa lafaa oliitin wal-qixxaatun lafa keessatti gadi lixu danda’a. Kanaafu, odeefannoo kana irratti hundaa’un jechi gaarreen ibsuuf garmalee mijaa’a ta’e jecha “shikaali” jedhuudha. Sababni isaas, shikaalin baay’een yoo sirnaan lafa qabate, lafa jalatti kan dhokateedha. (Hiddi shikaali gadi fagoodha. Gubbaa irraa wanti mul’atu xiqqaadha. Haaluma kanaan gaarris hiddi isaa gadi fagoodha)



Fakkii 7 : Gaarreen akkamitti hidda gadi fagoo akka qabanii fi bocni isaanii shikaalin akka wal-fakkaatu fakkii kaafame. ( Earth Science , Tarbuck and Lutgens, p. 158.)

Seenan saayinsi akka nutti himutti tiyoorin gaarreen hidda gadi fagoo qabaachu agarsiisu bara 1865 keessa Astronomara Royal, Sir Joorj A’eri jedhamuun jalqabame.


Akkasumas, gaarreen dachiin akka hin sochoone tasgabbeessu keessatti gahee ol’aanaa taphatu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:


وَأَلۡقَىٰ فِى ٱلۡأَرۡضِ رَوَٰسِىَ أَن تَمِيدَ بِكُمۡ وَأَنۡهَٰرًا وَسُبُلًا لَّعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ


“Akka [dachiin] isiniin hin sochoonef dachii keessatti gaarreen godhe… ” (suuratu An-Nahl 16:15)


Haaluma kanaan tiyoorin Pilet tektooniks jedhamu “gaarreen dachiin akka hin sochoonef tasgabbeessuf akka fayyadan.” yaada jedhu qabatee jira. Beekumsi gahee gaarreen dachii tasgabbeessu keessatti qaban, baruma 1960 keessa Pilet tektooniks wiirtu godhachuun hubatamu jalqabe. (Pilet tektooniks (Plate tectonics) jechuun tiyoori baqana dachii lisosfeer jedhamu qoratuudha.)


Yeroo Nabii Muhammad (SAW) eenyutu boca dhugaa gaarreeni beeku danda’aa? Gaarri guddaan namni tokko of fuundarratti arguu lafa keessatti gadi lixuu fi akkuma saayinsiin mirkaneesse hidda cimaa qabaachu isaa eenyutu yaadu danda’e? Jiyoolijiin ammayyaa haqa keeyyata Qur’aanaa mirkaneesse jira. (Jiyooloji jechuun damee saayinsi waa’ee dachii qoratuudha.)


3.Qur’aanni waa’ee galaanaa fi laggeeni maal jedhaa?

( Girdoo jechuun wantoota lama kan addaan baasu fi akka walitti hin makamne kan dhoowwudha.)

Saayinsiin ammayyaa bakki galaanonni lamaan itti wal-qunnaman girdoon isaan lamaan jiddu akka jiru argatee jira. Girdoon kuni galaanota lamaan tempireechara, hamma ashaboo fi rukkinna mataa ofii qaban addaan baasa. Fakkeenyaf, bishaan galaana Meditiraaniya fi bishaan Garba Atlaanitikii wal-bira yommuu qabnu, bishaan galaana Meditiraaniyaa hoo’aa, ashaboo kan qabuu fi rukkinni isaa xiqqaadha. Galaanni Meditiraaniyaa qarqara Jibraltar irraan garba Atlaantik yommuu seenu, gadi fageenya meetira 1000 tin garba Atlaantik keessa kiloometrii baay’eef amaloota ofii hoo’aa, ashabawaa fi rukkinna xiqqaa qabatee adeema. Bishaan Meditiraaniyaa gadi fageenya kana irratti ni tasgabbaa’a (bakka ofi qabatee tura)- fakkii armaan gadi ilaali



Fakkii 8 : Bishaan galaana Meditiraaniyaa amaloota hoo’aa, ashabawaa fi rukkinna ofii qabatee garba Atlaantik seena. Sababni isaas, girdoo isaan lamaan addaan baasu isaan jidduu jira. (Marine Geology, Kuenen, fuula 43)

Danbaliin guddaan, yaa’insi cimaa fi sochiin jabaan galaanota kanniin keessa haa jiraatuyyu malee, walitti hin makaman yookiin girdoo kana hin darban. Qur’aanni waa’ee kanaa yommuu dubbatu akkana jedha:

“Galaanota lama kan wal-qunnaman taasise gadi lakkise.

Gidduu isaani girdootu jira, [tokko tokko irratti] daangaa hin darbu (walitti hin makaman).

Kanaafu, tola Gooftaa keessanii irraa kamiin kijibsiiftu? ” (suuratu Ar-Rahmaan 55:19-21)


مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ يَلۡتَقِيَانِ

بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٌ لَّا يَبۡغِيَانِ

فَبِأَىِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ 


Kitaaba armaan gadi irraa keeyyattota saayinsiin wal-qabatan muraasa isaanii qofa asitti dhiyeesse. Namni barbaade kitaaba guutu buusun dubbisu danda’a.


Seenaa keessatti Qur’aanni jireenya namootaa irrati jijjirrama guddaa akka hin finneef adduwwiin (diinni) Islaamaa tooftaalee adda addaatti fayyadamanii jiru. Tooftaalee sanniin keessaa sababa fi gaafilee adda addaa dhiyeessun namoota dhamaasudha. Sababa ykn gaafilee isaanii keessaa isaan gurguddoo ta’an deebii waliin mee haa ilaallu.


1ffaa- Qur’aana Nabii Muhammadtu (SAW) barreessee?

Yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti namoonni Qur’aana shakkan, “Qur’aana Nabii Muhammadtu macaafa qulqulluu irraa garagalche” jedhu. Deebii kana karaa lamaan ilaalu dandeenya.


1ffaa -Haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalu- Akkuma seenaa fi Qur’aana irraa hubannutti Nabi Muhammad (SAW) barreessu fi dubbisuu hin danda’an. Kana ilaalchise Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:


وَمَا كُنتَ تَتۡلُوا۟ مِن قَبۡلِهِۦ مِن كِتَٰبٍ وَلَا تَخُطُّهُۥ بِيَمِينِكَۖ إِذًا لَّٱرۡتَابَ ٱلۡمُبۡطِلُونَ


“Ati [Yaa Muhammad] [Qur’aana] dura kitaaba tokkollee kan dubbistuu fi harka keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo akkas taate, silaa warri soba hordofan ni shakku turan. ” Suuratu Al-Ankabuut 29:48



Osoo Nabiyyiin kan barreessu fi dubbisu ta’ee, silaa warri soba hordofan, “Qur’aana madda biraa irraa gargalche.” jechuu turan. Garuu Nabiyyiin barreessu fi dubbisuu waan hin dandeenyef Qur’aana madda biraa irraa hin garagalchine. Kana irra, Qur’aanni haqaan Rabbiin irraa gara isaatti kan bu’eedha.

Ammas, tarii namni tokko “Nabiyyiin erga du’anii booda namoonni isa booda dhufan Qur’aana jijjiru danda’u.” jedhe shakkuu danda’a. Shakkii kanaaf barruulee darban keessatti deebii quubsaa ilaalle turre. Yaadachisaaf akka ta’u Aaya tana eerun ni danda’ama. Rabbiin ni jedha:


إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا ٱلذِّكۡرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ


“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9.) Kanaafu, eenyullee Qur’aana jijjiruu hin danda’u.



2ffaa -Haala Qur’aanaa ilaalu- shakkii, “Qur’aana Nabiyyitu macaafa irraa garagalche.” jedhuuf karaan lammaffaan ittiin qulqulleessan haala bu’iinsaa fi qabiyyee Qur’aanaa ilaaludha.


 Tokkoffaa, haala bu’iinsa Qur’aanaa yommuu ilaallu boqonnaaleen baay’een isaanii Nabii Muhammad (SAW) makkaan keessa yommuu jiran bu’an. Makkaan keessa immoo Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin jiranii turan. Yeroo san Makkaan keessa kan jiraatu mushrikoota (warroota taboota) gabbaruudha. Kanaafu, yeroo fi bakka kanatti Nabiyyiin akkamitti kitaaba Kiristaanaa ykn Yahuudotaa irraa garagalchuu danda’aa? Kuni waan hin danda’amne. 


Lamaffaa qabiyyeen Qur’aanaa fi kitaaba Kiristaanaa hundi isaanii wal hin fakkaatan. Fakkeenyaf, Kitaabni kiristaanaa waa’ee ummata Aad, Samuudi fi ummata shu’eeyb hin dubbatu. Garuu Qur’aanni waa’ee ummata kanaa irra deddeebi’e dubbata. Kanaafu, Nabiyyiin Qur’aana kitaaba kiristaana ykn yahuudotaa irraa garagalchu hin danda’an. Sababni isaas, Nabiyyiin dubbisuu fi barreessu hin danda’an.



2ffaa- Qur’aanni maaliif galmee ykn waraqaa irratti katabamee hin buufamnee?


Yeroo Qur’aanni bu’u mushrikoonni Makkaa “Kitaaba dubbisnu nuuf fidi.” jechuun Nabiyyi gaafataa turan (Al-Qur’an 17:93). Gaafin isaan gaafatan kuni amanuuf osoo hin ta’in itti baacuf ykn itti of tuuluf ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala niyyaa isaanii waan beekuf wanta isaan barbaadan hin goone. Rabbiin Qulqullaa’an Olta’e akkana jedha:


وَلَوۡ نَزَّلۡنَا عَلَيۡكَ كِتَٰبًا فِى قِرۡطَاسٍ فَلَمَسُوهُ بِأَيۡدِيهِمۡ لَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٌ مُّبِينٌ


“Osoo kitaaba waraqaa irratti barreefame sirratti buufnee fi harka isaanitiin tuqanii, silaa warri kafaran, “Kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee homaa miti.” jedhu turan. ” Suuratu Al-An’aam 6:7

Osoo Rabbiin kitaaba waraqaa irratti barraa’e samii irraa buusee, silaa warri kafare, “Akkamitti Rabbiin sirratti kitaaba waraqaa irratti barreefame buusaa? Kuni sihriidha” jechuun nabiyyitti baacu turan. Garuu Rabbiin wanta isaan yaadan waan beekuf, kitaaba waraqaa irratti barraa’e hin buufne. Bakka kanaa, Qur’aana dhawaata dhawaatan jechaan gara Nabiyyiitti buuse. Ergasii, Qur’aanni Nabiyyi irratti buufamee erga xumuramee booda dhaloota itti aanuf akka darbuuf, haala amma arginu kanaan galmee tokko keessatti walitti qabame.


3ffaa- Seenaalee, waadaa fi Akeekachisa Qur’aana keessaa

Seenaan ummata darbee, waadaan Jannataa fi akeekachiisni ibidda Jahannam yommuu warroota kafaran irratti dubbifamu, “Kuni oduu duriiti.” jechuun Qur’aana kijibsiisu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Yeroon bakka saditti qoodamudha.” Qur’aanni wantoota yeroo sadan keessatti adeemsifamu of keessatti kan qabateedha. Gosoonni yeroo sadan kunniniis: Yeroo darbee, yeroo ammaa fi yeroo dhufu.


⏱Yeroo Darbee

Qur’aanni yeroo darbee keessa seenaa ummata darbee nutti himuun, barnoota fi gorsa nuuf kenna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:


لَقَدۡ كَانَ فِى قَصَصِهِمۡ عِبۡرَةٌ لِّأُو۟لِى ٱلۡأَلۡبَٰبِۗ مَا كَانَ حَدِيثًا يُفۡتَرَىٰ وَلَٰكِن تَصۡدِيقَ ٱلَّذِى بَيۡنَ يَدَيۡهِ وَتَفۡصِيلَ كُلِّ شَىۡءٍ وَهُدًى وَرَحۡمَةً لِّقَوۡمٍ يُؤۡمِنُونَ


“Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira. Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeefamee miti. Garuu dhugoomsaa [kitaabban] isa duraati. Addeessaa wantoota hundaati; ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata. ” Suuratu Yuusuf 12:111


⏱Yeroo Ammaa

Qur’aanni wantoota ammatti ija namaa fuunduratti mul’atan ifa godha. Fakkeenyaf, haala uumama samii, dachii, urjilee, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf irratti akka xinxallanii Rabbitti amanan namoota affeera. Akkasumas, murteewwanii fi seeroota hin jijjiramne lafa kaa’a. Fakkeenyaf, Rabbiin qofa gabbaruu, salaata salaatu, zakaa baasu, sooma soomu, walitti dhufeenya hawaasummaa fi maatii, sirna bulchiinsa motummaa, haala daldalaa fi kkf ni addeessa (ifa godha). Kana ilaalchise Rabbiin ni jedha:


وَلَقَدۡ جِئۡنَٰهُم بِكِتَٰبٍ فَصَّلۡنَٰهُ عَلَىٰ عِلۡمٍ هُدًى وَرَحۡمَةً لِّقَوۡمٍ يُؤۡمِنُونَ


“Dhugumatti, Nuti Kitaaba (Qur’aana) beekumsa wajjiin addeessine isaaniif finne- ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata .” Suuratu Al-A’araaf 7:52


Qur’aana kana keessatti wanta namoonni barbaadan Rabbiin ibsee jira. Yeroo fi bakka kamittu wanta isaniif tolu fi hin tolle hunda waan beekuf, namoota amananiif Qur’aana kana qajeelfamaa fi rahmata godhe. Qur’aana kanaan warroonni amanan jallinna irraa baraaramuun qajeelcha argatu, haqaa fi sobni isaaniif ifa ta’a. Akkasumas, rahmata argatu. Kana jechuun addunyaa fi aakhiratti, keeyri fi gammachuu argatu; jallinni fi daraaran isaan irraa ka’a.

Qur’aanni bakkaa fi yeroo kamittu dhaloota yeroo san jiruuf akka aduu ifa ta’aaf. Akkuma ifni aduu hanga Qiyaamaa hin dhaamne, ifni Qur’aanas hin dhaamu.


⏱Yeroo Fuunduraa

Qur’aanni waadaa namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif galamee fi akeekachisa namoota kafaranii fi badii hojjataniif qophaa’e irra deddeebi’e dubbata. Waadaan Rabbii Jannata fi wantoota achi keessa jiraniidha. Akeekachiisni immoo adabbii Jahannami. Namoota kafaraniif ykn shakkii keessa jiraniif waa’ee Jannataa fi Jahannam yommuu dubbifamu, “Erga duunee booda lamuu ni deebifamnaa?” jechuun jireenya du’aan boodaa kaadu (itti amanuu didu). “Guyyaan Qiyaamaa isin jettan yoomi, maaliif hin dhufne?” jechuun qoosu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Wanti hunduu yeroo isaa eeggate dhufa.” Rabbiin ni jedha:

“Oduu hundaaf yeroo itti mirkanaa’utu jira. Gara fuunduraatti ni beektu. ” (Suuratu Al-An’aam 6:67)


لِّكُلِّ نَبَإٍ مُّسۡتَقَرٌّۚ وَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَ



Wanta Rabbiin beeksise dhibbaan dhibbatti yeroon wanti suni itti mirkanaa’u ni jira.

Qur’aanni akkuma wantoota yeroo darbee fi ammaa of keessatti qabatu, wanta gara fuunduraatti uumamu ni hima. Wantoonni himaman kunnin Guyyaa tokko ni dhufu. Guyyaan sunis Guyyaa Qiyaamati. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:


هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّا تَأۡوِيلَهُۥۚ يَوۡمَ يَأۡتِى تَأۡوِيلُهُۥ يَقُولُ ٱلَّذِينَ نَسُوهُ مِن قَبۡلُ قَدۡ جَآءَتۡ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلۡحَقِّ فَهَل لَّنَا مِن شُفَعَآءَ فَيَشۡفَعُوا۟ لَنَآ أَوۡ نُرَدُّ فَنَعۡمَلَ غَيۡرَ ٱلَّذِى كُنَّا نَعۡمَلُۚ قَدۡ خَسِرُوٓا۟ أَنفُسَهُمۡ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُوا۟ يَفۡتَرُونَ


“Sila isaan xumura isaa malee maal eegu? Guyyaa xumurri isaa dhufu, warri san dura isa dagatan, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufaniiru. Sila araarsonni nuuf araarsan jiruu? Yookiin dalagaa hojjataa turreen ala kan biraa hojjannaa [gara addunyaatti] deebifamnaa?” jedhu. Dhugumatti, lubbuu isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan uumaa turaniis isaan jalaa badee jira.” Suuratu Al-A’araaf 7:53



“Sila isaan xumura isaa malee maal eegu?” kana jechuun wanta Qur’aanni beeksise dhufuu malee maal eegu? Rabbiin Qur’aana keessatti Guyyaa Qiyaamaa warroota amananiif Jannataa, warroota kafaraniif immoo adabbi Jahannam waadaa galee jira. Sila namoonni waadaa fi akeekachisni kuni guuttamu malee maal eegu? Guyyaan waadaa fi akeekachisni kuni guuttamu ykn dhufu Guyyaa Qiyaamati. 


Guyyaa kana namoonni Qur’aana dagatanii fi itti hojjachuu dhiisan akkana jedhu, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufaniiru. Sila namoonni shafa’aa (araarsota) nuuf ta’anii adabbii irraa baraaramnu jiru? Yookiin hojii badaa duraan hojjataa turreen ala hojii gaggaarii akka hojjannuuf gara addunyaatti deebifamu dandeenyaa?” Garuu kuni yeroon waan irra darbeef wanta ta’u miti. Qur’aana waan dagatanii fi wanta isa keessa jirutti waan amanu didaniif of hoongessani (kasaarsanii) jiru. Adabbii hamaaf of saaxilanii jiru.

Kanaafu, namni tokko wanta Guyyaa Qiyaamaa uumamu kan Qur’aana keessatti waadaa galame, hin dhufu jechuun shakkuu ykn kijibsiisu hin qabu. Yoo kijibsiise Guyyaa Qiyaamaa bu’a wanta hojjatee ni dhandhama. Guyyaan Qiyaama yeroo itti dhufu qaba. Yeroon dhufnaan gara duubatti harkisuunis gara fuunduraattis butuun hin jiru. Rabbiin ni jedha:


وَمَا نُؤَخِّرُهُۥٓ إِلَّا لِأَجَلٍ مَّعۡدُودٍ


[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu .” Suuratu Huud 11:104


Kana jechuun ajalli (yeroon) addunyaa tanaa fi umamtoota ishii keessa jiran yoo xumurame, Rabbiin gara ganda Aakhiraatti isaan ceesisa. Murtii mindeessu fi adabu isaan irratti dabarsa. [2] Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa guyyaa wanta hojjataniif mindaa ykn adabbii itti argataniidha.




Guduunfaa


🪐Garreen hidda gadi fagoo akka qabanii fi hojiin isaanii dachii akka hin sochoone eegu akka ta’e Qur’aanni waggoota 1400 dura dubbatee jira.


🪐Galaanni lamaan wal-qunnamuun wal keessa yaa’an walitti hin makaman. Isaan jidduu girdoon (barrier) hin mul’anne waan jiruf.

✐Nabi Muhammad (SAW) dubbisuu fi barreessu waan hin dandeenyef, Qur’aana madda biraa irraa garagalchu hin danda’an.


✐Akkasumas, boqonnaalee (suuraleen) Qur’aanaa baay’een Makkaan keessatti bu’an. Makkaan keessa Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin jiranii turan. Kanaafu, Kitaaba isaanii irraa Qur’aana garagalchuun waan hin danda’amneedha.


✐ Qur’aanni osoo waraqaa irratti barreefame buufame silaa warri kafare “Kuni sihrii (falfala)” jechu turan. Kana irra Qur’aanni namoota barsiisu fi rakkoo furuuf, waggaa 23f dhawaata dhawaatan jechaan buufame. Ergasi dhaloota dhufuuf akka darbu galme tokko keessatti walitti qabame.


✐ Qur’aanni wanta yeroo darbe, yeroo ammaa fi gara fuunduraatti uumamu haqaan waan of keessatti qabateef, ilmi namaa ykn Malaykoonni ykn jinnooni barreessu hin danda’an. Wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti uumamu hunda kan beeku Rabbiin qofa waan ta’eef. Kanaafu, Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’eedha.


✐ Seenaaleen Qur’aana keessa jiran barnoota fi gorsa guddaa namootaf ta’u.


✐ Wanti gara fuunduraatti ni dhufa jedhamee Qur’aana keessatti waadaa galame, wanta haqaan dhufuudha. Yeroon dhufnaan sa’aati, daqiiqaa fi sakandii murtaa’e keessatti ni dhooya. Kunis Guyyaa Qiyaamati.

✐ Kanaafu, namni Qur’aana irraa garagaluun ykn wanta waadaa galame kijibsiisun of hoongeessu hin qabu.


Wa Aakhiru daw’aana anilhamdulillahi Rabbil aalamiin


Alhamdulillaah Leenjii keenna kutaalee 4 baatii ramadaanaa keessa mata duree, Buufamiinsa fi walitti qabamiinsa qur'aan jedhuun, keennaa turre kanumaan goolbna, nu hundaa rabbiin jazaa keeyrii nuu haa kaffalu.



Kutaalee dabran kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa, kutaa 3ffaa.



Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...