Skip to main content

Injifannoo Shumburaa Kuree march 11/1529

 

Injifannoo Shumburaa Kuree march 11/1529. A.M

© Abbaas Ibni Barreffama kana waggaa 2 dura qopheesse

Ammas irra deebiin maxxanse Dubbisa

Waggaa 492 dura bara 1529 akka lakkoofsa Awurooppaatti

Iddoo Shumburaa Kuree jedhamuutti Waraanni Islaamaa Imaamuu Ahmad Al Gaaziin hogganamu rorroo mootiin Kiristaanaa Libna Dingil muslimoota irran gahe dhabsiisuuf seyfii waliitti fudhatan.

Lakkoofsi Loltoota Islaamaa Imaamu Ahmadiin hogganamu 12,560 ture, kan motii Kiristaanaa Libna Dingiliin hoogganamu immoo 216,000 ture.

Dubbiin dubbii jajjabduu lakkoofsi Loltoota Kiristaana kun hedduu nama rifachiisa.

Hayyuun seenaa Piroofeeser Laphiisoo Deliboo lakkoofsa Loltootaa ilaalchisee akkas jedha.

"Lola kana irratti loltoonni Kiristaana hiriiran 16,000 Loltoota Fardatti, 200,000 immoo Loltoota lafooti walumaa galaatti loltoonni Kiristaana guutu biyyaatti irra Imaamuu Ahmad irratti duulan 21,6000 tahu, loltoonni Imaamuu Ahmad qabatee hiriire immoo 12,560" loltoonni gama lamaaniitu meeshaa waraanaa yeroo saniitti amayyaa ta'e, gachaanaa fi Seyfii hidhatan, lolli kun walfaana sa'aa 5f geggeeffame jedhe" Lolli Jalqabamuuf Hogganaan Kutaa Da'awaa Loltoota Muslimoota dadammaqsuu( kakaasuu) jalqabe, Itti aansuun Barsiisaan Qur'aanaa Sheikh Abubakar Nasraadiin mataduree Jihaadaa irratti Qur’aana irra Da'awaa godhe, sadarkaa namni Islamummaaf wareegame qabu irra barsiise, muslimooni Onneen isaan ka'e, fuli isaanii hogguu Sadarkaa Shahiidummaa dhagahan ifuu jalqabe. Dhuma irrattis keeyyata qur'aanaa armaan gadii kana dubbiseef.

۞ ﺇِﻥَّ ﭐﻟﻠَّﻪَ ﭐﺷْﺘَﺮَﻯٰ ﻣِﻦَ ﭐﻟْﻤُﺆْﻣِﻨِﻴﻦَ ﺃَﻧﻔُﺴَﻬُﻢْ ﻭَﺃَﻣْﻮَٰﻟَﻬُﻢ ﺑِﺄَﻥَّ ﻟَﻬُﻢُ ﭐﻟْﺠَﻨَّﺔَ ۚ ﻳُﻘَٰﺘِﻠُﻮﻥَ ﻓِﻰ ﺳَﺒِﻴﻞِ

ﭐﻟﻠَّﻪِ ﻓَﻴَﻘْﺘُﻠُﻮﻥَ ﻭَﻳُﻘْﺘَﻠُﻮﻥَ ۖ ﻭَﻋْﺪًﺍ ﻋَﻠَﻴْﻪِ ﺣَﻘًّۭﺎ ﻓِﻰ ﭐﻟﺘَّﻮْﺭَﻯٰﺔِ ﻭَﭐﻟْﺈِﻧﺠِﻴﻞِ ﻭَﭐﻟْﻘُﺮْﺀَﺍﻥِ ۚ ﻭَﻣَﻦْ

ﺃَﻭْﻓَﻰٰ ﺑِﻌَﻬْﺪِﻩِۦ ﻣِﻦَ ﭐﻟﻠَّﻪِ ۚ ﻓَﭑﺳْﺘَﺒْﺸِﺮُﻭﺍ۟ ﺑِﺒَﻴْﻌِﻜُﻢُ ﭐﻟَّﺬِﻯ ﺑَﺎﻳَﻌْﺘُﻢ ﺑِﻪِۦ ۚ ﻭَﺫَٰﻟِﻚَ ﻫُﻮَ ﭐﻟْﻔَﻮْﺯُ ﭐﻟْﻌَﻈِﻴﻢُ

Hikkaan

"Rabbiin mu'umintoota irraa Lubbuu fi Qabeenya isaanii jannataan irraa bite Karaa Rabbii keessatti Ni lolan ni Ajjeesan Ni Ajjeefaman sun waadaa Rabbi irratti dhugaa ta'e Towraat injiilii fi Qur'aana keessattis Namni waadaa Rabbi irraa isaaf ta'e guute Gammadaa bittaa keessan kan bittataniin sun milkii guddaadha "

Loltoonni Muslimaa keeyyata Qur’aana kana yoo dhagahan Onneen isaanii kaka'e Amma Waranni Jalqabamuuf, loltoonni muslimaa Shahiidummaaf kutatanii ka’u ibsatan. Akkas jechuun Imam Ahmad gaafatan

" Lola nuti haa jalqabnu ? Jedhanii gaafatan.

Imaamuu Ahmad Al Gaz akkas jechuun deebiseef

"Hin ta’u! hanga isaan lola jalqabani as nama tokkollee irra miidhaa hin geessisinaa, iddoo keesaan hin lakkisiina, hidhannoo waraana keessaan sirriitti hidhadhaa, Rabbii keessan yaadatan malee sochii tokko hin socho'iinaa" jechuun ajaje.

Itti aansuunis Akkas jechuun Rabbii kadhate

"Yaa Rabbii nuu hundaafu obsa kenni, akkasumas warra Amantaa keetiif jecha lollee injifatu nu taasis" jechuun Rabbiin kadhate.

Amma Waraanni Atsee Libna Dingil Waraana muslimaa irratti miidhaa geessisuu jalqabe, loltoonni muslimaatis Rabbii Isaaniitti hirkatuun Dirree waraanaa seenaan, lakkoofsi Loltoota Libna Dingil , Loltoota Imaamuu Ahmad waliin yoo wal bira qabame ilaalaame, tokkoon tokko loltoota muslimaatiif nama 17 ramadame ( Waraanni muslimaa 1 waraana Kiristaanaa 17 waliin falma) jechuudha.

Loltoonni Kiristaanaa gama bitaatiin jiran Loltoota muslimaa dadhabsiisan, yeroo kanaatti loltoonni muslimaa humna isaanii ol ta’u irraan kan ka'e gama boodatti baqatuu jalqaban,

Loltoota muslimaa gama bitaatiin hiriiran 5000 jidduu 3000 warregaman, kan hafe immoo of duuba baqate. Hoggantooni Loltoota muslimaa immoo iddoo isaanii osoo hin lakkiisiin achuma dhabbatun lolu itti fufaan.

Lakkoofsi Muslimoota wareegamanii dabalaa dhufe, osoo akkasiitti jiran ofduuba osoo hin deebi'iin lolu itti fufaan. Lolli jabaatu irraan kan ka'e loltoonni wal beeku dadhabani, dhaadannoowwan akkas jedhan dhagahamu jalqaban,

ALLAHU AKBAR!

Loltoota Muhammad Jabaadhaa!

Injifannoo kan Islaamaatti fi dhadannoo gara-garaa dhagahamu jalqabe, yeroo kanaatti Waraanni muslimaa hamileen dabaluu jalqabe, dheebuun Shahidummaa dabale, Hoggantoota Waraana Libnaa Dingil hedduun ajjeefaman.

Guyyaa keessaa naannoo sa'aa sagaliitti muslimooni Injifannoo gonfatuun Loltoota Libna Dingil booji'u jalqaban.

Lola kana irratti loltoonni Kiristaana 10,000 ajjeeffame, kan muslimaa 5000 wareegame.

Barreessaan seenaa Arab Faqii Kitaaba Fathuul Habash jedhu irratti lola kana irratti loltoonni Libnaa Dingil 12,000 ajjefamuu fi kan muslimaa 5000 wareegamuu akkasumas lolli Shumburaa Kuree injifannoo Waraana Imaamuu Ahmad Al Gaaz golabamu ibse.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...