𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-5
Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa. Kutaa 5ffaa.
WAAHILA YKN QINDII QABAACHUU RABBIIRRAA DHABAMSIISUU
[Ragaan] jecha isaati
وَقُلِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِى لَمۡ يَتَّخِذۡ وَلَدًا وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ شَرِيكٌ فِى ٱلۡمُلۡكِ وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ وَلِىٌّ مِّنَ ٱلذُّلِّۖ وَكَبِّرۡهُ تَكۡبِيرًۢا
{Ja’i: cufti faaruu Allaahaaf sabattuudha, Isa ilmoo hin godhatin, Isa mootummaa [Isaa] keessatti waahilli isaaf hin tahin, ammallee xiqqeenyarraa tumsaan kan isaaf hin tahin. Isuma akkaan guddisi.} Al-Israa: 111
يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلۡأَرۡضِۖ لَهُ ٱلۡمُلۡكُ وَلَهُ ٱلۡحَمۡدُۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىۡءٍ قَدِيرٌ
{Allaaha qulqulleesa wanni samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi, mootummaan isa qofaafi, faaruunis isa qofaafi. Inni waan
hundarratti danda’aadha.} At-Taghaabun: 1
○تَبَارَكَ ٱلَّذِى نَزَّلَ ٱلۡفُرۡقَانَ عَلَىٰ عَبۡدِهِۦ لِيَكُونَ لِلۡعَٰلَمِينَ نَذِيرًا
○ٱلَّذِى لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَمۡ يَتَّخِذۡ وَلَدًا وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ شَرِيكٌ فِى ٱلۡمُلۡكِ وَخَلَقَ كُلَّ شَىۡءٍ فَقَدَّرَهُۥ تَقۡدِرا
{Ol tahe (guddate), Inni Al-Furqaan buuse, gabricha isaa [Muhammad] irratti, Aalamaaf (namaa fi jinnif) sodaachisaa akka tahuuf.
[Rabbiin] Isa mootummaan samiiwwanii fi dachii Isa qofaaf taate, ammas Isa ilmoo hin godhatini, ammallee Isa mootummaa Isaa keessatti waahilli Isaaf hin tahini. Inni waan hunda ni uume, ammallee hamma itti godhe [waan uume sanitti] hamma godhinsa.} Al-Furqaan: 1-2
Al-Furqaan maqaa Qur’aanaatti, hiikkaan isaa kan dhugaa fi dhara addaan baasu jechuudha.
{Allaahaan ilmoo hin godhane, haqaan gabbaramaan birootis isa waliin hin jiru, [osoo gabbaramaan biraa jiraate] silaa kophaa
baha, gabbaramaan hundi waan uumeen, ammallee silaa gariin isaani gariirratti ol taha. Allaahaan qulqullaawe, waan Isaan [hin
malle] kan Isaan yaamanirraa.
○مَا ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ مِن وَلَدٍ وَمَا كَانَ مَعَهُۥ مِنۡ إِلَٰهٍۚ إِذًا لَّذَهَبَ كُلُّ إِلَٰهٍۢ بِمَا خَلَقَ وَلَعَلَا بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٍۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ
○عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Inni Beekaadha waan ilma namarraa fagaate fi waan dhiyootis, waan isaan itti qindeesanirraa ol tahee jira } Al-Mu’minuun: 91-92
فَلَا تَضۡرِبُواْ لِلَّهِ ٱلۡأَمۡثَالَۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ وَأَنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ
{Allaahaatti waa hin fakkeessinaa (Rabbiif fakki hin godhinaa), Allaahaan beekaadhaa, isin hin beeytan [waan Allaahaan fakkaatu].} An-Nahl: 74
قُلۡ إِنَّمَا حَرَّمَ رَبِّىَ ٱلۡفَوَٰحِشَ مَا ظَهَرَ مِنۡهَا وَمَا بَطَنَ وَٱلۡإِثۡمَ وَٱلۡبَغۡىَ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَأَن تُشۡرِكُواْ بِٱللَّهِ مَا لَمۡ يُنَزِّلۡ بِهِۦ سُلۡطَٰنًا وَأَن تَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
{Ja’i [yaa Ergamaa kiyya Muhammad ]: wanni
Rabbiin kiyya dhoowwe, waan fokkotaa (cubbuu gurguddoo akka gumna dalaguuti), isirraa waan mullisanii dalaganii fi waan
dhoysanii dalaganis, cubbuu [gosa hundaa], haqaan malee rorrisuu, ammas waan Inni ragaa itti hin buusin Allaahatti qindeesuu fi Allaaharratti waan hin beeyne jechuurraa [dhoowwe].} Al-A’raaf: 33
IBSA: Aayaatoota dabarsine keessatti wanni hubannu, Rabbiin akka Ilmoo hin qabne, akka qindii mootummaa Isaa keessatti hin
qabne, akka qindiin Isaa wajjiin gabbaramuu hin jirre, akka faaruun hundi Isaaf taate, akka irrinarra qulqullaawe fi akka sifa Allaahaa keessatti fakkeesuun dhorgaa tahe, akkasumas waan hin beeyne Rabbiirratti dubachuun ykn Rabbirra kaayuun dhorgaa akka tahe murtii Isaa keessatti tahuu, sifa Isaa keessatti tahuu,
Rabbirratti waan hin beeyne dubbachuun cubbuu guddoodha.
Wanni Rabbii achitti dharaan gabbaramu heddudha, sanirraa: Anbiyoota, Maryam Haadha Iisaa, Malaaykoota, qabrii Anbiyaa fi
owliyootaa, sheek Hussen Baalee, Abaadir Harar, Siyyid Abbiyyoo, muka, dhagaa, suraa adda addaa fi waani birootis hedduu.
Garuu kan haqaan gabbaramu Rabbii tokkicha qofa. Jarri dubbane kunii fi fakkaataan Isaanii dharaan gabbaraman, kan
gabbaramu haqa hin godhane.
Waan Ibsa gabaabaa kan keessatti Ibsame dhumuu miti, namni dabalata barbaaddan kitaaboota biroo kan waa’ee ibaadaa Rabbii
qofarraa dubbatu kan akka Kitaabu-Towhid, Usuulu-salaasaa fi k.k.f dubbisaa.
ARSHII IRRATTI OL TAHUU ALLAAHAAF SABACHIISUU
[Ragaan] keenya jecha Allaahaati :
(Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe.) jechuun Bakka torba keessatti dubbate jira [Qur’aana kessatti]. [bakka turban Sanirraa] Suraa Al-A’raaf keessatti ni ja’e Allaahaan:
إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِ يُغۡشِى ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثًا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتٍۢ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
{Rabbiin keessan isa samiiwwanii fi dachii uume, hanga (qixa) guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.} Al-A’raaf: 54
Sheek Muhammad Rashaad aayaata tana biratti akkana je’e: “Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa
isaan malu”.
Ammas suraa yuunus keessatti Allaahaan ni ja’a:
رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ
{Rabbiin keessan isa samiiwwanii fi dachii uume, hanga guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.} Yuunus: 3
Ammas suraa Ar-Ra’ad keessatti
"ٱللَّهُ ٱلَّذِى رَفَعَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ بِغَيۡرِ عَمَدٍ تَرَوۡنَهَاۖ"
{Allaahaan isa samiiwwan ol fuudhe utubaan maleetti, isin kan isii argitan (akka utubaa hin qabne), eegas Arshiirratti ol tahe.} Ar-Ra’ad: 2
Ammas suraa xahaa keessatti ni ja’a:
ٱلرَّحۡمَٰنُ عَلَى ٱلۡعَرۡشِ ٱسۡتَوَىٰ
{Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe.}
Xaahaa: 5
Sheek Muhammad rashaad akki ja’e hikkaa aayaata tana jalatti:“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan
takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun
kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii”
Ammas suraa Al-Furqaan keessatti ni ja’a Allaahaan:
ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۚ ٱلرَّحۡمَٰنُ فَسۡئَلۡ بِهِۦ خَبِيرًا
{Eegasii [Rabbiin] Arshiirratti ol tahe.} Al-Furqaan: 59
Sheek Muhammad Rashaad akki jedhe:
“Ol tayiinsa isaan malu, Arshiin afaan arabaatti sirree mootiiti, asitti wanni itti fedhame waan samii torbanii ol jiru kan waan Rabbiin
uume hundaan marsu, kan waan Rabbiin uume keessaa irra guddaati.” Tafsiira Suuraa Al-Furqaan: 59
Ammas ni ja’e suraa Aliif laam Miim sajidaa keessatti:
ٱللَّهُ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ مَا لَكُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِىٍّ وَلَا شَفِيعٍۚ أَفَلَا تَتَذَكَّرُونَ
{Allaahaan isa uume samiiwwanii fi dachii, ammas waan isaan lamaan jidduu jiru, qixa guyyaa jahaa keessatti, eegasii Arshiirratti
ol tahe.} As-Sajidaa: 4
Ammas ni ja’e suraa Al-Hadiid keessatti
ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۚ
{Inni isa uume samiiwwanii fi dachii qixa guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.} Al-Hadiid: 4
IBSA: Aayaattan dabarsine keessatti Rabbiin akka Arshiirratti ol tahinsa Isaan malu ol tahe hubanna.
Ahlus-Sunnaan akkuma Rabbiin ofiin ja’etti Isaaf sabachiisan kan waan Rabbiin ja’e bira hin dabare. Ammoo Jaahmiyyaan,
Mu’tazilaa fi warri Ahbaashaa, nama Rabbiin Arshirratti ol tahe ja’uun kaafira ja’an. Aayaattan dabarsine hunda Ol hin taane ni mooye ja’anii hiikan. Garuu hiikkaan Isaanii kun faallaa sahaabaa fi warra salafaati.
Ahlus-Sunnaan hundi Ol tahu Rabbii irratti wali galanii jiran. Sanirraa: Imaamu Maalik akki ja’e “ Rabbiin samii gubbaa jira, beekkumsi
Isaa bakka hunda jira, wanni tokkolleen Isarraa hin dhukatu.” Mukhtasarul-Ulluw, fuula: 140
Imaamu Abuu Haaniifaan nama Rabbiin kiyya Samii moo lafa jiraa hin beeku ja’urraa gaafatamanii akki ja’an “ suni dhugaan
kafree jira, Allaahaan Arshiirratti ol tahe waan ja’eef jecha, Arshiin ammo samii torban olitti jirti.” Akkasumas nama Arshiin samii
moo dachii keessa jirtii hin beeku ja’urraa gaafatamanii, akki ja’an “ suni Rabbiin samirra jiraachu isaa waan dideef, kaafira.”
Mukhtasarul-Ulluw, fuula: 136
Imaamul-Qurxubiin akki ja’e “namni tokkolleen Salafarraa Rabbiin dhugaan Arshirratti ol tahuu hin dinne, garuu akka inni itti ol tahe wallaalan, suni ammo hin beekkamu.”
Tafsiira Isaa Suraa xahaa, aayaata 5ffaa jallatti laaladhu.
Akkuma warra salafaa kan dabarsinee kana sheek Muhammad Rashaad Tafsiira Isaa keessatti Rabbiin Arshirratti Ol tahuu ibsee
jira, akkuma gubbaatti argitanSheek Muhammad Rashaad akkuma tafsiira keessatti ol tahuu Rabbii sabachiise kitaaba isaa Aaqiidaa xahaawiyyaa keessattillee irra deebi’ee Ibsa bareedaa wajjiin sabachiise jira.
Akka asii gadii kanatti “ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli.
Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen. Haa tayuu ol
tahiinsi Rabbii waa hunda uumee, ol tayiinsa akka waan uumameetii miti. Akkuma Rabbiin nama hin fakkaanne, sifti Inni ol
tahuutis ol tahiinsa namaa hin fakkaanne. Tanaaf Rabbiin ol tahe ol tahiinsa isaan male janna. Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru. Tanaaf du’aa’ii Isaanii keessatti: “yaa waaqa ol tahe” je’an. Haa tahuu ol tahiinsa akkamii hin gaafatan, nama
waan akkanaa gaafatuun: “nama fitnaa deemu, kan waan keessa baruu hin dandeenyetti, ifiin dhiibu” je’an. Rabbiin waan
akkasirraa dhoowwee jira.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
Jechii Sheek Muhammad Rashaad dubbii dhugaati nutilleen tanaaf Ahbaashaan tuuta fitnaa jennan, waan baruu hin dandeenye ifiin
dhibanii namallee dhiban. Sheekni Isaaniitis sheeka fitna akka tahe ummanni isa beekan isaaf baasani jiran Alhamdulillaah
Rabbiin haqa warra dubbatu nuu haa tursiisu, Ahbaasha haa balleesu! Garuu sheek Muhammad Rashaad Suufiyyaadha ammallee barataa Abdallahi Hararii ture, akkuma seenaa Isaa keessatti Ibseetti. Duuba akka amantii Abdullahi Harariitti barataan Isaa sheek Muhammad Rashaad waan Rabbiin Arshirratti Ol tahuu amanuuf Kaafira jechuudhaa? Sheek Muhammmad Rashaad Wahbiyyaadhaa? Amantiin Haarawni Ahbaasha moo Islaama?
Deebisaa isiniif dhisee jira.
Seenaa Sheek Muhammad Rashaad web saaytii kana keessaa argachuu ni dandessan.
http://www.rashaad.org/seenaa_rashaad.htm
OL TAHUU RABBII SABACHIISUU.
[Ragaan] jecha Allaahaati:
إِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَىٰٓ إِنِّى مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَىَّ
{Yaa Iisaa ani sin Raffisa, ammallee gama kiyyan ol si fuudha.} Al-Imraan: 55
بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيۡهِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا
{Lakkii [hin ajjeefne]! Allaahaan gama isaatti ol fuudhe.} An-Nisaa: 158
إِلَيۡهِ يَصۡعَدُ ٱلۡكَلِمُ ٱلطَّيِّبُ وَٱلۡعَمَلُ ٱلصَّٰلِحُ يَرۡفَعُهُۥۚ
{Gama Rabbiiti ol kora jechi bareedaan. Dalagaan gaariinis, isa ol fuudha.} Faaxir: 10
○وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ يَٰهَٰمَٰنُ ٱبۡنِ لِى صَرۡحًا لَّعَلِّىٓ أَبۡلُغُ ٱلۡأَسۡبَٰبَ
○أَسۡبَٰبَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ فَأَطَّلِعَ إِلَىٰٓ إِلَٰهِ مُوسَىٰ وَإِنِّى لَأَظُنُّهُۥ كَٰذِبًاۚ
{Fir’ownni akki jedhee“Yaa Haamaan! qallaa (jaarmaya dheeraa) naaf jaari, akkan karaatti gahuuf. Karaa samiitti, [sababaa saniin]
gama Rabbii Muusaatin laalaa, garuu ani kijibaadhan isa saha”.} Al-Ghaafir: 36-37
ءَأَمِنتُم مَّن فِى ٱلسَّمَآءِ أَن يَخۡسِفَ بِكُمُ ٱلۡأَرۡضَ فَإِذَا هِىَ تَمُورُ○
○أَمۡ أَمِنتُم مَّن فِى ٱلسَّمَآءِ أَن يُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ حَاصِبًاۖ فَسَتَعۡلَمُونَ كَيۡفَ نَذِيرِ
{Sa isa samiirra jiru Amantanii, dachii isiniin kutuu dhabuu, yeroo san isniin sossooti? Moo ni amantanii isa simiirra jiru qilleensa
jabaa (bubbee cirachaa) isinitti erguu dhabu? Beekuuf jiraattan sodaachisuun kiyya akkam akka tahe.} Al-mulk: 16-17
IBSA: Aayaattan dabarsine keessatti Rabbiin ol tahinsa isaan malu akka ol tahe hubanna. Ahlus-Sunnaan ol tahuu Rabbii ni amanan kan Ol tahinsa Rabbii uumaatti hin fakkeesine ammas kan waan Rabbiin ifiin yaame hin didne.
Aayaattan dabarsine keessatti ragaan, Rabbiin akka nabi Iisaa gama isaa ol fuudhee fi dalagaan gaariin akka gama isaa ol fuudhamtu dubbatee jira, kanaaf gama kiyyan ol fuudha yeroo ifiin jedhu inni waan samii ol jiruuf jechuudha. Akkuma kana aayaatoota biro keessatti ragaan gahaan dubbatamee jira saniirra Fir’owni gama Rabbii Nabi Muusaatiin
Ol kora yeroo jedhu wanni jalaa namaaf ifu akka nabi Muusaan Rabbiin tokkicha Samirra jiru isaan je’e fi Fir’ownilleen jecha Nabi
Muusaa kanarraa ka’uun akka dubbi san dubbate hubbana.
Akkuma kana ilmi namaa xiqqaa fi guddaan kan mataan fayyaa qabu hundi Rabbiin akka isaa ol samiirra jiru amana, kanaaf jecha
ol tahuu Rabbi namni hundi uumamaan osoo hin baratiin beekee itti amanaa ture.
Sheek Muhammad Rashaad:“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu
wallaale hin jiru. Tanaaf du’aa’ii Isaanii keessatti: “yaa waaqa ol tahe” je’an. Haa tahuu ol tahiinsa akkamii hin gaafatan.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyya, fuula: 36
Akka Amantii Abdallahi Harariitti Sheek Muhammad Rashaad Kaafira jechuudha, waan ol tahuu Rabbii Sabachiisuuf jecha.
Tuutti ol tahinsa Rabbii diddu Jahmiyyaa, Mu’tazilaa fi tuuta Ahbaashaati. Tuutti jallatuun ol tahuu Rabbii diddu tun nama
Rabbiin ol tahe ja’u hundaan Kaafira ja’an.
Wanni tuutti Ahbaashaa jattu “ Allaaha mowjudun bilaa makaan” hikkaan isaa: Rabbiin ni jira, bakka hin qabu jechuudha.
Nutis Rabbiin bakka qaba hin jenne garuu Rabbiin ol tahe ifiin jedhee jira kanaaf nutis ol tahe akka isaan malutti jenna.
Duuba Aayaata dubbanne tana hunda akka ofiif fedhanitti hikkaa isii jijjiranii ol hin taane, ni mohe ja’ani hiikan. Waan ja’an kanaaf
aayaata takka ragaa hin qaban, hadiisa keessaa hadiisni da’ifnilleen Allaah mowjudun bilaa makaan kan je’u hin jiru.
Kan Rabbiin ol tahuu dubbatu garuu Qur’aana fi Hadiisa keessa ragaan hedduutu jira akkuma ibsamee dabare.
Duuba Ahbaashaatu amantii haarawan dhufe moo warra Isaan Wahbiyyaa ja’aniin? Deebisaa isiniif dhiisa.
Aayaata Rabbiituu ragaadha moo jecha Abdallahi Harariiti?
Namtichi fitnaa kun yahuudaa waliin amantii Islaamaa balleesuuf akka dalagaa ture shakkama. Akkuma kana yeroo ammaa, tuutti
Ahbaashaa biyya teenyatti ummata Islaamaa jaalalaan waliin jiraachaa ture addaan facaasuuf carraaqaa jiran. Rabbiin balaa Isaan deemaniin ummata Islaamaarraa haa deebisu.
𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran