Skip to main content

Leenjii Qophii ramadaaniif. Kutaa 5ffaa

 



Qophii Proojektii Ramadaanaatif

 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Qophii ramadaaniif.

Kutaa 5ffaa

Sammubani.com



Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog



LEENJII RAMADAANAA ITTI FUFSIISUUF


Ramadaanni buufata leenjii ol’aanaa namni tokko jireenya ofii ittiin jijjiratuudha. Ramadaanni tokko darbee ramadaanni biraa yommuu dhufu namni tokko ‘Ramadaana kana keessaa jijjirama maalii ykn akkami agarsiise?’jedhe of gaafachu qaba. Fakkeenyaf Ramadaana baranaa dheebu, beela fi dadhabbii qofaan dabarsine moo jireenya keenya keessatti jijjiramni wayii argamee jiraa? Fkn, salaata sirnaan salaatu, wanta haraamaa dhaabu, qalbiin namaaf rahmata gochuu, dallansuu too’achu fi kkf. Ramadaana kana keessa jijjirama kana fi kan kana fakkaatan yoo argine, jijjirama kanniin itti fufsiisuuf qophiidhaa ree? Jijjirama kanniin itti fufsiisuuf tarkaanfilee kanniin fudhachuu dandeenya.


 Isaanis;


1. Rabbiin biratti hojiin gaariin fudhatama argachuuf (qeebalamuuf) itti fufuu– “Rabbiin gabbaruu fi ajaja Isaa bakkaan gahuu jechuun hojii ibaada dirqama sitti ta’e yeroo hundaa sirna isaa eegde iklaasa fi beekumsaan hojjachuudha. Ibaadan yeroo hundaa (guyyaa guyyaan) hin hojjatamne gatii wayituu hin qabdu. Osoo ibaada yeroo hundaa hojjatameyyuu wantoota sodaachisaa lamatu jira. Jalqaba irratti, ibaadan nuti hojjannu Rabbiin gammachisuu fi itti dhiyaachuf yoo hin ta’in, iklaasa keenya miidhaa irraa buusna. Kanaafu ibaada keenya eeguuf iklaasa qabaachu keenya sirritti mirkaneefachu qabna. Lamaffaan immoo, ibaadan keenya sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) waliin deemu isa sirritti mirkaneefachu qabna.”


Namni yommuu hojii gaarii Ramadaana keessa hojjatu iklaasa fi sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuun kan hojjatu yoo ta’e, akkamitti Ramadaanni erga dhumateen booda hojii gaari san dhiisaa? Namni iklaasa qabu hojii gaarii San hin dhiisu. Kanaafu, iklaasa ofii qorachuun hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjataa ture, hojjachu itti haa fufu.



2. Obsa —namni tokko wayitti bahuu yoo barbaade, hadhaa jireenyaa obsaan liqimsuu qaba. Obsi bakka saditti qoodama. Isaanis; Rabbiin gabbaruu (ibaadaa Rabbii) irratti obsuu, wantoota Rabbiin dhowwe irraa fagaachun obsuu fi musiibaa (balaa) namatti bu’e obsaan dabarsu. Hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjataa turan itti fufsiisuuf obsi garmalee barbaachisaadha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) yeroon kakachuun ilmi nama kasaaraa keessa akka jiran ibsa namoota waa afur raawwatan malee.


“(1). Wa-l-asr (Yeroon kakadhe).(2). Dhugumatti ilmi namaa hoongoo (kasaaraa) keessa jira. (3). Isaan amananii, hojii gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamanii fi obsa walii dhaaman malee (warri hafan hoongoo (kasaaraa) guddaa keessa jiru).” Suuratu Al-Asr 103:1-3


Kanaafu, suura tana irra kaane namni tokko addunyaa fi Aakhiratti kasaaraa irraa baraaramuuf dhugaan Rabbitti amanuu qabu. Erga amanee booda hojii gaggaarii Rabbiin itti ajaju hojjachuu fi hojii badaa Inni irra dhowwu dhiisu qaba. Akkasumas, haqa Islamaa erga beeke fi hubate booda hojii irra oolchu fi namoota beeksisuuf tattaafachu qaba. Ammas ulaagan afraffaan kasaaraa irraa nama baraaru hojii gaarii hojjatan irratti obsa qabaachu, haqa namootaf dabarsu irratti obsa qabachu; yommuu haqa babal’isan (raabsan) balaa namoota irra namatti dhufu obsaan dabarsu barbaachisa. Akkasumas, namoonni haqa irratti obsa akka qabaatan isaan gorsuudha. Kanaafu, namni tokko hojii gaggaarii Ramadaana keessa qofa hojjate, Ramadaanni yommuu dhumatu hojii gaggaarii keessumattu hojiiwwan dirqama ta’an kan akka salaataa yoo dhiise, kasaaraa (hoongoo) irraa baraaramu danda’aa? Kanaafu, hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjataa turre obsaan itti fufu qabna. Yoo akkana hin godhiin jijjiramni dhufuu hin danda’u.




3. Rabbiin kan gabbaran ji’a Ramadaanaa qofa osoo hin ta’in hanga duuti dhuftu akka ta’e beeku– Rabbiin akkana jedha: “Hanga dhugaan (duuti) sitti dhuftu Gooftaa kee gabbari.” Suurat al-Hijr 15:99


Namni osoo Ramadaana keessa Rabbiin gabbaruu duuti itti dhufte haalli isaa waa tole! Namni erga Ramadaanni deemen booda Rabbiin gabbaruu dhiise, Aayaa armaan olii faallessaa jiraa jechuudha. Rabbiin gabbaruun (ibaadan) jechuun wanta shari’aan Islaama itti ajajje fi wanta namoota irraa dhowwite guutu of keessatti qabata. Karaa biraatin ibaada (Rabbiin gabbaruu) jechuun- ajaja Rabbiitti buluu fi wanta Inni dhowwe irraa dhowwamuudha; dirqamoota Rabbiin itti nama ajaje bakkaan gahuu (hojjachuu) fi haraama (wantoota dhowwamaa) dhiisudha. Kanaafu, Rabbiin hanga duuti dhuftu Gooftaa kee gabbari jedhe erga itti nu ajaje,namni tokko Ramadaana qofa waan gaggaarii hojjate fi waan badaa irraa dhowwame, yommuu Ramadaanni bahu waan gaggaarii hojjatu san yoo dhiise fi hojii badatti yoo deebi’e, ‘Namni kuni Rabbiin gabbaraa jira’ ni jedhamaa ree? Namni tokko guyyoota murtaa’aniif ykn guyyaa duuti itti dhuftu Rabbiin kan gabbaru osoo hin ta’in jireenya isaa guutu Rabbiin gabbaruu qaba. Sababni isaas, Rabbiin jireenya nama kanaa guutuu haa xiqqatu haa guddatu wanta ittiin jiraatu kenneefi jira. Kanaafu, Rabbiin qananii lakkaawame hin dhumne isarratti oole osoo jiru namni tokko akkamitti Rabbiif ajajamu (Isa gabbaruu) didaa?




4. Adabbii hojii gaggaarii dhiisu fi hojii badatti deebi’u yaadachuu– namni hojii gaarii hojjataa ture tokko yommuu dhiisu keessa isaatti jeequmsi fi gammachuu dhabuun ni dhagahama. Sababni isaas, uumamaan qalbiin namaa yommuu hojii gaarii hojjatan ni gammaddi, boqonnaa argatti. Fuggisoo kanaa yommuu hojii gaarii dhiisanii fi hojii badaa hojjatan, ni jeeqamti, boqonnaa dhabdi. Ramadaana keessa yommuu hojii gaggaarii hojjannu fi hojii badaa dhiisnu hangam akka gammannuu fi boqonnaa sammuu argannu mee haa ilaallu. Akkasumas, erga Ramadaanni baheen booda hojii gaarii yommuu dhiisnu fi hojii badatti yommuu deebinu hangam akka jeeqamnu fi dhiphannu mee haa hubannu. Iccitiin jiiyni Ramadaana ji’a rahmataa fi gammachuu itti ta’e keessaa tokko namoonni hojii gaarii baay’isanii waan hojjatanii fi hojii badaa irraa waan dheessaniifi. Kanaafu, bartee kana itti fufsisuun maaliif gammachuu fi tasgabbii keenya itti hin fufsiisnee? Hojii gaarii dhiisu fi hojii badatti deebi’uun maaliif gammachuu fi tasgabbii Ramadaana keessa argachaa turre dhabnaa?


Namni yommuu hojii gaarii dhiisu fi hojii badaa hojjatu addunya kana qofatti osoo hin ta’in Aakhiratti adabbii hamaa adabama. Rabbiin warroota salaata dhiisanii fi fedhii lubbuu hordofan akkana jechuun akeekachiisa:


“Isaan (waarroota gaggaarii) boodas bakka bu’oota salaata dhiisanii fi fedhii lubbuu isaanii hordofantu hafe. Hallayyaa Jahannam qunnamuuf jiru. Garuu namni tawbatee, amanee, hojii gaarii hojjate, warri sun jannata seenu; homaa hin miidhamanu.” Suura Mariyam (19): 59-60


Kanaafu, hojii gaggaarii dhiisu fi fedhii lubbuu hordofuun hojii badaa hojjachuun adabbii hamatti akka nama geessu beekun, hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjachaa turre itti fufuu fi hojii badaa irraa dheessu qabna. Yoo akkana goone wagga waggaan jijjirama guddaa argina.




Guduunfaa


Kaayyoo Ramadaanaa keessaa inni guddaan taqwaa (sodaa Rabbii) akka horannuufi. Akkuma Xalaq ibn Habiib jedhe, ” Taqwaa jechuun ifa Rabbirraa ta’een wanta Rabbiin itti ajaje Jaalala Isaa argachuuf hojjachuu fi ifa Rabbirraa ta’een wanta Rabbiin irraa dhowwe jaalala Isaa argachuuf dhiisudha.”  ‘ifa Rabbirraa ta’een’ yommuu jedhu ‘Qur’aana fi sunnaa Ergamaa Rabbii(SAW) hordofuun hojii gaarii san hojjachuu ykn hojii badaa san irraa dheessudha. Kanaafu, ramadaanni ji’a taqwaa irratti nu leenjisuuf dhufe malee ji’a nu miidhuf dhufe miti. Nutis leenji kana hanga Ramadaanni itti aanu dhufutti ykn duuti dhuftutti itti fufsiisu qabna. Namni tokko milkaa’inna guddaa irra kan gahuu wanta hojjatu gaarii san yoo itti fufeedha.

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...