𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-6
Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa. Kutaa 6ffaa.
RABBIIN UUMAA ISAATII WAJJIIN JIRAACHUU SABACHIISUU
[Ragaan jecha Rabbiiti:]
هُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۚ يَعۡلَمُ مَا يَلِجُ فِى ٱلۡأَرۡضِ وَمَا يَخۡرُجُ مِنۡهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعۡرُجُ فِيهَاۖ وَهُوَ مَعَكُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ
{Inni isa uume samiiwwanii fi dachii qixa guyyaa jahaa keessatti, eegas Arshirratti ol tahe, waan dachii keessa seenuu fi waan isirraa bahu, ammallee waan samirraa bu’uu fi waan isii keessa ol korus ni beeka. Inni isin wajjiin jira [beekkumsa isaatiin] bakka jirtan
hundatti. Allaahaan waan isin daleeydan ni arga.} Al-Hadiid: 4
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلۡأَرۡضِۖ مَا يَكُونُ مِن نَّجۡوَىٰ ثَلَٰثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمۡ وَلَا خَمۡسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمۡ وَلَآ أَدۡنَىٰ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكۡثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمۡ أَيۡنَ مَا كَانُواْۖ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُواْ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَىۡءٍ عَلِيمٌ
Ammas Allahaan ni Ja’a {Maqoon (kophaa bahuun) nama sadihii hin argamu, afreessaan isa tahu malee, kan shaniitis hin argamu inni jaheessaa tahu malee,
(lakkofsi) sanii gadiitii fi kan sanii oliitis hin argamu, inni isaan waliin jiraatu malee [beekkumsa isaatiin] bakkuma argaman
hundatti. Eeganaa isaanitti odeessa guyyaa qiyaamaa [keessatti] waan isaan dalagan, Allaahaan waan hunda beekaadha.}
Al-Mujaadalaa: 7
لَا تَحۡزَنۡ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَنَاۖ
{Hin yaadin! Allaahaan nuu wajji jiraa.}
At-Towbaa: 40
Rabbiin Aayaata tana keessatti Ergamaan Rabbii waan Abu Bakriin ja’erraa nuuf odeessa, gaafa warri makkaa biyyaa isaan
baasee ajjeesuuf goda Isaan keessa jiran gubbaa gahan, Abu Bakri Rasuulaaf sodaatee silaa if jala gad-laalan nu argan ja’en. Duuba hoggaa kana Ergamaan Rabbii hin sodaatiin Rabbii nuu wajji jiraa
tumsa isaatiin nuuf tumsaa ja’eni.
قَالَ لَا تَخَافَآۖ إِنَّنِى مَعَكُمَآ أَسۡمَعُ وَأَرَىٰ
{Ani isin lamaan wajjin jira nin dhagaya ammallee nin arga.} Xahaa: 46
Aayaanni waan Rabbiin Nabi Muusaa fi Haaruuniin ja’e dubbatti, hoggaa Fir’owna bira dhaqaa ja’ee isaan lamaan ajaje, ni sodaan ja’an, duuba Rabbiin hin sodaatinaa ani isin wajjin jiraa nin dhagayaa, ni argaa isiniifin tumsaa ja’en.
إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْ وَّٱلَّذِينَ هُم مُّحۡسِنُونَ
{Allaahaan warra isa sodaatuu fi warra waan gaarii dalagan waliin jira [beekkumsa isaatiin].} An-Nahl: 128
وَٱصۡبِرُوٓاْۚ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلصَّٰبِرِينَ
{Obsaa! Allaahaan Isaannan obsan wajji jira [beekkumsaa fi tumsa isaatiin].} Al-Anfaal: 46
كَم مِّن فِئَةٍ قَلِيلَةٍ غَلَبَتۡ فِئَةً كَثِيرَةًۢ بِإِذۡنِ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ مَعَ ٱلصَّٰبِرِينَ
{Hedduu tuutti xiqqoon tuuta guddaa injifatte, hayyama Allaahaatiin. Allaahaan isaannan obsan waliin jira [beekkumsaa fi
tumsa isaatiin.} Al-Baqaraa: 249
IBSA waliigalaa Aayaattan dabarsine keessatti Rabbiin akka gabarran isaatii
wajjiin jiru hubanna. Wajji jireenyi Rabbii bakka lamatti qoodamti:-
1ffaan: Wajji jireenya waliigalaati, sunis Rabbiin uumaa isaa hunda waliin jiraachuu isaati bakka hundatti beekkumsaan,
akkasumas argaa fi dhageetti isaatiin.
2ffaan: wajji jireenya kophaati, sunis Rabbiin ergamtootaa fi owliyaa isaatii waliin jirachuudha, ammallee warra amanee fi
warra isa sodaatu qofa waliin jiraachuu isaati, kophaatti isaaniif tumsuudhaa fi Isaaniif gargaaruudhaan.
DUBBACHUU RABBIIF SABACHIISUU.
Ragaan jecha Rabbiiti:
وَمَنۡ أَصۡدَقُ مِنَ ٱللَّهِ حَدِيثًا
{Eenyu inni Allaaharra dhugaa dubbatu gama haasawaatii?} An-Nisaa: 87
وَمَنۡ أَصۡدَقُ مِنَ ٱللَّهِ قِيلًا
{Inni Allaaharra dhugaa dubbatu [hin jiru], gama jechootaati.} An-Nisaa: 122
{“yaa Iisaa ilma Maryam!” yeroo Allaahaan ja’u [san] [dubbadhu]} Al-Maa’idaa:116
وَإِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ
وَتَمَّتۡ كَلِمَتُ رَبِّكَ صِدۡقًا وَعَدۡلًاۚ
{ Jechi Rabbii keeti guutamte, dhugaadhaan [haasawa isaa keessatti], haqaan [murtii Isaa keessatti].} Al-An’aam:115
وَكَلَّمَ ٱللَّهُ مُوسَىٰ تَكۡلِيمًا
{Allaahaan Muusaa dubbise, dubbisiinsa dhugaadhaa.} An-Nisaa: 164
مِّنۡهُم مَّن كَلَّمَ ٱللَّهُۖ
{Isaanirraa (Ergamtootarraa) kan Allaahaan dubbiseetu jira.} Al-Baqaraa: 253
وَلَمَّا جَآءَ مُوسَىٰ لِمِيقَٰتِنَا وَكَلَّمَهُۥ رَبُّهُ
{Muusaan baallama keenyaaf hoggaa dhufe, Rabbiin isaatis yeroo isa dubbise-} Al-A’raaf:143
وَنَٰدَيۡنَٰهُ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنِ وَقَرَّبۡنَٰهُ نَجِيًّا
{Isa yaamne gama mirga Gaara Xuurirraa, ammas isa dhiheessinee maqoo haasawuudhaaf.} Maryam: 52
وَإِذۡ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ
{Yeroo Rabbiin kee Muusaa yaamee, “orma cubbaawaa sanitti dhaqi” [je’een san dubbadhu].} Ash-Shu’araa:10
وَنَادَىٰهُمَا رَبُّهُمَآ
{Isaan lameenitti ni lallabe Rabbiin isaanii, “sa Ani isin lameen muka sanirraa hin dhowwinee?” [jechuudhaan].} Al-A’raaf:22
وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ فَيَقُولُ مَاذَآ أَجَبۡتُمُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
{“mee maal Ergamtootaaf Awwattan?” guyyaa je’e Isaanitti lallabee [gaafatu] san [dubbadhu].}Al-Qasas: 65
IBSA:Aayaattan dabarsine hundi dubbachuu Rabbiif sabachiisti. Ahlus-Sunnaan akki amanan: dubbatuun sifa Rabbiiti, Rabbiin ni
dubbata, dubbataadha dubbi dhagahamtuun hoggaa fedhe, akka
fedhetti ammas waan fedhe dubbata akka Isaan maltutti. Ragaan aayaatoota dabarsine keessatti Rabbiin akka dubbatu ifiin bifessee jira.
Sanirraa: Nabi Muusaa sagalee inni dhagahuun yaamee dubbiseeni jira, nabi Aadam fi Haawaa itti lallabe yaame jira
akkuma kana aayaattan dabarsine hunda keessatti akka Inni dubbatu Ragaa gahaatu jira nama sammuu qulqullun ilaaluuf.
QUR’AANNI JECHA ALLAAHAA TAHUU SABACHIISUU.
وَإِنۡ أَحَدٌ مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ٱسۡتَجَارَكَ فَأَجِرۡهُ حَتَّىٰ يَسۡمَعَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ أَبۡلِغۡهُ مَأۡمَنَهُۥۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٌ لَّا يَعۡلَمُونَ
{Yoo mushrikootarraa [namni] tokko nagaya isaaf kennuu sirra barbaade, nagaya kenniif, hanga jecha Allaahaa dhagayutti.} At-Towbaa: 6
وَقَدۡ كَانَ فَرِيقٌ مِّنۡهُمۡ يَسۡمَعُونَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ يُحَرِّفُونَهُۥ
{ [Yahudaarraa] Tuutti gariin dubbii Allaahaa kan dhaggeefattu taate eeganaa [dubbii Rabbii] ni jijiran, eeguma hubatani osoo beekanii.} Al-Baqaraa: 75
قُل لَّن تَتَّبِعُونَا كَذَٰلِكُمۡ قَالَ ٱللَّهُ مِن قَبۡلُۖ
{ Dubbii Allaahaa jijjiiruu fedhan. “Nu jala hin deemtan. Allaahaanis akkuma [ani je’e kana] asiin duratti ja’ee jira.” ja’iin } Al-Fath: 15
وَٱتۡلُ مَآ أُوحِىَ إِلَيۡكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَۖ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ
{Dubbisi kitaaba Rabbii keetirraa waan gama kee beeksisa godhamu, jechoota isaa kan jijjiiru hin jiru.} Al-Khaf: 27
إِنَّ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ يَقُصُّ عَلَىٰ بَنِىٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ أَكۡثَرَ ٱلَّذِى هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ
{Qur’aanni kuni ni odeessa Ilmaan Israa’iil irratti, irra guddaa waan isaan keessatti wal dhabanii.} An-Naml: 76
IBSA. Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aannii jecha Rabbii tahu hubbana. Ahlus-Sunnaan Qur’aanni amma Muslimtoonni bakka hunda dubbisan kuni jecha Rabbii tahuu amanan. Qur’aanni jecha Rabbiiti, Jibriil Rabbirraa dhagahee Nabi Muhammad Jibriil irraa dhagaye, Nabi Muhammad Sahaaboota irratti qara’e isaanis Isarraa dhagayan, haaluma kanaan hanga guyyaa arraatti qara’amaa dhagayamaa jira. Sagaleen namni
Qur’aanaan qara’u tan abbaa qara’ee yoo taatu jechi inni dubbisaa jiru kan dhagayamu sun ammoo jecha Rabbiiti.
QUR’AANA RABBIIN BUUSUU SABACHIISUU.
Ragaan jecha Rabbiiti:
وَهَٰذَا كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ مُبَارَكٌ مُّصَدِّقُ ٱلَّذِى بَيۡنَ يَدَيۡهِ وَلِتُنذِرَ أُمَّ ٱلۡقُرَىٰ وَمَنۡ حَوۡلَهَاۚ
{kun kitaaba nuti buufne, kan toltuu hedduu qabu).} Al-An’aam: 92
لَوۡ أَنزَلۡنَا هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ عَلَىٰ جَبَلٍ لَّرَأَيۡتَهُۥ خَٰشِعًا مُّتَصَدِّعًا مِّنۡ خَشۡيَةِ ٱللَّهِۚ وَتِلۡكَ ٱلۡأَمۡثَٰلُ نَضۡرِبُهَا لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ
{Osoo Qur’aana kana Gaara irratti buufne, silaa ni garta kan gad of qabu tahuu isaa, baqaqaa tahuu isaa, soda Allahaattirraa .}Al-hashr: 21
○وَإِذَا بَدَّلۡنَآ ءَايَةً مَّكَانَ ءَايَةٍۙ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا يُنَزِّلُ قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مُفۡتَرٍۢۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
○قُلۡ نَزَّلَهُۥ رُوحُ ٱلۡقُدُسِ مِن رَّبِّكَ بِٱلۡحَقِّ لِيُثَبِّتَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَهُدًى وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُسۡلِمِينَ
○وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّهُمۡ يَقُولُونَ إِنَّمَا يُعَلِّمُهُۥ بَشَرٌۗ لِّسَانُ ٱلَّذِى يُلۡحِدُونَ إِلَيۡهِ أَعۡجَمِىٌّ وَهَٰذَا لِسَانٌ عَرَبِىٌّ مُّبِينٌ
{Yeroo nuti jijjiirre Aayaata takka bakka Aayaata takkaatti, (hikmaaf ykn oggumaaf jecha), Allaahaan waan buusu haalaan
beeka. Ni ja’an [kaafirtoonni]: “Ati [yaa Muhammad ] kijiba ifiif uumte.” dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekan.
Ja’i (yaa Muhammad) Ruuhul-qudus [Jibriiltu] Qur’aana Rabbii keetirraa buuse, dhugaadhaan warra amanan akka jabeessuuf, ammas akka qajeelchuu fi akka gammachiisuuf muslimoota. Ammallee dhugumatti ni beeyna: “(Nabi Muhammad
) kan barsiisu ilma namaati” Jechuu isaanii. Afaan namitichi isaan itti irkisanii [isa barsiisa ja’anii] Afaan Arabaatii miti, ammo kuni (Qur’aanni) Afaan Arabaa qulqullidha.}
An-Nahl: 101-103
IBSA. Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aana Rabbiin buusuu hubanna. Qur’aanni waan Nabi Muhammad ifiif uumee miti garuu Rabbiitu karaa Malaaykaa Isaa Jibriiliin Nabi Muhammad irratti
buuse. Ahlus-Sunnaan Qur’aana Rabbiitu buuse ja’anii amanan.
𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran