Skip to main content

Posts

Showing posts from December, 2020

Kutaa xumuuraa

  𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-10  Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   Kutaa 10ffaa fi xumuuraa  [khaliifaan] dura taa’ummaan eega Ergamaa Allaahaatii  s.a.e tan Abu bakriiti, eegas Umari, eegas Usmaani, eegas Aliyyi. Ammo Inni waraane (dubbiin tuqe) dura taa’ummaa tokkoo orma kanaa, inni sun Harree ganda isaatirra jallataadha. Ammas Ahlul-Beeytii (aanaa) Rasuulaa s.a.w ni jaalatan, jaalallee godhatan, akkasumas ni tiysan (ni eeggatan) isaan keessatti dhaamsa Ergamaa Allaahaa  s.a.w tan guyyaa eela khummii ja’e san: ((Allaahaanin isin yaadachisa warra mana kiyyaa (aanaa  kiyya) keessatti.)) Sahiiha Muslim: 2408 Ammas ni ja’e itti deebi’ee, Abbaas Adeera isaatiin [yeroo] inni gama Rasuulaa s.a.w gariin Qureyshii akka Banii Haashimitti mataa  jabaatan himate, ni ja’e Rasuuli s.a.w(( Isa lubbuun too harka isaa jirtuun kakadha, hanga Rabbii fi aanummaa kiyyaaf jecha isin  jaalatanitti hin amanan.)) Musnada Ahmad: 1777, baz...

Leenjii barnoota Aqiidaa kutaa 9ffaa

  𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-9  Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   Kutaa 9ffaa. Dura namni hulaan jannataa akka banamtu hayama barbaaduu fi dura namni isii seenu eenyu? Namni dura hulaa jannata akka banamtu [hayyama] barbaadu Muhammadi s.a.w  ammas Ummanni dura jannata seenu  ummata [hundarraa], ummata isaati.  Magantaa (shafaa’aa) RasuulaGuyyaa qiyaamaa shafaa’aa (magantaa) sadihitu nabi Muhammadiif jira nagayaa Rahmanni isarratti haa jiraatuu.  1. Magantaa (manguddummaa) duraa- Warra bakka dhaabbiitiif (dirree qiyaamaa keessa warra dhaabbatuf) magantaa seena, akka murtiin jidduu isaanitti godhamuf.  Eega Anbiyonni: Aadam, Nuuh, Ibraahim, Muusaa fi Iisaan ilma Maryam, magantaa seenurraa didanii ofirraa deebisan, [nabi  Muhammad s.a.w  magantaa seena.  2. Magantaan lammaffaa-Warra jannataatiif akka jannata seenan magantaa seena.  Magantaan lamaan tana tan duraatii fi tan lammaffaa [nabi Muhammad s.a.w...

Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa. Kutaa 8ffaa.

  𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-8  Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   Kutaa 8ffaa. Ahbaashni akka jara Murji’aa fi Jaahmiyyaa kana amanan, Abdallahi harari namtichi ja’amu kan amantii haarawa tana uume akkana ja’a: “namni tokko umrii isaa keessatti yeroo takka laa illaah ilallaah jedhee, san booda cubbuu hunda yoo dalage, ammallee waan Rabbiin dirqama irratti godhe takkallee  yoo hojjatuu baate, inni sun Islaama ja’ama. Kanaaf isaa biratti salaata,soomana, zakaa fi dirqamoota biraa hunda dhiisuun Islaama tahuurraa nama hin dhowwitu.  Daliilul-qawiim, fuula: 9-10, Bughyatu-xaalib, fuula: 51  Ahlus-Sunnaan jiddu jara kanaati jiran, namni cubbuu dalageef kaafira hin tahu, garuu cubbuu Isaatiif ni adabama yoo Rabbiin dhiifama godheef malee, ammallee Azaaba keessatti akka Kaafiratti hin hafu adabamee  Azaaba keessa Rabbiin Isa baasa.   Akka Murji’aa fi Jaahmiyyaatti Iimaana guutuudhaan isa hin yaaman, garuu  Iimaana ir...