Skip to main content

𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-6

 𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-6


 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   Kutaa 6ffaa.


RABBIIN UUMAA ISAATII WAJJIIN JIRAACHUU SABACHIISUU




[Ragaan jecha Rabbiiti:] 


هُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۚ يَعۡلَمُ مَا يَلِجُ فِى ٱلۡأَرۡضِ وَمَا يَخۡرُجُ مِنۡهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعۡرُجُ فِيهَاۖ وَهُوَ مَعَكُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ


{Inni isa uume samiiwwanii fi dachii qixa guyyaa jahaa keessatti, eegas Arshirratti ol tahe, waan dachii keessa seenuu fi waan isirraa bahu, ammallee waan samirraa bu’uu fi waan isii keessa ol korus ni beeka. Inni isin wajjiin jira [beekkumsa isaatiin] bakka jirtan 

hundatti. Allaahaan waan isin daleeydan ni arga.} Al-Hadiid: 4 



أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلۡأَرۡضِۖ مَا يَكُونُ مِن نَّجۡوَىٰ ثَلَٰثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمۡ وَلَا خَمۡسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمۡ وَلَآ أَدۡنَىٰ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكۡثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمۡ أَيۡنَ مَا كَانُواْۖ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُواْ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَىۡءٍ عَلِيمٌ


Ammas Allahaan ni Ja’a {Maqoon (kophaa bahuun) nama sadihii hin argamu, afreessaan isa tahu malee, kan shaniitis hin argamu inni jaheessaa tahu malee, 

(lakkofsi) sanii gadiitii fi kan sanii oliitis hin argamu, inni isaan waliin jiraatu malee [beekkumsa isaatiin] bakkuma argaman 

hundatti. Eeganaa isaanitti odeessa guyyaa qiyaamaa [keessatti] waan isaan dalagan, Allaahaan waan hunda beekaadha.} 

Al-Mujaadalaa: 7 


لَا تَحۡزَنۡ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَنَاۖ


{Hin yaadin! Allaahaan nuu wajji jiraa.} 

At-Towbaa: 40


Rabbiin Aayaata tana keessatti Ergamaan Rabbii waan Abu Bakriin ja’erraa nuuf odeessa, gaafa warri makkaa biyyaa isaan 

baasee ajjeesuuf goda Isaan keessa jiran gubbaa gahan, Abu Bakri Rasuulaaf sodaatee silaa if jala gad-laalan nu argan ja’en. Duuba hoggaa kana Ergamaan Rabbii hin sodaatiin Rabbii nuu wajji jiraa 

tumsa isaatiin nuuf tumsaa ja’eni. 


قَالَ لَا تَخَافَآۖ إِنَّنِى مَعَكُمَآ أَسۡمَعُ وَأَرَىٰ


{Ani isin lamaan wajjin jira nin dhagaya ammallee nin arga.} Xahaa: 46 


Aayaanni waan Rabbiin Nabi Muusaa fi Haaruuniin ja’e dubbatti, hoggaa Fir’owna bira dhaqaa ja’ee isaan lamaan ajaje, ni sodaan ja’an, duuba Rabbiin hin sodaatinaa ani isin wajjin jiraa nin dhagayaa, ni argaa isiniifin tumsaa ja’en.


إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْ وَّٱلَّذِينَ هُم مُّحۡسِنُونَ


 {Allaahaan warra isa sodaatuu fi warra waan gaarii dalagan waliin jira [beekkumsa isaatiin].} An-Nahl: 128 


وَٱصۡبِرُوٓاْۚ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلصَّٰبِرِينَ


 {Obsaa! Allaahaan Isaannan obsan wajji jira [beekkumsaa fi tumsa isaatiin].} Al-Anfaal: 46 


كَم مِّن فِئَةٍ قَلِيلَةٍ غَلَبَتۡ فِئَةً كَثِيرَةًۢ بِإِذۡنِ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ مَعَ ٱلصَّٰبِرِينَ


 {Hedduu tuutti xiqqoon tuuta guddaa injifatte, hayyama Allaahaatiin. Allaahaan isaannan obsan waliin jira [beekkumsaa fi 

tumsa isaatiin.} Al-Baqaraa: 249 


IBSA waliigalaa Aayaattan dabarsine keessatti Rabbiin akka gabarran isaatii 

wajjiin jiru hubanna. Wajji jireenyi Rabbii bakka lamatti qoodamti:- 

1ffaan: Wajji jireenya waliigalaati, sunis Rabbiin uumaa isaa hunda waliin jiraachuu isaati bakka hundatti beekkumsaan, 

akkasumas argaa fi dhageetti isaatiin. 

2ffaan: wajji jireenya kophaati, sunis Rabbiin ergamtootaa fi owliyaa isaatii waliin jirachuudha, ammallee warra amanee fi 

warra isa sodaatu qofa waliin jiraachuu isaati, kophaatti isaaniif tumsuudhaa fi Isaaniif gargaaruudhaan. 



DUBBACHUU RABBIIF SABACHIISUU. 


 Ragaan jecha Rabbiiti: 

وَمَنۡ أَصۡدَقُ مِنَ ٱللَّهِ حَدِيثًا


{Eenyu inni Allaaharra dhugaa dubbatu gama haasawaatii?} An-Nisaa: 87 


 وَمَنۡ أَصۡدَقُ مِنَ ٱللَّهِ قِيلًا


{Inni Allaaharra dhugaa dubbatu [hin jiru], gama jechootaati.} An-Nisaa: 122 


{“yaa Iisaa ilma Maryam!” yeroo Allaahaan ja’u [san] [dubbadhu]} Al-Maa’idaa:116 


وَإِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ



وَتَمَّتۡ كَلِمَتُ رَبِّكَ صِدۡقًا وَعَدۡلًاۚ


{ Jechi Rabbii keeti guutamte, dhugaadhaan [haasawa isaa keessatti], haqaan [murtii Isaa keessatti].} Al-An’aam:115


 وَكَلَّمَ ٱللَّهُ مُوسَىٰ تَكۡلِيمًا


{Allaahaan Muusaa dubbise, dubbisiinsa dhugaadhaa.} An-Nisaa: 164 


 مِّنۡهُم مَّن كَلَّمَ ٱللَّهُۖ


{Isaanirraa (Ergamtootarraa) kan Allaahaan dubbiseetu jira.} Al-Baqaraa: 253 


 وَلَمَّا جَآءَ مُوسَىٰ لِمِيقَٰتِنَا وَكَلَّمَهُۥ رَبُّهُ


{Muusaan baallama keenyaaf hoggaa dhufe, Rabbiin isaatis yeroo isa dubbise-} Al-A’raaf:143 



وَنَٰدَيۡنَٰهُ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنِ وَقَرَّبۡنَٰهُ نَجِيًّا


{Isa yaamne gama mirga Gaara Xuurirraa, ammas isa dhiheessinee maqoo haasawuudhaaf.} Maryam: 52 


وَإِذۡ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ


 {Yeroo Rabbiin kee Muusaa yaamee, “orma cubbaawaa sanitti dhaqi” [je’een san dubbadhu].} Ash-Shu’araa:10 


وَنَادَىٰهُمَا رَبُّهُمَآ


{Isaan lameenitti ni lallabe Rabbiin isaanii, “sa Ani isin lameen muka sanirraa hin dhowwinee?” [jechuudhaan].} Al-A’raaf:22 


وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ فَيَقُولُ مَاذَآ أَجَبۡتُمُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ


{“mee maal Ergamtootaaf Awwattan?” guyyaa je’e Isaanitti lallabee [gaafatu] san [dubbadhu].}Al-Qasas: 65 


IBSA:Aayaattan dabarsine hundi dubbachuu Rabbiif sabachiisti. Ahlus-Sunnaan akki amanan: dubbatuun sifa Rabbiiti, Rabbiin ni 

dubbata, dubbataadha dubbi dhagahamtuun hoggaa fedhe, akka 

fedhetti ammas waan fedhe dubbata akka Isaan maltutti. Ragaan aayaatoota dabarsine keessatti Rabbiin akka dubbatu ifiin bifessee jira. 


Sanirraa: Nabi Muusaa sagalee inni dhagahuun yaamee dubbiseeni jira, nabi Aadam fi Haawaa itti lallabe yaame jira 

akkuma kana aayaattan dabarsine hunda keessatti akka Inni dubbatu Ragaa gahaatu jira nama sammuu qulqullun ilaaluuf.



QUR’AANNI JECHA ALLAAHAA TAHUU SABACHIISUU. 




  وَإِنۡ أَحَدٌ مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ٱسۡتَجَارَكَ فَأَجِرۡهُ حَتَّىٰ يَسۡمَعَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ أَبۡلِغۡهُ مَأۡمَنَهُۥۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٌ لَّا يَعۡلَمُونَ


{Yoo mushrikootarraa [namni] tokko nagaya isaaf kennuu sirra barbaade, nagaya kenniif, hanga jecha Allaahaa dhagayutti.} At-Towbaa: 6


وَقَدۡ كَانَ فَرِيقٌ مِّنۡهُمۡ يَسۡمَعُونَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ يُحَرِّفُونَهُۥ


 { [Yahudaarraa] Tuutti gariin dubbii Allaahaa kan dhaggeefattu taate eeganaa [dubbii Rabbii] ni jijiran, eeguma hubatani osoo beekanii.} Al-Baqaraa: 75 


 قُل لَّن تَتَّبِعُونَا كَذَٰلِكُمۡ قَالَ ٱللَّهُ مِن قَبۡلُۖ

{ Dubbii Allaahaa jijjiiruu fedhan. “Nu jala hin deemtan. Allaahaanis akkuma [ani je’e kana] asiin duratti ja’ee jira.” ja’iin } Al-Fath: 15


وَٱتۡلُ مَآ أُوحِىَ إِلَيۡكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَۖ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ


{Dubbisi kitaaba Rabbii keetirraa waan gama kee beeksisa godhamu, jechoota isaa kan jijjiiru hin jiru.} Al-Khaf: 27



إِنَّ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ يَقُصُّ عَلَىٰ بَنِىٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ أَكۡثَرَ ٱلَّذِى هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ


 {Qur’aanni kuni ni odeessa Ilmaan Israa’iil irratti, irra guddaa waan isaan keessatti wal dhabanii.} An-Naml: 76 


IBSA. Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aannii jecha Rabbii tahu hubbana. Ahlus-Sunnaan Qur’aanni amma Muslimtoonni bakka hunda dubbisan kuni jecha Rabbii tahuu amanan. Qur’aanni jecha Rabbiiti, Jibriil Rabbirraa dhagahee Nabi Muhammad Jibriil irraa dhagaye, Nabi Muhammad Sahaaboota irratti qara’e isaanis Isarraa dhagayan, haaluma kanaan hanga guyyaa arraatti qara’amaa dhagayamaa jira. Sagaleen namni 

Qur’aanaan qara’u tan abbaa qara’ee yoo taatu jechi inni dubbisaa jiru kan dhagayamu sun ammoo jecha Rabbiiti. 



QUR’AANA RABBIIN BUUSUU SABACHIISUU. 


Ragaan jecha Rabbiiti:



وَهَٰذَا كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ مُبَارَكٌ مُّصَدِّقُ ٱلَّذِى بَيۡنَ يَدَيۡهِ وَلِتُنذِرَ أُمَّ ٱلۡقُرَىٰ وَمَنۡ حَوۡلَهَاۚ


{kun kitaaba nuti buufne, kan toltuu hedduu qabu).} Al-An’aam: 92


لَوۡ أَنزَلۡنَا هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ عَلَىٰ جَبَلٍ لَّرَأَيۡتَهُۥ خَٰشِعًا مُّتَصَدِّعًا مِّنۡ خَشۡيَةِ ٱللَّهِۚ وَتِلۡكَ ٱلۡأَمۡثَٰلُ نَضۡرِبُهَا لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ


 {Osoo Qur’aana kana Gaara irratti buufne, silaa ni garta kan gad of qabu tahuu isaa, baqaqaa tahuu isaa, soda Allahaattirraa .}Al-hashr: 21



○وَإِذَا بَدَّلۡنَآ ءَايَةً مَّكَانَ ءَايَةٍۙ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا يُنَزِّلُ قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مُفۡتَرٍۢۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ

○قُلۡ نَزَّلَهُۥ رُوحُ ٱلۡقُدُسِ مِن رَّبِّكَ بِٱلۡحَقِّ لِيُثَبِّتَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَهُدًى وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُسۡلِمِينَ

○وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّهُمۡ يَقُولُونَ إِنَّمَا يُعَلِّمُهُۥ بَشَرٌۗ لِّسَانُ ٱلَّذِى يُلۡحِدُونَ إِلَيۡهِ أَعۡجَمِىٌّ وَهَٰذَا لِسَانٌ عَرَبِىٌّ مُّبِينٌ 



{Yeroo nuti jijjiirre Aayaata takka bakka Aayaata takkaatti, (hikmaaf ykn oggumaaf jecha), Allaahaan waan buusu haalaan 

beeka. Ni ja’an [kaafirtoonni]: “Ati [yaa Muhammad ] kijiba ifiif uumte.” dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekan. 

Ja’i (yaa Muhammad) Ruuhul-qudus [Jibriiltu] Qur’aana Rabbii keetirraa buuse, dhugaadhaan warra amanan akka jabeessuuf, ammas akka qajeelchuu fi akka gammachiisuuf muslimoota. Ammallee dhugumatti ni beeyna: “(Nabi Muhammad    

) kan barsiisu ilma namaati” Jechuu isaanii. Afaan namitichi isaan itti irkisanii [isa barsiisa ja’anii] Afaan Arabaatii miti, ammo kuni (Qur’aanni) Afaan Arabaa qulqullidha.} 

An-Nahl: 101-103 


IBSA. Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aana Rabbiin buusuu hubanna. Qur’aanni waan Nabi Muhammad ifiif uumee miti garuu Rabbiitu karaa Malaaykaa Isaa Jibriiliin Nabi Muhammad irratti 

buuse. Ahlus-Sunnaan Qur’aana Rabbiitu buuse ja’anii amanan.


𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...