𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-8
Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa. Kutaa 8ffaa.
Ahbaashni akka jara Murji’aa fi Jaahmiyyaa kana amanan, Abdallahi harari namtichi ja’amu kan amantii haarawa tana uume akkana ja’a: “namni tokko umrii isaa keessatti yeroo takka laa illaah ilallaah jedhee, san booda cubbuu hunda yoo dalage, ammallee waan Rabbiin dirqama irratti godhe takkallee
yoo hojjatuu baate, inni sun Islaama ja’ama. Kanaaf isaa biratti salaata,soomana, zakaa fi dirqamoota biraa hunda dhiisuun Islaama tahuurraa nama hin dhowwitu.
Daliilul-qawiim, fuula: 9-10, Bughyatu-xaalib, fuula: 51
Ahlus-Sunnaan jiddu jara kanaati jiran, namni cubbuu dalageef kaafira hin tahu, garuu cubbuu Isaatiif ni adabama yoo Rabbiin dhiifama godheef malee, ammallee Azaaba keessatti akka Kaafiratti hin hafu adabamee
Azaaba keessa Rabbiin Isa baasa.
Akka Murji’aa fi Jaahmiyyaatti Iimaana guutuudhaan isa hin yaaman, garuu
Iimaana irruu qaba ammallee nama cubbuu gurguddoo dalaguun ajaja Rabbiirraa kan bahe ja’aniin malee kaafira hin ja’aniin akka khawaarijaatti.
Sahaabaa Rasuula Allaahaa salallaahu aleeyhi wa sallam keessatti Raafidaa fi khawaarijaa jiddutti taatuudha.
IBSA. Raafidaan: tuuta amma shii’aa ja’amuun beekkamtu tanarraa tuuta taate, Isaan warra aanaa Rasuulaa salallaahu aleeyhi wa sallam
kan akka Aliyyii fi Ilmaan Isaa, hunda isaanii Rabbiin irraa haa jaalatu, ni jaalanna jechuun sadarkaa isaanii Sahaabaa biroorra caalchisanii daangaa dabarsan, garuu Sahaaboota
hafan hunda ni jibban, keessaa akka addatti Abuu Bakri, Umar fi Usmaan ni
arrabsan inumaa gariin isaanii kaafira ja’aniin.
Ahbaashni akka tuuta Raafidaatti Sahaaba hedduu arrabsan, keessaafuu Mu’aawiyaa Rabbiin irraa haa jaalatuu, arrabsuun akka waan dirqamaatti laallama Ahbaasha biratti.
Abbaan Ahbaashaa Abdallahi harariin kitaaba isaa irra hedduu keessatti Mu’aawiyaa fi sahaaboota isa waliin turan balaaleefatu malee dhisee hin beeku.
Sheekni fitnaa kun akkana ja’a:“mu’aawiyaa fi warri isa waliin jiran midhaa dalagan, ajaja Allaaharraa bahanii jiran” kitaaba isaa maqaalatu-sunniyyaa, fuula: 327 “mu’aawiyaan lola Aliyyi wajjiin godhe keessatti wanni inni barbaadu mootummaa fi adunyaa aragatuudha” kitaaba isaa maqaalatu-sunniyyaa, fuula: 327-328
“mu’aawiyaan horii namaa miidhaan nyaatutti nama ajaja” kitaaba isaa izhaarul-aaqiidati-sunniyyaa, fuula: 182
Khawaarijaan ammoo faallaa Raafidaa fi Ahbaashaati Isaan Aliyyi Ibni Abi Xaalibi fi Sahaaboota isa waliin turan hedduu kaafira jechuudhaan Isaaniin lolanii dhiiga Muslima hedduu halaal godhatan.
Ahlus-Sunnaan akka jara kana lamaanii hin ja’an, garuu Isaan Sahaabaa hunda ni jaalatan sadarkaa isaanii nama hundarra ni caalchisan, eega Anbiyyaatii Sahaabaan irra caalaa ummataatti ja’anii amanan.
Warri salafaa rakkoo sahaabaa jiddutti argamte dhiisanii, sadarkaa sahaabaa qofa dubbachuu irratti waliigalanii jiran. Sanirraa:- Imaam Abu haniifaan akki ja’an: “sahaabaa Rasuulaa salallaahu aleeyhi wasallama hunda
ni jaalanna waan gaariin malee isaan hin dubbannu.” Kitaaba Isaa fiqhul-
Akbar, fuula: 8
Imaamu Humeeydiin akki ja’an: “namni tokkolleen hin amanu sahaabaaf
araarama Rabbii kadhatu malee, namni sahaabootarraa Sahaaba tokko arrabse ykn xiqqeese, suni nama Ahlu-Sunnaatii miti.” Kitaabaa isaa Usuulu-Sunnaa, fuula:1
Sheek Abdulqaadir Jeeylaaniin akki je’e: “ warri Ahlu-Sunnaa lola sahaabaa jiddutti argame fi dogongora sahaaba akka hin dubbine fi akka sadarkaa isaani qofa dubbatan irratti waliigalanii jiran akkasumas dubbii sahaabaa
jiddutti argamte murtii isii Rabbiif dhiisan.” Kitaaba Al-ghuniyatu-lixaalibil-haq, fuula: 79
Abuu ja’far Ax-xahaawiin akki ja’an: “sahaaba Rasuulaa salallaahu aleeyhi wassallam hunda
ni jaalanna, tokko keessaa jaalannee daangaa hin dabaru ammallee tokko isaan keessaa jibbinee irraa hin qulqulloynu. Nama isaan jibbu ni jibbina, nama waan hamtuun isaan dubbatullee ni jibbina. Nuti waan gaariin malee
isaan hin dubbannu. Isaan hunda jaalachuun Islaamummaa fi iimaana. Isaan jibbuun kufrummaa fi munaafiqummaadha.” Aaqiidatu-Xahaawiyaa, fuula12
BOQONNAA ARSHIIRRATTI OL TAHUU FI GABARRAN WALIIN
JIRAACHUU RABBII SABACHIISU.
Dhugumatti Allaahatti amanurraahi [jennee] waan dubbanne keessa seene jira: Waan Allaahaan kitaaba isaa keessatti odeessetti
[amanuun], ammas [hadiisa keessatti] waan Rasuularraa salallaahu aleeyhi wassallam karaa hedduun dhufee fi waan [Salafni] dura dabroon ummataa kana irratti waliigalanitti amanuun.
Sunis Allaahaan samiiwwani olitti jirachuu, Arshii isaatirratti ol tahuu [amanuudha], [Rabbiin] uumaa isaatti ol jiraachuu
[amanuudha], ammallee [Rabbiin] bakka argaman hundatti beekkumsa isaatiin isaanii waliin jiraa [amanuudha], waan isaan
dalagan hunda ni beekaa [amanuudha].
IBSA. Rabbiin Arshirratti ol tahu Qur’aana, Hadiisa Rasuulaatii fi waliigali ummata salafaa kan nu dura dabran irratti waliigalanii jiran. kanaaf itti amanuun dirqama.
Rabbiin ol tahuu isaatii wajjiin bakka hundatti beekkumsaa fi argaan gabarran isaatii waliin jira jechuu irratti waliigalani jiran.
Ibsa ol tahinsa Rabbii akka gaaritti dubbadhe bira dabaree jirra namni fedhe itti deebi’ee laalu ni danda’a. fuula 48-55, 68-69
Akkuma [Rabbiin] jidduu ol tahinsa Isaatii fi gabarran isaa waliin jiraachuu isaa walitti qabee dubbate, jecha isaa keessatti:
هُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۚ يَعۡلَمُ مَا يَلِجُ فِى ٱلۡأَرۡضِ وَمَا يَخۡرُجُ مِنۡهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعۡرُجُ فِيهَاۖ وَهُوَ مَعَكُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ
{Inni isa uume samiiwwanii fi dachii qixa guyyaa jahaa keessatti, eegas Arshiirratti ol tahe. Inni ni beeka waan dachii keessa seenuu fi waan isirraa bahu, ammallee waan samiirraa bu’uu fi waan isii keessa ol korus [ni beeka], Inni isin waliin jira bakka argamtan hundatti beekkumsa isaatiin. Allaahaan waan isin hojjattan argaadha.} Al-Hadiid: 4
IBSA. Aayata tana keessatti Rabbiin Arshiirratti ol tahuu fi gabarran isaa waliin jiraachuu isaa walitii qabe dubbate. Kanaaf itti amanuun dirqama akkuma inni ifiin yaame kanatti. Qooda kana Ballinaan ibsine jira itti deebi’ii laali qooda wajjiin jireenya Rabbii keessatti.
Hiikkaan jecha Allaahaa: {“Inni isin waliin jira”} ja’u Rabbiin uumaamatti laaqame jechu miti, Akkas jechuu san lugaan (afaan) itti
hin qajeelchu. Jiini (baatiin) mallattoo, mallattoolee Allaahaarraa tahe tokko, irra xiqqaa uumaa isaati, ammas inni samii keessa
kaayamaadha, garuu inni nama karaa deemuu fi kan biyya jiruu waliin jira bakka argame hundatti.
IBSA. Eega jiini xiqqaan kun bakka hundatti nama waliin jiraate, Rabbiin guddaan
akkamitti hin jiraanne? Rabbiin uumaa isaa tana hunda ni arga, beekkumsa isaatiin bakka hundatti isaan wajji jira. Rabbiin inni qulqullaawee, Arshii oli jira, uumaa isaa ni eega, murteesaadha (mootiidha) isaanirrati, ammallee argaadha (quba qabaataadha) isaanirratti, [akkuma kana] hiikkaa Rabbiyyummaa (Gooftummaa) isaatirraa waan kana malee jiru [hunda Ahlus- sunnaan
itti amanan].
Jechoonni Allaahaan dubbate hundi: Inni Arshiirratti ol tahuu fi nuu waliin jiraachuun isaa dhugaadha, haqiiqaa isaarratti tahaadha
(akkuma dubbate sani), hiikkaa isaa jijjiruutti hin haajamu, garuu ni tiyfama herreggii (seetee) kijibaatirraa. Fakkeenyaaf zaahirri
(mullataan) jecha Rabbii: {“inni samiirra jira”} jedhu kun, samiin isaaf gaaddiseesiti ykn isa baa’atti ja’anii herreguun dogongora, waliigala warra beektootaa fi warra Iimaana qabu biratti. Allaahaan [waan uume hundarra guddaadha akkuma inni ifiin jedhe] {ballattee jirti kursii (barcumaan) isaa samiiwwanii fi dachii.}
Al-Baqaraa: 255
{Inni samiiwwanii fi dachii deemurraa ni qaba.} Faaxir: 41
{Inni samii ni qaba dachiirratti akka hin kufne hayyama isaatin maleetti.} Ar-Ruum: 25
IBSA. Rabbiin akka ol tahee fi bakka hundatti gabarran wajjiin akka jiru nuuf himee jira ammas Ergamaan Rabbii nuuf himee jira, warri beekkumsaa fi Iimaanaan nu dura dabran hundi irratti waliigalani jiran. Kanaaf itti
amanuun dirqama.
Rabbiin waan uumaa tahe hundarra guddaadha, barcumaan ykn bakki Rabbiin hirpa isaa kaayu samii fi dachii hundarra guddoodha. Duubaakkamitti samiin isaan marsiti? Akkamitti samiin isa ba’atti ykn gaaddisa isaa taati ja’ame herregama?
Rabbiin waan uume takkatti hin haajamu, kanaaf akkas herreguun dogongorra guddaadha. Rabbiin samii ni qaba akka dachiirratti hin kufne. Uumaan isaa hundi isatti haajamti, inni itti hin haajamu.
BOQONNAA WAA’EE DHIHEENYA RABBII
IBSU.[waan Rabbiin ifiin yaame] san keessa seenee jira Rabbiin dhihaataa fi gabarraniif kan awwaatu tahu isaa amanuun. Akkuma [Rabbiin] jidduu sanii walitti qabee dubbate, jecha isaa keessatti: {yeroo gabarran kiyya Anarraa si gaafatan, Ani dhihoodha, isa na
kadhateef nin awwaadha [ja’in].}
Al-baqaraa: 186
Ammas [ragaan] jecha Rasuulaati salallaahu aleeyhi wassalam ((“Inni isin yaammattan (kadhattan) gama tokkoo keessanii morma yaabbii isaatirra itti dhihaataadha.”))
Dhiheenyaa fi gabarran wajjiin jiraachuu isaatirraa wanni Qur’aanaa fi Hadiisa keessatti dubbatame, ol tahuu fi gubbaa jiraachuu isaatirraa waan dubbatame hin dhabamsiisu (hin faalleesu). Sababaan isaa Inni qulqullaawee, wanni takkalleen fakkaataa isaa hin taane, sifa isaa hunda keessatti.
Inni ol tahaadha, dhihaatuu isaatii wajjiin, dhihaataadha ol tahuu isaatii wajjiin.
IBSA.Rabbiin gabarraniif dhihoodha, waan isaan itti jiran ni arga, kadhaa isaanii
ni dhagaha, kanaaf dhiheenya isaa kan Qur’aanaa fi Hadiisa keessatti dhufe
kana amanuun dirqama.
Ahlus-sunnaan akkuma Rabbiin ifiin ja’e kana amanan, garuu dhiheenyi isaa, arshirratti ol tahuu isaa hin faalleesu, sababaan isaatis Rabbiin waan uume kana hundarra guddaadha, dachii fi samiin hundi harka isaa keessatti
akka firii xaafiiti.
BOQONNAA QUR’AANNI JECHA ALLAAHAA AKKA TAHE AMANUUN
DIRQAMA TAHUU ISAA IBSUU
Ammas Allaahaa fi kittaabboota isaatti amanurraa:- Qur’aanni jecha Allaahaati, kan inni buuse [Makhluuqa] uumamaa miti, isarraa eegale gama isaa deebi’a, ammallee Allaahaatu
dhugaadhan Qur’aana dubbate.
Ammas Qur’aanni Rabbiin nabi Muhammad salallaahu aleeyhi wa sallam irratti buuse kun dhugaadhaan jecha Allaahaati, jecha nama birootii mit.
Qur’aanni jecha Allaahaatirraa odeefamaadha ykn hiikkaa jecha isaati (ja’anii) dubbii gad lakkisuun hin tahu. Yeroo namni isa dubbisee fi xalayaa keessatti isa barreesse, [dubbisuu
fii barreesuu] saniin jecha Allaahaa ol tahee dhugaadhaan tahurraa hin bahu. Dubbiin isa dura dubbatetti irkifama, gama isa [dubbii san]
geysuu fi dabarsuuf dubbatee osoo hin taane.Qur’aanni jecha Allaahaati qubee isaatii fi hiikkaan isaatis. Jechi Allaahaa qubee hiikkaa hin qabnee miti, hiikkaa qubee hin qabnee
miti.[qubee fi hikkaan Qur’aanaa hundi jecha Rabbiiti]
IBSA. Ahlus-sunnaan Qur’aanni amma Muslimni hunda Adunyaa guuturraa
qara’u kun, jecha Rabbiiti ja’ani amanan, akkasitti amanuun dirqama.
Rabbiin Qur’aanni akka jecha Isaa tahe dubbatee jira, Ergamaan Rabbii nagayaa Rahmanni Isarratti haa jiraatuu Qur’aanni akka jecha Allaahaa tahe nuuf himee jira, akkasumas ummanni Islaamaa Sahaabootarraa hanga Arratti Qur’aanni akka jecha Rabbii tahe irratti waliigalanii jiran.
Rabbiin sagalee isaatin Jibriilitti dubbate, Jibriil ammoo Nabi Muhammad dhageesise, Nabi Muhammad Sahaaboota dhageesise.
Qubee Qur’aana keessatti barreefamte hunda Rabbiitu dubbate.
BOQONNAA MU’MINTOONI RABBII ISAANII AKKA ARGAN DHUGOOMSUUN DIRQAMA TAHUU IBSU.
Ammallee Allaahatti amanurraa, kittaabban isaatti amanurraa, malaaykoota isaatti amanurraa, ergamtoota isaatti amanurraa jennee waan dubbanne keessa, Dhugumatti seenee jira: Warri amane Rabbi ni arga, guyyaa qiyaamaa [keessatti] argaa dhugaa, ija isaaniitin, akkuma aduu duumeesarraa qullaa taate arganitti, ammallee akkuma ji’a goobane [halkan kudha-afurii] arganitti, kan walitti hin dhiphifne isa arguu keessatti.
Dirree qiyaamaa keessa haala jiraniin isa argan, ammas jannata erga seenanii isa argan, akka Allaahaan ol tahe fedhutti.
IBSA.Guyyaa qiyaamaa warri amane Rabbii Isaanii ni argan akka inni fedhetti,
itti amanuun dirqama shakkiin maleetti.
Guyyaa qiyaama yeroo lama Rabbi argan, tokkoffaan: diree qiyaamaatti, lamaffaa: jannata eega seenan isa argan.
BOQONNAA GUYYAA QIYYAAMATTI AMANUUN DIRQAMA TAHUU
IBSU.
Guyyaa qiyaamaatti amanuu jala wanni seenu:- Waan Nabiyyiin salallaahu aleeyhi wassalam odeesse hundatti amanuudha, waan
du’a booda argamurraa. [Ahlus-sunnaan] gaafii qabrii, Azaabaa fi qananii isii ni amanan.
Duuba Qormaanni qabrii: ilmi namaa hundi ni qoratama qabrii isaa keessatti, ilma namaatiin ni ja’ama: “Rabbiin kee eenyu? amantiin kee
maali? Nibiyyiin kee eenyu?”. Allaahaan warra amane ni sabachiisa jecha sabattuudhaan, jiruu
addunyaa fi akhiraa keessatti. Ni ja’a inni amanaa tahe (Mu’minni) “Rabbiin kiyya Allaahaa, amantiin kiyya Islaama, Nabiyyiin kiyya Muhammad
Garuu inni shakkaan akki ja’u “Haa! Haa! Ani hin beeku, namni waan ja’un dhagahee ja’e.”
Duuba isa tuman burusha sibiilaatiin, ni iyya, iyyensa wanni hundi dhagahu, ilma namaa malee, osoo ilmi namaa dhagahe silaa gaggabee [du’a].
Qormaata kana booda, qananii ykn Azaaba, hanga qiyaamaa guddoon dhaabbattutti, ammas hanga Ruuhin (lubbuun) qaamatti defamtutti.
IBSA. Guyyaa qiyaamaatti amanuun utubaa ykn hundee Iimaanaati, sanirraa waan qabrii keessatti nama qunnamu kan Ergamaan Rabbii (S.w) nuuf hime itti amanuun dirqama. Xinxalliidhaan itti gahuun hin danda’amu
Rabbiitu Ergamaa Isaa salallaahu aleeyhi wasallam beeksise, kanaaf Ahlus-Sunnaan
gaafii qabriitii fi waan isii keessatti nama qunnamu, Azaaba fi qananii isii hunda ni dhugoomsan.
QOODA QIYAAMAA GUDDITTIRRA DUBBATU
Qiyaamaan Allaahaan kitaaba isaa keessattii fi aarraba ergamaa isaatirratti dubbate, ammallee tan muslimtoonni irratti waliigalan ni dhaabbatti. Ilmaan namaa ka’anii dhaabbatan qabrii isaanittirraa, Rabbii Aalamaatiif miila qullaa, qaama qullaa, fi kan kitaannattin haala tahanin; aduun isaanitti gadi-dhiyaatti, hurkaan (dafki qaamaa bahu) isaan cancala (isaan liqmsa). Duuba madaalli (miizaanni) ni kaayama, dalagaan gabarranii isaan madaalamti.
[Akkuma Allaahaan dubbate]:
○فَمَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
○'وَمَنۡ خَفَّتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ فِى جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ
{Isaannan madaalli [dalagaa gaarii] isaanii ulfaatte, ormi suni milkaawoodha. [Ammoo] isaannan madaalli [dalagaa gaarii] isaanii salphatte (haffallatte), ormi sun warra lubbuu ofii hongesse [ibidda] jahannam keessa turoodha.} Al-mu’minuun: 102-103
Galmeen ni banamti, isiin kitaaba dalagaan [ilma namaa] keessatti galmeefamte.
Kitaaba isaa kan mirgaan fudhatuu jira, ammallee kitaaba isaa bitaan ykn duyda duuba isaatiin kan fudhatuu jira. Akkuma Rabbiin ja’e:
○وَكُلَّ إِنسَٰنٍ أَلۡزَمۡنَٰهُ طَٰٓئِرَهُۥ فِى عُنُقِهِۦۖ وَنُخۡرِجُ لَهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ كِتَٰبًا يَلۡقَىٰهُ مَنشُورًا
○ٱقۡرَأۡ كِتَٰبَكَ كَفَىٰ بِنَفۡسِكَ ٱلۡيَوۡمَ عَلَيۡكَ حَسِيبًا
{Ilma namaa huda qabsiifnee jirra, dalagaa isaa morma isaatirratti, guyyaa qiyaamaa isaaf baafna kitaaba [dalagaan isaa hundi keessatti galmoyte] ni qunnama banamaa haala taheen. Dubbisi kitaaba kee, arra lubbuun tee sii herreguuf sif geysi Isaan ja’ama.} Al-israa: 13-14
IBSA. Guyyaa qiyaama wanni argamu kuni hundi dhugaa tahu amanuun dirqama.
Ahlus-Sunnaan akkuma Qur’aanaa fi Hadiisni jedhu je’an. Akkataa warra amanee fi kaafirri itti herregamu.Allaahaan ni herrega uumaa isaa [hunda], ammallee kophaa baha
gabricha isaa amanaadhaan cubbuu isaa [tan inni dalage] isa amansiisa, akkuma Qur’aanaa fi Hadiisa keessatti dubbatame.
Ammoo kaafirtoonni herreggii nama toltuu fi hamtuun isaa madaalamtuu hin herregaman, isaaniif toltuun hin jirtu. Garuu dalagaan isaanii ni lakkaawamti, walitti qabamti; isirra dhaabbatanii isii mirkaneessan [hojii isaanii tan hojjattan akka taate].
Naanniga ykn haroo Rasuula salallaahu aleeyhi wassalam Dirree qiyaamaa keessa naanniga Nabiyyiif salallaahu aleeyhi wassalam fidamuutu jira, bishaan isaa aananirra adii, deymarra mi’aawaadha. Welkaan (kaasni) isaa akka urjii samiitti hedduu, dheerinni isaa ji’a tokko, ballini isaatis ji’a tokko, namni isarraa takka dhuge san booda hin dheebotu.
Riqicha ykn dildila (siraax)Siraax jahannam gubbaa dhaabbamaadha, inni Riqicha (dildila)
jidduu jannataa fi ibiddaa jiru.Namni hundi qixa dalagaa isaatin irra dabra,Isaanirraa:-
Akka libsannaa ijaatti kan dabruu jira,
Akka hangaasutti kan dabruu jira,
Akka qilleensatti kan dabruu jira,
Akka farda haalaan gulufuutti kan dabruu jira,
Akka yaabbataa Gaalaatti kan dabruu jira,
Akka (nama) figutti kan dabruu jira,
Ammas isaanirraa kan dafee deemuutu jira, ammallee kan shorroquutu jira, ammallee isaanirraa kan butamuutu jira, [sababaa
saniin] jahannama keessatti kan kufu.
Riqicharra hookkoo nama butuutu jira [qixa] dalagaa isaaniitin. Namni siraaxarra dabre jannata ni seena. Hoggaa isarra dabran, dildila tokkorra dhaabbattan kan jidduu jannataa fi ibiddaa jiru, [eegas] ni kafalama (harkaa deeffama) garii isaanitiif gariirraa, duuba yeroo qulqulleefamanii fi xalilfaman jannata
akka seenan hayyama isaaniif godhama.
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran