𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-9
Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa. Kutaa 9ffaa.
Dura namni hulaan jannataa akka banamtu hayama barbaaduu fi dura namni isii seenu eenyu?
Namni dura hulaa jannata akka banamtu [hayyama] barbaadu Muhammadi s.a.w ammas Ummanni dura jannata seenu
ummata [hundarraa], ummata isaati.
Magantaa (shafaa’aa) RasuulaGuyyaa qiyaamaa shafaa’aa (magantaa) sadihitu nabi Muhammadiif jira nagayaa Rahmanni isarratti haa jiraatuu.
1. Magantaa (manguddummaa) duraa-
Warra bakka dhaabbiitiif (dirree qiyaamaa keessa warra dhaabbatuf) magantaa seena, akka murtiin jidduu isaanitti godhamuf.
Eega Anbiyonni: Aadam, Nuuh, Ibraahim, Muusaa fi Iisaan ilma Maryam, magantaa seenurraa didanii ofirraa deebisan, [nabi
Muhammad s.a.w magantaa seena.
2. Magantaan lammaffaa-Warra jannataatiif akka jannata seenan magantaa seena.
Magantaan lamaan tana tan duraatii fi tan lammaffaa [nabi Muhammad s.a.w qofaaf taatudha.
3. Magantaa sadaffaa-Warra ibidda haqa godateef (sabachifateef) magantaa seena.
Magantaan tun Nabi Muhammadiif s.a.w Anbiyoota birootiif, warra dhugomsee fi warra isaan malee jiruuf sabattuudha [magantaa
seenu ni danda’an].
Warra ibidda sabachifateef, akka ibidda hin seenneef, ammas warra ibidda seeneef akka isii keessaa bahanif magantaa seena.
Allaahaan ni baasa ibiddarraa orma hedduu magantaan maleetti, tola olinsa isaatii fi Rahmata isaatiin.Warri adunyaa eega jannata seene booda bakka banaatu hafa isaanirraa jannata keessatti.
Duuba Allaahaan bakka banaa jannata
keessatti hafte saniif orma hedduu ni uuma, jannata isaan naqee bakka san isaaniin guuta.Wanni adda addaa kan gandi irraa booda walitti qabatte: herregarraa, galata galfamuurraa, adabamurraa, jannataa fi ibiddirraa, kitaaboota samii bu’e keessatti, oduu beekkumsaa tan Anbiyootarraa oddeefamte keessatti, ammallee beekkumsa Nabi Muhammad s.a.w irraa dhaalame keessatti dubbatame jira. wanni [nama barbaade] qubsuu fi isaaf gahu. Namni barbaade ni arga.
IBSA. Wanni asi olitti dubbatame hundi dhugaaadha, akkuma Qur’aanaa fi Hadiisa Ergamaan Rabbi keessatti dubbatame sani, Ahlus-sunnaan akkuma dhufetti shakkiin malee dhugoomsan.
QADARA (MURTII) ALLAAHATTI AMANUU
Tuutti nagaya baatu taate Ahlus-Sunnaa wal-jamaa’aan, qadara (murtii Rabbii) mi’aawaa fi hadhaawaa isaa ni amanan.
SADARKAA QADARAA.
Qadaratti amanuun sadarkaa lama qaba, sadarkaan hundi waan lama of keessaa qaba.
1.Sadarkaan duraa Allaahaan uumaa hunda ni beekaa dhugomsuudha, ammas uumaan
Isaa beekkumsa isaa kan duratti turaa tahen dalagan, akkasitti beekuu san Rabbiin ittin bifeeffama durii fi ful duralle.
Ammallee Rabbiin haala isaanii hunda, tole jechuu fi didu isaanii, ammas hiree fi beellama isaanii [kan du’aa fi jiruu] Beeke jira.
Eeganaa Allaahaan Lowhal-mahfuuz keessatti galmeesee jira, murtoolee uumama hunda.
Wanni Allaahaan dura uume qalama, “galmeesi” isaan ja’e, ni ja’e [qalamni] “maalin galmeesa?”, “waan hanga guyyaa qiyaamaatti argamu galmeesi.” Je’en.
Wanni ilma namaa tuqu [balaarraa] kan isa dabru hin taane, ammas wanni isa dabre kan isa tuqu hin taane, qalamni goggoge, xalayaan
marame.Akkuma Rabbiin ja’e:
أَلَمۡ تَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا فِى ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۗ إِنَّ ذَٰلِكَ فِى كِتَٰبٍۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ
{Sa ati Allaahaan waan samii fi dachii keessa jiru ni beekaa hin beynee? Bar sun kitaaba keessatti [galmeefame] jiraa, sun Allaaharratti salphaadha.} Al-Hajj: 70
مَآ أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ فِى ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فِىٓ أَنفُسِكُمۡ إِلَّا فِى كِتَٰبٍ مِّن قَبۡلِ أَن نَّبۡرَأَهَآۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ
{Waa hin argamu balaan tokkolleen lafa keessaa fi lubbuu teessan keessatti, yoo kitaaba [Lowhal-mahfuuz] keessatti galmeefamemalee, [balaa san] nuti argamsiisun duratti. Sun Allaahaarratti
laafaadha.} Al-Hadiid: 22
Qadari kun beekkumsa Rabbii jala deemaadha, bakka hedduu keessatti taha, waliigalaa fi qooda qoodaan: Lowhal-Mahfuuz keessatti waan fedhe barreesee jira, ammas yeroo ulfa gadaamessa keessatti qaama itti uumu lubbuu keessatti afufun duratti, malaaykaa
ulfatti ergee dubbii afuritti isa ajaja, isaan ja’a “galmeesi! Hiree isaa, bellama [du’a] isaa, dalagaa isaa, hongowa ykn milkaawaa tahuu isaa.
Qadara kana duratti tuutti Qadariyyaa tan daangaa dabartu ni diddi. Garuu amma namni didu waa xiqqoodha.Ammoo sadarkaan lammaaffaa kan qadaraa Fedhii Allaahaa tan hojirra oltuu taate(fedhii Allaaha tan dalagarra
olchutuu taate) ammas dandeetti isaa tan (waan hundaan) marsituu taate.
Sunis wanni Allaahaan fedhe ni tahaa amanuudha, wanni Inni hin fedhin hin tahu. Samiwwanii fi dachii keessatti sochii fi taa’insi hin argamu fedhii Allaahaatin malee, Inni qulqullaawe, mootummaa isaa keessatti waan Inni fedhe malee hin argamu, ammallee Rabbiin danda’aadha waan hundarratti argamaa fi dhabamaarrattillee.
Uumaan takkalleen dachii fi samii keessatti hin argamtu, Allaahaan kan isii uume tahu malee, kan waa uumu hin jiru isa malee, Rabbiin
hin jiru isa malee. Akkasumaa wajjiin gabarran isaa ajajee jira, isa tole jechuu fi ergamtoota tole jechuutti, ammas isa didurraa (cubbuu dalagurraa) isaan dhorgee jira.
Warra Rabbii sodaatu, warra gabbartii isaaf tolchu, warra haqa dalagu ni jaalata, ammallee warra amanee fi dalagaa toltuu hojjaterraa
[dalagaa isaanii] ni jaalata.
Rabbiin warra kaafirtoota (warra haqa dhoysan) hin jaalatu, orma cubbuu dalaguurraa hin jaalatu [cubbuu isaan dalagan], waan
fokkotaatti (cubbuu gurguddoo akka zinaa dalaguutti) nama hin ajaju, gabarran isaatiif kufrummaa hin jaalatu, akkasuma [lafa keessatti] badii dalaguu hin jaalatu.Gabarran dhugaadhaan ni dalagan (ifiif hojjatan), Allaahaan dalagaa isaan [dalagan] uumee jira.
Garuu Gabrichi isumaatu [ifiif]: amana, kafara, gaarii dalaga, miidhaa dalaga, salaata salaata, somana somana, gabarraniif dalagaa
isaanirratti dandeettin tahaadha, fedhinaanis isaaniif tahaadha.
Allaahaan isaan uumee jira, ammallee dandeettii fi fedhii isaanii uumee jira.Akkuma Rabbiin ol tahe ja’e:
○لِمَن شَآءَ مِنكُمۡ أَن يَسۡتَقِيمَ
○وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
{Isa fedheef isinirraa qajeeluu (diriiruu). Isin waa hin feetan (fedhu hin dandeessan) Allaahaan fedhu malee, Rabbiin Alamtootaa.}
At-Takwiir: 28-29
Sadarkaa qadaraa kana tuutti Qadariyyaa tan Nabiyyiin s.a.w: Majuusaa ummata kana jechuun moggaase ni kijibsisti, ammas
daangaa dabra [sadarkaa qadaraa kana] keesssatti, ormi tokko kan warra [qadara] sabachisurraa tahe, hanga gabricharraa dandeetti isaatii fi filannoo isaa saamanitti, ammallee hojii fi murtii Allaahaatirraa
hikmaa (ogeesummaan keessa jiraachuu) fi faayidaan isii [keessa jiraachuu] ni didan.
BOQONNAA IIMAANNI JECHAA FI DALAGAA TAHUU IBSU.
Bu’ura (hundee) Ahlus-Sunnaa wal-Jamaa’aatirraa, Amantii fi
Iimaanni, jechaa fi dalagaadha. Jecha Qalbii fi Aarrabaati, ammallee hojii qalbii, hujii Aarrabaa fi hujii qaamaati.
Ammallee Iimaanni toltuu dalaguun ni dabala, cubbuu (hamtuu) dalaguun ni irrata (ni xiqqaata).
IBSA. Jecha qalbii jechuun: amanuudhaJecha aarrabaa jechuun: shahaada lamaan dubbachuudha Dalagaa qalbii jechuun: Niyyachuu fi Ikhlaasa (ibaadaa Rabbiif
qulqulleessu).
Dalagaa qaamaa jechuun: akka salaatuu, hajji fi Jihaada…Akkasumaa wajjiin Ahlus-Sunnaan warra qiblaati garagalee salaatu hin kafarsiisan, cubbuu waliigalaatii fi cubbuu gurguddoo dalaguuf jecha, akka Khawaarijaan jettu [hin ja’an], garuu obbolummaan
Iimaanaa cubbuu waliin sabattuudha ja’an.
Akkuma Rabbiin ol tahe ja’e:
فَمَنۡ عُفِىَ لَهُۥ مِنۡ أَخِيهِ شَىۡءٌ فَٱتِّبَاعٌۢ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَأَدَآءٌ إِلَيۡهِ بِإِحۡسَٰنٍۗ
{garuu inni [nama ajjeesee] dhiigarraa dhiifamni isaaf godhame, obboleesa ajjeefamaatiin [akka hin ajjeefamne], karaa nagayaatiin gumaa dhiigaa fudhachuu qaba [aanaan ajjeefamaadha], [inni gumaa baasus] nagayaan kennuu qaba.} Al-Baqaraa: 178
IBSA. Aayaata tana keessatti ragaan Rabbiin nama lubbu ajjeesee fi kan irraa ajjeefamelleen obboleeyyan Islaamaa tahuu Isaanii
dubbatte, kanaaf namni cubbuu dalaguuf jecha kaafira hin tahu.
Ammas Rabbiin akkuma ja’e:
وَإِن طَآئِفَتَانِ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱقۡتَتَلُواْ فَأَصۡلِحُواْ بَيۡنَهُمَاۖ فَإِنۢ بَغَتۡ إِحۡدَىٰهُمَا عَلَى ٱلۡأُخۡرَىٰ فَقَٰتِلُواْ ٱلَّتِى تَبۡغِى حَتَّىٰ تَفِىٓءَ إِلَىٰٓ أَمۡرِ ٱللَّهِۚ فَإِن فَآءَتۡ فَأَصۡلِحُواْ بَيۡنَهُمَا بِٱلۡعَدۡلِ وَأَقۡسِطُوٓاْۖ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُقۡسِطِينَ
{Yoo tuutti lama tan Mu’minaa wal-lolte, jidduu lameenii tolchaa [araara buusa], garuu yoo takkaan lameenii takkarratti daangaadabarte, tan daangaa dabarteen lolaa [hundi keessan] ajaja Allaahaatif (obbolummaaf) hanga deebitutti. Eegas yoo deebite tolchaa jidduu isaanii haqaan ammallee wal-qixxeessaa, Allaahaan warra qixaan dalagan ni jaalata.
إِنَّمَا ٱلۡمُؤۡمِنُونَ إِخۡوَةٌ فَأَصۡلِحُواْ بَيۡنَ أَخَوَيۡكُمۡۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
Mu’mintoonni obboleyyani [amantiidhaan], jidduu obboleyyan keessanii tolchaa.} Al-Hujuraat: 9-10
IBSA. Ragaan aayaata tana keessatti Rabbiin tuuta lama tan wal-lolte maqaa Mu’minaatiin yaame. Tuutti Lamaan wal-lolan takka
takkarratti daangaa dabartullee maqaan Iimaan irraa hin saamamu, kanaaf cubbuu gorgoddoo akka wal ajjeesuu kanaa fi
kan birrollee namni Islaamaa hojjachuun ni mala, Islaama tahurraa isa hin dhorgitu.Nama Islaamaa kan ajaja Allaaharraa bahe guututti Islaamummaa isarraa hin mulqan (hin fuudhan), ibidda keessatis waaraa (turaa) isa
hin godhan, akka Mu’tazilaan jettu [hin ja’an]. Garuu inni ajaja Allaaharraa bahe maqaa iimaanaa keessa ni seena, akkuma Rabbiin
jecha isaa keessatti ja’e:
فَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٍ مُّؤۡمِنَةٍۖ
{Gabrittii takka tan Mu’minaa bilisoomsuu qaba.} An-Nisaa: 92
Yeroo takka takka maqaa Iimaanaa guutuu keessa hin seenu, akkuma jecha Rabbii keessa jiru:
إِنَّمَا ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَجِلَتۡ قُلُوبُهُمۡ وَإِذَا تُلِيَتۡ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُهُۥ زَادَتۡهُمۡ إِيمَٰنًا وَعَلَىٰ رَبِّهِمۡ يَتَوَكَّلُونَ
{Mu’mintoota [jechuun] isaannan yeroo Allaahaan dubbatame onneen isaani sodaatuu fi yeroo aayaanni isaanirratti dubbifamte
kan iimaana isaaniif dabaltu qofa.} Al-Anfaal: 2
Ammallee jecha Rasuulaatu s.a.w : [ragaadha]
((“gumna (zinaa) hin dalagu, inni gumna dalagu yeroo gumna dalagu Rabbitti amanaa haala taheen. Hin hatu hattichi yeroo hatu haala Rabbitti amanaa taheen. Farshoollee hin dhugu yeroo isii dhugu haala Rabbitti amanaa taheen. Hin saamu waan saamamu tokko kan
sadarkaa qabu, kan namni gama isaa ija isaanii ol fuudhan yeroo inni saamu san, haala inni amanaa taheen.”)) Irratti wali galamaadha: bukhaari: 6772, Muslim: 57
Ahlus-Sunnaa wal- jamaa’aan ni ja’an: isa cubbuu gurguddoo dalaguun inni Rabbitti amanaadha garuu iimaanni isaa dadhabaadha,
ykn amanaadha iimaana isaatiin, garuu ajaja Allaaharraa bahaadha cubbuu gurguddoo dalaguu isaatiin. Maqaan [iimaanaa] guutuun isaaf hin kennamu, [maqaan iimaanaa guututti] irraa hin fuudhamu.
BOQONNAA WAA’EE SAHAABAA IBSU
Hundee (bu’ura amantii) warra Ahlus-Sunnaa wal-Jamaa’aatirraa, Sahaabaa Ergamaa Allaahaatiif s.a.w qalbii fi aarrabni isaanii
nagaya bahaadha, akkuma Allaahaan ol tahe isaan bifeesse jecha isaa keessatti:
وَٱلَّذِينَ جَآءُو مِنۢ بَعۡدِهِمۡ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱغۡفِرۡ لَنَا وَلِإِخۡوَٰنِنَا ٱلَّذِينَ سَبَقُونَا بِٱلۡإِيمَٰنِ وَلَا تَجۡعَلۡ فِى قُلُوبِنَا غِلًّا لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ رَبَّنَآ إِنَّكَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ
{Warri isaan boodaan dhufan “Rabbi keenya nuu fi obbolleyyan keenya kan Iimaanaan nu dura dabraniif irra dabri, ammallee onnee teenya keessatti jibbeensa warra amanee hin godhin, Rabbii keenya ati nahaadha, akkaan [muslimootaaf guyyaa qiyaamaa]
rifataadha.} Al-Hashr: 10
Ammallee ajaja Nabiyyii s.a.w tole jechuuf jecha [sahaaba jaalatan] waan Inni ja’e keessatti: ((Sahaabaa tiyya hin arrabsinaa (hin eeybesinaa), Isa lubbuun too harka Isaa jirtunin kakadha, osoo tokkoon keessan Ziqiya (dahaba) hanga gaara Uhud [sadaqaa] kenne, hammaarrii shanacha lamaan sahaabaan [sadaqaa] kennan hin gahu inumaa cinaa shanacha lamaan isaanii hin gahu.))
Bukhaarii: 3673, Sahiiha Muslim: 2540
sadarkaa sahaabaatirraa waan Qur’aana, Hadiisaa fi waliigala ummata Islaamaa irraa dhufe ni qeebalan.warra baniinsa Makkaa ykn araara Hudeybiyyaa dura [sadaqaa]
kennatee fi karaa Allaahaa keessatti lole ni caalchisan, warra san booda kennatee fi lolerra. Muhaajirtoota (warra gama Madiinaa
godaanan), Ansaararra (warra Madiinaarra) ni caalchisan.
Allaahaan warra badriitiin (warra lola badrii hirmaateen): ((waan feetan dalagaa, ani dhugumaan isiniif araarame jira.)) jechuu isaa ni dhugomsan, warri lola badrii hirmaatan hanga nama dhibba sadihii fi kudhanii wahi.
Bukhaarii: 4274, Muslim: 2494
Ammallee sahaabaan [Rasuula s.a.w] muka jalatti baallama godhan, isaaniirraa tokkolleen ibidda hin seenu [jechuu amanan],
akkuma Nabiyyiin s.a.w odeesatti. Rabbiin irraa jaalate jira, isaanis irraa jaalatanii jiran, isaan hanga nama kuma tokkoo fi dhibba
afurii olii ni tahan (1400+).
Ammallee [Ahlus-Sunnaan] ragaa ni bahan, warra Ergamaan Allaahaa s.a.w jannata akka seenan ragaa isaanii baheef, kan akka:kudhanan jannataan gammachifamanii, Saabit Ibni Qeysii Ibni Shammaasi fi warren biroo Sahaabarraa.Ni Raggaasisan oduu karaa hedduun dhufte dura taa’aa warra amanee
Aliyyi Ibni Abii Xaalibii fi warra isa malee jirurraa, irra caalaan ummata kanaa eega nibiyyiitii: Abu Bakri, eegas Umari, eegas ni
sadeessan Usmaaniin, ni afreessan Aliyyiin hunda isaanii Rabbiin irraa haa jaalatu.
Akkuma Hadiisni irratti qajeelchu, ammas akkuma Sahaabaan irratti waliigalan, Usmaan dura dursuurratti [akka dura taa’aa warra amanee tahu] bellama yeroo isa godhan.
Gariin warra Ahlus-Sunnaa Usmaanii fi Aliyyi keessatti wal dhabuu isaaniitii wajjiin, isaan lameenirraa kamtu caalaa keessatti (sadarkaa
isaanii keessatti), eerga Abu Bakrii fi Umar dura dursuurratti waliigalan.
Ormi gariin Usmaan dura dursanii callisan ykn Aliyyi afraffaa godhan. Ormii gariin Aliyyi dura dabarsan, ormi gariin irraa dhaabbattan.
Garuu murtiin warra Ahlus-Sunnaa Usmaan dura dabarsuu eegas Aliyyi [itti aansurratti] sabataadha. Haa tahu malee dubbiin Usmaanii fi Aliyyi keessaa tokko caalchisuu tun hundee waliigala warra Ahlus-Sunnaa biratti namni isii faalleese ittin jallifamu miti (haqa didaa godhamuu miti). Garuu tan ittin jallaa
(haqarraa didaa) itti godhamu dubbii dura taa’ummaa [isaanii]
keessatti, sunis sababaa [Ahlus-Sunnaan] amananiif jecha,
____________________
.Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran