Skip to main content

Posts

Showing posts from March, 2021

Leenjii Qophii ramadaaniif. Kutaa 5ffaa

  Qophii Proojektii Ramadaanaatif   Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Qophii ramadaaniif. Kutaa 5ffaa Sammubani.com Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog LEENJII RAMADAANAA ITTI FUFSIISUUF Ramadaanni buufata leenjii ol’aanaa namni tokko jireenya ofii ittiin jijjiratuudha. Ramadaanni tokko darbee ramadaanni biraa yommuu dhufu namni tokko ‘Ramadaana kana keessaa jijjirama maalii ykn akkami agarsiise?’jedhe of gaafachu qaba. Fakkeenyaf Ramadaana baranaa dheebu, beela fi dadhabbii qofaan dabarsine moo jireenya keenya keessatti jijjiramni wayii argamee jiraa? Fkn, salaata sirnaan salaatu, wanta haraamaa dhaabu, qalbiin namaaf rahmata gochuu, dallansuu too’achu fi kkf. Ramadaana kana keessa jijjirama kana fi kan kana fakkaatan yoo argine, jijjirama kanniin itti fufsiisuuf qophiidhaa ree? Jijjirama kanniin itti fufsiisuuf tarkaanfilee kanniin fudhachuu dandeenya.  Isaanis; 1. Rabbiin biratti hojiin gaariin fudhatama argachuuf (qeebalamuuf) itti fufuu– “Rabbiin gab...

Qophii Proojektii Ramadaanaatif kutaa 4ffaa

Qophii Proojektii Ramadaanaatif Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog WANTOOTA SOOMA BALLEESSAN Wantoonni sooma cabsan /balleessan gosa lama. Isaaniis A.Wantoota sooma cabsan qadaa kan barbaachisu B.Wantoota sooma cabsan qadaa fi kaffaaraa kanneen barbaachisan A.Wantoota sooma cabsan qadaa kan barbaachisu 1.osoo beekanuu nyaachu ykn dhuguu– karaan afaanitiin ykn funyaanitiin nyaanni ykn dhugaatin gara gahuudha. Nyaataa dhugaatiin kuni wanta nama fayyadu fi hin fayyanne, kan nama miidhu fi hin miine kan of keessatti hammateedha. Yoo kuni uumame soomni cabe ykn bade jira osoo afaan takkaa ykn habbuuqqi takkaa ta’eeyyu. Garuu foolii fuunfachuun sooma hin cabsu, fooliin garaa waan hin geenyef. Namni osoo beeku nyaate ykn dhugee qadaa baasu qaba. Haa ta’uu malee, dagatee ykn dogongoraan yoo nyaate ykn dhugee qadaa baasun isarra hin jiru nyaataa dhugaati osoo beeku fi yaadatu yoo itti hin fufin. Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif: ‏ مَنْ أَكَلَ نَاسِيًا وَهْوَ صَائ...

Qophii Proojektii Ramadaanaatif kutaa 3ffaa

    Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Qophii ramadaaniif. Kutaa 3ffaa Sammubani.com Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha.  Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa. Ramaddii tokkoffaa: Kaafira (nama Musliima hin taane) Kaafiraaf (nama Musliima hin taanef) soomni isarratti dirqamaa miti. Osoo soomeyyu soomni isaa sirrii hin ta’u warra ibaadaa (Rabbiin gabbaran) keessaa waan hin taanef. Haa ta’uu malee ji’a Ramadaanaa keessa Musliima yo...