Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Qophii ramadaaniif.
Kutaa 3ffaa
Sammubani.com
Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog
RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA
Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha. Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa.
Ramaddii tokkoffaa: Kaafira (nama Musliima hin taane)
Kaafiraaf (nama Musliima hin taanef) soomni isarratti dirqamaa miti. Osoo soomeyyu soomni isaa sirrii hin ta’u warra ibaadaa (Rabbiin gabbaran) keessaa waan hin taanef. Haa ta’uu malee ji’a Ramadaanaa keessa Musliima yoo ta’e, guyyoota Ramadaanaa hafan ni sooma, warroota soomni dirqama irratti ta’e irraa waan ta’eef.
Garuu guyyoota darban qadaa baasun (bakka buusun) isarratti dirqamaa miti. Rabbiin waan akkana jedheef:
قُل لِّلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِن يَنتَهُوا۟ يُغۡفَرۡ لَهُم مَّا قَدۡ سَلَفَ وَإِن يَعُودُوا۟ فَقَدۡ مَضَتۡ سُنَّتُ ٱلۡأَوَّلِينَ
“Warra Kafaraniin jedhi, yoo kufrii irraa dhoorgaman wanti darbee isaaniif araaramama…” (Suurat Al-Anfaal 8:38)
Ramaddii lamaffaa- Sabiyyii
Sabiyyii (mucaa xiqqaa ykn mucayyoo xiqqoo) hanga umrii saalfannaa gahuutti soomni isa/ishii irratti dirqamaa miti. Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:
رُفِعَ الْقَلَمُ عَنْ ثَلاَثٍ عَنِ النَّائِمِ حَتَّى يَسْتَيْقِظَ وَعَنِ الصَّغِيرِ حَتَّى يَكْبُرَ وَعَنِ الْمَجْنُونِ حَتَّى يَعْقِلَ أَوْ يَفِيقَ ”
“Namoota sadii irraa qalamni ka’ee jira (hojiin isaanii hin katabamu): Nama rafee irraa hanga hirribaa dammaqutti, nama xiqqaa irraa hanga guddatutti, maraataa irraa hanga waa hubatutti yookiin of beekutti.” ( Sunan Nasaa’i)
Garuu warrii isaa shakaalaaf soomu yoo danda’e soomatti ajajuu danda’u. Ibaadaa ijoollee keessatti leenjisa garmalee barbaachisaa isaaniif ta’a. Umrii saalfannaa geenyan carraa leenjisu waan hin argannef. Sahaabonni ijoolle isaani xixxiqoo soomsisaa turan. Gara masjiida fiidun meeshaa taphaa itti kennuun beela isaan dagachiisu.
Haa ta’uu malee warri ijoollee ammaa dhimma kana irraa daguu keessa jiru. Ijoollee isaanii soomatti hin ajajan. Inuma gariin isaanii ijoolleen isaanii soomu osoo barbaaddu, ‘Isaanif rahmata gochuudha.’ Jechuun soomuu irraa dhoowwu. Haqiiqaan isaaniif rahmata gochuun dirqamoota Islaamatiin akka dhaabbatan isaan shaakalsiisu fi sonoota Islaama barsiisudha. Nama kana irraa isaan dhowwee yookiin daangaa darbee nafsee ofiitii fi tan isaanii miidhe jira. Eeti, yoo soomanii miidhaa irratti argee yeroo san sooma irraa isaan dhoowwun rakkoo hin qabu.
Umrii Saalfannaa Dhiiraa
Seera Islaama keessatti umriin saalfannaa al-buluugh ykn Tamyiiz jedhamuun beekkama. Dhiirri dhimmoota sadii keessaa tokkoon umrii saalfannaa gaha.
Tokkoffaan: Ihtilaamaan maniyyii (dhangala’oo saalaa) dhangalaasu yookiin sababa kanaan alaatiin maniyyi dhangalaasu. “Ihtilaama jechuun (wet dream, abjuu jiidhaa)- abjuu fedhii saalaa kakaasu fi maniyyi akka dhangalaasan nama taasisu argu. Namni osoo rafuu maniyyi dhangalaase salaatun dura ykn Qur’aana tuquun dura ghusula (nafa guutu dhiqachuun) isarratti dirqama.” (A Dictionary of Islamic words and expression)
Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:
غُسْلُ يَوْمِ الْجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ ”.
“Gusulli (nafa dhiqachuun) Guyyaa Jumm’aa nama muhtalama ta’e (umrii saalfannaa gahe) hunda irratti dirqama.” Sahiih Al-Bukhaari
Lamaffaa: rifeensi gaggabaan naannoo qaama hormaatatti biqiluun mallattoo umrii saalfannaati. Inni/ishiin kana arginaan umrii saalfannaa gahe jira /geesse jirti osoo abjuu jiidhaa arguu baateyyu /baatteyyu. Kuni umrii isaanii irraa waggaa 13 ykn 14 tti mul’atu danda’a. Warrii isaanii mallattoo kana isaanitti beeksisu qabu.
Sadaffaa: umriin isaa waggaa 15 (kudha shan) gahuu. Namni tokko umrii waggaa 15 geenyan, inni namticha yookiin ishiin namtitti (dubartii) taatee jirti. Yeroo kana irraa eegale wanti namticha/namtitti irratti dirqama ta’e isaa/ishii irrattis dirqama.
Naafin ni jedhe: Ibn Umar (Radiyallahu anhumaa) akkana jechuun natti hime:
Ergamaan Rabbii (SAW) Guyyaa lola Uhud fuundura isaatti akka of dhiyeessu na waame. Ani yeroo san umriin koo waggaa 14 ta’ee osoo jiru. Lola keessatti akka hirmaadhu naaf hin hayyamne. Garuu yeroo ani waggaa kudha shanii lola Khandaqiif na dhiyeesse. Lola keessatti akka hirmaadhu naaf ni hayyame
.” Naafin ni jedhe:Ani Kaliifaa yeroo sanii kan ta’e Umar bin Abdul Aziiz bira deemun hadiisa armaan olii itti odeesse. Umaris ni jedhe: Kuni haddi (daangaa) nama xiqqaa (ijoollummaa) fi nama guddaa (dhiirummaa) jidduu jiruudha. Hojjatoota isaatiif nama waggaa 15 gaheef mindaa akka muraniif barreesse.” (Sahiih Al-Bukhaari )
Hadiisni armaan oli kan agarsiisu waggaan 15 umrii seeraa gurbaa ykn intala Muslimaati. Dhimmoota amantii fi addunyaa isaa/ishiitiif umrii itti gaafatamummaa horatu/horattuudha. Wanta hojjatu /hojjattu hundaaf ni qabama/qabamti.
Umrii Saalfannaa Intalaa
Dubartiinis wanta dhiirti ittiin umrii saalfannaa gahuu ittiin haa geessuyyu malee dhimmii afraffaan itti dabalama. Innis; Laguu (heydii) arguudha. Osoo intalli waggaa 12 taateyyuu, laguu arginaan umrii saalfannaa geesse jirti, qalamni itti gaafatamummaa ishii irra yaa’u ni jalqaba (kana jechuun wanta hojjattuuf ni qabamti). Guyyaa adii Ramadaanaa keessa umrii saalfannaa yoo gahe, sooma isaa ni guuta ykn itti fufa yoo kan soomu ta’e. Yoo kan hin soomne ta’ee guyyaa sanii fi guyyoota hafan ni sooma, warroota soomni irratti dirqama ta’e irraa waan ta’eef. Osoo umrii saalfannaa hin gahiin dura guyyaa hin soomne san qadaa baasun isa/ishii irratti dirqamaa miti.
(Yeroo ammaa namoonni umrii kudha shan gahanii namoonni hin soomne ykn hin salaanne ni jiru, umrii saalfannaa hin geenye jechuun. Akkasumas umrii saalfannaa hin geenye jechuun dubartiin laguu argitee hin soomne ykn hin salaanne hin dhabamtu. Tarii kunii wallaalumma irraa ta’uu danda’a. Dubartiin waggaa kudha lama geette laguu yoo argite soomu fi salaatun ishii irratti dirqama akkuma armaan olitti hubanne. Mallatoolee umrii saalfannaa agarsiisan keessaa tokko waan argiteef. Dhiirris mallatoolee armaan olii sadan keessaa tokko yoo arge soomu fi salaatun isarratti dirqama.)
Ramaddii sadaffaa- Maraataa
Nama maraataa aqliin (sammuun) irraa deemte soomun isarratti dirqamaa miti. Aqlii ibaadaa ittiin hubatuu fi niyyatu waan hin qabneef soomni isaa sirrii hin ta’u. Ibaadan niyyaa malee hin taatu Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira…” (Sahiih Al-Bukhaari)
Garuu yeroo garii of beeke yeroo biraa immoo kan maraatu yoo ta’ee, yeroo maraatetti osoo hin ta’in yeroo of beeke sanitti soomni isarratti dirqama. Osoo soomu yoo dhukkubsate soomni guyyaa sanii jalaa hin badu osoo of beeku niyyaa sirriin sooma waan jalqabeef.
Maraatan guyyaa sooma Ramadaanaa yoo of beeke guyyaa hafee ni sooma. Akkuma ijoolle umrii saalfannaa hin geenye fi kaafiraa guyyoota darban qadaa baasun isarratti dirqamaa miti.
Ramaddi Afraffaa: Al-Harim (Nama umriin deeme)
Yommuu waa’ee namoota dulloomanii kaasnu, namoota gosoota lamaa dubbachaa jirra. Isaaniis; tokko nama jaarsaa sammuun irraa deeme fi wanta faaydi hin qabne kan dubbatu (al-hazyaan, kan totorra’u) yoo ta’u lamaffaan immoo nama wanta hojjatu ykn dubbatu hin hubanneedha. Namoota kanaaf soomus ta’ee bakka soomaa hiyyeesota nyaachisuun isaan irra hin jiru. Sababni isaas, haalli isaanii akka daa’ima umrii waa addaan baafachuu (tamyiiz) hin gahiniin wal fakkaata.
Garuu yeroo garii waa kan addaan baafatu ta’ee yeroo biraa immoo kan totorra’u (of wallaalu) yoo ta’ee, yeroo totorra’u osoo hin ta’in yeroo addaan baafannaa (of beeku) sanitti soomni isarratti dirqama. Akkasumas, salaanni yeroo of wallaalu (totorra’u) sanitti isarratti dirqamaa miti. Garuu yeroo waa addaan baafatu sanitti salaatun isarratti dirqama.
Ramaddii shanaffaa: Aajiz (Qaaman dadhabaa)
Namni soomarraa dadhabaa ta’ee nama dadhabinni qaamaa isaa itti fufaa ta’ee fi jabinnatti deebi’uun kan hin abdatamneedha. Kan akka jaarsa fi nama dhukkubsataa dhukkubni isaa hin fayyine. Kan akka nama dhukkuba akka Kaansarii fi Eedisitiin qabame. Soomni isaan irratti dirqamaa miti. Sababni isaas soomu waan hin dandeenyef.
Jaarsa/jaartii qaaman dadhabaa yommuu jennu nama dulloomee waa addaan baafachuu danda’uu fi sammuun isaa nagaha ta’e garuu qaaman dadhabaa kan ta’eedha. Soomun daran qaama isaa dadhabsiisu kan danda’udha. Soomun isa/ishii irratti dirqamaa miti. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef:
“Rabbiin lubbuu tokkos dandeetti ishiitin ala hin dirqisiisu.” (Suuratu Al-Baqaraa 2:286)
Garuu jaarsi/jaartiin sammuun nagaha ta’ee soomu dadhabee fi namni dhukkubsataan fayyuu hin dandeenye guyyaa tokkoon tokkoon sooma itti cabsee hiyyeessa nyaachisun bakka buusu qaba.
Nyaachisuu (Ix’aam)
Nyaachisuuf filannoon kanniin ni qaba. Takkaa namoota hiyyessoota ta’aniif tokkoon tokkoon isaanitiif qamadii irraa gara kiloo tokkoof giraama kudhan kennu. Takkaa immoo nyaata qopheessun hanga guyyaa sooma cabseetin hiyyeesota waame nyaachisu. Fakkeenyaf guyyaa soddoma yoo sooma cabse, hiyyeessota soddoma nyaachisaa jechuudha.
Imaamu Al-Bukhaarin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) ni jedhe: Jaarsi guddaan soomu yoo dadhabe, dhugumatti Anas Ibn Maalik (RA) erga jaarsa ta’ee booda waggaa tokko yookiin lama guyyaa hundaa hiyyeessa daabboo fi foon nyaachise jira.
Ramaddii jahaffaa: Dubartii ulfaatii fi harma hoosistu
Yommuu dubartiin ulfaa yookiin harma hoosistu nyaattu, fayyaa ofiiti fi ilma ofiitif akkas gooti. Murtiin soomu haala ishitti dhagahamu irratti hundaa’a. Soomun jiruu ishii miidha irra kan buusu fi daa’ima hin dhalanne yookiin dhalate kan miidhu yoo ta’e, sooma hiikun ishiif hayyamamaadha. Garuu Ramadaanan booda qadaa baasun ishirra jira Ramadaanni itti aanu osoo hin dhufiniin duratti.
Ramaddii 7ffaa- Karaa deemaa
Namni karaa deemu imala isaa keessatti tahayyula yoo hin niyyatin, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Garuu tahayyula yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama. Soomun isarratti dirqama. ( Tahayyula jechuun tooftaa wanta tokko jalaa bahaniin. Karaa deemun ykn biyya biraa deemun sooma jalaa nan baha jedhe yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama.) garuu namni karaa deemu tahayyula yoo hin niyyatin, yeroo imala isaa filannoo soomu fi sooma hiiku qaba. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:
“Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabee isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessu hin fedhu…” (Suuratu Al-Baqaraa 2:185)
Namni karaa deemu yoo soome soomni isaa sirriidha ykn guutudha. Sahiih Al-Bukhaari fi Musliim keessatti Anas ibn Maalik akkana jedhe: Ergamaa Rabbii (SAW) waliin diida (imala) deemaa turre. Namni soomu nama sooma hiiku hin qeeqne (maaliif hiikta jedhee hin lolleen). Namni sooma hiikes nama soomu hin qeeqne (maaliif soomta jedhe hin lolleen).” Sahiih Al-Bukhaari
Nama karaa deemuf haalota sadiitu jira. Isaaniis:
1.Soomni isarratti kan ulfaatu yoo ta’e yookiin hojii gaarii hojjatuu irraa gufuu kan isatti ta’u yoo ta’e- haala kana keessatti sooma hiikun isaaf filatamaadha.
2.Soomni isarratti kan hin ulfaanne fi hojii gaarii hojjachuu irraa gufuu kan itti hin taane– haala kana keessatti soomun isaaf irra gaariidha (filatamaadha).
Aa’ishaan (Radiyallaahu anhaa) akka gabaastetti, Hamzaa bin Amr Al-Aslamii Ergamaa Rabbii (SAW) akkana jechuun gaafate: Osoo imala irra jiruu soomu danda’aa?’ Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe: “Yoo feete soomi, yoo feete hiiki.” Sahiih Al-Bukhaari
Soomni ulfaatinni keessa yoo hin jiraatin adda soomu irra namoota waliin soomun salphaa fi hatamtamaan dirqama ofirraa buusudha.
3.Soomni garmalee itti ulfaachun gara du’aatti kan oofu yoo ta’e– haala kana keessatti sooma hiikun isa irratti dirqama, soomun dhowwamaadha.
Jaabir bin Abdullaah (RA) akkana jechuun gabaase: Ergamaan Rabbii (SAW) imala irra turan. Namoota walitti duudani (walitti qabamanii) namticha tokko gaaddiseessan arge. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, ‘Kuni maaliidhaa?’ Namoonnis ni jedhan: “Namtichi nama soomu.” Ergamaan Rabbii ni jedhe: “Imala irra oso jiranuu soomun gaarummaa irraa miti.” Sahiih Al-Bukhaari
Ergamaan Rabbii (SAW) kan akkana jedhaniif imala irra osoo jiranuu soomni gara baditti (du’aatti) kan nama oofu yoo ta’ee soomun gaarii akka hin taane agarsiisuufi.
Namni soomu karaa irra jiraate sooma xumuruun kan itti ulfaatu yoo ta’e, sooma hiikun isaaf ni hayyamama.
Garuu warroonni armaan olii kunniin Ramadaana booda qadaa baasu (sooma bakka buusu) qabu.
Nama karaa deemuf hayyamni sooma hiiku yoom addaan citaa?
Dhimma lama keessatti kara deemaf hayyamni sooma hiiku ni bu’a (ni cita).
1.Guutu jireenyaa bakka san jiraachu yoo niyyate yookiin yeroo muraasaf yoo ture
Ibn Abbaas (RA) irraa akka odeefametti Ergamaan Rabbii (SAW) Ramadaana keessa duula banamiinsa (Fatih) Makkaa duule. Ergamaan Rabbii (SAW) hanga iddoo bishaanii Qudaydi fi Usfaan jidduu jiru Al-Kadiid jedhamu gahuutti ni soome. Ergasii ni hiike. Hanga jiiyni dhumatutti sooma hiiku itti fufe.” Sahiih Al-Bukhaari
Akkuma beekkamu banamiinsi Makkaa Ramadaana irraa guyyaan kudhan yoo hafu adeemsifame. Akkuma Ergamaa Rabbii (SAW) irraa beekkamu Makkaan keessatti guyyaa kudhaniif yookiin kudha tokkoof sooma hiike, garaagarummaa gabaasaa irratti hundaa’un. Yeroo hanganaa kana keessatti sooma hiikun isaa guyyaa kana caalaa soomu hiiku waliin wal hin faallessu.
Namni karaa deemu hanga yoomif sooma hiiku danda’a gaafi jedhuuf hayyoota (Aalimman) jidduu wal dhabbi jira. Maaliki fi Shaafi’ii biratti hanga guyyaa afurii. Hanbalii biratti guyyaa afur caalaa. Haanifi biratti immoo hanga guyyaa kudha shanii.
Gabaabumatti namni guutumatti magaalaa ykn ganda san jiraachu niyyate, ni sooma, sooma hin hiiku. Guutumatti achi jiraachu kan hin barbaanne (hin niyyanne) yoo ta’e garuu haajaa isaa fixachuuf kan achi turuu fi yoom akka fixatu kan hin beekne yoo ta’e, sooma hiiku ni danda’a. Rabbiin hundarra beekadha.
(Ajaa’iba: Namoonni gariin waggaa sadii ykn achi ol magaala san keessa turanii kan hin soomne ni jiru, nuti musaafira (karaa deemtota) ofiin jechuun. Kuni dogongora guddaadha. Dogongora kana beekun gocha akkanaa akka itti hin deebine ergaa kana darbarsaaf.)
2.Gara Iddoo jireenya isaatti yoo deebi’e
Iddoo jireenyaa isaatti halkan yoo deebi’e, Ramadaana irraa sooma barii san soomun dirqama. Garuu sooma kan hiiku ta’ee guyyaa adiin gara iddoo jireenyaatti yoo deebi’e, sa’aati hafe osoo soomeyyu soomni isaa guutu hin ta’u. Sababni isaas, subii irraa jalqabe sooma waan hiikef. Soomni dirqamaa (waajibaa) fajrii irraa yoo hin jalqabin sirrii hin ta’uu. Kanaafu, sooma kan hiiku ta’ee gara iddoo jireenyatti yoo deebi’e sooma guyyaa kanaa qadaa baasu qaba.” (Sahiih fiqhu sunnah-jildii 2ffaa- fuula 120-123)
Ramaddii- 8ffaa– Nama dhukkubsataa fayyuun isaa kajeelamu ykn abdatamuu
“Namni dhukkubsataan akkanaa haala sadii qaba. Isaaniis:
1.Soomni isarratti kan hin ulfaanne fi isa kan hin miine yoo ta’e, soomun isarratti dirqama. Uzrii (sababa) sooma isa hiiksisu waan hin qabneef. Fakkeenyaf kan akka qufaa salphaa, bowwoo salphaa fi kkf. Kanaaf sooma hiikun hin hayyamamu.
2.Soomni isarratti kan ulfaatu garuu isa kan hin miine yoo ta’e, sooma hiikun isaaf jaallatamaadha. Soomun isaaf ni jibbama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef: “Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu).” (Al-Baqaraa 2:185)
3.Soomni isarratti kan ulfaatu fi kan isa miidhu yoo ta’e sooma hiikun isarratti dirqama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef:
“Lubbuu teessanis hin ajjeessinaa. Dhugumatti Rabbiin isiniif mararfataadha.” (An-Nisaa 4:29),
“Harka keessaniin gara baditti of hin darbinaa.” (Al-Baqaraa 2:195)
Ji’a Ramadaanaa keessa osoo soomu yoo dhibamee fi sooma guyyaa sanii guutun yoo isatti ulfaate, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Ji’a guyyaa Ramadaana keessa sooma kan hiiku ta’ee dhibee irraa yoo fayye, soomni guyyaa sanii sirrii hin ta’u. Fajrii irraa sooma waan hin jalqabneef. Garuu sooma guyyaa kanaati fi guyyoota biroo kan hin soomne qadaa deebisu qaba.
Sababa soomatiin dhibeen isatti kan abaasu (hammaatu) yookiin dhibee irraa fayyuu kan duubatti harkisuu (tursiisu) ta’uu isaa wal’aansa fayyaatin yoo mirkaneefame, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Fayyaa ofii eegu fi dhibee irraa of eeguf waan ta’eef. Dhibeen kuni namarraa deemu isaa yoo abdatame, hanga dhibeen kuni isarraa deemu ni eega. Ergasii sooma irraa guyyoota hiike qadaa baasa. Garuu dhibeen isarraa deemun kan hin abdatamne yoo ta’e, sooma hiikun guyyaa hundaa miskiina (hiyyeessa) nyaachisa.” (Majalisu shahru ramadaan-fuula 53-54)
Ramaddii- 9ffaa- Dubartii heydii (laguu) fi Nifaasaa
Dubartoonni heeydii (laguu) fi nifaasa (dhiiga dahaa) qaban, soomni isaanii sirrii (sahiih) akka hin taane aalimman irratti walii galanii jiru. Yeroo kanatti soomun isaan irratti dirqamaa miti. Inumaa soomuun dhowwamaadha. Garuu erga laguu yookiin nifaasa irraa of qulqulleessanii sooma qadaa baasun isaan irratti dirqama.
Aa’ishaan (Radiyallaahu anhaa) akkana jette: “Nuti gadaa Rasuulaa (SAW) laguu argaa turre. Sooma qadaa baasutti ni ajajamnaa turre garuu salaata qadaa baasutti hin ajajamnu.” (Muslim: 335)
Barreefamni gabaabdun armaan gadii tuni barruu ‘Soomana dhukkubsataa…By Jafar Bayaan irraa fudhatame.
“Dubartiin takka osoo soomanarra jirtu guyyaa kheeysa heeydiin (laguun) yoo itti dhufe soomana san ni furti. Soomana guyyaa sanii ammoo ni kafalti.
Fajrii dura daqiiqa muraasa yoo heeydirraa qulqullooyte qaama dhiqattee qulqulleeyfatuu baattus Soomanaaf niyyattee soomanti.(Akkuma heeydii irraa qulqulloofte fajrii dura nafa osoo dhiqachuu baatteyyu garuu sooma barii niyyatte yoo soomte soomni ishii sirriidha ykn guutudha. Nafa fajrii booda dhiqachuu dandeessi.)Akkasuma Maghriiba dura daqiiqaa muraasni kan hafe heeydiin itti dhufnaan soomana guyyaa sanii kafaluu qabdi. Ammoo yoo dhukkuba mallattoo heeydii agarsiisu agarte, dhiigni yoo itti hin dhufin soomanni isii guutuudha; kafaluunis irratti dirqamaa miti.
Wanti Hubatamu qabuu:
1-Dubartiin dhiiyni ji’a guutuu irraa yaa’u dhukkubaaf ykn dawaa adda addaa fudhachuun rakkoon akkasii isaan mudate soomanuu qaban. Dhiigni sun dhiiga heeydiiti miti.
2-Dubartiin dawaa heeydiin akka Ramadaana kheeysa itti hin dhufne fudhattee yoo soomante soomanni isii guutuudha. Garuu akkuma Rabbiin Isii uumetti soomantee gaafa heeydin dhufe sooma hiikte ergasi itti guututu irra caala.”
Ramaddii 10ffaa- Lubbuu baraaruf nama sooma hiiku
Nama isaan ala jiru irraa badii hanbisuuf kan akka nama nagahaa bishaaniin nyaatamu irraa baraaruuf, ibidda irraa baraaru, haleellaa diinaa irraa baraaru, dhiiga kennuun lubbuu baraaru fi kkf irraa lubbuu baraaruf namni sooma hiikutti dirqame, sooma hiiku danda’a. Lubbuu baraaruf jabeenya yoo kan hin qabne ta’e jabeenya argachuuf guyya kana nyaate guyyaa biraa kafalu danda’a. Dhugumatti lubbuu baraaruf jabeenya yoo hin qabaatin sooma hiikun dirqama, lubbuu baraarun dirqama waan ta’eef.
Fakkeenyi kanaa qabsoo karaa Rabbii irratti diinan wal-loluuf namni of jabeessu barbaade, iddoo jireenyatti ta’ii imala irratti ta’ii yoo diinni itti dhufe, sooma hiikun guyyaa biraa kafaluu danda’a. Sababni isaas, Muslimoota irraa badii deebisuu fi Jecha Rabbii ol taasisuuf waan ta’eef. Sahiih Musliim keessatti Abu Sa’id Al-Khudri (ra) akkana jedhe:
“Soomnee osoo jirru Ergamaa Rabbii (SAW) waliin gara Makkaa imalle. Bakka tokko erga geenye booda Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Gara diina keessanitti dhiyaataa jirtu. Sooma hiikun caalatti isaaniif jabeenya ta’a.” Hayyamni sooma hiiku nuuf kenname ture. Garuu nu keessaa namni soome jira, akkasumas kan sooma hiiketu jira. San booda bakka biraa geenye. Ergasii Ergamaan Rabbii ni jedhe: Ganama diina keessan qunnamuuf deemtu. Jabeenya keessaniif sooma hiikun isiniif gaariidha. Kanaafu sooma hiikaa.” Suni ajaja ture. Kanaafu, sooma ni hiikne.” (Sahiih Musliim)
Hadiisa kana keessatti waraansa keessatti jabeenya argachuuf imalaan ala sababa of danda’a akka ta’e ni agarsiisa.
Namoota armaan olii keessaa kanneen hiikun isaanif hayyamamuu, ifatti nyaachun ykn dhuguun isaaniif kan jibbamu miti yoo sababni sooma itti hiikanii zaahira (ifa ta’e). Fakkeenyaf kan akka dhukkubsataa, jaarsa soomu hin dandeenye. Garuu sababni sooma hiiku dhokataa yoo ta’e, dhokate sooma hiika. Fakkeenyaf, dubartii heeydi (laguu) argitee, nama badii irra lubbuu baraaruf sooma hiike. Kunniin dhokatanii sooma hiiku, ifatti labsuu hin qaban. Sababni isaas, namni wallaalan uzrii (sababa tokko) malee sooma hiikun ni danda’ama jedhe akka hin yaannef yookiin namoonni yaada badaan akka isaan hin shakkineef.
Qadaa Baasu (Sooma darbee guyyaa biraa soomun bakka buusu)-1
Garreewwan sooma hiikun isaaniif hayyamame kunnin, Ramadaanan booda qadaa baasu qabu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedhe:
“Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu)” (Al-Baqaraa 2:185)
Ji’a guutu yoo sooma cabse (hiike), ji’a guutu qadaa baasu qaba. Jiiyni guyyaa 30 yoo ta’e, guyyaa 30 sooma. Guyyaa 29 yoo ta’e guyyaa 29 sooma.
Waqtiin qadaa itti baasan waggaa guutudha, jiiyni Ramadaanaa itti aanu dhufun dura. Garuu akkuma gufuun soomuu irraa nama dhowwu ka’een, qadaa baasun filatamaadha. Sababni isaas, gara keeyritti daddafuu (ariifatuu) fi hatamtamaan dirqama ofirraa buusu waan ta’eef.
Sababa tokko malee hanga Ramadaana itti aanutti tursiisun isaaf kan maluu miti. Hanga Ramadaana itti aanutti tursiisun, soomni isatti tuulamuun qadaa baasun isatti ulfaachu danda’a. Yookiin immoo tarii du’uu danda’a.
“Namni tokko hanga Ramadaanni itti aanu seenutti qadaa yoo tursiise, akkuma ajajametti Ramadanaa itti dhufe kana ni sooma. Yommuu shawwaal keessa (ji’a Ramadaanaa booda) sooma hiike, guyyoota isarra turan qofa qadaa baasa. Guyyoota sanitti homaa hin dabalu. Nyaachisuus ta’ee wanti biraas isarraa hin eeggamu waa’ee kanaa ilaalchise Ergamaa Rabbii irraa ragaan dhufe waan hin jirreef. Kuni adeemsa Abu Haniifati fi ibn Hazm.” (Sahihu Fiqhu sunnaah-jiildi-2ffaa fuula 129)
Hanga du’uu uzriin yoo itti fufe, homaa isarra hin jiru. Sababni isaas, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) guyyaa biraa qadaa akka baasu dirqama isarratti godhe. Garuu qadaa baasu waan hin dandeenyef dirqamni irraa bu’a; akkuma nama osoo Ramadaanni hin seeniin duratti du’ee.
Haa ta’uu malee qadaa baasu osoo danda’u beekaa yoo dhiise fi ergasi yoo du’e, waliyyiin (warrii) isaa guyyoota hundaa qadaa baasu qabu isarraa soomu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana waan jedhaniif:
“ مَنْ مَاتَ وَعَلَيْهِ صِيَامٌ صَامَ عَنْهُ وَلِيُّهُ ”
“Soomni isarra osoo jiruu namni du’ee, waliyyiin isaa isarraa sooma.” Sahiih Al-Bukhaari
Waliyyiin (warri isaa) ykn firoonni isaa, garee ta’anii guyyaa tokko guyyoota soomaa isarra jiru soomufii danda’a. Al-Bukhaarin ni jedhe, Al-Hasan ni jedhe: namoonni soddomni guyyaa tokkotti soomufi danda’u. Waliyyi kan hin qabne yoo ta’e ykn waliyyiin isaa isarraa soomu kan hin barbaanne yoo ta’e, guyyoota qadaa baasu dhiise san lakkaawun miskiinoota (namoota hiyyeessa) nyaachisa. (Majaalisu shahru Ramadaan-fuula-60)
Alhamdulillaah Rabbil Aalamiin kutaan kun kanumaan goolabams. Dogongoraa fi hanqinna keenya Rabbiin nuuf haa araaramu.

Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran