Skip to main content

Kutaa xumuuraa

 𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-10

 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   Kutaa 10ffaa fi xumuuraa 


[khaliifaan] dura taa’ummaan eega Ergamaa Allaahaatii  s.a.e tan Abu bakriiti, eegas Umari, eegas Usmaani, eegas Aliyyi.


Ammo Inni waraane (dubbiin tuqe) dura taa’ummaa tokkoo orma kanaa, inni sun Harree ganda isaatirra jallataadha. Ammas Ahlul-Beeytii (aanaa) Rasuulaa s.a.w ni jaalatan, jaalallee godhatan, akkasumas ni tiysan (ni eeggatan) isaan keessatti dhaamsa Ergamaa Allaahaa  s.a.w tan guyyaa eela khummii ja’e san: ((Allaahaanin isin yaadachisa warra mana kiyyaa (aanaa 

kiyya) keessatti.)) Sahiiha Muslim: 2408


Ammas ni ja’e itti deebi’ee, Abbaas Adeera isaatiin [yeroo] inni gama Rasuulaa s.a.w gariin Qureyshii akka Banii Haashimitti mataa 

jabaatan himate, ni ja’e Rasuuli s.a.w(( Isa lubbuun too harka isaa jirtuun kakadha, hanga Rabbii fi aanummaa kiyyaaf jecha isin 

jaalatanitti hin amanan.)) Musnada Ahmad: 1777, bazzaar Musnada isaa keessatti:2175. 


Ammallee ni ja’e ergamaan Rabbii s.a.w ((Allaahaan Ilmaan Ismaa’il filate, Ilmaan Ismaa’ilirraa Kinaanaa filate, Kinaanarraa Qureyshii filate, Qureyshiirraa Ilmaan Haashim filate, Ilmaan Haashimirraa ana 

filate.)) Muslim: 2276


Ammallee [Ahlus-Sunnaan] Beerran (Jaartiwwan) Ergamaa Allaahaa s.a.w  ni jaalatan isaan haadhota (hawwan) warra amaneeti,akkasumas ganda irraa boodaa keessatti (Akhiraatti) isaan beerran 

(jaartiwwan) isaa tahuu ni amanan. 


Keessaa akka addatti Khadiijaa Rabbiin isirraa haa jaalatuu haadha irra hedduu Ilmaan Isaati, dura nama Isatti amaneeti, ammas dhimma Isaatirratti tan isa gargaarte, kanaaf sadarkaan ol aanaan isiif tahe jira. [Akkuma san] 

dhugoomsituu Intala dhugoomsaa [tan taate] Rabbiin isirraa haa jaalatuu, tan Nibiyyiin s.a.w  isii keessatti ja’e: ((sadarkaan (caalinsi) A’ishaa dubartootarraa, akka caalinsa 

Laaffisooti nyaata birootirra.)) Bukhaarii: 3411, Muslim: 2446


[Ahlus-Sunnaan] ni qulqullaawan karaa Raafidaarraa (tuuta shi’aa amma ja’amturraa) isaan Sahaabaa ni jibban, ni arrabsan, Ammas 

karaa Nawaasibaarraa [ni qulqullaawan] isaan warra mana Rasuulaa s.a.w (aanaa isaa) rakkisan dubbii fi dalagaan.[Ahlus-Sunnaan] of qaban waan jidduu Sahaabatti argamerraa, ni ja’an: “odooleen isaan keessatti odeefamtu - isirraa waan kijibaatu jira, kan itti dabalameetu jira, kan irra irrifameetu jira, ammallee kan 

jijjirameetu jira karaa isaa ifa galaarraa, garuu kan sirrii [oduu sanirraa] sahaabootaaf dhiifamni isaaniif godhamaadha, rakkoo 

argamte san keessatti: Isaan tattaafatoodha (mala dhowatoodha) haqa qunnamoodha, takkaa ammo tattaafatoodha dongongoroodha. 

Sanumaa wajjiin Ahlus-Sunnaan cufti Sahaabootaa cubbuu gurguddoo fi xixiqqoorraa tiifamoodha (qulqulluudha) jechuu hin yaadan, garuu cubbuun (dogongori) isaanirraa akka waliigalatti argamuun ni mala. 


Ammoo isaaniif dura dabrinsaa fi sadarkaarraa waan araarama (irra dabrinsa) isaaniif sabachisuutu jira, waan isaanirraa argamuuf yoo argame. Isaaniif cubbuurraa dhiifamni ni godhama, wanni nama isaan boodaatiif dhiifama hin godhamne, [sunis wanni taheef] isaan dalagaa gaariirraa kan cubbuu haqu qaban, kan namni isaan boda hin qabne. 


Akkuma kana jecha Ergamaa Allaahaattirraa s.a.w  sabatee jira, isaan irra caalaa ummataa akka tahan, ammas isaanirra tokko yoo 

shanacha (kabala harka lamaan isaa) sadaqate, Ziqiya (dahaba) hanga Gaara Uhud kan warri isaan boodaa sadaqaturra caala. 


Duuba tokkoo isaanirraa cubbuun yoo argame, irraa towbatee jira ykn dalagaa gaarii cubbuu san hayxu dalagee jira ykn dhiifamni isaaf 

godhamee jira. Sababaa dura dabrinsa isaatiif ykn shafaa’a (magantaa) Nabi Muhammad s.a.w tan nama hundarra isaan haqa godhataniin [dhiifamni isaaf godhama] ykn Adunyaarratti balaadhaan rakkifamee jira, kan sababaa saniin dhiifamni isaaf godhamu.


[Dhiifamni] kuni cubbuu dhugaan hojjataniif yoo tahe, duuba dhimmoota isii keessatti tattaafataniif akkami? Yoo tattaafatanii 

qunnaman mindaa lamaatu isaaniif jira, yoo dogongoran mindaa tokkootu isaaniif jira, akkasumas dogongori isaaniif dhiifama 

godhamaadha. 


Duuba hojii garii isaaniitirraa hangi jibbamu baayyee xiqqaadha, dhiifamnis isaaniif godhamaadha, sadarkaa isaan qabanii fi toltuu 

isaaniitiif jecha, [sadarkaa fi toltuun isaanii] Allaahaa fi Ergamaa isaatti amanuu, Jihaada (qabsoo) karaa Allaahaa keessatti godhuu, 

Godaanuu, [amantii Rabbiitiif] Tumsuu, Beekkumsa faayidaa qabuu fi dalagaa gaarii dalagudha. 


Namni seenaa Orma Sahaabaa beekkumsaa fi xinxallaan ilaale, waan Allaahaan isaan qananiise sadarkaarraa dhugaadhaan ni beeka isaan irra caalaa uumaa tahuu, erga Anbiyootaatii; fakkaataan isaanii takkaa 

hin argamne, ful duras hin argamu ammas isaan irra qulqulli warra jaarraa ummata Muhammad s.a.w ummanni kunis irra caalaa 

fi irra kabajamaadha Allaaha biratti. 



BOQONNAA WAA’EE KARAAMAA OWLIYA IBSU 


Hundee warra Ahlus-Sunnaatirraa Karaamaa Owliyaa ni dhugomsan, Allaahaan harka isaanirratti waan mullisu, waan aadaa faalleesu gosa beekkumsaa fi waan addatti isaaniif mullatu, ammallee gosa dandeetii 

fi waan dinqii (ajaa’ibaa) kan isaanirraa odeefamu ni dhugoomsan, kan akka waan ummata dur dabreerraa odeeffamuu, suuraa Kaahfii fi tan biroo keessatti, ammallee dura dabroo ummata kanaa keessatti 

Sahaabaa, Taabi’ina (warra Sahaabaa dhaqabe), fi orma biroo kan 

ummata kanarraa tahan keessatti karaamaan ni argamti hanga guyyaa qiyaamaatti.


BOQONNAA KARAA FI DALAGAA WARRA AHLUS-SUNNAA IBSU


Ammas karaa warra Ahlus-Sunna wal-Jamaa’aatirraa: Hadiisa Rasuulaa s.a.w jala deemuudha keessaa fi gubbaan, karaa 

warra dura dabree kan Muhaajiraa fi Ansaaraa jala deemuudha, ammas dhaamsa Rasuula  s.a w jala deemuudha tan inni ja’e: ((karaa kiyyaa fi karaa bakka bu’oota qajeeloo tahanii qabadhaa ana boodaan, Isuma qabadhaa [jabeefadhaa], qarrinfoon isii ciniinadhaa,waan haarawa [amantii keessatti] baafamurraa fagaadhaa; wanni haarawni [amantii keessatti] baafamu hundi jallina.)) 

Abuu Daawud: 4607, Ibnu Maajaah: 42, Tirmiizii: 2676


Ammas ni beekan, irra dhugaan dubbii, dubbii Allaahaa tahuu, ammas irra caalaan karaa, karaa Muhammad  s.a w  tahuu. 

Jecha Allaahaa ni filtan, jechoota namoota adda addaatirra. Dura aansan karaa nabi Muhammad  s.a.w karaa nama hundaarra. 

Sababaa kanaaf warra Qur’aanaa fi Sunnaa (hadiisaa) jedhamuunmoggaafaman, ammas warra Jamaa’aa (tuutaa) jedhamanii 

moggaafaman. 


Jamaa’aan walitti qabaminsa, faallan isaa gargar bahinsa, haa tahu 

malee jechi Al-Jamaa’aa jedhu orma walitti qabameef maqaa tahe. 

Ijmaa’ani (murtiin Ulamaa’iin Islaamaa irratti wali galte) hundee sadaffaa kan irratti irkatani beekkumsaa fi amantii Islaamaa keessatti. 

Ahlus-Sunnaan hundoolee sadeen tanaan (Qu’raana, Hadiisaa fi Ijmaa’aadhaan) madaalan waan Ilma namaarratti jiru hunda:- jechaa fi dalagaarraa waan Amantiitti hidhaa qabuu dhokataa fi mullataa. 


Ijmaa’ni irratti waliigalamu waan Salafni (warri dabre) gagaariin irratti turani, garuu isaan booda wal-dhabbiin heddumaatee ummata keessa faca’ee jira. 



BOQONNAA ADEEMSA WARRA AHLUS-SUNNAA GAARITTI AJAJUU

FI HAMTUURRAA DHORGUU KEESSATTI KARAA ISAANII IBSU

Eeganaa Ahlus-sunnaan hundoolee[dabarsine] tanaa wajjiin waan gaaritti ni ajajan, waan hamturraa ni dhoorgan karaa shari’aan 

dirqama gootuun: ni amanan hajji godhuu, Jihaada deemuu, Salaata Jum’aatii fi Iida lameen salaatuu dura taa’ootaa muslimaa hundaa  wajjiin, gaarii dalagaa tahuu, cubbaawaa tahuu, ammas Salaata 

jamaa’aa ni tiyfatan. 


Ummata Islaamaatiif gaarii yaaduudhaan Rabbii gabbaran, hiikkaa jecha Ergamaa Rabbii  s.a.w tan inni je’e ni hubatan (ni[Ahlus-Sunnaan] Rakkoo obsuu fi yeroo ballinaa [Rabbi] galatoomfachuutti nama ajajan, ammas Qadara (murtii) Rabbii 

hadhaawaa jaalatutti nama ajajan. 


Ammalle Nama ni yaaman gama haala bareedaa fi dalagaa gaaritti, ammallee ni amanan hiikkaa jecha Ergamaa Allaahaa  s.a.w ((irra guutuun nama amanee Iimaanaan, irra toolaa isaaniiti amalaan.)) Tirmiizii: 1162, Ibnu Hibbaan:3176. 


Ni yaaman isa si mure maxxanfachutti, kan si dhorgeef kennutti, nama si miidheef dhiifama godhutti. Ammas Haadhaa fi Abbaatti tola ooluutti, fira maxxanfachuutti, ollaaf 

gaarii tahutti nama ajajan, akkasumas Daa’imman Abbaa hin qabneef, hiyyeeyyiif, imaltaawaa fi gabroottaniif tola oluutti nama ajajan.Dhugaan tahuu, dharaan tahuu dhaaddaturraa, boonurraa, rorrisurraa, 

oftuulummaarraa (namarratti of-olfuudhuurraa) ni dhorgan. amala ol 

aanaatti nama ajajan, amala gad-aanaarraa nama dhorgan.


 

Ahlus-sunnaan waan ja’anii fi waan dalagan [kan dubbatame] kanaa fi kan biroo hunda keessaatti, Qur’aanaa fi Sunnaa jala deeman. 

 Karaan Ahlus-Sunnaa, Amantii Islaamaa tan Allaahaan nabi Muhammadiin erge.Garuu Nabiyyiin s.a.w  ummanni Isaa akka tuuta torbaatamii sadihitti qoodamtuu fi takka malee hundi akka ibidda keessa seentu waan himeef, ammallee hadiisa keessatti tuutti takkittin sun: ((warra fakkaataa waan ani arra irra jiruu fi sahaabaan tiyyaa irra jirturratti 

warra tahani)) waan ja’eef, warri amantii Islaamaa adii laaqaarraa qulqulli harkaa qabu, Isaan Ahlus-Sunnaa wal jamaa’aa tahuu 

hubbanna. 


Isaan keessatti argama warri dhugoomsan, wareegamtoonni, warri gaarii dalagan, ammas isaanumarraa argamaadha hayyoonni 

(beektoonni) mallattoo qajeelloo namaaf tahan, ibsaa dukkanaa kan tahan, warri sadarkaa odeefamtuu fi sadarkaa dubbatamtuu qaban, ammas isaan keessatti argamaadha warri akkaan Rabbi gabbaru,isaan keessatti argamaadha Imaamman (dureen) Amantii kan 

muslimtoonni qajeelloo isaaniirratti waliigalan. Ahlus-Sunnaan tuuta tumsamtuudha tan Nabiyyiin s.a.w isaan 

keessatti ja’e: ((“tuutti takka ummata kiyyarraa hin deemtu, haqarratti 

tahurraa, tumsamtuu tahurraa, namni isaan faalleesuu fi isaan xiqqeesu kan isaan hin rakkifne, hanga qiyaamaan dhaabbattutti”.)) 

Bukhaarii: 3641, Muslim:1037 


Allaahaa ni kadhana akka isaanirraa nu godhu, eega nu qajeelchee akka onnee teenya hin jallifne, of-biraa Rahmata isaa akka nuuf kennu, Inni hedduu kennaadha. 

waan haqaa Allaahaatu beeka.


 Faaruun Allaahaatii fi nageenyi hedduun Muhammad s.a.w irratti, aanaa isaarratti, sahaaboota isaarratti haa jiraatu.


Alhamdulillaah tola rabbii keenna guddaatiin leenjii keenya kutaalee 1otti qoqqodne isiniif dhiheessaa turre kanumaan goolabna. Nama waan baratetti fayyadamu, rabbi nu haa taasisu.

Obbolaan keenya nu hordofaa turtanis rabbiin jazaa keessan isinii haa kafalu.

Rabbiin mana barumsaa keenya Al-risala-tube kanaas nuuf haa guddisu.



Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa muhaamed wa alaa aalihi wasahbihi wassallama tasliman kasiiraa.


Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...