Skip to main content

Qophii Proojektii Ramadaanaatif kutaa 4ffaa


Qophii Proojektii Ramadaanaatif


Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog



WANTOOTA SOOMA BALLEESSAN


Wantoonni sooma cabsan /balleessan gosa lama. Isaaniis


A.Wantoota sooma cabsan qadaa kan barbaachisu

B.Wantoota sooma cabsan qadaa fi kaffaaraa kanneen barbaachisan



A.Wantoota sooma cabsan qadaa kan barbaachisu


1.osoo beekanuu nyaachu ykn dhuguu– karaan afaanitiin ykn funyaanitiin nyaanni ykn dhugaatin gara gahuudha. Nyaataa dhugaatiin kuni wanta nama fayyadu fi hin fayyanne, kan nama miidhu fi hin miine kan of keessatti hammateedha. Yoo kuni uumame soomni cabe ykn bade jira osoo afaan takkaa ykn habbuuqqi takkaa ta’eeyyu. Garuu foolii fuunfachuun sooma hin cabsu, fooliin garaa waan hin geenyef. Namni osoo beeku nyaate ykn dhugee qadaa baasu qaba.


Haa ta’uu malee, dagatee ykn dogongoraan yoo nyaate ykn dhugee qadaa baasun isarra hin jiru nyaataa dhugaati osoo beeku fi yaadatu yoo itti hin fufin. Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:



‏ مَنْ أَكَلَ نَاسِيًا وَهْوَ صَائِمٌ فَلْيُتِمَّ صَوْمَهُ، فَإِنَّمَا أَطْعَمَهُ اللَّهُ وَسَقَاهُ ‏”‏‏


“Namni tokko osoo soomu dagatee yoo nyaate, sooma ofii haa guutu. Rabbitu isa nyaachise obaase waan ta’eef.” (Sahiih Al-Bukhaari fi Musliim)


Kanaafu namni tokko dagatee yoo nyaate ykn dhuge, dhiphatu hin qabu. Akkuma yaadaten ykn namni biraa isa yaadachiseen nyaata ykn dhugaati san dhiisun sooma ofii itti fufu qaba.


2.Afaaniin ala wanta garaa gahuu– karaa afaanitiin ala namni wanta tokko garaa isaa geesse, soomni isaa ni caba, qadaa baasu qaba. Fakkeenyaf, karaa taa’atiin qoricha ykn wanta biraa seensisuun sooma cabsa. Yookiin karaa funyaanitiin qoricha galchuun sooma cabsa. Karaa gurraatin qoricha galchuun wal dhabbii (kilaafaa) keessa jira.


“Lilmoon (marfeen) akka nyaatatti itti fayyadaman, yoo namtichi fudhate soomni ni caba. Lilmoon tuni nyaata ykn dhugaati haqiiqa ta’uu haa dhiistuyyuu malee akka nyaataa dhugaatitti waan nama gargaartuuf hukmiin (murtiin) ishii hukmii nyaataaa dhugaatiti. Garuu lilmoon akka nyaatatti nama hin gargaarre, sooma hin cabsitu (hin balleessitu).” Majaalisu shahru Ramadaan-fuula 100


3.Osoo beekanuu hoqqisuu (haqqisuu)- hoqqisuu (haqqisuu) jechuun nyaata ykn dhugaati deebisuu ykn garaa keessaa gara alaatti baasudha. Haqqisuun nama tokko moo’ate ofiin yoo bahe, sooma qadaa baasun ykn kaffaaran isarra hin jiru. Hadiisa Abu Hureeyran irraa odeefame keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:



“‏ مَنْ ذَرَعَهُ قَىْءٌ وَهُوَ صَائِمٌ فَلَيْسَ عَلَيْهِ قَضَاءٌ وَإِنِ اسْتَقَاءَ فَلْيَقْضِ ‏”


Osoo soomu nama haqqisoon isa moo’ate, qadaan isarra hin jiru. Garuu kan of haqqisiise (osoo beeku akka haqqisu kan of taasise), sooma qadaa baasu qaba.” Abu Daawud


osoo beeku haqqisuu yoo jennu gochoota nama haqqisiisan raawwachuun of haqqiisisudha. Fakkeenyaf, garaan wanta keessa jiru akka baasu humnaan walitti dhiibu, quba gara kokke seensisuun of haqqisiisu, wanta tokko fuunfachuun ykn wanta nama haqqisiisu ilaalun of haqqisiisu. Haala akkanaa kana keessatti namni tokko sooma isaa qadaa baasu qaba hammi haqqise xiqqaa osoo ta’eyyu.



4.Heydii (laguu) fi nifaasa (dhiiga dahaa)–  Akka walii galtee aalimmanititti dubartiin takka laguu ykn dhiiga dahaa yoo argite, soomni ishii ni caba. Maghriiban dura daqiiqa muraasa osoo ta’eyyu laguu ykn nifaasa yoo argite soomni guyyaa sanii ni bada, qadaa baasun ishii irratti dirqama.



5.Osoo beeku maniyyi (dhangala’oo saalaa dhangalaasu)– harkaan qaama hormaata kakaasanii yookiin dhungachuun ykn hammachuun ykn wanta biraa fayyadamanii dhangala’oo saalaa dhangalaasun, sooma balleessa. Hadiisa al-qudsi keessatti Rabbiin waan akkana jedheef: “Sababa Kiyyaaf fedhii foonii, nyaata fi dhugaati dhiise.” (Sahiih Al-Bukhaari)


Dhangalaa’o saalaa dhangalaasun fedhii foone (shahwaa) waan ta’eef osoo beekani fi yaadatanuu maniyyi dhangalaasun sooma cabsa. Qaada baasun isa/ishii irra jira.



Garuu maniyyi abjuun yoo dhangalaasan yookiin immoo gocha homaatu osoo hin raawwatin yaadan maniyyi yoo dhangalaasan, soomni hin cabu (hin badu). Abjuun maniyyii dhangalaasun filanno namtichaatin ala waan ta’eef. Akkasumas, wanta sammutti nama dhufe hojitti yoo hin jijjiriin namni suni hin qabamu.  Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:



‏ إِنَّ اللَّهَ تَجَاوَزَ عَنْ أُمَّتِي مَا حَدَّثَتْ بِهِ أَنْفُسَهَا، مَا لَمْ تَعْمَلْ أَوْ تَتَكَلَّمْ ‏”‏‏”


“Dhugumatti, Rabbiin wanta nafseen isaanii itti hasaaste ummata kiyyaaf irra darbe yoo [wanta yaadan san] hojii irra hin oolchin yookiin hin dubbatin.” ( Sahiih Al-Bukhaari )


6.Islaama irraa garagaluu– namni guyyaa Ramadaanaa keessa Islaama irraa garagale (kafare), soomni isaa ni bada. Guyyaa kana keessa ta’ii guyyaan kuni erga dhumateen booda ta’ii yoo gara Islaamaa deebi’e, guyyaa kana qadaa baasun isarra jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef: “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte, dalagaan kee ni bada.” (Az-Zumar (39):65)


Soomni ibaadaa (gabbarrii) waan ta’eef Islaama irraa garagaluun (kafaruun) ibaada kana balleessa.



B.Wantoota sooma cabsan qadaa fi kaffaaraa kanneen barbaachisan


Namni niiti isaa waliin guyyaa adiin ji’a Ramadaanaa keessa wal-qunnamtii saalaa raawwate, soomni isaa ni caba /ni bada. Wantoota sooma cabsan keessaa kuni isa guddaadha. Kanaafi, qadaa baasu qofaa miti kaffaaras kafaluun namarra jira. Akkasumas, namni guyyaa soomaa zinaa raawwate, soomni isaa ni caba. Soomni isaa cabuu qofa mitii badii guddaas raawwate jira. Kanaafu, dhugaan tawbachuu, qadaa baasu fi kaffaaraa kafaluu qaba.



Abu Hureeyran akkana jechuun gabaase: Namtichi tokko gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun, “Ani bade”jedhe. Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Maal taate?” Namtichis ni jedhe, “ [Guyyaa adii] Ramadaanaa keessa niiti tiyya irratti kufe (wal-qunnamtii saalaa raawwadhe).” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Wanta gabra bilisa ittiin baastun argattaa?” Namtichis ni jedhe, “Lakkii!” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Ji’oota lama wal duraa duuban soomu dandeessaa?” Namtichis ni jedhe, “Lakkii hin danda’u.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Hiyyeessota 60 (jahaatama) nyaachisu dandeessaa?” Namtichis ni jedhe,”Lakkii hin danda’u.” Ergasi Ergamaan Rabbiitiif (SAW) Araq (baaldii) temirrii keessa jiru kenname.” Namtichaan akkana jedheen, “Kana fudhu, sadaqadhu.” Namtichi ni jedhe, “Namoota nu caalaa hiyyeessa ta’aniif moo? Gaarren [Madiinaa] lamaan jidduu nu caalaa namni hiyyeessa ta’e hin jiru.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “ Fudhuu maatii kee nyaachisi.”  (Sahiih Al-Bukhaari fi Musliim)



Hadiisni kuni tuqaa ijoo baay’ee agarsiisa. Tokkoffaa, namni tokko kaffaaraa wantoota sadiin armaan gadi keessa tokkoon kafaluu danda’a.


Gabricha ykn gabritti bilisa baasu. Namtichi gabricha /gabritti yoo hin qabaatin, bite bilisa baasu danda’a.



Ji’oota lama wal duraa duuban soomu

Hiyyeessota 60 (jahaatama) nyaachisu. Akkanatti jabaachun adabbii, yakka wal-qunnamtii saalaa guyyaa adii Ramadaanaa keessa raawwachuu guddaa akka ta’ee agarsiisa.


Aalimman dhiirsa fi niiti kaffaaraa kafaluu qaban moo dhiirsa qofatu kafalu qaba kan jedhu irratti wal dhabanii jiru. Akkaataa jamhuura (aalimman harka caalutti) osoo beekanu fi yaadatanuu guyyaa adiin ramaadaana keessa wal-qunnamtii saalaa yoo raawwatan lamaan isaanii irra kaffaaraan ni jira. Haa ta’uu malee, yoo inni isa waliin akka qunnamtuuf niiti isaa dirqiisise, isa qofatu kaffaaraa kafala. Ishiin kaffaaraas ta’ee qadaas hin kafaltu, waan dirqisifamteef. Garuu yoo ishiin sababa wayitiif hin soomin, homaa ishii irra hin jiru.



Aalimman gariin immoo akki jedhan, isa qofatu kaffaaraa kafala, Ergamaan Rabbii dubartii osoo hin ta’in namticha kaffaaraa akka kafalu waan ajajaniif. Garuu ilaalchi jalqaba irra jabaadha- “lamaan isaanitu kaffaaraa kafalu qabu” kan jedhutu irra jabaadha.


Hubachiisa: Niitin ykn dhiirsi dagatanii yookiin wallaalummaan yookiin dirqiin guyyaa ramadaanaa keessa wal-qunnamtii saalaa yoo raawwatan, qadaas ta’ee kaffaaran isaan irra hin jiru. Kuni Adeemsa Abu Haniifaa, Shaafi’i fi Ahmad (Sahiihu fiqhu sunnaah fuula 109)



Kaffaaran tartiiban ta’uu qabaa? (4)

Jamhuurri (aalimman harki caalan) tartiiban deemu qaba jedhu. Ji’oota lama soomutti hin darbu gabra bilisa baasu yoo dadhabe malee. Hiyyeessota jahatama nyaachisutti hin darbu ji’a lama soomu yoo dadhabe malee.

Imaam Maalik immoo kan isatti tole filachuun kaffaaraa kafalu danda’a ilaalcha jedhu qabate.


Wal-qunnamtii saalaa irra deddeebi’uun kaffaaran irra ni deddeebi’aa?


Guyyaa Ramadaanaa keessa wal-qunnamtii saalaa raawwate ergasii kaffaraa kafalee, ammallee guyyaa biraa wal-qunnamti saalaa yoo raawwate, kaffaaraa biraa kafaluun isarra jira.

Guyyaa tokko keessatti wal-qunnamtii saalaa yoo irra deddeebi’e raawwate, kaffaaraa tokko qofatu irra jira. fakkeenyaf, guyyaa sa’aati torbatti raawwate sa’aa lamaan booda yoo itti deebi’e, kaffaaraa tokko qofatu irra jira.

Namni guyyaa ramadaanaa wal-qunnamtii saalaa raawwate, guyyaa kanaaf kaffaaraa kan hin kafalle ta’ee osoo jiru guyyaa biraa yoo itti deebi’e maal gochuu danda’a? Kana ilaalchise ilaalcha lamatu jira.

Tokkoffaa: guyyaa hundaafu kaffaaratu isarra jira. guyyaan hunduu ibaadaa of danda’e waan ta’eef. Kuni ilaalcha Maalik, Shaafi’ii fi gareeti.



Lamaffaan immoo wal-qunnamti saalaa jalqabaa irraa kaffaaraa yoo hin kafalin, kaffaaraa tokko qofatu irra jira ilaalcha jedhudha. Ilaalchi kuni ilaalcha Abu Haniifaa fi saahibota isaa, Al-Awzaa’i, Az-Zuhrii.(4)



Hadiisa kana irraa tuqaan biraa fudhatamu, namni dadhabaan kaffaaraa kafaluu dadhabe, kaffaaraan isarraa bu’a hanga kaffaaraa kafaluu danda’utti.



Gudunfaa



Namni tokko wantoota sooma jalaa balleessan beeke, irraa fagaachuf tattaafachu qaba. Wanti hin dagatamne tokko immoo namoonni ji’aa Ramadaanaa guutu wal-qunnamti saalaa halaalaa irraa fagaatan jiraachu danda’u. Wal-qunnamtiin saalaa niiti ofii waliini kan dhowwame guyyaa adii ji’a Ramadaanaa fi yeroo itikaafaa malee halkan hanga obboroo kan dhowwame miti. Halkan niiti isaatin wal-qunnamu danda’a.(Ilaali suuratu Al-Baqaraa 2:187) Garuu akkuma subhii (fajrii) irraa sooma jalqabeen hanga galgala lulluqatutti wal-qunnamtii saalaa niiti isaa waliin raawwachuu irraa fagaachu qaba. Namni tokko niiti isaa ji’a Ramadaanaa keessa dhungachuu fi hammachuu danda’a yoo maniyyiin kan hin dhangalaane ta’e ykn gara wal-qunnamti saalatti kan hin geessine yoo ta’e.(Majaalisu shahru ramadaan-fuula-99)



Xiqqaatus guddatus wantoota sooma cabsan tarreessine jirra. Alhamdulillaah Rabbil aalamiin. Yaa Rabbii nuuf araarami. Kutaa kanas kanumaan goolabna





 

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...